< Mwanzo 20 >
1 Basi Abrahamu akaendelea mbele kutoka huko hadi nchi ya Negebu na akaishi kati ya Kadeshi na Shuri. Kwa muda mfupi alikaa Gerari kama mgeni,
Abrahaam achii kaʼee Negeebitti godaanee Qaadeshii fi Shuuri gidduu jiraate. Innis yeroodhaaf Geraaraa keessa ture.
2 huko Abrahamu akasema kuhusu Sara mkewe, “Huyu ni dada yangu.” Kisha Abimeleki mfalme wa Gerari akatuma Sara aletwe, naye akamchukua.
Achittis Abrahaam, “Isheen obboleettii koo ti” jedhee waaʼee niitii isaa, waaʼee Saaraa dubbate. Abiimelek mootiin Geraaraas nama itti ergee Saaraa fudhate.
3 Lakini Mungu akamjia Abimeleki katika ndoto wakati wa usiku na kumwambia, “Wewe ni kama mfu kwa sababu ya huyu mwanamke uliyemchukua; yeye ni mke wa mtu.”
Waaqni immoo halkan abjuudhaan Abiimelekitti dhufee, “Kunoo sababii dubartii sana fuudhatteef ati nama duʼee dha; isheen dhirsa qabdiitii” jedheen.
4 Wakati huo Abimeleki alikuwa bado hajamsogelea, kwa hiyo akasema, “Je, Bwana utaliharibu taifa lisilo na hatia?
Abiimelek garuu isheetti hin dhiʼaanne ture; kanaafuu inni akkana jedhe; “Yaa Gooftaa ati saba qajeelaa balleessitaa?
5 Hakusema kwangu, ‘Huyu ni dada yangu,’ naye Sara pia hakusema, ‘Huyu ni kaka yangu’? Nimefanya haya kwa dhamiri njema na mikono safi.”
Inni mataan isaa, ‘Isheen obboleettii koo ti’ naan hin jennee? Isheenis akkasuma, ‘Inni obboleessa koo ti’ hin jennee? Anis sammuu qulqulluu fi harka qulqulluudhaan waan kana hojjedhe.”
6 Kisha Mungu akamwambia katika ndoto, “Ndiyo, najua ya kwamba umefanya haya kwa dhamiri safi, kwa hiyo nimekuzuia usinitende dhambi. Ndiyo sababu sikukuacha umguse.
Waaqni abjuu sana keessa akkana isaan jedhe; “Eeyyee! Ani akka ati sammuu qulqulluudhaan waan kana hojjette beeka; kanaafuu ani akka ati cubbuu natti hin hojjenneef si dhowween jira. Sababiin ani akka ati ishee bira geessu si hin dhiisiniifis kanuma.
7 Sasa umrudishe huyo mke wa mtu, kwa maana ni nabii, naye atakuombea nawe utaishi. Lakini kama hutamrudisha, ujue kwa hakika kuwa wewe na watu wako wote mtakufa.”
Egaa amma niitii namichaa deebisiif; inni waan raajii taʼeef, Waaqa siif kadhata; atis ni jiraatta. Garuu yoo ishee deebisuu baatte, ati akka duutu, warri kan kee taʼan hundis akka duʼan dhugumaan beeki.”
8 Kesho yake asubuhi na mapema Abimeleki akawaita maafisa wake wote, na baada ya kuwaambia yote yaliyotokea, waliogopa sana.
Abiimelek guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee qondaaltota isaa hunda walitti waamee waan taʼe hunda isaanitti hime; isaanis akka malee sodaatan.
9 Kisha Abimeleki akamwita Abrahamu na kumwambia, “Wewe umetufanyia nini? Nimekukosea nini hata ukaleta hatia kubwa namna hii juu yangu na ufalme wangu? Umenifanyia mambo ambayo hayakupasa kufanyika.”
Abiimelekis Abrahaamin ofitti waamee akkana jedheen; “Ati maaliif akkana nu goote? Ani maal si goonaan ati cubbuu guddaa akkanaa anaa fi mootummaa kootti fidde? Ati waan namni hin hojjenne anatti hojjette.”
10 Abimeleki akamuuliza Abrahamu, “Ulikuwa na kusudi gani kufanya hivi?”
Abiimelekis “Ati maaliif waan kana hojjette?” jedhee Abrahaamin gaafate.
11 Abrahamu akajibu, “Niliwaza kwamba, ‘Hakika hakuna hofu ya Mungu mahali hapa, nao wataniua kwa sababu ya mke wangu.’
Abrahaam immoo akkana jedhee deebise; “Ani, ‘Biyya kana keessa dhugumaan Waaqa sodaachuun hin jiru; isaan sababii niitii kootiif jedhanii na ajjeesu’ jedheen yaadee ture.
12 Pamoja na hayo, ni kweli kwamba yeye ni dada yangu, binti wa baba yangu ingawa si mtoto wa mama yangu; basi akawa mke wangu.
Taʼus isheen dhugumaan obboleettii koo ti; yoo haadha koo irraa dhalachuu baatte iyyuu isheen intaluma abbaa koo ti; isheenis niitii koo taate.
13 Wakati Bwana aliponifanya nisafiri mbali na nyumbani mwa baba yangu, nilimwambia, ‘Hivi ndivyo utakavyoonyesha pendo lako kwangu: Kila mahali tutakapokwenda, kuhusu mimi sema, “Huyu ni kaka yangu.”’”
Anis yeroo Waaqni mana abbaa kootii na baase sana isheedhaan, ‘Haalli ati ittiin jaalala naaf qabdu mulʼiftu kanaa dha; lafa nu dhaqnu hundumaatti, “Inni obboleessa koo ti” jedhiitii waaʼee koo dubbadhun’ jedhe.”
14 Kisha Abimeleki akatwaa kondoo na ngʼombe, na watumwa wa kiume na wa kike akampa Abrahamu, akamrudisha Sara kwa mumewe.
Abiimelek ergasii hoolaa fi loon, garboota dhiiraa fi nadheenii fidee Abrahaamiif kenne; niitii isaa Saaraas ni deebiseef.
15 Abimeleki akasema, “Nchi yangu iko mbele yako, ishi popote unapotaka.”
Abiimelekis, “Kunoo biyyi koo fuula kee dura jira; idduma feete jiraadhu” jedheen.
16 Akamwambia Sara, “Ninampa kaka yako shekeli elfu moja za fedha. Hii ni kufidia kosa lililofanyika dhidi yako mbele ya wote walio pamoja nawe; haki yako imethibitishwa kabisa.”
Saaraadhaanis, “Kunoo ani meetii saqilii kuma tokko obboleessa keetiifin kenna. Kunis akka dhugaa qabaachuun kee fuula warra si wajjin jiranii duratti beekamuuf; ati guutumaan guutuutti dhugaa argatteerta” jedhe.
17 Kisha Abrahamu akamwomba Mungu, naye Mungu akamponya Abimeleki, mke wake, na watumwa wake wa kike kwamba waweze kupata watoto tena,
Abrahaamis Waaqa kadhate; Waaqni immoo Abiimelek, niitii isaatii fi garboota isaa dubartoota fayyise; isaanis ijoollee godhatan.
18 kwa kuwa Bwana alikuwa ameyafunga matumbo ya wote katika nyumba ya Abimeleki kwa sababu ya Sara, mke wa Abrahamu.
Waaqayyo sababii niitii Abrahaam sababii Saaraatiif jedhee gadameessa dubartoota mana Abiimelek jiraatanii hunda cufee tureetii.