< Ezekieli 13 >
1 Neno la Bwana likanijia kusema:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 “Mwanadamu, tabiri dhidi ya manabii wa Israeli wanaotabiri sasa. Waambie hao ambao hutabiri kutokana na mawazo yao wenyewe: ‘Sikia neno la Bwana!
“Yaa ilma namaa, raajota Israaʼel kanneen amma raajii dubbachaa jiraniin mormuudhaan raaji. Warra yaaduma ofii isaanii raajaniin akkana jedhi: ‘Dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa!
3 Hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Ole wao manabii wapumbavu wafuatao roho yao wenyewe na wala hawajaona chochote!
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Raajota gowwaa kanneen utuu homaa hin argin hafuura ofii isaanii duukaa buʼan sanaaf wayyoo!
4 Manabii wako, ee Israeli, ni kama mbweha katikati ya magofu.
Yaa Israaʼel, raajonni kee akkuma waangota waan diigame gidduu jiraatanii ti.
5 Hamjakwea kwenda kuziba mahali palipobomoka katika ukuta ili kuukarabati kwa ajili ya nyumba ya Israeli, ili kwamba isimame imara kwenye vita katika siku ya Bwana.
Isin akka dallaan sun guyyaa waraana Waaqayyootti jabaatee dhaabatuuf dallaa cabe sana mana Israaʼeliif deebiftanii ijaaruudhaaf jettanii ol hin baane.
6 Maono yao ni ya uongo na ubashiri wao ni wa udanganyifu. Wao husema, “Bwana amesema,” wakati Bwana hakuwatuma, bado wakitarajia maneno yao kutimizwa.
Mulʼanni isaanii soba; raajiin isaanii soba. Isaan utuu Waaqayyo isaan hin ergin, “Waaqayyo akkana jedha” jedhu; taʼus isaan akka dubbiin isaanii raawwatamu eeggatu.
7 Je, hamjaona maono ya uongo na kusema ubashiri wa udanganyifu hapo msemapo, “Bwana asema,” lakini Mimi sijasema?
Ani dubbachuu baadhu iyyuu isin, “Waaqayyo akkana jedha” jechuun keessan mulʼata sobaa arguu keessanii fi raajii sobaa dubbachuu keessan mitii?
8 “‘Kwa hiyo hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Kwa sababu ya uongo wa maneno yenu na kwa madanganyo ya maono yenu, Mimi ni kinyume na ninyi, asema Bwana Mwenyezi.
“‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii dubbii sobaa keessaniitii fi mulʼata sobaa keessaniitiif ani isinitti kaʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
9 Mkono wangu utakuwa dhidi ya manabii ambao huona maono ya uongo na kusema ubashiri wa udanganyifu. Hawatakuwa katika baraza la watu wangu au kuandikwa katika kumbukumbu ya nyumba ya Israeli wala hawataingia katika nchi ya Israeli. Ndipo mtajua kuwa Mimi ndimi Bwana Mwenyezi.
Harki koo raajota mulʼata sobaa arganii raajii sobaa dubbatanitti ni kaʼa. Isaan miseensa waldaa saba kootii hin taʼan yookaan galmee mana Israaʼel irratti hin galmeeffaman yookaan biyya Israaʼel hin seenan. Ergasii isin akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beektu.
10 “‘Kwa sababu ni kweli wanapotosha watu wangu, wakisema, “Amani,” wakati ambapo hakuna amani, pia kwa sababu, wakati ukuta dhaifu unapojengwa, wanaufunika kwa kupaka chokaa,
“‘Isaan yeroo nagaan hin jirretti, “Nagaa dha” jechaa saba koo karaa irraa waan jalʼisanii yeroo namoonni dallaa dhagaa ijaaranitti nooraa dibaniif,
11 kwa hiyo waambie hao wanaoupaka chokaa isiyokorogwa vyema kwamba ukuta huo utaanguka. Mvua kubwa ya mafuriko itanyesha, nami nitaleta mvua ya mawe inyeshe kwa nguvu, nao upepo wa dhoruba utavuma juu yake.
ati akka dallaan sun jigu warra nooraa itti diban sanatti himi. Bokkaan hamaan ni rooba; dhagaan cabbii ni buʼa; bubbeen jabaan ni bubbisa.
12 Wakati ukuta utakapoanguka, je, watu hawatawauliza, “Iko wapi chokaa mliyopaka ukuta?”
Yeroo dallaan sun jigutti namoonni, “Nooraan isin itti dibdan sun eessa jira” jedhanii isin hin gaafatanii?
13 “‘Kwa hiyo hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Katika ghadhabu yangu nitauachia upepo wa dhoruba, pia katika hasira yangu mvua ya mawe na mvua ya mafuriko itanyesha ikiwa na ghadhabu ya kuangamiza.
“‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani dheekkamsa kootiin bubbee hamaa nan kaasa; aarii kootiinis dhagaa cabbii fi bokkaa hamaan badiisa fidu ni rooba.
