< Kutoka 2 >
1 Basi mtu mmoja wa nyumba ya Lawi akaoa mwanamke Mlawi,
Sanyii Lewwii keessaa namichi tokko intala Lewwii tokko fuudhe;
2 naye mwanamke huyo akapata mimba, akazaa mtoto wa kiume. Alipoona mtoto huyo ni mzuri, akamficha kwa miezi mitatu.
isheenis ulfooftee ilma deesse. Yommuu akka inni bareedaa taʼe argitetti jiʼa sadii isa dhoksite.
3 Lakini alipoona hawezi kumficha zaidi, akamtengenezea kisafina cha mafunjo, akakipaka lami. Kisha akamweka huyo mtoto ndani yake, akakificha katikati ya matete kando ya ukingo wa Mto Naili.
Kana caalaa isa dhoksuu akka hin dandeenye yeroo beektetti garuu guuboo dhallaadduu irraa hojjetame tokko fuutee haphee fi leelee itti dhoobde; mucaa sana guuboo keessa ciibsitee qarqara laga Abbayyaa shambaqqoo keessa keesse.
4 Dada ya huyo mtoto akasimama mbali ili kuona kitakachompata mtoto.
Obboleettiin isaa immoo waan mucicha irra gaʼu ilaaluuf jettee fagoo dhaabachaa turte.
5 Ndipo binti Farao akateremka mtoni Naili kuoga, nao wahudumu wake wakawa wanatembea ukingoni mwa mto. Binti mfalme akaona kisafina katikati ya manyasi, akamtuma mmoja wa watumwa wake wa kike kukichukua.
Yeroo sana intalli Faraʼoon dhagna dhiqachuuf gara laga Abbayyaatti gad buute; dubartoonni ishee tajaajilanis qarqara laga sanaa irra asii fi achi dedeemaa turan. Isheenis guuboo sana shambaqqoo keessatti argitee akka dhaqxee fidduuf garbittii ishee ergite.
6 Alifungua kisafina akaona mtoto ndani yake. Mtoto alikuwa akilia, akamhurumia. Akasema, “Huyu ni mmoja wa watoto wa Kiebrania.”
Isheenis guuboo bantee mucaa sana argite; kunoo mucichis booʼaa ture. Isheenis garaa laafteefii, “Kun daaʼimman Ibrootaa keessaa tokkoo dha” jette.
7 Ndipo dada wa huyo mtoto akamuuliza binti Farao, “Je, niende nikakutafutie mmoja wa wanawake wa Kiebrania akulelee huyu mtoto?”
Obboleettiin mucichaas intala Faraʼooniin, “Akka isheen hoosiftee siif guddiftuuf dhaqee dubartoota Ibrootaa keessaa guddiftuu tokko siif waamuu?” jette.
8 Binti Farao akamjibu, “Ndiyo, nenda.” Yule msichana akaenda akamleta mama wa mtoto.
Isheenis, “Eeyyee, dhaqi” jetteen. Intalli sunis dhaqxee haadha mucaa sanaa waamte.
9 Binti Farao akamwambia, “Mchukue huyu mtoto unisaidie kumlea, nami nitakulipa.” Basi yule mwanamke akamchukua mtoto na kumlea.
Intalli Faraʼoonis dubartittiidhaan, “Mucaa kana fuudhii naa hoosisi; ani mindaa kee siifin kennaa” jette. Dubartiin sunis daaʼima sana fuutee hoosifte.
10 Mtoto alipokua, akampeleka kwa binti Farao, naye akawa mwanawe. Akamwita jina lake Mose akisema, “Nilimtoa kwenye maji.”
Mucaan sun guddannaan isheen intala Faraʼoonitti fidde. Innis ilma ishee taʼe. Isheenis, “Ani bishaan keessaa isa nan baase” jechuudhaan maqaa isaa Musee jettee moggaafte.
11 Siku moja, baada ya Mose kukua, akaondoka kwenda walikokuwa watu wake, na akachunguza jinsi walivyokuwa wakifanya kazi ngumu. Akamwona Mmisri akimpiga Mwebrania, mmojawapo wa watu wake.
Museen erga guddatee booddee gaafa tokko lafa sabni isaa ture dhaqee utuu isaan hojii dadhabsiisaa hojjetanuu arge; utuu namni Gibxi tokkos Ibroota saba isaa keessaa nama tokko rukutuu arge.
12 Mose akatazama huku na huko asione mtu yeyote, akamuua yule Mmisri, akamficha mchangani.
Innis asii fi achi ilaalee akka namni tokko iyyuu hin jirre mirkaneeffate; namicha Gibxi sana ajjeesee cirracha keessa dhokse.
