< Torati 23 >
1 Asiingie mtu yeyote aliyehasiwa kwa kupondwa makende au kwa kukatwa uume wake katika kusanyiko la Bwana.
Namni kolaafame yookaan dhagni saala isaa irraa murame kam iyyuu waldaa Waaqayyoo hin seenin.
2 Mtu yeyote ambaye amezaliwa kwenye ndoa isiyo halali au wazao wake wasiingie kwenye kusanyiko la Bwana, hata mpaka kizazi cha kumi.
Namni haraamuudhaan dhalate yookaan sanyiin isaa kam iyyuu hamma dhaloota kurnaffaatti waldaa Waaqayyoo hin seenin.
3 Hapatakuwa na Mwamoni au Mmoabu au yeyote wa wazao wao atakayeruhusiwa kuingia katika kusanyiko la Bwana, hata mpaka kizazi cha kumi.
Namni gosa Amoon yookaan gosa Moʼaab yookaan sanyiin isaa kam iyyuu hamma dhaloota kurnaffaatti waldaa Waaqayyoo hin seenin.
4 Kwa kuwa hawakuja kuwalaki wakiwa na mkate na maji mlipokuwa njiani mlipotoka Misri, tena walimwajiri Balaamu mwana wa Beori kutoka Pethori iliyoko Aramu-Naharaimu ili kuwalaani ninyi.
Isaan yeroo ati Gibxii baatetti karaa irratti buddeenaan yookaan bishaaniin si hin simanne; qooda kanaa akka inni si abaaruuf Balaʼaam ilma Beʼoor namicha biyya Phetoor ishee Phaadaan Arraamitti argamtu sana keessa jiraatu sitti bitan.
5 Hata hivyo, Bwana Mungu wenu hakumsikiliza Balaamu bali aligeuza laana kuwa baraka kwenu kwa sababu Bwana Mungu wenu anawapenda.
Taʼus Waaqayyo Waaqni kee abaarsa sana eebbatti siif geeddare malee Balaʼaamin hin dhageenye; Waaqayyo Waaqni kee si jaallataatii.
6 Msitafute mapatano ya urafiki nao maisha yenu yote.
Ati hamma lubbuudhaan jirtutti akka isaan nageenyaa fi badhaadhummaa qabaatan hin barbaadin.
7 Usimchukie Mwedomu, kwa kuwa yeye ni ndugu yako. Usimchukie Mmisri, kwa sababu uliishi kama mgeni katika nchi yake.
Waan inni obboleessa kee taʼeef nama gosa Edoom hin tuffatin. Ati sababii akka alagaatti biyya isaa keessa jiraatteef nama Gibxi hin tuffatin.
8 Kizazi cha tatu cha watoto watakaozaliwa nao wanaweza kuingia katika kusanyiko la Bwana.
Ijoolleen dhaloota sadaffaa kanneen isaaniif dhalatan waldaa Waaqayyoo seenuu ni dandaʼu.
9 Unapokuwa umepiga kambi dhidi ya adui zako, jitenge na kitu chochote kisicho safi.
Yommuu diinota kee loluuf baatutti xuraaʼummaa hunda irraa of eegi.
10 Ikiwa mtu amechafuka kwa sababu ya kutokwa na shahawa usiku, inampasa atoke nje ya kambi na kukaa huko.
Namni tokko yoo halkan afeetaa dhangalaasuudhaan of xureesse inni qubata keessaa gad baʼee ala haa turu.
11 Lakini jioni ikikaribia ataoga, na baada ya jua kuzama ataingia tena kambini.
Gara galgalaa garuu dhiqatee yeroo aduun dhiitutti gara qubataatti haa deebiʼu.
12 Tengeni mahali nje ya kambi ambapo mnaweza kwenda kujisaidia.
Ati qubataan alatti lafa itti gad baatu qopheeffadhu.
13 Kama sehemu ya vifaa vyenu kuweni na kitu cha kulimia, nanyi mnapojisaidia, chimba shimo na kisha funika kile kikutokacho.
Meeshaa kee keessaa waan ittiin lafa qottu qabaadhu; ati yommuu gad teessee kaatutti boolla qotiitii biyyoo itti deebisi.
