< Mwanzo 10 >

1 Hawa ndio wazao wa Noa: Shemu, Hamu na Yafethi, ambao walizaa wana baada ya gharika.
Seenaan ilmaan Nohi jechuunis kan Seem, kan Haamii fi kan Yaafet kana; isaanis bishaan badiisaa booddee ilmaan dhalchan.
2 Wana wa Yafethi walikuwa: Gomeri, Magogu, Madai, Yavani, Tubali, Mesheki na Tirasi.
Ilmaan Yaafet: Goomer, Maagoog, Meedee, Yaawaan, Tuubaal, Meshekii fi Tiiraas turan.
3 Wana wa Gomeri walikuwa: Ashkenazi, Rifathi na Togarma.
Ilmaan Goomer: Ashkenas, Riifaatii fi Toogarmaa turan.
4 Wana wa Yavani walikuwa: Elisha, Tarshishi, Kitimu na Rodanimu.
Ilmaan Yaawaan: Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Roodaanota turan.
5 (Kutokana na hawa mataifa ya Pwani yalienea katika nchi zao, kwa koo zao katika mataifa yao, kila moja kwa lugha yake.)
Uummanni qarqara galaanaas tokkoon tokkoon isaanii akkuma afaan isaaniittii fi akkuma saba isaaniitti gara biyyoota isaaniitti bibittinnaaʼan.
6 Wana wa Hamu walikuwa: Kushi, Misraimu, Putu na Kanaani.
Ilmaan Haam: Kuushi, Misrayim, Fuuxii fi Kanaʼaan turan.
7 Wana wa Kushi walikuwa: Seba, Havila, Sabta, Raama na Sabteka. Wana wa Raama walikuwa: Sheba na Dedani.
Ilmaan Kuushi: Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Raʼimaa fi Sabtekaa turan. Ilmaan Raʼimaa: Shebaa fi Dedaan turan.
8 Kushi akamzaa Nimrodi, ambaye alikua akawa mtu shujaa duniani.
Kuushi abbaa Naamruud; Naamruudis lafa irratti loltuu jabaa taʼe.
9 Alikuwa mwindaji hodari mbele za Bwana. Ndiyo sababu watu husema, “Kama Nimrodi, hodari wa kuwinda mbele za Bwana.”
Innis fuula Waaqayyoo duratti adamsaa jabaa ture; kanaafuu, “Fuula Waaqayyoo duratti adamsaa jabaa akka Naamruudi” jedhame.
10 Vituo vyake vya kwanza katika ufalme wake vilikuwa Babeli, Ereki, Akadi na Kalne katika Shinari.
Jalqabni mootummaa isaa Shineʼaar keessatti Baabilon, Ereki, Akaadii fi Kaalnee ture.
11 Kutoka nchi ile alikwenda Ashuru, ambako alijenga Ninawi, Rehoboth-iri, Kala,
Innis biyya sanaa baʼee Asoor dhaqe; achittis Nanawwee, Rehoobootii fi Kaalahi ijaare;
12 na Reseni, iliyo kati ya Ninawi na Kala; huo ndio mji mkubwa.
akkasumas Resen ishee Nanawwee fi Kaalah gidduutti argamtu ni ijaare; Resen kunis magaalaa guddoo dha.
13 Misraimu alikuwa baba wa: Waludi, Waanami, Walehabi, Wanaftuhi,
Misrayim immoo abbaa Luudiimootaa, Anaamiimotaa, Lehaabiimotaa, Naftahiimootaa,
14 Wapathrusi, Wakasluhi (hao ndio asili ya Wafilisti), na Wakaftori.
Fatrusiimotaa, Kaseluhiimotaa, jechuunis warra Filisxeemonni irraa dhalatanii fi Kaftooriimotaa ti.
