< Ezekieli 20 >
1 Katika mwaka wa saba, mwezi wa tano siku ya kumi, baadhi ya wazee wa Israeli wakaja ili kutaka ushauri kwa Bwana, wakaketi mbele yangu.
Waggaa torbaffaa, jiʼa shanaffaa keessa guyyaa kudhannaffaatti maanguddoota Israaʼel keessaa tokko tokko waan Waaqayyo jedhu gaafachuuf dhufanii fuula koo dura tataaʼan.
2 Ndipo neno la Bwana likanijia kusema:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
3 “Mwanadamu, sema na wazee wa Israeli uwaambie, ‘Hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Kwa nini mmekuja? Je, ni kutaka ushauri kwangu? Hakika kama niishivyo, sitawaruhusu mtake ushauri toka kwangu, asema Bwana Mwenyezi.’
“Yaa ilma namaa, akkana jedhii maanguddoota Israaʼelitti dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin yaada koo gaafachuu dhuftanii? Ani jiraataadhaatii, ani akka isin yaada koo gaafattaniif isinii hin eeyyamu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’
4 “Je, utawahukumu? Je, mwanadamu, utawahukumu? Basi uwakabili kwa ajili ya machukizo ya baba zao
“Ati isaanitti murtaa? Yaa ilma namaa, ati isaanitti murtaa? Ergasiis akka isaan hojiiwwan abbootii isaanii jibbisiisoo sana beekan godhi;
5 na uwaambie: ‘Hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Siku ile nilipochagua Israeli, niliwaapia wazao wa nyumba ya Yakobo kwa mkono ulioinuliwa nami nikajidhihirisha kwao huko Misri. Kwa mkono ulioinuliwa niliwaambia, “Mimi ndimi Bwana, Mungu wenu.”
akkanas isaaniin jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani gaafan Israaʼel filadhetti harka koo ol qabadhee sanyii mana Yaaqoobiif kakachuudhaan biyya Gibxi keessatti isaanitti of mulʼiseera. Harka koo ol kaasee, “Ani Waaqayyo Waaqa keessan” isaaniin jedheera.
6 Siku ile niliwaapia wao kwamba nitawatoa katika nchi ya Misri na kuwaleta katika nchi niliyowachagulia, nchi itiririkayo maziwa na asali, nchi nzuri kupita zote.
Gaafas ani biyya Gibxii isaan baasee biyya ani isaaniif file kan aannanii fi damma baastu, biyya biyyoota hunda caalaa miidhagdutti isaan galchuudhaaf isaaniif nan kakadhe.
7 Nami nikawaambia, “Kila mmoja wenu aondolee mbali sanamu za chukizo ambazo mmekazia macho, nanyi msijitie unajisi kwa sanamu za Misri. Mimi ndimi Bwana, Mungu wenu.”
Anis akkanan isaaniin jedhe; “Tokkoon tokkoon keessan wantoota jibbisiisoo kan iji keessan itti gammadu sana balleessaa; waaqota Gibxiinis of hin xureessinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.”
8 “‘Lakini waliniasi na hawakunisikiliza, hawakuondolea mbali sanamu za machukizo ambazo walikuwa wamezikazia macho, wala kuondolea mbali sanamu za Misri. Ndipo nikasema, nitawamwagia ghadhabu yangu na kutimiza hasira yangu dhidi yao huko Misri.
“‘Isaan garuu natti fincilanii na dhagaʼuu didan; wantoota jibbisiisoo iji isaanii itti gammade sanas hin balleessine yookaan waaqota Gibxi tolfamoo sanas hin dhiisne. Kanaafuu ani biyya Gibxi keessatti aarii koo isaanitti baʼuudhaaf dheekkamsa koo isaan irratti nan dhangalaasa jedheen ture.
9 Lakini kwa ajili ya Jina langu nilifanya kile ambacho kingelifanya lisitiwe unajisi machoni mwa mataifa waliyoishi miongoni mwao na ambao machoni pao nilikuwa nimejifunua kwa Waisraeli kwa kuwatoa katika nchi ya Misri.
Ani garuu akka maqaan koo fuula saboota Israaʼeloonni gidduu isaanii jiraatan kanneen ani Israaʼeloota biyya Gibxii baasuudhaan fuula isaanii duratti of beeksise sanaa duratti hin xuroofne gochuudhaaf maqaa kootiif jedheen hojjedhe.
