< Mwanzo 3 >

1 Basi nyoka alikuwa mwerevu kuliko wanyama wote wa porini ambao Bwana Mungu aliwafanya. Nyoka akamwambia mwanamke, “Ati kweli Mungu alisema, ‘Kamwe msile matunda ya mti wowote wa bustanini’?”
Bineensa Waaqayyo Waaqni uume hunda keessaa bofti haxxee ture. Dubartittiidhaanis, “Dhuguma Waaqni, ‘Muka iddoo biqiltuu keessa jiru kam irraa iyyuu hin nyaatinaa’ isiniin jedheeraa?” jedhe.
2 Mwanamke akamjibu nyoka, “Tunaweza kula matunda ya miti iliyoko bustanini,
Dubartittiinis deebiftee bofa sanaan akkana jette; “Ija mukkeen iddoo biqiltuu keessa jiranii nyaachuu ni dandeenya;
3 lakini Mungu alisema, ‘Kamwe msile tunda la mti ulio katikati ya bustani, wala kuugusa, la sivyo mtakufa.’”
garuu Waaqni, ‘Muka walakkaa iddoo biqiltuu sanaa keessa jiru irraa ija hin nyaatinaa; ittis hin buʼinaa; yoo kanaa achii ni duutuu’ jedheera.”
4 Lakini nyoka akamwambia mwanamke, “Hakika hamtakufa.
Bofichis deebisee dubartittiidhaan akkana jedhe; “Isin dhugumaan hin duutan.
5 Kwa maana Mungu anajua ya kuwa wakati mtakapoyala, macho yenu yatafumbuliwa, nanyi mtakuwa kama Mungu, mkijua mema na mabaya.”
Waaqni akka yommuu isin ija mukichaa nyaattan iji keessan banamu, akka isin waan gaarii fi waan hamaa beekuudhaan akka Waaqaa taatan ni beekaatii.”
6 Mwanamke alipoona ya kuwa tunda la mti huo lilikuwa zuri kwa chakula na la kupendeza macho, tena linatamanika kwa kujipatia hekima, basi akachuma katika matunda yake, akala, pia akampa mumewe, aliyekuwa pamoja naye, naye akala.
Dubartittiinis yommuu akka iji mukichaa nyaataaf gaarii, kan ija namaatti tolu, ogummaa argachuufis akka nama gojomaasisu argitetti fudhattee nyaatte. Dhirsi ishees ishee wajjin ture; isaafis ni laatte; innis ni nyaate.
7 Ndipo macho yao wote wawili yakafumbuliwa, wakajiona kwamba walikuwa uchi; hivyo wakashona majani ya mtini, wakajifunika.
Iji lachan isaaniis ni baname; qullaa hafuu isaaniis beekan; kanaafis baala harbuu hodhanii marxoo tolfatan.
8 Ndipo yule mwanaume na mkewe, waliposikia sauti ya Bwana Mungu alipokuwa akitembea bustanini jioni, wakajificha kutoka mbele za Bwana Mungu katikati ya miti ya bustani.
Akkuma aduun qabbanoofteenis namichii fi niitiin isaa utuu Waaqayyo Waaqni iddoo biqiltuu sana keessa deemuu sagalee isaa dhagaʼan; isaanis mukkeen iddoo biqiltuu keessa Waaqayyo Waaqa duraa dhokatan.
9 Lakini Bwana Mungu akamwita Adamu, “Uko wapi?”
Waaqayyo Waaqni garuu namicha waamee, “Ati eessa jirta?” jedheen.
10 Naye akajibu, “Nilikusikia katika bustani nikaogopa kwa sababu nilikuwa uchi, hivyo nikajificha.”
Namichis deebisee, “Ani utuu ati iddoo biqiltuu keessa deemtuu nan dhagaʼe; waan qullaa koo tureefis nan sodaadhe; nan dhokadhes” jedheen.
11 Mungu akamuuliza, “Ni nani aliyekuambia ya kuwa ulikuwa uchi? Je, umekula matunda ya mti niliokuamuru usile?”
Innis, “Eenyutu akka ati qullaa taate sitti hime? Muka ani ija isaa hin nyaatin jedhee si ajaje sana irraa nyaatte moo?” jedheen.
12 Adamu akasema, “Huyu mwanamke uliyenipa awe pamoja nami alinipa sehemu ya tunda kutoka kwenye huo mti, nami nikala.”
Namichis, “Dubartittii ati akka isheen na wajjin jiraattuuf naa kennite sanatu ija mukichaa irraa naa kenne; anis nan nyaadhe” jedhe.
13 Ndipo Bwana Mungu akamuuliza mwanamke, “Ni nini hili ambalo umelifanya?” Mwanamke akajibu, “Nyoka alinidanganya, nami nikala.”
