< Danieli 7 >

1 Katika mwaka wa kwanza wa utawala wa Belshaza mfalme wa Babeli, Danieli aliota ndoto, nayo maono yakapita mawazoni yake alipokuwa amelala kitandani mwake. Akayaandika mambo aliyoyaona katika ndoto yake.
Bara Beelshaazaar mootii Baabilon keessa waggaa tokkoffaatti Daaniʼel utuu siree isaa irra ciisee jiruu abjuu fi mulʼata arge. Abjuu sanas barreessee waan arges ibse.
2 Danieli akasema: “Katika maono yangu usiku nilitazama, na hapo mbele yangu kulikuwepo na upepo kutoka pande nne za mbingu, ukivuruga bahari kuu.
Daaniʼel akkana jedhe; “Ani halkan sana mulʼata koo keessatti nan ilaale; kunoo qilleensonni samii afran fuula koo duratti galaana guddaa raasaa turan.
3 Wanyama wanne wakubwa, kila mmoja tofauti na mwenzake, wakajitokeza kutoka bahari.
Bineensonni gurguddaan tokkoon tokkoon isaanii wal hin fakkaanne afur galaana sana keessaa ol baʼan.
4 “Mnyama wa kwanza alifanana na simba, naye alikuwa na mabawa kama ya tai. Nikatazama mpaka mabawa yake yalipongʼolewa, naye akainuliwa katika nchi, akasimama kwa miguu miwili kama mwanadamu, naye akapewa moyo wa binadamu.
“Inni jalqabaa leenca fakkaata ture; qoochoowwan risaa qaba ture. Anis hamma qoochoowwan isaa irraa bubuqqaʼanitti nan ilaale; innis lafaa ol qabamee akkuma namaa miilla lamaan dhaabate; qalbiin namaas ni kennameef.
5 “Hapo mbele yangu kulikuwa na mnyama wa pili, ambaye alionekana kama dubu. Upande wake mmoja ulikuwa umeinuka, na alikuwa na mbavu tatu katika kinywa chake kati ya meno yake. Akaambiwa, ‘Amka, ule nyama mpaka ushibe!’
“Kunoo bineensi lammaffaan amaaketa fakkaatu fuula koo dura ture. Innis cinaacha isaa tokkoon ol jedhee ture; afaan isaa keessatti ilkaan isaa gidduutti lafee cinaachaa sadii qabatee ture. Bineensa sanaanis, ‘Kaʼiitii hamma quuftutti foon nyaadhu!’ jedhan.
6 “Baada ya huyo, nilitazama, na mbele yangu kulikuwa na mnyama mwingine, aliyefanana na chui. Juu ya mgongo wake alikuwa na mabawa manne kama ya ndege. Mnyama huyu alikuwa na vichwa vinne, naye akapewa mamlaka ya kutawala.
“Ergasii ani nan ilaale; fuula koo duras bineensa biraa kan qeerransa fakkaatuttu ture. Dugda isaa irras qoochoo akka qoochoo simbirroo afurtu ture. Bineensi kun mataa afur qaba ture; akka bulchuufis aangoon isaa kenname.
7 “Baada ya huyo, katika maono yangu usiku nilitazama, na mbele yangu kulikuwa na mnyama wa nne, mwenye kutisha na kuogofya, tena mwenye nguvu nyingi. Alikuwa na meno makubwa ya chuma; akapondaponda na kuangamiza wahanga wake, na kukanyaga chini ya nyayo zake chochote kilichosalia. Alikuwa tofauti na wanyama wote waliotangulia, naye alikuwa na pembe kumi.
“Ergasiis ani halkan keessa mulʼata nan arge; kunoo fuula koo dura bineensa afuraffaa akka malee jabaa, sodaachisaa nama rifachiisu tokkotu ture. Innis ilkaan sibiilaa dheeraa qaba ture; innis waan qabate caccabsee nyaatee kan hafe immoo miilla isaa jalatti dhidhiita ture. Bineensi kun bineensota duraan turaniin adda taʼee gaanfa kudhan qaba ture.
8 “Wakati nilipokuwa ninafikiri kuhusu pembe hizo, mbele yangu kulikuwa na pembe nyingine, ambayo ni ndogo, iliyojitokeza miongoni mwa zile kumi; pembe tatu za mwanzoni zilingʼolewa ili kuipa nafasi hiyo ndogo. Pembe hii ilikuwa na macho kama ya mwanadamu, na mdomo ulionena kwa majivuno.
“Utuu ani waaʼee gaanfawwan sanaa yaadaa jiruu gaanfi xinnaan isaan gidduudhaa baʼe biraa tokko fuula koo duratti mulʼate; gaanfawwan jalqabaa keessaa sadan isaanii fuula isaa duratti bubuqqaʼan. Gaanfi kunis ija ija namaa fakkaatuu fi afaan of tuulummaadhaan dubbatu qaba ture.