10 Kwa hiyo nikawaongoza watoke Misri na kuwaleta jangwani.
Kanaafuu ani biyya Gibxii isaan baaseen gammoojjiitti isaan fide.
11 Nikawapa amri zangu na kuwajulisha sheria zangu, kwa kuwa mtu anayezitii ataishi kwa hizo.
Akka namni isaaniif ajajamu isaaniin jiraatuuf ani sirnawwan koo isaaniif nan kenne; seerawwan koos isaanitti nan beeksise.
12 Pia niliwapa Sabato zangu kama ishara kati yangu nao, ili wapate kujua kuwa Mimi Bwana niliwafanya kuwa watakatifu.
Akkasumas akka isaan akka ani Waaqayyo isaan qulqulleesse beekaniif, akka anaa fi isaan gidduutti mallattoo taʼuuf Sanbatoota koo isaaniif nan kenne.
13 “‘Lakini watu wa Israeli waliniasi Mimi jangwani. Hawakufuata amri zangu, bali walikataa sheria zangu, ingawa mtu yule anayezitii ataishi kwa hizo sheria, nao walizinajisi Sabato zangu kabisa. Hivyo nilisema ningemwaga ghadhabu yangu juu yao na kuwaangamiza huko jangwani.
“‘Manni Israaʼel garuu gammoojjii keessatti natti fincile. Sirna koo isa namni yoo itti bule isaan jiraatu isa hin eegne; seera koos ni tuffatan. Sanbatoota koos guutumaan guutuutti xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee gammoojjii keessatti isaanan barbadeessa jedhen ture.
14 Lakini kwa ajili ya Jina langu nikafanya kile ambacho kitalifanya Jina langu lisitiwe unajisi machoni mwa mataifa ambao mbele yao nilikuwa nimewatoa Waisraeli.
Ani garuu akka maqaan koo fuula saboota utuma iji isaanii arguu Israaʼelin achii baase sanaa duratti hin xuroofneef maqaa kootiif jedhee waan kana nan hojjedhe.
15 Tena kwa mkono ulioinuliwa nikawaapia huko jangwani kwamba nisingewaingiza katika nchi niliyokuwa nimewapa, yaani, nchi itiririkayo maziwa na asali, nchi nzuri kuliko zote,
Akkasumas biyya ani isaaniif kenne kan biyyoota hunda caalaa miidhagdu kan aannanii fi damma baastutti akka isaan hin galchine harka koo ol qabadhee gammoojjii keessatti isaanitti nan kakadhe;
16 kwa sababu walikataa sheria zangu na hawakufuata amri zangu na wakazinajisi Sabato zangu. Kwa kuwa mioyo yao iliandama sanamu zao.
kunis waan isaan seera koo tuffataniif, sirna koo duukaa hin buʼinii fi Sanbatoota koo xureessaniif. Yaadni isaanii waaqota isaanii tolfamoo faana buʼeeraatii.
17 Lakini niliwahurumia wala sikuwaangamiza wala hakuwafuta kabisa jangwani.
Taʼus ani gara laafinaanan isaan ilaale malee isaan hin balleessine yookaan gammoojjii keessatti isaan hin fixne.
18 Niliwaambia watoto wao kule jangwani, “Msifuate amri za baba zenu wala kushika sheria zao au kujinajisi kwa sanamu zao.
Ani gammoojjii keessatti ijoollee isaaniitiin akkana nan jedhe; “Sirna abbootii keessanii duukaa hin buʼinaa yookaan seera isaanii hin eeginaa yookaan waaqota isaanii tolfamoon of hin xureessinaa.
19 Mimi ndimi Bwana, Mungu wenu, fuateni amri zangu tena kuweni waangalifu kushika sheria zangu.
Ani Waaqayyo Waaqa keessan; sirna koo duukaa buʼaa; seera koos of eeggannaadhaan eegaa.
20 Zitakaseni Sabato zangu ili ziwe ishara kati yangu nanyi. Ndipo mtakapojua kuwa Mimi ndimi Bwana, Mungu wenu.”
Akka inni nu gidduutti mallattoo taʼuuf Sanbata koo qulqullinaan eegaa. Ergasii isin akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe ni beektu.”