15 Kanaani alikuwa baba wa: Sidoni mzaliwa wake wa kwanza, Hethi,
Kanaʼaan abbaa Siidoon ilma isaa hangaftichaa, akkasumas kan Heetotaa,
16 Wayebusi, Waamori, Wagirgashi,
Yebuusotaa, Amoorotaa, Girgaashotaa,
17 Wahivi, Waariki, Wasini,
Hiiwotaa, Arkaawotaa, Siinotaa,
18 Waarvadi, Wasemari na Wahamathi. Baadaye koo za Wakanaani zilitawanyika,
Arwaadewotaa, Zemaarotaatii fi Hamaatotaa ture. Ergasii gosoonni Kanaʼaan ni bibittinnaaʼan;
19 na mipaka ya Kanaani ilienea kutoka Sidoni kuelekea Gerari hadi Gaza, kisha kuelekea Sodoma, Gomora, Adma na Seboimu, hadi kufikia Lasha.
daariin Kanaʼaanis Siidoonii kaʼee karaa Geraaraatiin hamma Gaazaatti balʼate; karaa Sodoom, Gomoraa, Adimaatii fi Zebooʼiimiitiinis hamma Leshaatti balʼate.
20 Hawa ni wana wa Hamu kwa koo zao na lugha zao, katika nchi zao na mataifa yao.
Ilmaan Haam akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.
21 Shemu ambaye ni ndugu mkubwa wa Yafethi, kwake kulizaliwa wana pia. Shemu alikuwa baba wa wana wote wa Eberi.
Seemiifis ilmaan ni dhalatan; obboleessi Seem hangafti Yaafet ture; Seemis abbaa ilmaan Eeber hundaa ture.
22 Wana wa Shemu walikuwa: Elamu, Ashuru, Arfaksadi, Ludi na Aramu.
Ilmaan Seem Eelaam, Ashuur, Arfaakshad, Luudii fi Arraam turan.
23 Wana wa Aramu walikuwa: Usi, Huli, Getheri na Mesheki.
Ilmaan Arraam Uuzi, Huuli, Geterii fi Meshek turan.
24 Arfaksadi alikuwa baba wa Shela, naye Shela akamzaa Eberi.
Arfaakshad Sheelaa dhalche; Sheelaan immoo Eeberin dhalche.
25 Eberi akapata wana wawili: Mmoja wao aliitwa Pelegi, kwa kuwa wakati wake ndipo dunia iligawanyika; nduguye aliitwa Yoktani.
Eeberiifis ilmaan lamatu dhalate; sababii bara isaa keessa lafti gargar qoodamteef maqaan isa tokkoo Felegi jedhamee moggaafame; maqaan obboleessa isaa immoo Yooqxaan jedhamee moggaafame.
26 Yoktani alikuwa baba wa: Almodadi, Shelefu, Hasarmawethi, Yera,
Yooqxaan immoo Almoodaad, Sheleef, Hazarmaawet, Yaaraa,
27 Hadoramu, Uzali, Dikla,
Hadooraam, Uuzaal, Diqlaa,
28 Obali, Abimaeli, Sheba,
Oobaal, Abiimaaʼeel, Shebaa,
29 Ofiri, Havila na Yobabu. Hawa wote walikuwa wana wa Yoktani.
Oofiir, Hawiilaa fi Yoobaabin dhalche. Warri kunneen hundinuu ilmaan Yooqxaanii ti.
30 Nchi waliyoishi ilienea toka Mesha kuelekea Sefari kwenye nchi ya vilima iliyoko mashariki.
Lafti jireenya isaanii Meeshaa kaʼee karaa Sefaariitiin hamma gaarran baʼa biiftuutti balʼata.
31 Hao ndio wana wa Shemu kwa koo zao na lugha zao, katika nchi zao na mataifa yao.
Ilmaan Seemi akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.
32 Hizi ndizo koo za wana wa Noa, kufuatana na vizazi vyao, katika mataifa yao. Kutokana na hawa mataifa yalienea duniani kote baada ya gharika.
Warri kun gosoota ilmaan Nohi kanneen akkuma dhaloota isaaniitti saba isaanii keessa jiranii dha; bishaan badiisaatiin booddee saboonni warruma kana irraa lafa irra faffacaʼan.

< Mwanzo 10 >