< Mwanzo 38 >
1 Wakati ule, Yuda akawaacha ndugu zake, akaenda kuishi na Hira Mwadulami.
Yeroo kanatti Yihuudaan obboloota isaa biraa deemee namicha Adulaam kan Hiiraam jedhamu tokko bira jiraachuuf gad buʼe.
2 Huko Yuda akakutana na binti wa Kikanaani aitwaye Shua, akamwoa na akakutana naye kimwili,
Achittis Yihuudaan intala namicha Kanaʼaan kan Shuuwaan jedhamu tokkoo arge; innis ishee fuudhee ishee bira gaʼe;
3 akapata mimba, akamzaa mwana, ambaye alimwita Eri.
isheenis ulfooftee ilma deesse; maqaan isaas Eer jedhame.
4 Akapata mimba tena, akamzaa mwana na kumwita Onani.
Ammas ulfooftee ilma deesse; maqaa isaas Oonaan jettee moggaafte.
5 Akamzaa mwana mwingine tena, akamwita Shela. Huyu alimzalia mahali paitwapo Kezibu.
Ammas ittuma dabaltee ulfooftee ilma biraa deessee maqaa isaa Sheelaa jettee moggaafte. Isheenis Kiziibitti isa deesse.
6 Yuda akampatia Eri, mzaliwa wake wa kwanza, mke aitwaye Tamari.
Yihuudaanis Eer ilma isaa hangafticha niitii fuusise; maqaan ishee Taamaar jedhama ture.
7 Lakini Eri, mzaliwa wa kwanza wa Yuda, alikuwa mwovu machoni pa Bwana, kwa hiyo Bwana akamuua.
Garuu Eer ilmi Yihuudaa hangaftichi sun fuula Waaqayyoo duratti hamaa ture; kanaafuu Waaqayyo isa ajjeese.
8 Kisha Yuda akamwambia Onani, “Kutana kimwili na mke wa ndugu yako, na utimize wajibu wako kwake kama mke wa ndugu yako, ili umpatie ndugu yako uzao.”
Yihuudaanis Oonaaniin, “Obboleessa keetiif sanyii dhaabuuf jedhiitii niitii obboleessa keetii bira gaʼiitii dirqama waarsummaa keetii isheef guuti” jedhe.
9 Lakini Onani alijua kwamba uzao haungekuwa wake, kwa hiyo kila alipokutana kimwili na mke wa ndugu yake, alimwaga chini mbegu za kiume ili asimpatie ndugu yake uzao.
Oonaan garuu akka ijoolleen dhalattu sun kan isaa hin taane beeke; kanaafuu akka obboleessa isaatiif sanyii hin dhaabneef jedhee yeroo niitii obboleessa isaa bira gaʼu hunda afeetaa lafatti dhangalaasa ture.
10 Alichofanya kilikuwa kiovu machoni pa Bwana, hivyo, pia Bwana akamuua Onani.
Wanni inni hojjete sun fuula Waaqayyoo duratti hamaa ture; kanaafuu Waaqayyo isas ni ajjeese.
11 Kisha Yuda akamwambia Tamari mkwewe, “Ishi kama mjane nyumbani mwa baba yako mpaka mwanangu Shela atakapokua.” Kwa maana alifikiri, “Angeweza kufa pia kama ndugu zake.” Kwa hiyo Tamari alikwenda kuishi nyumbani kwa baba yake.
Ergasii Yihuudaan niitii ilma isaa Taamaariin, “Hamma ilmi koo Sheelaa guddatutti haadha hiyyeessaa taʼiitii mana abbaa keetii jiraadhu” jedhe. Inni, “Mucaan kunis akkuma obboloota isaa duʼaa laata” jedhee yaadee tureetii. Kanaafuu Taamaar mana abbaa ishee jiraachuu dhaqxe.
12 Baada ya muda mrefu mke wa Yuda binti wa Shua akafariki. Baada ya msiba, Yuda alikwenda Timna, kwa watu waliokuwa wakikata kondoo wake manyoya, naye alifuatana na rafiki yake Hira Mwadulami.