21 “‘Lakini watoto hao wakaniasi: Hawakufuata amri zangu, wala hawakuwa waangalifu kushika sheria zangu, ingawa mtu anayezitii anaishi kwa hizo sheria, nao wakazinajisi Sabato zangu. Hivyo nikasema ningemwaga ghadhabu yangu juu yao na kutimiza hasira yangu dhidi yao huko jangwani.
“‘Ijoolleen isaanii garuu natti fincilan; isaan sirna koo isa, “Namni yoo itti bule isaan jiraatu” sana duukaa hin buune; seera koos of eeggannoodhaan hin eegne. Sanbatoota koos ni xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee gammoojjii keessatti aarii koo isaanitti nan baʼa jedheen ture.
22 Lakini nikauzuia mkono wangu na kwa ajili ya Jina langu nikafanya kile ambacho kingelifanya Jina langu lisitiwe unajisi machoni mwa mataifa ambao mbele yao nilikuwa nimewatoa Waisraeli.
Ani garuu maqaa kootiif jedhee akka maqaan koo fuula saboota ani utuma isaan ilaalanuu achii isaan baase sanaa duratti hin xuroofneef harka koo dachaafadhe.
23 Tena kwa mkono ulioinuliwa nikawaapia huko jangwani kwamba ningewatawanya miongoni mwa mataifa na kuwatawanya katika nchi mbalimbali,
Akkasumas ani gammoojjii keessatti harka koo ol qabadhee akkan saboota gidduutti isaan faffacaasuu fi biyyoota keessa isaan bittinneessu fuula isaanii duratti nan kakadhe;
24 kwa sababu hawakutii sheria zangu lakini walikuwa wamekataa amri zangu na kuzinajisi Sabato zangu, nayo macho yao yakatamani sanamu za baba zao.
isaan seera kootiif ajajamuu didan; sirna koos ni tuffatan; Sanbatoota koos ni xureessan; iji isaaniis waaqota tolfamoo kan abbootii isaanii duukaa buʼe.
25 Pia niliwaacha wafuate amri ambazo hazikuwa nzuri na sheria ambazo mtu hawezi kuishi kwa hizo sheria.
Anis sirna gaarii hin taʼinii fi seera isaan itti hin jiraannetti dabarseen isaan kenne;
26 Nikawaacha wanajisiwe kwa matoleo yao, kuwatoa wazaliwa wao wa kwanza kafara kwa sanamu, yaani, kule kuwapitisha wazaliwa wao wa kwanza kwenye moto, nipate kuwajaza na hofu ili wajue kwamba Mimi ndimi Bwana.’
anis sodaadhaan isaan guutuufan aarsaa isaan ilmaan isaanii hangafa dhiʼeessuudhaan kennan sanaan akka isaan xuraaʼan nan godha; kanas ani akka isaan akka ani Waaqayyo taʼe beekaniifan godhe.’
27 “Kwa hiyo, mwanadamu, sema na watu wa Israeli na uwaambie, ‘Hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Katika hili pia, baba zenu walinikufuru kwa kuniacha mimi:
“Kanaafuu yaa ilma namaa, akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Kanaanis abbootiin keessan na gananii na arrabsan;
28 Nilipowaleta katika nchi ile ambayo nilikuwa nimeapa kuwapa na kuona kilima chochote kirefu au mti wowote wenye majani mengi, huko walitoa dhabihu zao, wakatoa sadaka ambazo zilichochea hasira yangu, wakafukiza uvumba wenye harufu nzuri na kumimina sadaka zao za kinywaji.
yeroo ani gara biyya ani isaaniif kennuuf kakadhee ture sanaatti isaan galchee isaan immoo gaara ol dheeraa kam iyyuu yookaan muka lalisaa kam iyyuu arganitti, isaan achitti aarsaa isaaniif dhiʼeessan; aariif na kakaasuuf jedhanii qalma dhiʼeessan; ixaana isaanii urgaaʼaa dhiʼeessanii dhibaayyuu isaaniis dhibaafatan.
29 Ndipo nikawaambia: Ni nini maana yake hapa mahali pa juu pa kuabudia miungu mnapopaendea?’” (Basi jina la mahali pale panaitwa Bama hata hivi leo.)
Anis lafti ol dheeraan isin dhaqxan kun maal?’ isaaniin jedhe.” Hamma harʼaatti lafti sun Baamaa jedhamee waamama.
