< Mhubiri 9 >

1 Kwa hiyo niliyatafakari yote haya nikafikia uamuzi kwamba waadilifu na wenye hekima na yale wanayoyafanya yako mikononi mwa Mungu, lakini hakuna mtu ajuaye kama anangojewa na upendo au chuki.
Kanaafuu ani waan kana hunda garaatti qabadhee akka qajeelaan, ogeessii fi hojiiwwan isaanii harka Waaqaa keessa jiran nan hubadhe; garuu namni tokko iyyuu akka jaalalli yookaan jibbi isa eeggatu hin beeku.
2 Wote wanayo hatima inayofanana, mwadilifu na mwovu, mwema na mbaya, aliye safi na aliye najisi, wale wanaotoa dhabihu na wale wasiotoa. Kama ilivyo kwa mtu mwema, ndivyo ilivyo kwa mtu mwenye dhambi; kama ilivyo kwa wale wanaoapa, ndivyo ilivyo kwa wale wasioapa.
Nama qajeelaa fi jalʼaa, nama gaarii fi hamaa, nama qulqulluu fi xuraaʼaa, warra aarsaa dhiʼeessanii fi warra hin dhiʼeessine hunda galgalli isaanii tokkuma. Waanuma nama gaarii irra gaʼutu, cubbammaa irras gaʼa; waanuma warra kakuu seenan irra gaʼutu, warri kakuu seenuu sodaatan irra gaʼa.
3 Huu ni ubaya ulio katika kila kitu kinachotendeka chini ya jua: Mwisho unaofanana huwapata wote. Zaidi ya hayo, mioyo ya watu, imejaa ubaya na kuna wazimu mioyoni mwao wangali hai, hatimaye huungana na waliokufa.
Hamminni waan aduudhaa gaditti taʼu hunda keessa jiru kanaa dha: Galgalli nama hundaa tokkoo dha. Kana malees garaan namootaa hamminaan guutameera; bara jireenya isaanii keessas maraatummaatu garaa isaanii keessa jira; ergasii isaan warra duʼanitti dabalamu.
4 Yeyote aliye miongoni mwa walio hai analo tumaini, hata mbwa hai ni bora kuliko simba aliyekufa!
Namni warra lubbuun jiran hundatti dabalamu kam iyyuu abdii qaba. Leenca duʼee mannaa saree lubbuun jirtu wayyaatii!
5 Kwa maana walio hai wanajua kwamba watakufa, lakini wafu hawajui chochote, hawana tuzo zaidi, hata kumbukumbu yao imesahaulika.
Warri lubbuun jiran akka duʼan ni beekuutii; warri duʼan garuu homaa hin beekan; isaan siʼachi gatii hin qaban; yaadannoon isaanii iyyuu ni irraanfatama.
6 Upendo wao, chuki yao na wivu wao vimetoweka tangu kitambo, kamwe hawatakuwa tena na sehemu katika lolote linalotendeka chini ya jua.
Jaalalli isaanii, jibbi isaaniitii fi hinaaffaan isaanii erga badee tureera; isaan waan aduudhaa gaditti taʼu kam iyyuu keessatti lammata qooda hin qabaatan.
7 Nenda, kula chakula chako kwa furaha, unywe divai yako kwa moyo wa shangwe, kwa maana sasa Mungu anakubali unachofanya.
Sababii Waaqni waan ati hojjettetti gammadeef dhaqiitii nyaata kee gammachuudhaan nyaadhu; daadhii wayinii keetiis garaa gammadduun dhugi.
8 Daima uvae nguo nyeupe na daima upake kichwa chako mafuta.
Yeroo hunda uffata adii uffadhu; zayitiinis mataa kee irraa hin dhabamin.
9 Furahia maisha na mke wako, umpendaye, siku zote za maisha ya ubatili uliyopewa na Mungu chini ya jua, siku zote za ubatili. Kwa maana hili ndilo fungu lako katika maisha na katika kazi yako ya taabu chini ya jua.
