< Torati 25 >
1 Watu wanapokuwa na ugomvi, wapeleke mahakamani na waamuzi wataamua shauri hilo; watawaachia wasio na kosa na kuwahukumu wenye hatia.
Yoo namoonni lama wal dhabanii gara mana murtii dhufan, abbootiin seeraa isa qulqulluu gad dhiisanii isa yakka qabutti muruu qabu.
2 Kama mtu mwenye hatia anastahili kuchapwa, mwamuzi atamwamuru alale chini ili achapwe mbele yake idadi ya viboko kulingana na kosa lake,
Yoo namicha balleessaa qabu sanaaf garafamuun male abbaan murtii akka inni ciisu godhee fuula namichaa duratti lakkoobsa yakka isaatiif maluun isa haa garafsiisu;
3 lakini kamwe asichapwe zaidi ya viboko arobaini. Ikiwa atachapwa zaidi ya viboko arobaini, nduguyo atadhalilika machoni pako.
taʼus inni afurtama caalaa isa hin garafsiisin. Inni kana caalaa yoo garafame obboleessi kee fuula kee duratti ni qaanaʼa.
4 Usimfunge maksai kinywa anapopura nafaka.
Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin.
5 Ikiwa ndugu wanaishi pamoja na mmoja wao akafa bila kuacha mwana, kamwe mjane wake asiolewe nje ya jamaa hiyo. Ndugu wa mumewe atamchukua, amwoe na kutimiza wajibu wa shemeji kwake.
Yoo obboloonni wajjin jiraatanii isaan keessaa tokko utuu ilma hin dhalchin duʼe, niitiin isaa maatiidhaa alatti heerumuu hin qabdu. Waarsaan ishee ishee fuudhee niitii haa godhatu; waan waarsaan tokko guutuufii qabus isheedhaaf haa guutu.
6 Mwana wa kwanza atakayemzaa atapewa jina la ndugu aliyekufa ili jina lake lisifutike katika Israeli.
Akka maqaan isaa Israaʼel gidduudhaa hin badneef ilmi isheen deessu hangafni maqaa obboleessa duʼe sanaatiin haa waamamu.
7 Hata hivyo, ikiwa ndugu huyo wa mume hataki kuoa huyo mke wa nduguye, mjane atawaendea wazee kwenye lango la mji na kusema, “Ndugu wa mume wangu anakataa kuendeleza jina la nduguye katika Israeli. Hataki kutimiza wajibu wa shemeji kwangu.”
Taʼus yoo namichi sun niitii obboleessa isaa fuudhuu hin barbaanne isheen gara balbala magaalaatti maanguddoota bira dhaqxee, “Waarsaan koo maqaa obboleessa isaa Israaʼel keessatti waamsisuu dideera. Inni waan waarsaan tokko guutuu qabu naaf hin guutu” haa jettuun.
8 Ndipo wazee wa mji wake watamwita na kuzungumza naye. Kama atashikilia kukataa akisema, “Sitaki kumwoa,”
Ergasii maanguddoonni magaalaa isaatii waamanii isa haa haasofsiisan. Yoo inni yaada isaa geeddarachuu didee, “Ani ishee fuudhuu hin fedhu” jedhe,
9 mjane wa nduguye atamwendea mbele ya wazee, atamvua kiatu kimoja na kumtemea mate usoni, na kusema, “Hivi ndivyo ambavyo hufanywa kwa mtu ambaye atakataa kuendeleza jamaa ya ndugu yake.”
niitiin obboleessa isaa sun fuula maanguddootaa duratti gara isaa dhaqxee kophee miilla isaa tokko irraa baafti; fuula isaattis tuftee, “Nama obboleessa isaatiif mana hin dhaabne irratti waan akkanaatu raawwatama” haa jettu.
10 Jamaa ya mtu huyo itafahamika katika Israeli kama Jamaa ya Aliyevuliwa Kiatu.
Sanyiin nama sanaas Israaʼel keessatti, “Maatii kopheen irraa baafame” jedhamee waamama.
11 Ikiwa watu wawili wanapigana na mke wa mmoja wao akaja kumwokoa mumewe na yule anayemshambulia, naye mke huyo akifika na kumkamata sehemu za siri,
Yoo utuu namoonni lama wal lolanii, niitiin isa tokkoo dhuftee dhirsa ishee harka namicha isa tumaa jiru sanaatii baasuuf harka ishee hiixattee saala namichaa qabde,
12 huyo mwanamke utamkata mkono wake. Usimhurumie.
ati harka ishee irraa muri. Garaa hin laafiniif.
13 Usiwe na mawe ya kupimia ya aina mbili katika mkoba wako, moja zito na jingine jepesi.
Korojoo kee keessaa madaaliiwwan wal caalan lama jechuun tokko ulfaataa tokko immoo kan hin ulfaanne hin qabaatin.
14 Usiwe na vipimo viwili tofauti katika nyumba yako, kimoja kikubwa, kingine kidogo.
Mana kee keessaa safartuuwwan garaa garaa lama jechuunis tokko guddaa tokko immoo xinnaa hin qabaatin.
15 Ni lazima uwe na uzito na vipimo sahihi na vya haki, ili upate kuishi maisha marefu katika nchi anayokupa Bwana Mungu wako.
Ati akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf madaalii fi safartuu qajeelaa fi amanamaa taʼe qabaadhu.
16 Kwa maana Bwana Mungu wako humchukia yeyote ambaye hufanya mambo kama haya, yeyote anayetenda kwa udanganyifu.
Waaqayyo Waaqni kee nama waan akkasii hojjetu kam iyyuu, nama jalʼina hojjetu kam iyyuus ni balfaatii.
17 Kumbuka kile Waamaleki walichowatendea mlipokuwa njiani mkitoka Misri.
Waan Amaaleqoonni yeroo ati Gibxii baatu karaa irratti si godhan sana yaadadhu.
18 Wakati mlipokuwa mmechoka na kuishiwa nguvu kwa safari yenu, wakawapiga wale wote waliokuja nyuma. Waamaleki hawakumwogopa Mungu.
Isaan yeroo ati dadhabdee bututtee turtetti karaa irratti si argatanii warra duubaan tirachaa turan hunda ajjeesan; Waaqas hin sodaanne.
19 Bwana Mungu wako atakapokupa pumziko mbali na adui zako wote wanaokuzunguka katika nchi akupayo kuimiliki kuwa urithi, utafutilia mbali kumbukumbu lote la Waamaleki chini ya mbingu. Usisahau!
Yommuu Waaqayyo Waaqni kee biyya dhaala godhee siif kennu keessatti diinota naannoo keetii irraa boqonnaa siif kennutti, yaadannoo Amaaleq samii jalaa balleessi. Waan kana hin dagatin!