< Mwanzo 25 >
1 Abrahamu alioa mke mwingine, ambaye jina lake aliitwa Ketura.
Abrahaamis niitii biraa kan maqaan ishee Qexuuraa jedhamu fuudhe.
2 Huyu alimzalia Zimrani, Yokshani, Medani, Midiani, Ishbaki na Shua.
Isheenis Zimraan, Yoqshaan, Medaan, Midiyaan, Yishbaaqii fi Shuwaa isaaf deesse.
3 Yokshani alikuwa baba wa Sheba na Dedani, wazao wa Dedani walikuwa Waashuri, Waletushi na Waleumi.
Yoqshaan Shebaa fi Dedaan dhalche; ilmaan Dedaan immoo Ashuurim, Letuushimotaa fi Leʼumoota turan.
4 Wana wa Midiani walikuwa Efa, Eferi, Hanoki, Abida na Eldaa. Hawa wote walikuwa uzao wa Ketura.
Ilmaan Midiyaan Eefaa, Eefer, Henook, Abiidaa fi Eldaaʼaa turan. Warri kunneen hundi sanyiiwwan Qexuuraa ti.
5 Abrahamu akamwachia Isaki kila kitu alichokuwa nacho.
Abrahaam waan qabu hundumaa Yisihaaqiif kenne.
6 Lakini Abrahamu alipokuwa bado hai, akawapa watoto wa masuria wake zawadi, kisha akawaondoa waende kuishi pande za mashariki mbali na mwanawe Isaki.
Ilmaan saajjatoowwan isaatiif garuu utuma lubbuun jiruu kennaa kenneefii ilma isaa Yisihaaq biraa gara biyya baʼa biiftuutti isaan erge.
7 Kwa jumla, Abrahamu aliishi miaka 175.
Abrahaam waggaa dhibba tokkoo fi torbaatamii shan jiraate.
8 Ndipo Abrahamu akapumua pumzi ya mwisho na akafa akiwa mwenye umri mzuri, mzee aliyeshiba siku, naye akakusanywa pamoja na watu wake.
Innis umurii dheeraa fi jireenya gaarii jiraatee dulloomee hafuura dhumaa baafatee duʼe; saba isaattis dabalame.
9 Watoto wake Isaki na Ishmaeli wakamzika katika pango la Makpela karibu na Mamre, katika shamba lililokuwa la Efroni mwana wa Sohari Mhiti,
Ilmaan isaa Yisihaaqii fi Ishmaaʼeel lafa qotiisaa Efroon ilma Zoohar namicha gosa Heeti sanaa keessatti holqa Makfelaa kan Mamree biratti argamutti isa awwaalan.
10 Shamba ambalo Abrahamu alilinunua kwa Wahiti. Hapo ndipo Abrahamu alipozikwa pamoja na mkewe Sara.
Lafti qotiisaa sunis kan Abrahaam Heetota irraa bitatee dha; Abrahaamis achitti niitii isaa Saaraa biratti awwaalame.
11 Baada ya kifo cha Abrahamu, Mungu akambariki mwanawe Isaki, ambaye baadaye aliishi karibu na Beer-Lahai-Roi.
Erga Abrahaam duʼee booddee Waaqni ilma isaa Yisihaaqin eebbise; Yisihaaqis Beʼeer Lahaayirooʼii bira jiraate.
12 Hivi ndivyo vizazi vya Ishmaeli mtoto wa Abrahamu, ambaye mjakazi wake Sara, Hagari Mmisri, alimzalia Abrahamu.
Seenaan maatii Ishmaaʼeel ilma Abrahaam kan Aggaar garbittiin Saaraa intalli biyya Gibxi sun Abrahaamiif deesse sanaa kana.
13 Haya ndiyo majina ya wana wa Ishmaeli, yaliyoorodheshwa kulingana na jinsi walivyozaliwa: Mzaliwa wa kwanza wa Ishmaeli ni Nebayothi, akafuatia Kedari, Adbeeli, Mibsamu,
Maqaan ilmaan Ishmaaʼeel kan akkuma dhaloota isaaniitti tartiibaan barreeffame kana: Nabaayooti ilma Ishmaaʼeel hangafticha, Qeedaar, Adbiʼeel, Mibsaami,
15 Hadadi, Tema, Yeturi, Nafishi na Kedema.
Hadaad, Teemaa, Yexuur, Naafiishii fi Qeedmaa.
16 Hawa walikuwa wana wa Ishmaeli na haya ni majina ya viongozi wa makabila kumi na mawili kulingana na makao yao na kambi zao.
Jarri kunneen ilmaan Ishmaaʼeel; maqaawwan kunneenis akkuma gandootaa fi iddoo qubata isaaniitti maqaawwan bulchitoota gosoota kudha lamaanii ti.
17 Kwa jumla Ishmaeli aliishi miaka 137. Akapumua pumzi ya mwisho, akafa, naye akakusanywa pamoja na watu wake.
Ishmaaʼeel waggaa dhibba tokkoo fi soddomii torba jiraate; innis hafuura dhumaa baafatee duʼe; saba isaattis dabalame.
18 Wazao wa Ishmaeli waliishi kuanzia nchi ya Havila hadi Shuri, karibu na mpaka wa Misri, unapoelekea Ashuru. Hao waliishi kwa uhasama na ndugu zao wote.
Sanyiin isaa immoo daangaa Gibxi bira, karaa Asooritti geessu irra, lafa Hawiilaa jalqabee hamma Shuuriitti jiru irra jiraatan. Isaanis obboloota isaanii hundatti diina taʼanii jiraatan.