13 Kesho yake akatoka, akaona Waebrania wawili wakipigana. Akamuuliza yule aliyekosa, “Mbona unampiga Mwebrania mwenzako?”
Guyyaa itti aanutti immoo gad baʼee utuu Ibroonni lama wal lolanuu arge. Ibricha balleessaa qabuunis, “Ati maaliif Ibricha akka keetii rukutta?” jedhee gaafate.
14 Yule mtu akamjibu, “Ni nani aliyekufanya mtawala na mwamuzi juu yetu? Je, unataka kuniua kama ulivyomuua yule Mmisri?” Ndipo Mose akaogopa na kuwaza, “Jambo lile nililofanya lazima limefahamika.”
Namichi sunis, “Eenyutu nurratti bulchaa fi abbaa murtii si godhe? Akkuma namicha Gibxi ajjeefte sana ana illee ajjeesuu barbaaddaa?” jedheen. Kana irratti Museen, “Dhugumaan wanni ani hojjedhe sun beekameera jechuu dha” jedhee sodaate.
15 Farao aliposikia jambo hili, alijaribu kumuua Mose, lakini Mose akamkimbia Farao na kwenda kuishi katika nchi ya Midiani, akaketi kando ya kisima.
Faraʼoon yommuu waan kana dhagaʼetti Musee ajjeesuu yaale; Museen garuu Faraʼoon jalaa gara Midiyaanitti baqate; yommuu achi gaʼettis boolla tokko bira taaʼe.
16 Kuhani wa Midiani alikuwa na binti saba, nao wakaja kisimani ili kuchota maji na kujaza hori kwa ajili ya kunyweshea mifugo ya baba yao.
Lubni Midiyaan tokko intallan torba qaba ture; isaanis dhufanii bushaayee abbaa isaanii obaasuuf bishaan budduuqsanii bidiruutti guutaa turan.
17 Baadhi ya wachungaji wakaja wakawafukuza hao wasichana. Ndipo Mose akainuka, akawasaidia na kunywesha mifugo yao.
Tiksoonnis dhufanii isaan ariʼan; Museen garuu kaʼee isaan gargaaree bushaayee isaanii obaaseef.
18 Hao wasichana waliporudi nyumbani kwa Reueli baba yao, akawauliza, “Imekuwaje leo mmerudi mapema hivyo?”
Yeroo dubarri sun gara abbaa isaanii Reʼuuʼeelitti deebiʼanitti, inni, “Isin harʼa akkamiin daftanii deebitan?” jedhee isaan gaafate.
19 Wakamjibu, “Mmisri mmoja alituokoa kutoka mikononi mwa wachungaji. Pia mtu huyo alituchotea maji na kunywesha mifugo.”
Isaanis, “Namicha Gibxi tokkotu tiksoota jalaa nu baase; inni bishaan iyyuu nuu budduuqsee bushaayee nuuf obaase” jedhanii deebisan.
20 Akawauliza binti zake, “Yuko wapi? Mbona mmemwacha? Mkaribisheni ale chakula.”
Inni immoo intallan isaatiin, “Inni eessa jira? Isin maaliif isa dhiiftanii dhuftan? Akka inni waa nyaatuufis dhaqaatii waamaa” jedhe.
21 Mose akakubali kukaa kwa huyo mtu, ambaye alimpa Mose binti yake aliyeitwa Sipora amwoe.
Museenis namicha bira jiraachuu jaallate; namichis intala isaa Ziphooraa Museetti heerumsiise.
22 Sipora alizaa mtoto wa kiume, naye Mose akamwita Gershomu, akisema, “Nimekuwa mgeni katika nchi ya kigeni.”
Siipaaraan ilma deesse; Museenis, “Ani alagaa taʼee biyya ormaa jiraadheera” jechuudhaan maqaa isaa Geershoom jedhee moggaase.
23 Baada ya muda mrefu, mfalme wa Misri akafa. Waisraeli wakalia kwa huzuni katika utumwa wao, walilia na kilio chao cha kutaka msaada kwa ajili ya utumwa kikamfikia Mungu.
Bara dheeraa sana keessa mootiin Gibxi ni duʼe. Namoonni Israaʼelis sababii garbummaa keessa turaniif ni aadan; ni iyyanis; iyyi isaan sababii garbummaa jala turaniif gargaarsa argachuuf iyyanis Waaqa bira gaʼe.
24 Mungu akasikia kilio chao cha huzuni, akakumbuka Agano alilofanya na Abrahamu pamoja na Isaki na Yakobo.
Waaqnis aaduu isaanii dhagaʼee kakuu isaa kan Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin gale sana yaadate.
25 Kwa hiyo Mungu akawaangalia Waisraeli na kuwahurumia.
Waaqnis saba Israaʼel ilaale; Waaqni akka isaan itti jiran beeke.