Bara jireenyaa kan faayidaa hin qabne, kan Waaqni aduudhaa gaditti siif kenne kana hunda bara kee kan faayidaa hin qabne hunda keessatti haadha manaa kee kan jaallattu wajjin gammachuudhaan jiraadhu. Jireenyaa fi hojii ati aduudhaa gaditti itti dadhabde sanaaf qoodni kee kanumaatii.
10 Lolote mkono wako upatalo kufanya, fanya kwa nguvu zako zote, kwa kuwa huko kuzimu, unakokwenda, hakuna kufanya kazi wala mipango wala maarifa wala hekima. (Sheol h7585)
Waan harki kee hojjechuu dandaʼu hunda humna kee guutuudhaan hojjedhu; awwaala ati itti deemuuf jirtu keessa hojiin yookaan yaadni yookaan beekumsi yookaan ogummaan hin jiruutii. (Sheol h7585)
11 Nimeona kitu kingine tena chini ya jua: Si wenye mbio washindao mashindano au wenye nguvu washindao vita, wala si wenye hekima wapatao chakula au wenye akili nyingi wapatao mali, wala wenye elimu wapatao upendeleo, lakini fursa huwapata wote.
Ani aduudhaa gaditti waan biraa argeera: Fiigichi warra saffisaniif yookaan lolli irree jabeeyyiif miti; yookaan nyaanni ogeeyyiif yookaan qabeenyi hubattootaaf yookaan fudhatama argachuun beektotaaf miti; yeroo fi carraan hunda isaanii argata.
12 Zaidi ya hayo, hakuna mwanadamu ajuaye wakati saa yake itakapokuja: Kama vile samaki wavuliwavyo katika wavu mkatili, au ndege wanaswavyo kwenye mtego, vivyo hivyo wanadamu hunaswa na nyakati mbaya zinazowaangukia bila kutazamia.
Namni tokko iyyuu yeroon isaa yoom akka taʼe hin beeku: Akkuma qurxummiin kiyyoo hamaadhaan qabamu, yookaan akkuma simbirri kiyyoodhaan qabamtu sana namoonnis bara hamaa akkuma tasaa isaanitti dhufuun qabamu.
13 Pia niliona chini ya jua mfano huu wa hekima ambao ulinivutia sana:
Ani amma illee fakkeenya ogummaa kan akka malee na dinqisiise kana aduudhaa gaditti nan arge:
14 Palikuwa na mji mdogo uliokuwa na watu wachache ndani yake. Mfalme mwenye nguvu akainuka dhidi yake, akauzunguka akaweka jeshi kubwa dhidi yake.
Magaalaa xinnoo namoonni muraasni keessa jiraatan tokkotu ture. Mootiin jabaan tokkos isheetti baʼee marse; koobii biyyoo guddaa naannessee itti ijaare.
15 Katika mji huo kulikuwepo mtu mmoja maskini lakini mwenye hekima, naye akauokoa ule mji kwa hekima yake. Lakini hakuna aliyemkumbuka yule maskini.
Yeroo sanatti hiyyeessa ogeessa tokkotu magaalaa sana keessa jiraachaa ture; innis ogummaa isaatiin magaalattii baraare. Namni tokko iyyuu garuu hiyyeessa sana hin yaadanne.
16 Kwa hiyo, nikasema, “Hekima ni bora kuliko nguvu.” Lakini hekima ya maskini imedharauliwa, wala hakuna anayesikiliza maneno yake.
Kanaafuu ani, “Jabina irra ogummaa wayya” nan jedhe. Ogummaan hiyyeessa sanaa garuu ni tuffatame; dubbiin isaas fudhatama hin arganne.
17 Maneno ya utulivu ya mwenye hekima husikiwa kuliko makelele ya mtawala wa wapumbavu.
Iyya bulchaa gowwootaa irra hasaasa ogeessaatu dhagaʼama.
18 Hekima ni bora kuliko silaha za vita, lakini mwenye dhambi mmoja huharibu mema mengi.
Meeshaalee waraanaa irra ogummaa wayya; cubbamaan tokko garuu waan gaarii hedduu balleessa.

< Mhubiri 9 >