< Mwanzo 14 >
1 Wakati huu Amrafeli mfalme wa Shinari, Arioko mfalme wa Elasari, Kedorlaoma mfalme wa Elamu, na Tidali mfalme wa Goimu
Bara sana keessa Amraafel mootiin Shineʼaar, Ariyook mootiin Elaasaar, Kedoorlaaʼomer mootiin Eelaamii fi Tidiʼaal mootiin Sabootaa kaʼanii,
2 kwa pamoja walikwenda kupigana vita dhidi ya Bera mfalme wa Sodoma, Birsha mfalme wa Gomora, Shinabu mfalme wa Adma, Shemeberi mfalme wa Seboimu, na mfalme wa Bela (yaani Soari).
Beraa mooticha Sodoom, Birishaa mooticha Gomoraa, Shinaab mooticha Adimaa, Shemeeber mooticha Zebooʼiimii fi mooticha Belaa ishee Zoʼaar jedhamtu sanaa loluu dhaqan.
3 Hawa wote waliotajwa mwishoni waliunganisha majeshi yao kutoka Bonde la Sidimu (yaani Bahari ya Chumvi).
Mootonni shanan kunneen hundi sulula Siidiim isa Galaana Soogiddaa jedhamu keessatti wal gaʼanii humna tokkummaa uummatan.
4 Walikuwa wametawaliwa na Mfalme Kedorlaoma kwa miaka kumi na miwili, lakini mwaka wa kumi na tatu waliasi.
Isaanis waggaa kudha shan Kedoorlaaʼomer jalatti bulan; waggaa kudha sadaffaatti garuu ni fincilan.
5 Mnamo mwaka wa kumi na nne, Mfalme Kedorlaoma na wafalme waliojiunga naye walikwenda kupigana na kuwashinda Warefai katika Ashtaroth-Kanaimu, Wazuzi katika Hamu, Waemi katika Shawe-Kiriathaimu,
Waggaa kudha afuraffaatti Kedoorlaaʼomerii fi mootonni isa wajjin turan baʼanii warra Refaayiim Ashteroot Qaarnaayimiitti, warra Zuuziim Haamitti, warra Eemiim Shaawii Kiriyaataayimiitti,
6 na Wahori katika nchi ya kilima cha Seiri, hadi El-Parani karibu na jangwa.
warra Hoori immoo lafa gaara Seeʼiiriitii jalqabanii hamma Eel Phaaraan kan gammoojjiitti dhiʼoo jiru sanaatti moʼatan.
7 Kisha wakarudi wakaenda En-Misfati (yaani Kadeshi), wakashinda nchi yote ya Waamaleki, pamoja na Waamori waliokuwa wakiishi Hasason-Tamari.
Ergasii of irra deebiʼanii Een Mishiphaati jechuunis Qaadesh dhaqanii biyya warra Amaaleq hundaa fi warra Amoor kanneen Hazezoon Taamaar keessa jiraatan humnaan qabatan.
8 Ndipo mfalme wa Sodoma, mfalme wa Gomora, mfalme wa Adma, mfalme wa Seboimu, na mfalme wa Bela (yaani Soari) wakatoka kupanga majeshi yao kwenye Bonde la Sidimu
Mootichi Sodoom, mootichi Gomoraa, mootichi Adimaa, mootichi Zebooʼiimii fi mootichi Belaa jechuunis Zoʼaar baʼanii Sulula Siidiim keessatti loluuf hiriiran.
9 dhidi ya Kedorlaoma, mfalme wa Elamu, Tidali mfalme wa Goimu, Amrafeli mfalme wa Shinari, na Arioko mfalme wa Elasari, yaani wafalme wanne dhidi ya wafalme watano.
Isaanis Kedoorlaaʼomer mootii Eelaam, Tidiʼaal mootii Sabootaa, Amraafel mootii Shineʼaariitii fi Ariyook mootii Elaasaar lolan; mootonni afran kunneen mootota shananiin morman.
10 Basi Bonde la Sidimu lilikuwa limejaa mashimo ya lami, nao wafalme wa Sodoma na wa Gomora walipokimbia, baadhi ya watu walitumbukia huko na wengine wakakimbilia vilimani.
Sululli Siidiim boolla leeleetiin guutamee ture; mootonni Sodoomii fi mootonni Gomoraas baqatanii namoonni tokko tokko boolla sana keessa buʼan; warri hafan immoo gara gaarraniitti baqatan.
11 Wale wafalme wanne wakateka mali yote ya Sodoma na Gomora pamoja na vyakula vyao vyote, kisha wakaenda zao.
Mootonni afran sun miʼaa fi nyaata warra Sodoomii fi Gomoraa hunda saamanii sokkan.
12 Pia walimteka Loti mwana wa ndugu yake Abramu pamoja na mali zake, kwa kuwa alikuwa akiishi Sodoma.
Waan Loox ilmi obboleessa Abraam Sodoom keessa jiraachaa tureef mootonni sun isa illee qabeenyuma isaa wajjin boojiʼanii deeman.
