< Kutoka 38 >
1 Akatengeneza madhabahu ya sadaka ya kuteketezwa kwa mbao za mti wa mshita, kimo chake dhiraa tatu; nayo ilikuwa mraba, urefu wake dhiraa tano, na upana wa dhiraa tano
Isaanis muka laaftoo irraa iddoo aarsaa qalma gubamuu kan dhundhuma sadii ol dheeratu ijaaran; iddoon aarsaa kunis dheerina dhundhuma shanii fi balʼina dhundhuma shanii qabaatee gama afraniinuu wal qixxee ture.
2 Akatengeneza upembe kwenye kila pembe ya hizo pembe nne, ili zile pembe na madhabahu zikawa zimeungana, akafunika madhabahu kwa shaba.
Tokkoo tokkoo goleewwan afraniitti gaanfa tolchan; gaanfaa fi iddoo aarsaa sana mukuma tokko irraa tolchan; iddoo aarsaa sana irrattis naasii uffisan.
3 Akatengeneza vyombo vyake vyote kwa shaba: vyungu vyake vya kuondolea majivu, masepetu, mabakuli ya kunyunyizia, uma za nyama na vyombo vya kuchukulia moto.
Isaanis miʼa isaa hunda jechuunis waan ittiin daaraa haran, waan ittiin daaraa hammaaran, waciitii, hokkoo fooniitii fi baattuu ibiddaa naasii irraa tolchan.
4 Akatengeneza wavu wa shaba chini ya ukingo wa madhabahu ili ufikie nusu ya kimo cha madhabahu.
Iddoo aarsaa sanaafis naasii wal keessa xaxameen gingilchaa hojjetanii akka inni hamma walakkaa iddoo aarsaatti ol baʼee marsaa isaa jalaan jiraatu godhan.
5 Akasubu pete za shaba za kushikilia ile mipiko kwa ajili ya zile pembe nne za huo wavu wa shaba.
Akka isaan danqaraawwan qabataniifis goleewwan gingilchaa naasii sanaa afraniif qubeelaawwan naasii hojjetan.
6 Akatengeneza mipiko ya mti wa mshita na kuifunika kwa shaba.
Danqaraawwan muka laaftoos tolchanii naasii itti uffisan.
7 Akaiingiza ile mipiko kwenye zile pete, ili iwe pande mbili za madhabahu kwa ajili ya kuibeba. Akaitengeneza madhabahu yenye uvungu ndani yake akitumia mbao.
Iddoo aarsaa sana ittiin baachuufis danqaraawwan sana qubeelaawwan gamaa gamanaan iddoo aarsaa irra jiran keessa galchan. Iddoo aarsaa sanas keessa isaa duwwaa godhanii saanqaa irraa tolchan.
8 Akatengeneza sinia la shaba lenye kitako cha shaba kutoka kwa vioo vya shaba vilivyotolewa na wanawake waliohudumu pale ingilio la Hema la Kukutania.
Isaanis gabatee itti dhiqatan kan naasii miilla isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin of ilaaleewwan dubartoota balbala dunkaana wal gaʼii dura tajaajilanii irraa tolchan.
9 Kisha akatengeneza ua. Upande wa kusini ulikuwa na urefu wa dhiraa mia moja, na ulikuwa na mapazia ya kitani iliyosokotwa vizuri,
Kanatti aansanii oobdii tolchan. Oobdichis gama kibbaatiin dhundhuma dhibba tokko dheeratee golgaa quncee talbaa kan qalʼifamee foʼame irraa hojjetames qaba ture;
10 pamoja na nguzo ishirini na vitako vya shaba ishirini, na kulabu na tepe za fedha juu ya hizo nguzo.
utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaba ture; utubaawwan kunneenis hokkoowwanii fi somaawwan meetii irraa hojjetaman qabu ture.
11 Upande wa kaskazini ulikuwa na urefu wa dhiraa mia moja, pamoja na nguzo ishirini na vitako vya shaba ishirini, pamoja na kulabu na tepe za fedha juu ya hizo nguzo.