9 “Nilipoendelea kutazama, “viti vya enzi vikawekwa, naye Mzee wa Siku akaketi. Mavazi yake yalikuwa meupe kama theluji; nywele za kichwa chake zilikuwa nyeupe kama sufu. Kiti chake cha enzi kilikuwa kinawaka kwa miali ya moto, nayo magurudumu yake yote yalikuwa yanawaka moto.
“Utuma ani ilaaluu, “Teessoowwan iddoo iddoo isaanii kaaʼaman; Inni Bara Durii teessoo isaa irra taaʼe. Uffanni Isaa adii akka cabbii ture; rifeensi mataa isaa qulqulluu akka suufii ture. Teessoon Isaa akka arraba ibiddaa, geengoowwan isaa hundinuus akka ibidda bobaʼaa jiruu turan.
10 Mto wa moto ulikuwa unatiririka, ukipita mbele yake. Maelfu elfu wakamhudumia; kumi elfu mara kumi elfu wakasimama mbele zake. Mahakama ikakaa kuhukumu, na vitabu vikafunguliwa.
Lagni ibiddaa tokko fuula isaa duraa ni yaaʼa ture. Kumni kumaatamni irratti isa tajaajilu turan; kumni kudhan kan yeroo kuma kudhan baayʼatan fuula isaa dura dhaabatanii turan. Dhaddachi taaʼamee ture; kitaabonnis banamanii turan.
11 “Kisha nikaendelea kutazama kwa sababu ya yale maneno ya majivuno yaliyosemwa na ile pembe. Nikaendelea kuangalia mpaka yule mnyama alipouawa, na mwili wake ukaharibiwa na kutupwa katika ule moto uliowaka.
“Ani sababii dubbii of tuulummaa gaanfi sun dubbachaa jiruutiif ilaaluu koo ittan fufe. Anis amma illee ittuma fufee hamma bineensi sun qalamee dhagni isaa barbadaaʼee ibidda bobaʼutti darbatamutti nan ilaale.
12 (Wanyama wengine walikuwa wamevuliwa mamlaka yao, lakini waliruhusiwa kuishi kwa muda fulani.)
Bineensota kaan irraa immoo aangoon isaanii ni fudhatame; garuu akka isaan yeroof jiraatan ni eeyyamameef.
13 “Katika maono yangu ya usiku nilitazama, na mbele yangu nikamwona anayefanana na mwanadamu, akija pamoja na mawingu ya mbinguni. Akamkaribia huyo Mzee wa Siku, na akaongozwa mbele zake.
“Anis mulʼata halkaniitiin nan ilaale; kunoo fuula koo dura ilma namaa kan fakkaatu tokkotu duumessa samiitiin dhufaa ture. Innis gara Isa Bara Duriitti dhufe; fuula isaa durattis isa dhiʼeessan.
14 Akapewa mamlaka, utukufu na ufalme wenye nguvu; nao watu wa kabila zote, mataifa, na watu wa kila lugha wakamwabudu. Utawala wake ni utawala wa milele ambao hautapita, nao ufalme wake ni ule ambao kamwe hautaangamizwa.
Isaafis taayitaan, ulfinnii fi mootummaan ni kenname; uummanni hundi, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatanis isa waaqeffatan. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa kan hin dabarree dha; mootummaan isaas kan gonkumaa hin badnee dha.
15 “Mimi, Danieli, nilipata mahangaiko rohoni, nayo maono yale yaliyopita ndani ya mawazo yangu yalinisumbua.
“Ani Daaniʼel hafuura kootiin nan jeeqame; mulʼanni ani arges akka malee na sodaachise.
16 Nikamkaribia mmoja wa wale waliosimama pale na kumuuliza maana halisi ya haya yote. “Basi akaniambia na kunipa tafsiri ya vitu hivi:
Anis warra achi dhadhaabachaa turan keessaa isa tokkotti dhiʼaadhee hiikkaa dhugaa kan waan kana hundaa nan gaafadhe. “Kanaafuu inni natti himee akkana jedhee hiikkaa waan kanaa anaaf ibse:
17 ‘Hao wanyama wanne wakubwa ni falme nne zitakazoinuka duniani.
‘Bineensonni gurguddaan afran mootota afran kaʼanii lafa irratti moʼanii dha.
18 Lakini watakatifu wa Yeye Aliye Juu Sana watapokea ufalme na kuumiliki milele: naam, milele na milele.’
Garuu qulqulloonni Waaqa Waan Hundaa Olii mootummaa sana ni fudhatu; bara baraanis ni fudhatu; eeyyee, bara baraa hamma bara baraatti ni dhaalu.’
19 “Kisha nilitaka kufahamu maana ya kweli ya mnyama yule wa nne, ambaye alikuwa tofauti na wale wengine wote, tena wa kutisha sana, na meno yake ya chuma na makucha ya shaba: mnyama ambaye alipondaponda na kuangamiza wahanga wake, na kukanyaga chochote kilichosalia.
