< Mhubiri 1 >
1 Maneno ya Mhubiri, mwana wa Daudi, mfalme huko Yerusalemu:
Dubbii lallabaa ilma Daawit, isa Yerusaalem keessaatti mootii taʼe sanaa:
2 “Ubatili mtupu! Ubatili mtupu!” Mhubiri anasema. “Ubatili mtupu! Kila kitu ni ubatili.”
Lallabichi, “Faayidaa hin qabu! Faayidaa hin qabu! Guutumaan guutuutti faayidaa hin qabu! Wanni hundinuu faayidaa hin qabu” jedha.
3 Mwanadamu anafaidi nini kutokana na kazi yake yote anayotaabikia chini ya jua?
Namni hojii isaa kan aduudhaa gaditti itti dadhabu hunda keessaa, buʼaa maalii argata?
4 Vizazi huja na vizazi hupita, lakini dunia inadumu milele.
Dhaloonni ni dhufa; dhaloonni ni darba; lafti garuu bara baraan jiraatti.
5 Jua huchomoza na jua huzama, nalo huharakisha kurudi mawioni.
Biiftuun ni baati; biiftuun ni lixxi; gara baate sanatti deebiʼuufis ni ariifatti.
6 Upepo huvuma kuelekea kusini na kugeukia kaskazini, hurudia mzunguko huo huo, daima ukirudia njia yake.
Bubbeen gara kibbaatti bubbisa; gara kaabaattis ni deebiʼa; innis naannaʼuma naannaʼee deema; karaa isaa irras deddeebiʼa.
7 Mito yote hutiririka baharini, hata hivyo bahari kamwe haijai. Mahali mito inapotoka, huko hurudi tena.
Lagni hundi galaanatti yaaʼa; galaanni garuu hin guutu. Lageen garuma dhufanitti deebiʼanii yaaʼu.
8 Vitu vyote vinachosha, zaidi kuliko mtu anavyoweza kusema. Jicho kamwe halitosheki kutazama, wala sikio halishibi kusikia.
Wanni hundinuu hamma namni tokko dubbachuu dandaʼu caalaa dadhabsiisaa dha. Iji argee hin quufu; yookaan gurri dhagaʼee hin guutu.
9 Kile kilichokuwepo kitakuwepo tena, kile kilichofanyika kitafanyika tena, hakuna kilicho kipya chini ya jua.
Wanni duraan ture ammas ni taʼa; wanni duraan hojjetame ammas ni hojjetama; aduudhaa gaditti wanni haaraan tokko iyyuu hin jiru.
10 Kuna kitu chochote ambacho mtu anaweza kusema, “Tazama! Kitu hiki ni kipya”? Kilikuwepo tangu zamani za kale, kilikuwepo kabla ya wakati wetu.
Wanni namni tokko, “Ilaa! Wanni kun haaraa dha” jechuu dandaʼu kam iyyuu jiraa? Wanni kun duraanuu bara dheeraan dura as ture; bara keenyaan dura iyyuu asuma ture.
11 Hakuna kumbukumbu ya watu wa zamani, hata na wale ambao hawajaja bado hawatakumbukwa na wale watakaofuata baadaye.
Namoonni bara durii hin yaadataman; kanneen dhufuuf jiranis warra isaan duubaan dhufaniin hin yaadataman.
12 Mimi, Mhubiri, nilikuwa mfalme wa Israeli katika Yerusalemu.
Ani Lallabaan, Yerusaalem keessatti mootii Israaʼelin ture.
13 Nilitumia muda wangu wote kujifunza na kuvumbua kwa hekima yote yanayofanyika chini ya mbingu. Jinsi gani Mungu ameweka mzigo mzito juu ya wanadamu!
Ani waan samii gaditti hojjetame hunda ogummaadhaan quʼadhee qoradhee bira gaʼuuf of kenneen ture. Waaqni baʼaa ulfaataa akkamii nama irra kaaʼe!
14 Nimeshaona mambo yote yanayotendeka chini ya jua, hayo yote ni ubatili, hii ni kukimbiza upepo.
Ani waan aduudhaa gaditti hojjetame hunda argeera; hundi isaanii iyyuu faayidaa hin qaban; kun akkuma nama bubbee ariʼuu ti.
15 Kilichopindika hakiwezi kunyooshwa, kile ambacho hakipo haiwezekani kukihesabu.
Wanni jalʼifame tokko deebiʼee hin qajeelfamu; wanni hin jirres lakkaaʼamuu hin dandaʼu.
16 Niliwaza mwenyewe, “Tazama, nimekua na kuongezeka katika hekima kuliko yeyote aliyewahi kutawala Yerusalemu kabla yangu. Nimekuwa na uzoefu mkubwa wa hekima na maarifa.”
Anis akkana jedheen yaade; “Kunoo, ani nama anaan dura Yerusaalemin bulchaa ture kam iyyuu caalaa guddadhee ogummaas dabaladheera; ani muuxannoo ogummaatii fi beekumsaa guddaa argadheera.”
17 Ndipo nilipojitahidi kufahamu kutofautisha hekima, wazimu na upumbavu, lakini nikatambua hata hili nalo ni kukimbiza upepo.
Kanaafuu ani ogummaa, maraatummaa fi gowwummaa hubachuufin of kenne; garuu ani akka wanni kunis bubbee ariʼuu taʼe nan baradhe.
18 Kwa kuwa hekima nyingi huleta huzuni kubwa; maarifa yanapoongezeka, masikitiko yanaongezeka.
Ogummaa guddaa keessa gadda baayʼeetu jiraatii; akkuma beekumsi dabalamuun gaddis dabalama.