< Kutoka 36 >
1 Kwa hiyo Bezaleli, Oholiabu na kila mtu Bwana aliyempa ustadi na uwezo wa kujua jinsi ya kufanya kazi zote za kujenga mahali patakatifu wataifanya hiyo kazi kama vile Bwana alivyoagiza.”
Bezaliʼeel, Oholiiyaabii fi namni Waaqayyo ogummaa fi dandeettii isaan ittiin hojii ijaarsa iddoo qulqulluu sanaa hunda beekan kenneef hundi akkuma Waaqayyo ajajetti hojii kana haa hojjetan.”
2 Ndipo Mose akawaita Bezaleli na Oholiabu na kila mtu mwenye ustadi ambaye Bwana alikuwa amempa uwezo na mwenye kupenda kuja na kufanya kazi.
Museen Bezaliʼeel, Oholiiyaabii fi ogeessa Waaqayyo dandeettii kenneef kan dhufee hojii sana hojjechuuf fedhii qabu hunda waame.
3 Wakapokea kutoka kwa Mose sadaka zote ambazo Waisraeli walikuwa wameleta ili kuifanya kazi ya ujenzi wa Mahali Patakatifu. Nao watu wakaendelea kuleta sadaka za hiari kila asubuhi.
Isaanis kennaawwan Israaʼeloonni ijaarsa iddoo qulqulluu sanaatiif jedhanii fidan hunda Musee harkaa fuudhan. Namoonni Israaʼelis fedhii isaaniitiin ganama ganama kennaa isaanii fiduu itti fufan.
4 Ikafika wakati mafundi wote wenye ujuzi waliokuwa wakiifanya kazi yote ya mahali patakatifu wakasimamisha kazi zao,
Ogeeyyiin hojii harkaa kanneen iddoo qulqulluu sana hojjetan hundi hojii isaanii dhiisanii dhufanii
5 wakaja na kumwambia Mose, “Watu wanaleta vitu vingi kuliko tunavyohitaji kwa ajili ya kazi hii ambayo Bwana ameagiza ifanyike.”
Museedhaan, “Sabni kun waan hojii Waaqayyo akka hojjetamuuf ajaje sanaaf barbaachisu caalaa fidaa jira” jedhan.
6 Ndipo Mose akatoa agizo, nao wakapeleka neno hili katika kambi yote: “Mtu yeyote mwanaume au mwanamke asilete tena kitu chochote kwa ajili ya sadaka ya mahali patakatifu.” Hivyo watu wakazuiliwa kuleta zaidi,
Museenis ajaja kenne; isaanis, “Dhiirri yookaan dubartiin tokko iyyuu waan biraa tokko illee kennaa godhee iddoo qulqulluu sanaaf hin dhiʼeessin” jedhanii iddoo qubataa sana keessatti labsan. Kanaafuu namoonni itti fufanii waa fiduu dhowwaman.
7 kwa sababu walivyokuwa navyo tayari vilitosha na kuzidi kuifanya kazi yote.
Wanti isaan duraanuu qaban hojii hunda hojjechuuf gaʼaa fi irraa hafaa tureetii.
8 Watu wote wenye ustadi miongoni mwa wafanyakazi wote wakatengeneza maskani kwa mapazia kumi ya kitani iliyosokotwa vizuri, na nyuzi za rangi ya buluu, za zambarau, na za rangi nyekundu, naye fundi stadi akatirizi makerubi kwenye mapazia hayo.
Hojjettoota sana keessaas ogeeyyiin hundi golgaawwan kudhan kanneen quncee talbaa gaarii foʼamee fi kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa irraa hojjetamaniin dunkaana qulqulluu haa hojjetan; golgaawwan sana irrattis ogeeyyiin harka qajeelan kiirubeelii hojjetan.
9 Mapazia yote yalitoshana kwa ukubwa: kila moja lilikuwa na urefu wa dhiraa ishirini na nane, na upana wa dhiraa nne
Golgaawwan sun hundinuu wal qixxee taʼanii tokkoon tokkoon isaanii dheerina dhundhuma digdamii saddeetiitii fi balʼina dhundhuma afur qabu ture.
10 Wakayaunganisha mapazia matano pamoja, pia wakafanya vivyo hivyo kwa hayo mengine matano.
Isaanis golgaawwan shan walitti qabsiisan; shanan kaan illee akkasuma walitti qabsiisan.
11 Kisha wakatengeneza vitanzi vya kitambaa cha buluu kwenye upindo wa pazia la mwisho la fungu la kwanza, pia wakafanya vivyo hivyo na pazia la fungu la mwisho.