19 Hivi ndivyo vizazi vya Isaki mwana wa Abrahamu. Abrahamu akamzaa Isaki,
Seenaan maatii Yisihaaq ilma Abrahaam kana. Abrahaam Yisihaaqin dhalche;
20 Isaki alikuwa na umri wa miaka arobaini alipomwoa Rebeka binti Bethueli Mwaramu kutoka Padan-Aramu, nduguye Labani Mwaramu.
Yisihaaq yeroo Ribqaa fuudhetti nama waggaa afurtamaa ture; Ribqaan kunis intala Betuuʼeel namicha Arraam kan kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitii fi obboleettii Laabaa namicha Arraam sanaa ti.
21 Isaki akamwomba Bwana kwa ajili ya mke wake, kwa sababu alikuwa tasa. Bwana akajibu maombi yake na Rebeka mkewe akapata mimba.
Yisihaaq sababii niitiin isaa dhabduu turteef Waaqayyo isheef kadhate. Waaqayyos kadhannaa isaatiif deebii kennee niitiin isaa Ribqaani ulfoofte.
22 Watoto wakashindana tumboni mwake, akasema, “Kwa nini haya yanatokea kwangu?” Kwa hiyo akaenda kumuuliza Bwana.
Daaʼimmanis garaa ishee keessatti wal dhiibaa turan; isheenis, “Wanni kun maaliif natti dhufe?” jette; kanaafuu Waaqayyo gaafachuu dhaqxe.
23 Bwana akamjibu, “Mataifa mawili yamo tumboni mwako, na mataifa hayo mawili kutoka ndani yako watatenganishwa. Mmoja atakuwa na nguvu zaidi kuliko mwingine, na yule mkubwa atamtumikia yule mdogo.”
Waaqayyo immoo akkana jedheen; “Saboota lamatu gadameessa kee keessa jira; uummanni lamaan ati deessus gargari baʼu; sabni tokko saba kaan irra ni jabaata; inni hangafni isa quxisuu tajaajila.”
24 Wakati wake wa kujifungua ulipotimia, walikuwepo mapacha wa kiume tumboni mwake.
Yeroo daʼumsi ishee gaʼetti ilmaan lakkuutu gadameessa ishee keessa ture.
25 Wa kwanza kuzaliwa alikuwa mwekundu, mwili wake wote ulikuwa kama mtu aliyevaa vazi lenye nywele; wakamwita jina lake Esau.
Mucaan jalqabatti dhalate diimaa dha; dhagni isaa guutuun uffata rifeensa qabu fakkaata ture; kanaafuu Esaawu jedhanii isa moggaasan.
26 Baadaye, ndugu yake akatoka, mkono wake ukiwa umemshika Esau kisigino; akaitwa jina lake Yakobo. Isaki alikuwa mwenye miaka sitini Rebeka alipowazaa.
Kana booddee obboleessi isaa koomee Esaawu harkaan qabatee gad baʼe; maqaan isaas Yaaqoob jedhame. Yeroo Ribqaan isaan deessetti, Yisihaaq nama waggaa jaatamaa ture.
27 Watoto wakakua, naye Esau akakuwa mwindaji hodari, mtu wa mbugani, wakati Yakobo alikuwa mtu mtulivu, mwenye kukaa nyumbani.
Ijoolleen kunis ni guddattan; Esaawu adamsaa beekamaa fi nama bakkee ooluu taʼe; Yaaqoob garuu nama calʼisaa dunkaana keessa oolu taʼe.
28 Isaki, ambaye alikuwa anapendelea zaidi nyama za porini, alimpenda Esau, bali Rebeka alimpenda Yakobo.
Yisihaaq waan foon bineensa bosonaa miʼeeffateef Esaawun jaallate; Ribqaan garuu Yaaqoobin jaallatte.
29 Siku moja Yakobo alipika mchuzi wa dengu, Esau akarudi kutoka porini akiwa na njaa kali.
Gaaf tokko utuu Yaaqoob ittoo qopheessaa jiruu Esaawu akka malee beelaʼee bakkeedhaa dhufe.
30 Esau akamwambia Yakobo, “Haraka, nipe huo mchuzi mwekundu! Nina njaa kali sana!” (Hii ndiyo sababu pia aliitwa Edomu.)
Innis Yaaqoobiin, “Ani akka malee beelaʼeeraatii, mee ittoo diimaa sana irraa xinnoo naa kenni!” jedhe. Sababiin inni Edoom jedhameefis kanuma.
31 Yakobo akamjibu, “Niuzie kwanza haki yako ya mzaliwa wa kwanza.”
Yaaqoob immoo deebisee, “Dura mirga hangafummaa keetii natti gurguri kaa” jedhe.
32 Esau akasema, “Tazama, mimi niko karibu ya kufa, itanifaa nini haki ya mzaliwa wa kwanza?”
Esaawus, “Kunoo, ani duʼuu gaʼeera; yoos mirgi hangafummaa maal na fayyada ree?” jedhe.
33 Yakobo akamwambia, “Niapie kwanza.” Hivyo Esau akamwapia, akamuuzia Yakobo haki yake ya kuzaliwa.
Yaaqoob garuu, “Duraan dursii naa kakadhu” jedheen; akkasiin inni kakatee mirga hangafummaa isaa Yaaqoobitti gurgurate.
34 Ndipo Yakobo akampa Esau mkate na ule mchuzi wa dengu. Akala na kunywa, kisha akainuka akaenda zake. Kwa hiyo Esau alidharau haki yake ya mzaliwa wa kwanza.
Ergasiis Yaaqoob buddeenaa fi ittoo misiraa Esaawuuf kenne; innis nyaatee dhugee kaʼee achii deeme. Esaawus akkasiin mirga hangafummaa isaa tuffate.