14 Nitaubomoa ukuta mlioupaka chokaa na kuuangusha chini ili msingi wake uachwe wazi. Utakapoanguka, mtaangamizwa ndani yake, nanyi mtajua kuwa Mimi ndimi Bwana.
Ani akka hundeen isaa qullaatti hafuuf dhagaa isin nooraa dibdan sana diigee lafaan wal nan qixxeessa. Yommuu inni jigutti isin isa keessatti ni barbadeeffamtu; akka ani Waaqayyo taʼes ni beektu.
15 Hivyo ndivyo nitakavyoitimiza ghadhabu yangu dhidi ya huo ukuta na dhidi yao walioupaka chokaa. Nitawaambia ninyi, “Ukuta umebomoka na vivyo hivyo wale walioupaka chokaa,
Dallaa sanaa fi warra nooraa itti dibanitti dheekkamsa koo nan roobsa. Anis akkana isiniin nan jedha; “Dallaan sunii fi warri dallaa sana nooraa diban sun ni badu;
16 wale manabii wa Israeli waliotabiri juu ya Yerusalemu na kuona maono ya amani kwa ajili yake wakati kulipokuwa hakuna amani, asema Bwana Mwenyezi.”’
raajonni Israaʼel kanneen Yerusaalemiif raajanii utuu nagaan hin jiraatin mulʼata nagaa isheef argan sunis ni badu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”’
17 “Sasa, mwanadamu, kaza uso wako dhidi ya binti za watu wako wanaotabiri mambo kutoka mawazo yao wenyewe. Tabiri dhidi yao
“Ammas yaa ilma namaa, fuula kee gara intallan saba keetii kanneen waanuma ofii yaadan raajaniitti deebifadhuutii isaaniin mormuudhaan raaji;
18 na useme, ‘Hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Ole wao wanawake washonao hirizi za uchawi juu ya viwiko vyao vyote na kutengeneza shela za urefu wa aina mbalimbali kwa ajili ya kufunika vichwa vyao kwa makusudi ya kuwanasa watu. Je, mtatega uhai wa watu wangu lakini ninyi mponye wa kwenu?
akkanas jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Dubartoota kiyyoo keessa nama galchuuf jedhanii manyʼee harka isaanii hundaaf kudhaama hodhatanii haguuggii garaa garaa mataa isaaniitti haguuggataniif wayyoo. Isin lubbuu saba koo kiyyoo keessa galchitanii kan ofii keessanii immoo oolfattuu?
19 Ninyi mmeninajisi miongoni mwa watu wangu kwa ajili ya konzi chache za shayiri na chembe za mkate. Kwa kuwaambia uongo watu wangu, wale ambao husikiliza uongo, mmewaua wale watu ambao wasingekufa na kuwaacha hai wale ambao wasingeishi.
Isin garbuu konyee tokkoo fi buddeena cabaa tokkoof jettanii uummata koo gidduutti na xureessitaniirtu. Uummata koo isa soba keessan dhagaʼuttis sobuudhaan warra duʼuu hin qabne ajjeeftanii warra jiraachuu hin qabne immoo baraartaniirtu.
20 “‘Kwa hiyo hili ndilo Bwana Mwenyezi asemalo: Mimi niko kinyume na hizo hirizi zenu za uchawi ambazo kwa hizo mnawatega watu kama ndege, nami nitazirarua kutoka mikononi mwenu, nitawaweka huru watu wale mliowatega kama ndege.
“‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Kunoo, ani kudhaama keessan kan isin akkuma simbira kiyyeeffamtuutti uummata ittiin kiyyeessitanitti nan kaʼa; harka keessan irraas nan cira; uummata isin akkuma simbirri kiyyeeffamtutti kiyyeessitan sanas kiyyoo keessaa nan baasa.
21 Nitazirarua shela zenu na kuwaokoa watu wangu kutoka mikononi mwenu, nao hawatakuwa tena mawindo ya nguvu zenu. Ndipo mtakapojua kuwa Mimi ndimi Bwana.
Ani haguuggii keessan tarsaasee saba koo harka keessan keessaa nan baasa; isaan siʼachi harka keessan jalatti hin bulan. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
22 Kwa sababu mliwavunja moyo wenye haki kwa uongo wenu, wakati mimi sikuwaletea huzuni na kwa kuwa mliwatia moyo waovu ili wasiziache njia zao mbaya na hivyo kuokoa maisha yao,
Ani isa dirqisiisuu baadhu iyyuu isin waan soba keessaniin nama qajeelaa dirqisiiftanii fi waan akka namni hamaan karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼee lubbuu isaa oolfatuuf hin jajjabeessiniif,
23 kwa hiyo hamtaona tena maono ya uongo wala kufanya ubashiri. Nitawaokoa watu wangu kutoka mikononi mwenu. Nanyi ndipo mtakapojua kuwa Mimi ndimi Bwana.’”
isin siʼachi mulʼata sobaa hin argitan yookaan raajii sobaa hin dubbattan. Anis saba koo harka keessan keessaa nan baasa. Ergasiis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’”