Isaanis golgaawwan walitti qabsiifaman kanneen jalqabaa keessaa handaara isa moggaa irratti huccuu bifa cuquliisaa irraa gurroowwan tolchan; golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa irrattis akkasuma tolfaman.
12 Wakatengeneza pia vitanzi hamsini katika pazia mmoja, na vitanzi vingine hamsini kwenye pazia la mwisho la fungu hilo lingine, nazo vitanzi vyote vikaelekeana.
Isaanis golgaa tokko irratti gurroowwan shantama tolchan; gurroowwan shantama immoo golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa keessaa isa moggaa irratti tolchan; gurroowwan sunis gamaa gamanaan turan.
13 Kisha wakatengeneza vifungo hamsini vya dhahabu, na wakavitumia kufunga na kuunganisha zile fungu mbili za mapazia pamoja ili maskani ipate kuwa kitu kimoja.
Akka dunkaanni qulqulluun sun tokko taʼuufis hokkoowwan warqee shantama tolchanii golgaawwan sana ittiin walitti qabsiisan.
14 Wakatengeneza mapazia kumi na moja ya singa za mbuzi kwa ajili ya kufunika maskani.
Isaanis haguuggii gubbaa dunkaana qulqulluu sanaa irra jiru haguuguuf golgaawwan rifeensa reʼee kudha tokko hojjetan.
15 Mapazia hayo kumi na moja yalikuwa na kipimo kimoja, yaani urefu wa dhiraa thelathini, na upana wa dhiraa nne.
Golgaawwan kudha tokkoon sun hundi wal qixxee turan; dheerinni isaanii dhundhuma soddoma, balʼinni isaanii immoo dhundhuma afur ture.
16 Wakaunganisha mapazia matano kuwa fungu moja, na hayo mengine sita kuwa fungu lingine.
Isaanis golgaawwan shan iddoo tokkotti walitti qabsiisan; golgaawwan kaan jaʼaan immoo iddoo tokkotti walitti qabsiisan.
17 Kisha wakatengeneza vitanzi hamsini kwenye upindo wa pazia la mwisho la fungu moja, na vivyo hivyo kwenye upindo wa pazia la mwisho la fungu hilo lingine.
Ergasiis golgaawwan gama tokkoon walitti qabsiifaman keessaa handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchan; golgaawwan gama kaan irratti walitti qabsiifaman keessaas handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchan.
18 Wakatengeneza vifungo hamsini vya shaba ili kukaza hema pamoja kuwa kitu kimoja.
Akka dunkaanni sun tokko taʼuuf ittiin walitti qabsiisuuf qabduuwwan naasii shantama tolchan.
19 Kisha wakatengeneza kifuniko cha hema kwa ngozi za kondoo dume zilizotiwa rangi nyekundu, na juu yake kifuniko cha ngozi za pomboo.
Dunkaana sanaafis irra buusaa kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, isa irraan immoo irra buusaa gogaa duugamee hojjetan.
20 Wakatengeneza mihimili ya kusimamisha ya mti wa mshita kwa ajili ya maskani.
Dunkaana qulqulluu sanaafis muka laaftoo irraa tuggeewwan qaqqajeeloo hojjetan.
21 Kila mhimili ulikuwa na urefu wa dhiraa kumi, na upana wa dhiraa moja na nusu,
Dheerinni tokkoo tokkoo tuggeewwan sanaas dhundhuma kudhan, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture.
22 zikiwa na ndimi mbili zilizokuwa sambamba kila mmoja na mwingine. Wakatengeneza mihimili yote ya maskani jinsi hii.
Tokkoon tokkoon tuggeewwan sanaas akka wal keessa galuu dandaʼuuf mucha lama lama qaba ture. Tuggeewwan dunkaana qulqulluu sanaa hunda akkasitti tolchan.
23 Wakatengeneza mihimili ishirini kwa ajili ya upande wa kusini wa maskani,
Gama kibba dunkaana qulqulluu sanaatiifis tuggeewwan digdama hojjetan;
24 na wakatengeneza vitako arobaini vya fedha vya kuweka chini ya hiyo mihimili, vitako viwili kwa kila mhimili, kimoja chini ya kila ulimi.
tuggeewwan digdamman sana jalatti miilla meetii afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama gurra isaa lamaaniif, tuggee kaan jalattis miilla lama gurra isaa lamaaniif tolchan.