Gama kaabaatiinis akkasuma dhundhuma dhibba tokko dheeratee utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaba ture; utubaawwan sunis hokkoowwanii fi somaawwan meetii irraa tolfaman qabu turan.
12 Upande wa mwisho wa magharibi ulikuwa na upana wa dhiraa hamsini na ulikuwa na mapazia, na nguzo kumi na vitako vyake kumi, pamoja na kulabu na tepe za fedha juu ya hizo nguzo.
Gama lixaatiin dhundhuma shantama balʼatee golgaawwan utubaa kudhanii fi miilla kudhan qaba ture; hokkoowwanii fi somaawwan utuboota sanaas meetii irraa hojjetaman.
13 Upande wa mwisho wa mashariki jua linakochomoza, pia ulikuwa na upana wa dhiraa hamsini.
Fiixee baʼaatiin, karaa baʼa biiftuutiin dhundhuma shantama balʼata ture.
14 Mapazia yenye urefu wa dhiraa kumi na tano yalikuwa upande mmoja wa ingilio, pamoja na nguzo tatu na vitako vitatu.
Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis karaa balbala tokkoo irra turan.
15 Mapazia yenye urefu wa dhiraa kumi na tano yalikuwa upande mwingine wa ingilio la ua, pamoja na nguzo tatu na vitako vitatu.
Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis balbala oobdii sana irra gama kaaniin turan.
16 Mapazia yote yaliyozunguka ua yalikuwa ya kitani iliyosokotwa vizuri.
Golgaawwan naannoo oobdii sanaa hundi quncee talbaa kan qaldhifamee foʼame irraa tolfaman.
17 Vitako vya nguzo vilikuwa vya shaba. Kulabu na tepe juu ya nguzo zilikuwa za fedha, na ncha zake zilifunikwa kwa fedha. Kwa hiyo nguzo zote za ua zilikuwa na tepe za fedha.
Miillawwan utuboota sanaa naasii irraa tolfaman. Hokkoowwanii fi somaawwan utubootaa immoo meetii irraa tolfamanii fiixee utuboota sanaatti meetii uffisan. Utuboonni oobdii sanaa hundinuus somaawwan meetii qabu turan.
18 Pazia la ingilio la ua lilikuwa la nyuzi za rangi ya buluu, za zambarau, na za rangi nyekundu pamoja na kitani iliyosokotwa vizuri, kazi ya mtarizi. Pazia hilo lilikuwa na urefu wa dhiraa ishirini kama zile za kwenye ua, na kimo chake kilikuwa dhiraa tano,
Golgaan balbala oobdii sanaa kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dhaʼamee irratti faayeffamee hojjetame tolfame. Innis dhundhuma digdama dalga dheeratee akkuma oobdichaa dhundhuma shan ol dheerata ture;
19 likiwa na nguzo nne na vitako vinne vya shaba. Kulabu zake na tepe zake zilikuwa za fedha, na ncha zake zilikuwa zimefunikwa kwa fedha.
utubaa afurii fi miilla naasii afuris qaba ture. Hokkoowwanii fi somaawwan isaanii meetii irraa tolfamanii fiixee isaaniitti meetiin uffifamee ture.
20 Vigingi vyote vya maskani na vya ua ulioizunguka vilikuwa vya shaba.
Qofoon dunkaana qulqulluutii fi qofoon naannoo oobdii sanaa hundi naasii irraa tolfaman.
21 Ifuatayo ni orodha ya vifaa vilivyotumika kwa ajili ya ujenzi wa maskani, maskani ya Ushuhuda, ambavyo vilitayarishwa na Walawi kama alivyoagiza Mose, chini ya usimamizi wa Ithamari, mwana wa kuhani Aroni.
Baayʼinni miʼa dunkaanni qulqulluun jechuunis dunkaanni dhuga baʼumsaa ittiin hojjetamee kan Lewwonni ajaja Museetiin qajeelfama Iitaamaar ilma Aroon lubichaatiin galmeessan kanaa dha.