Waaqayyo Waaqnis dubartittiidhaan, “Wanni ati hojjette kun maali?” jedhe. Dubartittiin immoo, “Bofti na gowwoomsinaanan nyaadhe” jette.
14 Hivyo Bwana Mungu akamwambia nyoka, “Kwa kuwa umefanya hili, “Umelaaniwa kuliko wanyama wote wa kufugwa na wa porini! Utatambaa kwa tumbo lako na kula mavumbi siku zote za maisha yako.
Kanaafuu Waaqayyo Waaqni bofichaan akkana jedhe; “Ati sababii waan kana gooteef, “Horii hundumaa keessaa, bineensa hundumaa keessaas kan abaaramte ni taata! Bara jireenya keetii guutuu garaa keetiin lafa irra loota; biyyoo illee ni nyaatta.
15 Nami nitaweka uadui kati yako na huyo mwanamke, na kati ya uzao wako na wake, yeye atakuponda kichwa, nawe utamuuma kisigino.”
Siʼii fi dubartittii, sanyii keetii fi sanyii ishee gidduutti diinummaa nan uuma; inni mataa kee ni tuma; atis koomee isaa ni iddita.”
16 Kwa mwanamke akasema, “Nitakuzidishia sana utungu wakati wa kuzaa kwako; kwa utungu utazaa watoto. Tamaa yako itakuwa kwa mumeo naye atakutawala.”
Dubartittiidhaanis akkana jedhe; “Yommuu ati mucaa deessutti ani dhiphina kee akka malee nan baayʼisa; ciniinsuudhaanis ijoollee ni deessa. Fedhiin kee garuma dhirsa keetii taʼa; innis sirratti ol aantummaa qabaata.”
17 Kwa Adamu akasema, “Kwa sababu umemsikiliza mke wako na ukala kutoka kwenye mti niliokuamuru, ‘Msile tunda lake,’ “Ardhi imelaaniwa kwa sababu yako, kwa kazi ngumu utakula chakula kitokacho humo siku zote za maisha yako.
Addaamiin immoo akkana jedhe; “Waan ati dubbii niitii keetii dhageessee muka ani ija isaa irraa, ‘hin nyaatin’ jedhe irraa nyaatteef, “Lafti sababii keetiif kan abaaramte taati; atis bara jireenya keetii guutuu dadhabbiidhaan ishee irraa nyaatta.
18 Itazaa miiba na mibaruti kwa ajili yako, nawe utakula mimea ya shambani.
Isheen qoraattii fi sokorruu sitti biqilchiti; atis biqiltuu lafaa ni nyaatta.
19 Kwa jasho la uso wako utakula chakula chako hadi utakaporudi ardhini, kwa kuwa ulitwaliwa kutoka humo, kwa kuwa wewe u mavumbi na mavumbini wewe utarudi.”
Ati waan lafa irraa argamteef, hamma lafatti deebitutti dafqa fuula keetiitiin buddeena nyaatta; waan biyyoo taateefis, gara biyyootti deebita.”
20 Adamu akamwita mkewe Eva, kwa kuwa atakuwa mama wa wote walio hai.
Addaamis sababii isheen haadha jiraatoo hundaa taateef niitii isaa “Hewaan” jedhee moggaase.
21 Bwana Mungu akawatengenezea Adamu na mkewe mavazi ya ngozi, akawavika.
Waaqayyo Waaqni Addaamii fi Hewaaniif gogaa irraa uffata hojjetee isaanitti uffise.
22 Kisha Bwana Mungu akasema, “Sasa mtu huyu amekuwa kama mmoja wetu, kwa kujua mema na mabaya. Sharti asiruhusiwe kunyoosha mkono wake na kuchuma pia kutoka mti wa uzima akala, naye akaishi milele.”
Waaqayyo Waaqnis, “Kunoo namni waan gaarii fi waan hamaa beekuudhaan nu keessaa akka isa tokkoo taʼeera. Ammas harka isaa hiixatee, ija muka jireenyaa ciratee nyaachuun, bara baraanis jiraachuun isaaf eeyyamamuu hin qabu” jedhe.
23 Hivyo Bwana Mungu akamfukuzia mbali kutoka Bustani ya Edeni, akalime ardhi ambamo alitolewa.
Kanaafuu Waaqayyo Waaqni lafa biqiltuu Eeden keessaa namicha baasee akka inni lafuma irraa argame sana misoomsu godhe.
24 Baada ya kumfukuzia mbali Adamu, Mungu akaweka makerubi mashariki ya Bustani ya Edeni, pamoja na upanga wa moto ukimulika huku na huko kulinda njia ya kuuendea mti wa uzima.
Erga nama achii baasee booddee karaa muka jireenyaatti geessu eegsisuuf jedhee kiirubeelotaa fi goraadee bobaʼu kan asii fi achi gaggaragalu tokko Iddoo Biqiltuu Eedeniitiin gama baʼa biiftuu kaaʼe.

< Mwanzo 3 >