< Mwanzo 28 >

1 Basi Isaki akamwita Yakobo, akambariki na akamwamuru, akisema, “Usioe mwanamke wa Kikanaani.
Yisihaaqis Yaaqoobin waamee eebbisee akkana jedhee isa ajaje: “Intallan warra Kanaʼaan keessaa hin fuudhin.
2 Nenda mara moja mpaka Padan-Aramu, kwenye nyumba ya Bethueli baba wa mama yako. Uchukue mke kati ya binti za Labani ambaye ni ndugu wa mama yako.
Ammuma kaʼiitii gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam mana abbaa haadha keetii mana Betuuʼeel dhaqi. Achiis intallan obboleessa haadha keetii intallan Laabaa keessaa tokko fuudhi.
3 Mungu Mwenyezi na akubariki uwe na uzao uongezeke idadi yako upate kuwa jamii kubwa ya watu.
Waaqni Waan Hunda Dandaʼu sun si haa eebbisu; sanyii siif haa kennu; akka ati saba balʼaa taatuufis si haa baayʼisu.
4 Na akupe wewe na uzao wako baraka aliyopewa Abrahamu, upate kumiliki nchi unayoishi sasa kama mgeni, nchi ambayo Mungu alimpa Abrahamu.”
Ati biyya amma alagummaadhaan keessa jiraattu, biyya Waaqni dhaala godhee Abrahaamiif kenne sana akka dhaaltuuf inni eebba Abrahaamiif kenne sii fi sanyii keetiif haa kennu.”
5 Kisha Isaki akamuaga Yakobo, naye akaenda Padan-Aramu, kwa Labani mwana wa Bethueli Mwaramu, ndugu wa Rebeka, aliyekuwa mama wa Yakobo na Esau.
Yisihaaqis akkasitti Yaaqoobin erge; Yaaqoobis gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam gara Laabaa ilma Betuuʼeel namicha Arraam sanaa dhaqe; Laabaan kun immoo obboleessa Ribqaa, haadha Yaaqoobii fi Esaawu.
6 Sasa Esau akajua kuwa Isaki amembariki Yakobo na kumtuma kwenda Padan-Aramu ili achukue mke huko na kwamba alipombariki alimwamuru akisema, “Usioe mke katika binti za Wakanaani,”
Esaawu akka Yisihaaq Yaaqoobin eebbisee akka inni achii niitii fuudhuuf gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamitti isa ergee fi akka isa eebbisettis “Intallan warra Kanaʼaan hin fuudhin” jedhee isa ajaje yommuu beeketti;
7 tena kwamba Yakobo amewatii baba yake na mama yake naye amekwenda Padan-Aramu.
Yaaqoob abbaa fi haadha isaatiif ajajamee gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam dhaqe.
8 Esau akatambua jinsi ambavyo baba yake Isaki anavyowachukia binti za Wakanaani.
Esaawus intallan warra Kanaʼaan fuula abbaa isaa Yisihaaq duratti hammam jibbamoo akka taʼan hubate.
9 Ndipo Esau akaenda kwa Ishmaeli, akamwoa Mahalati, ndugu wa Nebayothi na binti wa Ishmaeli mwana wa Abrahamu, kuongezea wale wake wengine aliokuwa nao.
Kanaafuu Esaaw gara Ishmaaʼeel ilma Abrahaam dhaqee Maahalaati intala Ishmaaʼeel obboleettii Nabaayoti niitota dur qabu irratti dabalee fuudhe.
10 Yakobo akatoka Beer-Sheba kwenda Harani.
Yaaqoob Bersheebaa baʼee Kaaraan dhaqe.
11 Alipofika mahali fulani, akalala hapo kwa sababu jua lilikuwa limetua. Akachukua jiwe moja la mahali pale, akaliweka chini ya kichwa chake akajinyoosha akalala usingizi.
Innis iddoo tokko gaʼee aduun dhiinaan achi bule; dhagoota achi turan keessaas tokko fudhatee mataa jala kaaʼatee rafuuf ciise.
12 Akaota ndoto ambayo aliona ngazi imesimamishwa juu ya ardhi, ncha yake ikiwa imefika mbinguni na malaika wa Mungu wakawa wakipanda na kushuka juu yake.