22 (Bezaleli mwana wa Uri, mwana wa Huri, wa kabila la Yuda, alifanya kila kitu Bwana alichomwamuru Mose,
Bezaliʼeel ilmi Uuri jechuunis ilmi ilma Huur namichi gosa Yihuudaa sun waan Waaqayyo Musee ajaje hunda hojjete.
23 akiwa pamoja na Oholiabu mwana wa Ahisamaki, wa kabila la Dani, fundi stadi wa kutia nakshi, kubuni michoro, mtarizi kwa rangi ya buluu, ya zambarau, nyekundu na kitani safi.)
Oholiiyaab ilmi Ahiisaamaak namichi gosa Daan sunis isa wajjin ture; innis ogeessa hojii harkaa, ogeessa bifa baasuu fi kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen waa faayessu ture.
24 Jumla ya dhahabu iliyopatikana kutokana na sadaka ya kuinuliwa kwa ajili ya kazi ya mahali patakatifu ilikuwa na uzito wa talanta 29 na shekeli 730, kulingana na shekeli ya mahali patakatifu.
Baayʼinni warqee aarsaa sochoofamuu kan hojii iddoo qulqulluu sanaa hunda irra oole walumaa galatti akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti taalaantii 29 fi saqilii 730 ture.
25 Fedha iliyopatikana kutokana na jumuiya ya watu waliohesabiwa ilikuwa yenye uzito wa talanta mia moja na shekeli 1,775, kulingana na shekeli ya mahali patakatifu.
Meetiin namoota waldaa keessaa lakkaaʼaman irraa argames akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti taalaantii 100 fi saqilii 1,775 ture.
26 Kila mtu alitoa beka moja, ambayo ni sawa na nusu shekeli ya fedha, kwa kazi ya mahali patakatifu, kutoka kwa kila mtu aliyekuwa amehesabiwa mwenye umri wa miaka ishirini au zaidi, ambao jumla yao walikuwa wanaume 603,550.
Namoonni warra duraan lakkaaʼamanii jiranitti dabalaman kanneen umuriin isaanii waggaa digdama yookaan hammanaa ol taʼe 603,550 turan. Isaan kunneenis akka madaalii iddoo qulqulluutti matuma mataan beekaa tokko tokko jechuun walakkaa saqilii tokko tokkoo baasan.
27 Talanta hizo 100 za fedha zilitumika kusubu vile vitako mia moja kwa ajili ya mahali patakatifu na pazia: vitako mia moja kwa talanta mia, yaani, talanta moja kwa kila kitako.
Meetii taalaantii 100 sanaan miillawwan iddoo qulqulluutii fi miillawwan golgaatu hojjetame; taalaantii 100 fi miilla 100 hojjetame; miilla tokkoof taalaantii tokkotu barbaachise jechuu dha.
28 Akatumia zile shekeli hizo 1,775 kutengeneza kulabu za nguzo, kufunika ncha za nguzo na kutengeneza vitanzi vyake.
Isaanis saqilii 1,775 sana hokkoo utubaawwanii tolchuuf, fiixee utubaawwaniitti uffisuu fi somaawwan isaanii tolchuuf itti fayyadaman.
29 Shaba iliyopatikana kutokana na sadaka ya kuinuliwa ilikuwa na uzito wa talanta 70 na shekeli 2,400.
Naasiin aarsaa sochoofamuus taalaantii 70 fi saqilii 2,400 ture.
30 Akaitumia hiyo shaba kutengeneza vitako vya ingilio la Hema la Kukutania, madhabahu ya shaba pamoja na ule wavu wake na vyombo vyake vyote,
Isas miilla balbala dunkaana wal gaʼii, iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetame, gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetamee fi miʼa isaa hunda tolchuuf itti fayyadaman;
31 vile vitako vya ule ua uliozunguka na vile vya ingilio, na vigingi vyote vya Maskani pamoja na ule ua uliozunguka.
akkasumas miilli naannoo oobdii, miilli balbala oobdii, qofoowwan dunkaana qulqulluu hundii fi qofoowwan naannoo oobdii hundi naasii irraa hojjetaman.