25 Kwa upande wa kaskazini wa maskani wakatengeneza mihimili ishirini
Gama dunkaana qulqulluu sanaa kaaniifis karaa kaabaatiin tuggeewwan digdama tolchan.
26 na vitako arobaini vya fedha, viwili chini ya kila mhimili.
Isaaniifis miilla meetiis afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama, tuggee kaan jalattis miilla lama tolchan.
27 Wakatengeneza mihimili sita kwa mwisho ulio mbali, yaani upande wa magharibi wa maskani,
Karaa lixa biiftuutiin, dugda duuba dunkaana qulqulluu sanaatiif tuggee jaʼa hojjetan.
28 na mihimili miwili ikatengenezwa kwa ajili ya pembe za maskani za upande uliokuwa mbali.
Karaa dugda duubaas golee dunkaana qulqulluu sanaatiif utubaa lama tolchan.
29 Katika pembe hizi mbili mihimili yake ilikuwa miwili kuanzia chini mpaka juu, na ikaingizwa kwenye pete moja; mihimili ya pembe hizi mbili ilifanana.
Tuggeewwan golee kunneen jalaa hamma gubbaatti walitti fayyifamanii bantii irratti qubeelaa tokkoon walitti qabsiifaman; tuggeewwan golee lamaaniis akkanuma hojjetan.
30 Kwa hiyo kulikuwa na mihimili minane, na vitako kumi na sita vya fedha, viwili chini ya kila mhimili.
Kanaafuu tuggeewwan saddeeti kanneen miilla meetii kudha jaʼa qabanitu ture; tokkoon tokkoon tuggee sanaas miilla lama lama qaba ture.
31 Wakatengeneza pia mataruma kwa mti wa mshita: matano kwa ajili ya mihimili ya upande mmoja wa maskani,
Akkasumas muka laaftoo irraa dagaleewwan tolchan; tuggeewwan dunkaana qulqulluu sana irra gama tokkoon jiraniif dagaleewwan shan,
32 matano kwa ajili ya mihimili ya upande mwingine, na matano kwa ajili mihimili ya upande wa magharibi, mwisho kabisa mwa maskani.
tuggeewwan gama kaaniin jiraniif shan, tuggeewwan dugda duubaan karaa lixa biiftuutiin jiraniif immoo dagaleewwan shan tolchan.
33 Wakatengeneza taruma la katikati, likapenya katikati ya mihimili kutoka mwisho mmoja hadi mwisho mwingine.
Dagalee walakkaa jiru sana akka inni gidduu tuggeewwaniitiin moggaa tokkoo hamma moggaa kaaniitti fullaʼu godhan.
34 Wakaifunika hiyo mihimili kwa dhahabu, na wakatengeneza pete za dhahabu za kushikilia hayo mataruma. Pia wakayafunika hayo mataruma kwa dhahabu.
Tuggeewwan sanaattis warqee dibanii akka dagaleewwan baataniif qubeelaawwan warqee itti tolchan. Dagaleewwan sanaattis akkasuma warqee uffisan.
35 Wakatengeneza pazia la nyuzi za rangi ya buluu, za zambarau, na za rangi nyekundu na kitani safi iliyosokotwa vizuri, naye fundi stadi akatirizi makerubi kwenye hilo pazia.
Isaanis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa tolchan; golgaa kana irrattis ogeessi harka qajeelu tokko fakkii kiirubeelii tolche.
36 Wakatengeneza nguzo nne za mti wa mshita kwa ajili yake na kuzifunika kwa dhahabu. Wakatengeneza kulabu za dhahabu kwa ajili ya nguzo hizo, na kusubu vitako vinne vya fedha.
Golgaa sanaafis utubaawwan muka laaftoo afur tolchanii warqee itti uffisan; utubaa sanaafis hokkoowwan warqee hojjetanii miilla meetii afur itti tolchan.
37 Kwa ajili ya ingilio la hema wakatengeneza pazia la nyuzi za rangi ya buluu, za zambarau, na za rangi nyekundu na kitani safi iliyosokotwa vizuri, kazi ya mtarizi.
Isaanis balbala dunkaanichaatiif golgaa kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee harkaan irratti hodhame tokko faayessanii tolchan.
38 Pia wakatengeneza nguzo tano zenye kulabu. Wakafunika ncha za juu za hizo nguzo pamoja na tepe zake kwa dhahabu, na pia wakatengeneza vitako vyake vitano vya shaba.
Isaanis utuboota hokkoo qaban shan hojjetanii, fiixee fi somaawwan utubootaatti warqee uffisan; miilla isaanii shananis naasii irraa tolchan.