< Amosi 7 >
1 Hili ndilo alilonionyesha Bwana Mwenyezi katika maono: Alikuwa anaandaa makundi ya nzige baada ya kuvunwa fungu la mfalme na wakati ule tu mimea ya pili ilipokuwa ikichipua.
Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise: Inni erga qoodni mootichaa haamamee booddee, utuma midhaan lammaffaan gaʼaa jiruu tuuta hawwaannisaa qopheesse.
2 Wakati nzige walikuwa wamekula mimea yote ya nchi, nililia kwa sauti kuu, “Bwana Mwenyezi, samehe! Je, Yakobo atawezaje kuendelea kuishi? Yeye ni mdogo sana!”
Anis erga hawwaannisni sun lafa barbadeessee booddee, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, nuuf araarami! Yaaqoob akkamiin dandaʼee badiisa irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!” jedheen iyye.
3 Kwa hiyo Bwana akaghairi. Kisha Bwana akasema, “Hili halitatokea.”
Kanaafuu Waaqayyo ni gaabbe. Waaqayyos, “Wanni kun hin taʼu” jedhe.
4 Hili ndilo Bwana Mwenyezi alilonionyesha katika maono: Bwana Mwenyezi alikuwa akiita hukumu ya moto; nao ulikausha vilindi vikuu, ukateketeza nchi.
Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise; Waaqayyo Gooftaan murtii kennuuf ibidda waamaa ture; ibiddi sunis tuujuba guddaa gogsee lafas ni barbadeesse.
5 Ndipo nikalia, “Bwana Mwenyezi, nakusihi, zuia! Je, Yakobo atawezaje kuendelea kuishi? Yeye ni mdogo sana!”
Kana irratti ani, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani sin kadhadhaa, waan kana nurraa dhaabi! Yaaqoob akkamiin waan kana irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!” jedheen iyye.
6 Kwa hiyo Bwana akaghairi. Bwana Mwenyezi akasema, “Hili nalo halitatokea.”
Kanaafuu Waaqayyo ni gaabbe. Waaqayyo Gooftaan, “Wanni kunis hin taʼu” jedhe.
7 Hili ndilo alilonionyesha katika maono: Bwana alikuwa amesimama karibu na ukuta ambao ulikuwa umejengwa kwa timazi, akiwa na uzi wa timazi mkononi mwake.
Inni waan kana na argisiise: Gooftaan tumbii harkatti qabatee dallaa tumbiidhaan ijaarame bira dhaabachaa ture.
8 Naye Bwana akaniuliza, “Je, Amosi unaona nini?” Nikamjibu, “Uzi wa timazi.” Kisha Bwana akasema, “Tazama, ninaweka uzi wa timazi miongoni mwa watu wangu Israeli; sitawahurumia tena.
Waaqayyos, “Amoos, ati maal arguutti jirta?” jedhee na gaafate. Anis, “Tumbii nan arga” jedheen deebise. Gooftaanis akkana naan jedhe; “Kunoo ani saba koo Israaʼel gidduu tumbii tokko nan kaaʼa; ani siʼachi isaan hin baraaru.
9 “Mahali pa Isaki pa juu pa kuabudia miungu pataangamizwa, na mahali patakatifu pa Israeli pa kuabudia pataharibiwa; kwa upanga wangu nitainuka dhidi ya nyumba ya Yeroboamu.”
“Iddoowwan sagadaa Yisihaaq ni barbadaaʼu; iddoon qulqulluun Israaʼelis ni ona; ani goraadee kootiin mana Yerobiʼaamitti nan kaʼa.”
10 Kisha Amazia kuhani wa Betheli akatuma ujumbe kwa Yeroboamu mfalme wa Israeli, akisema: “Amosi analeta fitina juu yako katikati ya Israeli. Nchi haiwezi kuvumilia maneno yake yote.
Ergasii Amasiyaa lubni Beetʼeel akkana jedhee Yerobiʼaam mooticha Israaʼelitti ergaa tokko erge; “Amoos garaa Israaʼel keessatti sitti malateera. Dubbii isaa hunda lafti iyyuu baachuu hin dandeessu.
11 Kwa kuwa hili ndilo Amosi analosema: “‘Yeroboamu atakufa kwa upanga, na kwa hakika Israeli watakwenda uhamishoni, mbali na nchi yao.’”
Amoos akkana jedheeraatii: “‘Yerobiʼaam goraadeedhaan duʼa; Israaʼelis dhugumaan boojiʼamee biyya isaatii ni fudhatama.’”
12 Kisha Amazia akamwambia Amosi, “Nenda zako, ewe mwonaji! Urudi katika nchi ya Yuda. Ujipatie riziki yako huko na kutoa unabii wako.
Kana irratti Amasiyaan Amoosiin akkana jedhe; “Yaa ilaaltuu nana, sokki! Biyya Yihuudaatti deebiʼi. Achitti buddeena nyaadhu; raajiis dubbadhu.
13 Usiendelee kutoa unabii katika Betheli, kwa sababu hapa ni mahali pa mfalme pa kuabudia na Hekalu la ufalme huu.”
Sababii inni iddoo qulqulluu mootichaatii fi mana qulqullummaa mootummaa taʼeef ati lammata Beetʼeel keessatti raajii hin dubbatin.”
14 Amosi akamjibu Amazia, “Mimi sikuwa nabii wala mwana wa nabii, lakini nilikuwa mchungaji wa kondoo na mtunza mikuyu.
Amoos immoo akkana jedhee Amasiyaaf deebise; “Ani raajii yookaan ilma raajii miti; garuu ani tiksee fi eegduu muka harbuun ture.
15 Lakini Bwana akanitoa kutoka kuchunga kondoo na kuniambia, ‘Nenda, ukawatabirie watu wangu Israeli.’
Waaqayyo garuu tika bushaayee keessaa na fuudhee, ‘Dhaqii saba koo Israaʼelitti raajii dubbadhu’ naan jedhe.
16 Sasa basi, sikieni neno la Bwana. Ninyi mnasema, “‘Usitabiri dhidi ya Israeli, na uache kuhubiri dhidi ya nyumba ya Isaki.’
Egaa amma dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Ati akkana jetta; “‘Ati Israaʼeliin mormuudhaan raajii hin dubbatin; mana Yisihaaq mormuudhaan lallabuu dhiisi.’
17 “Kwa hiyo hili ndilo asemalo Bwana: “‘Mke wako atakuwa kahaba mjini, nao wana wako na binti zako watauawa kwa upanga. Shamba lako litapimwa na kugawanywa, na wewe mwenyewe utafia katika nchi ya kipagani. Nayo Israeli kwa hakika itakwenda uhamishoni, mbali na nchi yao.’”
“Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “‘Niitiin kee magaalaa keessatti sagaagaltuu taati; ilmaan keetii fi intallan kee goraadeedhaan dhumu. Biyyi kee safaramtee gargar qoodamti; ati mataan kee iyyuu biyya ormaatti duuta. Israaʼel dhugumaan boojiʼamee biyya isaatii ni fuudhama.’”