13 Mtu mmoja aliyekuwa ametoroka akaja kumpa Abramu Mwebrania taarifa. Wakati huu Abramu alikuwa anaishi karibu na mialoni ya Mamre Mwamori, aliyekuwa ndugu yake Eshkoli na Aneri, ambao wote walikuwa wameungana na Abramu.
Namichi baqatee baʼe tokko dhufee oduu kana Abraam Ibrichatti hime. Abraamis qilxuuwwan Mamree kan namicha Amoorii sana bira jiraachaa ture; Mamreen kun obboleessa Eshkoolii fi Aaneer ture; isaan Abraam wajjin kakuu galanii turan.
14 Abramu alipopata habari kwamba jamaa yake amechukuliwa mateka, akawaita watu 318 wa nyumbani mwake waliokuwa wamefunzwa kupigana vita, wakawafuatilia hadi Dani.
Abraam akka firri isaa boojiʼame dhageenyaan namoota mana isaatti dhalatanii leenjifaman 318 walitti waammatee hidhachiisee hamma Daaniitti faana buʼe.
15 Wakati wa usiku Abramu aliwagawa watu wake katika vikosi ili awashambulie, na akawafuatilia, akawafukuza hadi Hoba, kaskazini ya Dameski.
Abraamis isaan loluuf jedhee halkaniin namoota isaa gargari qoode; hamma Hoobaa ishee kaaba Damaasqootti argamtu sanaattis faana buʼee isaan dhaʼe.
16 Akarudisha mali zote, na akamrudisha Loti jamaa yake na mali zake, pamoja na wanawake na watu wengine.
Innis miʼa hunda deebifate; fira ofii isaa Looxii fi qabeenya isaa, dubartootaa fi namoota kaanis deebifate.
17 Abramu aliporudi baada ya kumshinda Mfalme Kedorlaoma na wale wafalme waliojiunga naye, mfalme wa Sodoma akatoka kwenda kumlaki katika Bonde la Shawe (yaani Bonde la Mfalme).
Abraam Kedoorlaaʼomeri fi mootota isa wajjin turan moʼatee deebinaan mootiin Sodoom Sulula Shaawii kan Sulula Mootii jedhamu keessatti isa simachuu baʼe.
18 Ndipo Melkizedeki mfalme wa Salemu alipoleta mkate na divai. Alikuwa kuhani wa Mungu Aliye Juu Sana.
Malkiiseedeq mootiin Saaleemis buddeenaa fi daadhii wayinii fideef; innis luba Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii ture;
19 Naye akambariki Abramu, akisema, “Abarikiwe Abramu na Mungu Aliye Juu Sana, Muumba wa mbingu na nchi.
innis akkana jedhee Abraamin eebbise; “Abraam, Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii, isa samii fi lafa uume sanaan haa eebbifamu.
20 Abarikiwe Mungu Aliye Juu Sana, ambaye amewaweka adui zako mkononi mwako.” Ndipo Abramu akampa Melkizedeki sehemu ya kumi ya kila kitu.
Waaqayyo Waaqni Waan Hundaa Olii, inni diinota kee dabarsee harka keetti kenne sun haa eebbifamu.” Ergasii Abraam waan hunda irraa kudhan keessaa tokko isaaf kenne.
21 Mfalme wa Sodoma akamwambia Abramu, “Nipe hao watu na hizo mali uchukue wewe mwenyewe.”
Mootiin Sodoomis Abraamiin, “Namoota naa kenniitii qabeenya immoo ofii keetii fudhadhu” jedhe.
22 Lakini Abramu akamwambia mfalme wa Sodoma, “Nimeinua mkono wangu kwa Bwana, Mungu Aliye Juu Sana, Muumba wa mbingu na dunia, na nimeapa
Abraam garuu mootii Sodoomiitiin akkana jedhe; “Ani harka koo gara Waaqayyo, Waaqa Waan Hundaa Olii, Uumaa samiitii fi lafaatti ol fudhadhee kakadheen jira;
23 kwamba sitapokea kitu chochote kilicho chako, hata kama ni uzi au gidamu ya kiatu, ili kamwe usije ukasema, ‘Nimemtajirisha Abramu.’
akka ati, ‘Anatu Abraamin sooromse’ hin jenneef ani waan kan kee taʼe keessaa tokko iyyuu, foʼaa yookaan teepha ittiin kophee hidhatan iyyuu hin fudhadhu.
24 Sitapokea chochote, ila kile tu watu wangu walichokula na sehemu ambayo ni fungu la watu waliokwenda pamoja nami, ambao ni Aneri, Eshkoli na Mamre. Wao na wapewe fungu lao.”
Waan namoonni koo nyaatanii fi qooda namoota ana wajjin deemanii jechuunis qooda Aaneer, kan Eshkooliitii fi kan Mamree malee ani ofii koo homaa hin fudhadhu; isaan qooda isaanii haa fudhatan.”