“Ergasiis ani hiikkaa dhugaa kan bineensa afuraffaa isa bineensota kaan irraa adda taʼee ilkaan sibiilaatii fi qeensa naasii qabu kan akka malee sodaachisaa taʼe kan waan qabate nyaatuu fi waan hafe immoo miilla isaa jalatti dhidhiitu sanaa beekuu nan barbaade.
20 Pia mimi nilitaka kujua kuhusu zile pembe kumi juu ya kichwa chake, na pia kuhusu ile pembe nyingine iliyojitokeza, ambayo mbele yake zile tatu za mwanzoni zilianguka, ile pembe ambayo ilionekana kuvutia macho zaidi kuliko zile nyingine, na ambayo ilikuwa na macho na kinywa kilichonena kwa majivuno.
Akkasumas waaʼee gaanfawwan kurnan mataa isaa irra jiraniitii fi gaanfa baʼe inni biraa kan isaan kaan fuula isaa duratti kufanii, isa hunda isaanii caalu kan ijaa fi afaan ittiin of jajaa dubbatu qabu sanaa beekuu nan barbaade.
21 Nilipoendelea kutazama, pembe hii ilikuwa inapigana vita dhidi ya watakatifu na kuwashinda,
Gaanfi kunis utuma ani arguu qulqulloota irratti waraana labsee isaan moʼachaa ture;
22 mpaka huyo Mzee wa Siku alipokuja na kutamka hukumu kwa kuwapa ushindi watakatifu wa Yeye Aliye Juu Sana, na wakati ukawadia walipoumiliki ufalme.
kunis hamma Inni Bara Durii dhufee qulqulloota Waaqa Waan Hundaa Oliitiif murutti ture; yeroon itti qulqulloonni mootummaa dhaalanis ni dhufe.
23 “Alinipa maelezo haya: ‘Mnyama wa nne ni ufalme wa nne ambao utatokea duniani. Utakuwa tofauti na falme nyingine zote, nao utaharibu dunia nzima, ukiikanyaga chini na kuipondaponda.
“Innis akkana naan jedhe: ‘Bineensi afuraffaan sun mootummaa afuraffaa lafa irratti mulʼatuu dha. Inni mootummoota kaan hunda irraa adda; guutummaa lafaa barbadeessee gad dhidhiitee daaraa godha.
24 Zile pembe kumi ni wafalme kumi watakaotokana na ufalme huu. Baada yao mfalme mwingine atainuka, ambaye atakuwa tofauti na wale waliotangulia, naye atawaangusha wafalme watatu.
Gaanfawwan kurnan mootota kurnan mootummaa kana keessaa dhufanii dha. Isaan booddees mootiin biraa kan warra duraa irraa adda taʼe tokko ni kaʼa; innis mootota sadii of jala galfata.
25 Atanena maneno kinyume cha Yeye Aliye Juu Sana na kuwaonea watakatifu wake, huku akijaribu kubadili majira na sheria. Watakatifu watatiwa chini ya mamlaka yake kwa wakati, nyakati mbili, na nusu wakati.
Inni Waaqa Waan Hundaa Olii mormuudhaan qulqulloota isaa cunqursee yeroo murteeffameef seera illee geeddaruuf yaala. Qulqulloonnis bara tokkoof, bara lamaa fi walakkaa baraatiif dabarfamanii harka isaatti ni kennamu.
26 “‘Lakini mahakama itakaa kuhukumu, nayo mamlaka yake yataondolewa na kuangamizwa kabisa milele.
“‘Garuu dhaddachi ni taaʼama; aangoon isaas irraa fudhatamee inni bara baraan guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.
27 Ndipo ufalme, mamlaka na ukuu wa falme chini ya mbingu yote utakabidhiwa kwa watakatifu, watu wa Yeye Aliye Juu Sana. Ufalme wake utakuwa ufalme wa milele, nao watawala wote watamwabudu na kumtii yeye.’
Ergasiis gooftummaan, humnii fi guddinni mootummootaa guutummaa samii gaditti qulqulloota, Waaqa Waan Hundaa Oliitiif ni kennamu. Mootummaan isaas mootummaa bara baraan itti fufuu dha; bulchitoonni hundinuu isa waaqeffatu; ni ajajamuufis.’
28 “Huu ndio mwisho wa jambo lile. Mimi Danieli nilitaabika sana katika mawazo yangu, nao uso wangu ukabadilika, lakini nililiweka jambo hilo moyoni mwangu.”
“Dhumni waan sanaa kana. Ani Daaniʼel yaada kootiin akka malee nan dhiphadhe; fuulli koo ni geeddarame; ani garuu waan sana garaa kootti qabadheen ture.”

< Danieli 7 >