30 “Kwa hiyo iambie nyumba ya Israeli: ‘Hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Je, mtajinajisi kama vile baba zenu walivyofanya na kutamani vinyago vyao vya machukizo?
“Kanaaf mana Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin akkuma abbootii keessanii of xureessitanii hawwii wantoota jibbisiisoo isaaniitiin gubattanii?
31 Mnapotoa matoleo yenu, yaani, wana wenu kafara katika moto, mnaendelea kujinajisi na sanamu zenu zote hadi siku hii ya leo. Je, niulizwe neno na ninyi, ee nyumba ya Israeli? Hakika kama niishivyo, asema Bwana Mwenyezi, mimi sitaulizwa neno na ninyi.
Isin yeroo kennaa keessan dhiʼeessitanii ilmaan keessan ibiddaan aarsaa gootanitti, hamma harʼaatti ittuma fuftanii waaqota keessan tolfamoo hundaan of xureessitan. Yaa mana Israaʼel, akka isin na kadhattani ani isiniif nan eeyyamaa? Ani dhugumaan jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; akka isin na kadhattan ani isiniif hin eeyyamu.
32 “‘Lile lililoko mioyoni mwenu kamwe halitatokea, mnaposema, “Tunataka tuwe kama mataifa mengine, kama watu wengine wa dunia, wanaotumikia miti na mawe.”
“‘Isin, “Nu akka sabootaa, akka uummata addunyaa kanneen mukaa fi dhagaadhaaf sagadan sanaa taʼuu feena” jettu. Garuu wanni isin garaatti yaaddan gonkumaa hin taʼu.
33 Hakika kama niishivyo asema Bwana Mwenyezi, nitatawala juu yenu kwa mkono wa nguvu na kwa mkono ulionyooshwa na kwa ghadhabu iliyomwagwa.
Ani dhugumaan jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; ani irree jabaa fi harka diriirfameen, dheekkamsa roobsuudhaan isinan bulcha.
34 Nitawatoa toka katika mataifa na kuwakusanya kutoka nchi mlikotawanywa, kwa mkono wa nguvu na kwa mkono ulionyooshwa na kwa ghadhabu iliyomwagwa.
Ani harka jabaadhaan, irree diriirfamee fi dheekkamsa roobeen saboota keessaa isinan fida; biyyoota isin itti bibittinnooftan keessaas walitti isinan qaba.
35 Nitawaleta katika jangwa la mataifa na huko nitatekeleza hukumu juu yenu uso kwa uso.
Ani gammoojjii sabootaatti isin fidee achitti ifaan ifatti isinitti nan mura.
36 Kama nilivyowahukumu baba zenu katika jangwa la nchi ya Misri, ndivyo nitakavyowahukumu ninyi, asema Bwana Mwenyezi.
Ani akkuman biyya Gibxitti abbootii keessanitti mure sana isinittis nan mura, jedha Waaqayyo Gooftaan.
37 Nitawafanya mpite chini ya fimbo yangu, nami nitawaleta katika mkataba wa Agano.
Ani akka isin ulee koo jalaan lootan nan godha; hidhaa kakuuttis isin nan galcha.
38 Nitawaondoa miongoni mwenu wale wanaohalifu na wale wanaoasi dhidi yangu. Ingawa nitawatoa katika nchi wanazoishi, hawataingia katika nchi ya Israeli. Ndipo mtakapojua kuwa Mimi ndimi Bwana.
Warra natti kaʼanii natti fincilan isin keessaa nan baasa. Biyya isaan jiraachaa turan sana keessaa isaan nan baasa; garuu isaan biyya Israaʼel hin seenan. Kanaanis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
39 “‘Kwa habari zenu ninyi, ee nyumba ya Israeli, hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Nendeni mkatumikie sanamu zenu, kila mmoja wenu! Lakini baadaye hakika mtanisikiliza mimi nanyi hamtalinajisi tena Jina langu takatifu, kwa matoleo yenu na sanamu zenu.
“‘Yaa mana Israaʼel waaʼee keessan garuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Tokkoon tokkoon keessan dhaqaatii waaqota tolfamoo keessan tajaajilaa! Ergasii garuu dhugumaan na dhaggeeffattu; kennaa fi waaqota keessaniinis lammata maqaa koo qulqullicha hin xureessitan.
