< Mwanzo 13 >
1 Hivyo Abramu akakwea kutoka Misri kwenda Negebu, yeye na mkewe na kila kitu alichokuwa nacho, pia Loti akaenda pamoja naye.
Abraam niitii isaatii fi waan qabu hunda wajjin Gibxii kaʼee Negeebitti ol baʼe; Looxis isa wajjin deeme.
2 Wakati huo Abramu alikuwa tajiri sana wa mifugo, fedha na dhahabu.
Abraamis horiin, meetii fi warqeedhaan akka malee soorome.
3 Kutoka Negebu, akapita mahali hadi mahali, hadi akafika Betheli, mahali hapo ambapo mwanzoni alipiga hema lake kati ya Betheli na Ai
Innis Negeebii kaʼee hamma Beetʼeel, iddoo Beetʼeelii fi Aayi gidduu, lafa dunkaanni isaa jalqabatti ture sana gaʼutti iddoo tokkoo gara iddoo biraatti deemsa isaa itti fufe;
4 hapo ambapo alikuwa amejenga madhabahu ya kwanza. Huko Abramu akaliitia jina la Bwana.
iddoon sunis lafa inni yeroo jalqabaatiif iddoo aarsaa itti ijaaree dha. Abraamis achitti maqaa Waaqayyoo waammate.
5 Basi Loti, ambaye alikuwa anafuatana na Abramu, alikuwa pia na makundi ya mbuzi, kondoo, ngʼombe na mahema.
Loox namichi Abraam wajjin deemaa ture suni akkasuma bushaayee, saawwanii fi dunkaanota qaba ture.
6 Lakini nchi haikuwatosha kukaa pamoja kwa ajili ya wingi wa mali zao.
Yeroo isaan walii wajjin jiraatanitti lafti isaanitti dhiphatte; sababii qabeenyi isaanii akka malee guddateefis isaan wal bira jiraachuu hin dandeenye.
7 Ukazuka ugomvi kati ya wachunga mifugo wa Abramu na wale wa Loti. Wakati huo, Wakanaani na Waperizi ndio waliokuwa wenyeji wa nchi hiyo.
Kanaafuu tiksoota Abraamii fi tiksoota Loox gidduutti lolli uumame. Yeroo sanatti Kanaʼaanonnii fi Feerzonnis biyya sana keessa jiraachaa turan.
8 Hivyo Abramu akamwambia Loti, “Pasiwe na ugomvi wowote kati yangu na wewe, wala kati ya wachungaji wangu na wako, kwa kuwa sisi ni ndugu.
Abraamis Looxiin akkana jedhe; “Nu waan obboloota taaneef, siʼii fi ana gidduu yookaan tiksoota keetii fi tiksoota koo gidduu lolli hin jiraatin.
9 Je, nchi yote haiko mbele yako? Tutengane. Kama ukielekea kushoto, nitakwenda kulia; kama ukielekea kulia, mimi nitakwenda kushoto.”
Lafti hundi fuula kee dura jirti mitii? Kottu gargari godaannaa. Yoo ati gara bitaatti deemte, ani gara mirgaatti nan deema; yoo ati gara mirgaatti deemte immoo ani gara bitaatti nan deema.”
10 Loti akatazama akaona lile bonde lote la Yordani kuwa lilikuwa na maji tele, kama bustani ya Bwana, kama nchi ya Misri, kuelekea Soari. (Hii ilikuwa kabla Bwana hajaharibu Sodoma na Gomora.)
Looxis ol jedhee ilaalee akka hurufni Yordaanos hundi akkuma iddoo biqiltuu Waaqayyoo akkuma biyya Gibxi kan karaa Zoʼaar irra jiru sanaa bishaan baayʼee qabu arge. Kunis utuu Waaqayyo Sodoomii fi Gomoraa hin balleessiniin dura ture.
11 Hivyo Loti akajichagulia bonde lote la Yordani, akaelekea upande wa mashariki. Watu hao wawili wakatengana:
Kanaafuu Loox hurufa Yordaanos guutummaatti ofii isaatii filatee gara baʼa biiftuutti godaane. Jarri lamaanis akkasitti gargari baʼan.
12 Abramu akaishi katika nchi ya Kanaani, wakati Loti aliishi miongoni mwa miji ya lile bonde na kupiga mahema yake karibu na Sodoma.
Abraam biyya Kanaʼaan keessa jiraate; Loox immoo magaalaawwan dirree irra jiran gidduu jiraatee dunkaana isaa Sodoom bira dhaabbate.
13 Basi watu wa Sodoma walikuwa waovu, wakifanya sana dhambi dhidi ya Bwana.
Warri Sodoom jalʼoota fuula Waaqayyoo duratti akka malee cubbuu hojjetan turan.
14 Baada ya Loti kuondoka Bwana akamwambia Abramu, “Ukiwa hapo ulipo, inua macho yako utazame kaskazini na kusini, mashariki na magharibi.
Erga Loox isa biraa godaanee booddee Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe; “Iddoo amma jirtu kanaa ija kee ol fudhadhuutii gara kaabaa fi kibbaa, gara baʼa biiftuutii fi lixa biiftuu ilaali.
15 Nchi yote unayoiona nitakupa wewe na uzao wako hata milele.
Anis biyya ati argitu kana hunda bara baraan siʼii fi sanyii keetiif nan kenna.
16 Nitaufanya uzao wako uwe mwingi kama mavumbi ya nchi, hivyo kama kuna yeyote awezaye kuhesabu mavumbi, basi uzao wako utahesabika.
Ani sanyii kee akkuma biyyoo lafaa nan baayʼisa; yoo namni biyyoo lafaa lakkaaʼuu dandaʼe, sanyiin kee akkasuma lakkaaʼamuu dandaʼa.
17 Ondoka, tembea katika marefu na mapana ya nchi, kwa maana ninakupa wewe.”
Kaʼiitii dheerinaa fi balʼina lafa kanaa keessa dedeemi; ani isa siifin kennaatii.”
18 Basi Abramu akaondoa mahema yake, akaenda kuishi karibu na mialoni ya Mamre huko Hebroni, huko akamjengea Bwana madhabahu.
Kanaafuu Abraam dunkaana isaa buqqifatee qilxuuwwan Mamree kanneen Kebroonitti argaman bira jiraachuu dhaqe; achittis iddoo aarsaa Waaqayyoof tolche.