Bara dheeraa booddees intalli Shuuwaa niitiin Yihuudaa duute. Yihuudaanis gadda isaa irraa bayyanannaan gara Tiimnaahitti lafa warra hoolota isaa irraa rifeensa murmuraniitti ol baʼe; michuun isaa Hiiraam namichi Adulaam isa wajjin deeme.
13 Tamari alipoambiwa, “Baba mkwe wako yuko njiani kwenda Timna kukata kondoo wake manyoya,”
Taamaaris, “Kunoo abbaan dhirsa keetii hoolota isaa irraa rifeensa murmuruuf jedhee Tiimnaahitti ol baʼaa jira” jedhanii yeroo itti himanitti,
14 alivua mavazi yake ya ujane, akajifunika kwa shela ili asifahamike, akaketi kwenye mlango wa Enaimu, ambao upo njiani kuelekea Timna. Akafanya hivyo kwa sababu aliona kwamba, ingawa Shela amekua, lakini alikuwa hajakabidhiwa kwake kuwa mkewe.
wayyaa haadha hiyyeessaa of irraa baaftee of dhoksuuf haguuggii haguuggatte; ergasiis balbala Enaayimitti ol galchu kan daandii Tiimnaahitti geessu irra jiru dura teesse. Sheelaa guddatu iyyuu isheen akka niitummaadhaan isaaf hin kennamin beektee turteetii.
15 Yuda alipomwona alifikiri ni kahaba, kwa sababu alikuwa amefunika uso wake.
Yihuudaan yommuu ishee argetti sababii isheen fuula ishee haguuggattee turteef sagaagaltuu ishee seʼe.
16 Pasipo kutambua kwamba alikuwa mkwe wake, akamwendea kando ya njia na kumwambia, “Njoo sasa, nikutane na wewe kimwili.” Yule mkwewe akamuuliza, “Utanipa nini nikikutana nawe kimwili?”
Innis utuu akka isheen niitii ilma isaa taate hin beekin karaa cina iddoo isheen jirtu ishee bira dhaqee, “Mee kottu si wajjin nan ciisaa” jedheen. Isheenis, “Ati na wajjin ciisuuf maal naa kennita?” jettee isa gaafatte.
17 Akamwambia, “Nitakutumia mwana-mbuzi kutoka kundi langu.” Akamuuliza, “Utanipa kitu chochote kama amana mpaka utakapompeleka?”
Inni immoo, “Ani bushaayee koo keessaa ilmoo reʼee tokko siifin erga” jedheen. Isheenis, “Hamma ilmoo sana naa ergitutti waan biraa qabsiisa naa kennitaa?” jetteen.
18 Akamuuliza, “Nikupe amana gani?” Akamjibu, “Pete yako na kamba yake pamoja na fimbo iliyo mkononi mwako.” Kwa hiyo akampa vitu hivyo kisha akakutana naye kimwili, naye akapata mimba yake.
Innis, “Ani qabsiisa maalin siif kenna?” jedheen. Isheenis deebiftee, “Chaappaa kee hidhaa isaa wajjin, ulee qabattee deemtus naa kenni” jetteen. Innis wantoota kanneen kenneefii ishee wajjin ciise; isheenis ni ulfoofte.
19 Tamari akaondoka, akavua shela yake akavaa tena nguo zake za ujane.
Erga achii deemtee booddee haguuggii ishee of irraa baaftee wayyaa dhirsi ishee irraa duunaan uffattee turte sana deebiftee uffatte.
20 Wakati ule ule, Yuda akamtuma rafiki yake Mwadulami apeleke yule mwana-mbuzi ili arudishiwe amana yake kutoka kwa yule mwanamke, lakini yule rafiki yake hakumkuta yule mwanamke.
Yihuudaan waan qabsiisa kenne dubartii sana irraa deebifachuuf jedhee karaa michuu isaa namicha Adulaam sanaatiin ilmoo reʼee ergeef; namichi garuu ishee hin argine.
21 Akawauliza watu wanaoishi mahali pale, “Yuko wapi yule kahaba wa mahali pa kuabudia miungu aliyekuwa kando ya barabara hapa Enaimu?” Wakamjibu, “Hajawahi kuwepo mwanamke yeyote kahaba wa mahali pa kuabudia miungu hapa.”
