< Mhubiri 12 >

1 Mkumbuke Muumba wako siku za ujana wako, kabla hazijaja siku za taabu, wala haijakaribia miaka utakaposema, “Mimi sifurahii hiyo”:
Utuu guyyaan rakkinaa hin dhufin, utuu barri ati itti, “Ani itti hin gammadu” jettu hin gaʼin, bara dargaggummaa keetii keessa Uumaa kee yaadadhu;
2 kabla jua na nuru, nao mwezi na nyota havijatiwa giza, kabla ya kurudi mawingu baada ya mvua;
utuu aduu fi ifni, jiʼii fi urjiin hin dukkanaaʼin, utuu duumessi bokkaatti aanee hin deebiʼin,
3 siku ile walinzi wa nyumba watakapotetemeka, nao watu wenye nguvu watakapojiinamisha, wakati wasagao watakapokoma kwa sababu ya uchache, nao wachunguliao madirishani kutiwa giza;
yeroo itti eegdonni manaa hollatanii namoonni jajjaboon immoo gugguufanitti, yeroo itti warri midhaan daakan sababii muraasa taʼaniif hojii dhiisanii, kanneen foddaa keessaan ilaalan arguu dadhabanitti,
4 wakati milango ya kuingia barabarani itakapofungwa na sauti ya kusaga kufifia; wakati watu wataamshwa kwa sauti ya ndege, lakini nyimbo zao zote zikififia;
yeroo itti balballi daandii guddaatti geessu cufamee sagaleen dhagaa daakuu immoo gad buʼaa deemutti, yeroo itti namni waca simbirrootiin dammaqee sirbi ishee hundi garuu gad buʼaa deemutti,
5 wakati watu watakapoogopa kilichoinuka juu na hatari zitakazokuwepo barabarani; wakati mlozi utakapochanua maua na panzi kujikokota nawe usiwe na shauku ya kitu chochote. Ndipo mwanadamu aiendea nyumba yake ya milele nao waombolezaji wakizunguka barabarani.
yeroo itti namni lafa ol dheeraa fi balaa daandii irraa sodaatu, yeroo itti mukni lawuzii daraaru, yeroo itti korophisni tiratuu fi hawwiin nama keessaa badutti Uumaa kee yaadadhu. Ergasii namni mana isaa bara baraatti gala; warri booʼanis daandii irra deddeebiʼu.
6 Mkumbuke Muumba wako: kabla haijakatika kamba ya fedha, au bakuli la dhahabu halijavunjika; kabla mtungi kuvunjika kwenye chemchemi, au gurudumu kuvunjika kisimani,
Utuu funyoon meetii hin citin, yookaan utuu waciitiin warqee hin cabin isa yaadadhu; utuu okkoteen burqaa biratti hin caccabin, yookaan utuu geengoon ittiin bishaan warraaban boolla bishaanii biratti hin cabin,
7 nayo mavumbi kurudi ardhini yalikotoka, na roho kurudi kwa Mungu aliyeitoa.
utuu biyyoon lafa turetti hin deebiʼin, utuu hafuurris Waaqa isa kennetti hin deebiʼin isa yaadadhu.
8 Mhubiri asema, “Ubatili! Ubatili! Kila kitu ni ubatili!”
Lallabaanis, “Wanni hundi faayidaa hin qabu! Faayidaa hin qabu! Wanni hundi faayidaa hin qabu!” jedha.
9 Mhubiri hakuwa tu na hekima, bali aliwagawia watu maarifa pia. Alitafakari na kutafiti na akaweka katika utaratibu mithali nyingi.
Lallabaan sun ogeessa qofa utuu hin taʼin beekumsas namaaf ni qooda ture. Inni itti yaadee, qoratee fakkeenya baayʼee tartiibaan kaaʼeera.
10 Mhubiri alitafiti ili kupata maneno sahihi na kila alichoandika kilikuwa sawa na kweli.
Lallabaan kun jecha sirrii argachuuf jedhee qorate; wanni inni barreesses qajeelaa fi dhugaa dha.
11 Maneno ya wenye hekima ni kama mchokoro, mithali zao zilizokusanywa pamoja ni kama misumari iliyogongomewa ikawa imara, yaliyotolewa na Mchungaji mmoja.
Dubbiin ogeessaa akkuma meeshaa ittiin loon oofanii ti; jechi isaa kan walitti qabames akkuma mismaara jabeeffamee rukutamee ti; kanas tiksee tokkotu kenne.
12 Tena zaidi ya hayo, mwanangu, kubali maonyo, hakuna mwisho wa kutunga vitabu vingi, nako kusoma sana huuchosha mwili.
Yaa ilma ko, waan kana irraa hafe hunda of eeggadhu. Kitaaba hedduu barreessuun hojii dhuma hin qabnee dha; quʼannaan baayʼeenis nama dadhabsiisa.
13 Hii ndiyo jumla ya maneno; yote yamekwisha sikiwa: Mche Mungu, nawe uzishike amri zake, maana kwa jumla ndiyo impasayo mtu.
Amma wanni hundinuu dhagaʼameera; dhumni dubbii kunoo ti; Waaqa sodaadhuutii seera isaa eegi; wanni namni hojjechuu malu guddaan isa kanaatii.
14 Kwa maana Mungu ataleta hukumuni kila kazi, pamoja na kila neno la siri, likiwa jema au baya.
Waaqni hojii hunda, waan dhokfame hundas gaarii yookaan hamaa taanaan murtiitti dhiʼeessaatii.

< Mhubiri 12 >