40 Kwa kuwa katika mlima wangu mtakatifu, mlima mrefu wa Israeli, asema Bwana Mwenyezi, hapo katika nchi nyumba yote ya Israeli itanitumikia mimi, nami huko nitawakubali. Huko nitataka sadaka zenu na matoleo ya malimbuko yenu, pamoja na dhabihu zenu takatifu zote.
Tulluu koo qulqullicha irratti, tulluu Israaʼel dheeraa sana irratti, jedha Waaqayyo Gooftaan, achitti guutummaan mana Israaʼel na tajaajilu; anis achitti isaan nan simadha. Achittis buusii keessanii fi kennaa keessan filatamaa sana aarsaa keessan qulqulluu hunda wajjin nan barbaada.
41 Nitawakubali ninyi kama uvumba wenye harufu nzuri wakati nitakapowatoa katika mataifa na kuwakusanya kutoka nchi mlipokuwa mmetawanyika, nami nitajionyesha kuwa mtakatifu miongoni mwenu na machoni mwa mataifa.
Ani yeroon saboota keessaa isin baasee biyyoota isin itti bittinnooftanii turtan keessaa walitti isin qabutti, ixaana urgaaʼaa godhadhee isin nan simadha; fuula sabootaa durattis isin gidduutti qulqulluu taʼuu koo of nan mulʼisa.
42 Ndipo mtakapojua kuwa Mimi ndimi Bwana, nitakapowaleta katika nchi ya Israeli, nchi niliyokuwa nimeapa kwa mkono ulioinuliwa kuwapa baba zenu.
Yeroo ani biyya Israaʼel, biyya ani abbootii keessaniif kennuuf harka ol qabadheen kakadhee ture sanatti isin galchutti isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
43 Hapo ndipo nitakapokumbuka mwenendo wenu na matendo yenu yote ambayo kwayo mlijitia unajisi, nanyi mtajichukia wenyewe kwa ajili ya maovu yote mliyokuwa mmetenda.
Achitti isin amala keessanii fi gochawwan ittiin of xureessitan hunda ni yaadattu; hammina hojjettan hundaafis of balfitu.
44 Nanyi mtajua kuwa mimi ndimi Bwana, nitakaposhughulika nanyi kwa ajili ya Jina langu na wala si sawasawa na njia zenu mbaya na matendo yenu maovu, ee nyumba ya Israeli, asema Bwana Mwenyezi.’”
Yaa mana Israaʼel, yeroo ani utuu akka hammina keessaniittii fi akka hojii keessan fokkisaa sanaatti hin taʼin, maqaa kootiif jedhee isinii araaramutti, isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
45 Neno la Bwana likanijia kusema:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
46 “Mwanadamu, uelekeze uso wako upande wa kusini, hubiri juu ya upande wa kusini na utoe unabii juu ya msitu wa Negebu.
“Yaa ilma namaa, fuula kee gara kibbaatti garagalfadhu; biyya kibbaatti lallabiitii bosona biyya Negeebiitiin mormuudhaan raajii dubbadhu.
47 Waambie watu wa Negebu: ‘Sikieni neno la Bwana. Hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Ninakaribia kukutia moto, nao utateketeza miti yako yote, mibichi na iliyokauka. Miali ya moto haitaweza kuzimwa na kila uso kutoka kusini mpaka kaskazini utakaushwa kwa moto huo.
Bosona Negeebiin akkana jedhi: ‘Dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani ibidda sitti qabsiisuufan jira; innis mukkeen kee hunda jiidhaa fi goggogaa illee ni fixa. Arrabni isaa hin dhaamu; wanni kibbaa hamma kaabaatti jiru hundinuus ni gubama.
48 Kila mmoja ataona kuwa mimi Bwana ndiye niliyeuwasha huo moto, nao hautazimwa.’”
Namni hundinuus akka ani Waaqayyo ibidda sana qabsiise ni beeka; ibiddi sunis hin dhaamu.’”
49 Ndipo niliposema, “Aa, Bwana Mwenyezi! Wao hunisema, ‘Huyu si huzungumza mafumbo tu?’”
Anis, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani bade! Isaan waaʼee koo, ‘Inni fakkeenya dubbata mitii?’ anaan jedhu” jedhe.