Innis achitti abjuu abjoote; kunoo yaabbannoo lafa dhaabatee fiixeen isaa immoo samii gaʼu tokko arge; kunoo ergamoonni Waaqayyoo yaabbannoo sana irra ol baʼaa fi gad buʼaa turan.
13 Juu yake alisimama Bwana, akasema, “Mimi ni Bwana, Mungu wa baba yako Abrahamu na Mungu wa Isaki. Nchi ambayo umelala juu yake, nitakupa wewe na uzao wako.
Kunoo Waaqayyo yaabbannoo sana gara irraa dhaabatee akkana jedhe; “Ani Waaqayyo Waaqa abbaa kee Abrahaamii fi Waaqa Yisihaaq; ani lafa ati irra ciiftu kana siif fi sanyii keetiif nan kenna.
14 Uzao wako utakuwa kama mavumbi ya nchi, nawe utaenea upande wa magharibi na mashariki, kaskazini na kusini. Kupitia wewe na uzao wako mataifa yote ya duniani yatabarikiwa.
Sanyiin kee akkuma biyyoo lafaa ni baayʼata; atis gara dhiʼaatti, gara baʼaatti, gara kaabaattii fi kibbaatti ni babalʼatta. Uummanni lafa irraa hundinuu karaa keetii fi karaa sanyii keetiitiin ni eebbifama.
15 Niko pamoja nawe nami nitakulinda kila uendako na nitakurudisha katika nchi hii. Sitakuacha mpaka nitakapofanya hayo niliyokuahidi.”
Kunoo ani si wajjinan jira; lafa ati dhaqxu hundattis sin eega; gara biyya kanaattis deebisee sin fida. Ani hamman waanan waadaa siif gale sana siif guututti si hin dhiisu.”
16 Yakobo alipoamka kutoka usingizini, akawaza, “Hakika Bwana yuko mahali hapa, wala mimi sikujua.”
Yaaqoobis yommuu hirribaa kaʼetti, “Dhugumaan Waaqayyo iddoo kana jira; ani waan kana hin hubanne” jedhe.
17 Kwa hiyo akaogopa, akasema, “Mahali hapa panatisha kama nini! Bila shaka hapa ndipo nyumba ya Mungu ilipo, hili ni lango la mbinguni.”
Innis sodaatee, “Iddoon kun akkam nama sodaachisa! Kun mana Waaqaa ti malee waan biraa miti; kun karra samiiti” jedhe.
18 Asubuhi yake na mapema, Yakobo akalichukua lile jiwe aliloliweka chini ya kichwa chake, akalisimamisha kama nguzo na kumimina mafuta juu yake.
Yaaqoobis guyyaa itti aanu ganama obboroo kaʼee dhagaa mataa jala kaaʼatee ture sana fuudhee akka utubaatti ol dhaabe; fiixee isaa irrattis zayitii dhangalaase.
19 Mahali pale akapaita Betheli, ingawa mji ule hapo kwanza uliitwa Luzu.
Innis maqaa iddoo sanaa Beetʼeel jedhee moggaase; duraan garuu magaalaan sun Luuzi jedhama ture.
20 Kisha Yakobo akaweka nadhiri, akisema, “Kama Mungu akiwa pamoja nami na kunilinda katika safari niendayo, akinipa chakula nile na nguo nivae
Ergasiis Yaaqoob akkana jedhee wareege; “Yoo Waaqni na wajjin taʼe, yoo inni karaa ani deemu kana irratti na eege, yoo waan ani nyaadhuu fi waan ani uffadhu naa kenne,
21 na nirudi salama nyumbani kwa baba yangu, hapo ndipo Bwana atakuwa Mungu wangu,
yoo ani nagaan mana abbaa kootti deebiʼe, Waaqayyo Waaqa koo ni taʼa;
22 nalo jiwe hili nililolisimamisha kama nguzo litakuwa nyumba ya Mungu na katika yote utakayonipa nitakutolea wewe sehemu ya kumi.”
dhagaan ani utubaa godhee ol dhaabe kunis mana Waaqaa taʼa; waan ati naa kennitu keessaas kudhan keessaa tokko siifin kenna.”

< Mwanzo 28 >