Namichis, “Sagaagaltuun Enaayim bira, daandii irra taaʼaa turte sun eessa jirti?” jedhee warra achi jiraatan gaafate. Jarri immoo deebisanii, “Sagaagaltuun tokko iyyuu as hin turre” jedhan.
22 Kwa hiyo akamrudia Yuda na kumwambia, “Sikumpata. Zaidi ya hayo, watu wanaoishi mahali pale walisema ‘Hapakuwahi kuwepo mwanamke yeyote kahaba wa mahali pa kuabudia miungu hapa.’”
Innis gara Yihuudaatti deebiʼee, “Ani dubartittii arguu hin dandeenye. Akkasumas warri iddoo sana jiraatan, ‘Sagaagaltuun tokko iyyuu as hin turre’ jedhan” jedheen.
23 Kisha Yuda akasema, “Mwache avichukue vitu hivyo, ama sivyo tutakuwa kichekesho. Hata hivyo, nilimpelekea mwana-mbuzi, lakini hukumkuta.”
Yihuudaanis, “Isheen waan qabatte sana haa hambifattu; yoo kanaa achii nu waan kolfaa taanaa. Kunoo ani ilmoo reʼee kana isheef ergeera; ati garuu ishee dhabde” jedhe.
24 Baada ya miezi mitatu Yuda akaambiwa, “Tamari mkweo ana hatia ya kuwa kahaba, na matokeo yake ana mimba.” Yuda akasema, “Mtoeni nje na achomwe moto hadi afe!”
Gara jiʼa sadii booddee, “Taamaar niitiin ilma keetii sagaagaltuu taateerti; kanaanis isheen amma ulfoofteerti” jedhanii Yihuudaatti himan. Yihuudaan immoo, “Gadi baasaatii ibiddaan gubaa ishee ajjeesaa!” jedhe.
25 Alipokuwa akitolewa nje, akatuma ujumbe kwa baba mkwe wake kusema, “Nina mimba ya mtu mwenye vitu hivi.” Akaongeza kusema, “Angalia kama utatambua kwamba pete hii na kamba yake pamoja na fimbo hii ni vya nani.”
Isheenis utuma gad baafamaa jirtuu, “Ani abbaa miʼa kanaa irraa ulfaaʼeera” jettee abbaa dhirsa isheetti ergaa ergite. Akkasumas, “Chaappaa fi kirriin isaa, uleen kunis kan eenyuu akka taʼe mee ilaalii addaan baafadhu” jetteen.
26 Yuda akavitambua na kusema, “Yeye ana haki kuliko mimi, kwa kuwa sikumkabidhi kwa mwanangu Shela ili awe mkewe.” Tangu hapo hakukutana naye kimwili tena.
Yihuudaanis miʼa kana beekee, “Sababii ani ilma koo Sheelaatti ishee hin heerumsiisiniif, isheen na caalaa qajeeltuu dha” jedhe. Innis deebiʼee ishee bira hin geenye.
27 Wakati ulipofika wa kujifungua, kukawa na wana mapacha tumboni mwake.
Yommuu yeroon daʼumsa ishee gaʼetti, kunoo, ilmaan lakkuutu gadameessa ishee keessa ture.
28 Alipokuwa akijifungua, mmoja akatoa mkono wake nje, kwa hiyo mkunga akachukua uzi mwekundu na kuufunga mkononi mwa yule mtoto, akasema, “Huyu ametoka kwanza.”
Utuu isheen daʼumsa irra jirtuu inni tokko harka isaa gad baafate; deessiftuunis qabdee, “Isa kanatu dura lafa gaʼe” jettee kirrii diimaa harka isaatti hiite.
29 Lakini alipourudisha mkono wake ndugu yake akaanza kutoka, naye akasema, “Hivi ndivyo ulivyotoka kwa nguvu!” Akaitwa Peresi.
Akkuma inni harka isaa ol deebifateen kunoo obboleessi isaa dhalate; deessiftuunis, “Ati akkamiin ofuma keetiin cabsitee baate?” jette. Maqaan isaas Faares jedhame.
30 Kisha ndugu yake, aliyekuwa na uzi mwekundu mkononi, akatoka, naye akaitwa Zera.
Obboleessi isaa kan kirrii diimaa harka irraa qabu sunis ni dhalate; innis Zaaraa jedhamee moggaafame.