14 Kwa kuwa Bwana Mungu wenu hutembea katika kambi yenu ili kuwalinda na kuwaweka adui zenu mikononi mwenu. Kambi yenu ni lazima iwe takatifu, ili asione kitu chochote miongoni mwenu kilicho kichafu akageuka na kuwaacha.
Waaqayyo Waaqni kee si eeguu fi diinota kee dabarsee sitti kennuudhaaf qubata kee keessa deddeebiʼaatii; akka inni gidduu keetti waan xuraaʼaa argee sirraa hin deebineef qubanni kee qulqulluu taʼuu qaba.
15 Ikiwa mtumwa amekimbilia kwako, usimrudishe kwa bwana wake.
Yoo garbichi tokko kooluu sitti gale, ati dabarsitee gooftaa isaatti isa hin kennin.
16 Mwache aishi miongoni mwenu mahali popote anapopapenda na katika mji wowote anaochagua. Usimwonee.
Inni gidduu kee lafa jaallatee fi magaalaa filate keessa haa jiraatu. Atis isa hin cunqursin.
17 Asiwepo Mwisraeli mwanamke kahaba au mwanaume hanithi wa mahali pa kuabudia miungu.
Dhiirri yookaan dubartiin Israaʼel kam iyyuu sagaagaltuu mana waaqa tolfamaa hin taʼin.
18 Kamwe usilete mapato ya ukahaba ikiwa ni ya mwanamke au ni ya mwanaume katika nyumba ya Bwana Mungu wako kwa ajili ya nadhiri yoyote, kwa sababu Bwana Mungu wako anachukizwa na yote mawili.
Dubartii yookaan dhiira sagaagalu tokko irraa akka galchaatti kennaa fuutee mana Waaqayyo Waaqa keetiitti hin fidin; lachan isaanii iyyuu fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti jibbisiisoo dhaatii.
19 Usimtoze ndugu yako riba, iwe ni fedha ama chakula ama kitu kingine chochote ambacho waweza kupata riba juu yake.
Ati maallaqa yookaan nyaata yookaan waan dhala argamsiisu kam iyyuu dhalaan obboleessa keetiif hin liqeessin.
20 Unaweza kumtoza mgeni riba, lakini siyo nduguyo Mwisraeli, ili kwamba Bwana Mungu wako akubariki katika kila kitu unachoweka mkono katika nchi unayoingia kuimiliki.
Ati nama ormaa irraa dhala gaafachuu ni dandeessa; garuu akka Waaqayyo Waaqni kee biyya ati dhaaluuf itti galtutti waan harki kee tuqe hundaan si eebbisuuf obboleessa kee irraa dhala hin fudhatin.
21 Ukiweka nadhiri kwa Bwana Mungu wako, usichelewe kuitimiza, kwa kuwa Bwana Mungu wako atakudai, nawe utakuwa na hatia ya dhambi.
Ati yoo Waaqayyo Waaqa keetiif wareega tokko wareegde, sababii Waaqayyo Waaqni kee cimsee waan sana sirraa barbaaduuf akka cubbuu sitti hin taaneef dafiitii of irraa baasi malee lafa irra hin harkisin.
22 Lakini ukijizuia kuweka nadhiri, hutakuwa na hatia.
Yoo wareeguu baatte garuu ati cubbamaa hin taatu.
23 Chochote kitakachotamkwa kwa midomo yako ni lazima uhakikishe umekifanya, kwa sababu uliweka nadhiri yako kwa hiari mbele za Bwana Mungu wako kwa kinywa chako mwenyewe.
Waan arrabni kee dubbate gochuuf of eeggadhu; afaanuma keetiin jaallattee Waaqayyo Waaqa keetiif wareegdeertaatii.
24 Kama ukiingia katika shamba la mizabibu la jirani yako, unaweza kula zabibu kadiri utakavyo, lakini usiweke chochote kwenye kikapu chako.
Ati yoo iddoo dhaabaa wayinii ollaa keetii keessa seente, ija feete hunda nyaadhu; garuu tokko illee guuboo kee keessa hin kaaʼatin.
25 Kama ukiingia katika shamba la nafaka la jirani yako, unaweza kukwanyua kwa mikono yako, lakini usikate kwa mundu nafaka iliyosimama.
Yoo lafa qotiisaa midhaan ollaa keetii keessa seente, asheetii cirachuu ni dandeessa; garuu midhaan isaa kan dhaabatutti haamtuu kee hin buusin.