< 2 Samweli 8 >

1 Baada ya muda, Daudi akawashinda Wafilisti na kuwatiisha, naye akautwaa Metheg-Amma kutoka mikononi mwa Wafilisti.
Ergasii Daawit Filisxeemota moʼatee of jala isaan galfate; magaalaa Meeteeg Amaa jedhamtus harka Filisxeemotaatii baasee fudhate.
2 Pia Daudi akawashinda Wamoabu. Akawafanya walale chini kwa mstari akawapima kwa urefu wa kamba. Kila alipopima urefu wa hiyo kamba mara mbili hilo kundi waliuawa na alipopima mara ya tatu aliwaacha hai. Kwa hiyo Wamoabu wakawa chini ya Daudi nao wakamletea kodi.
Daawit Moʼaabotas ni moʼate. Lafa irra tarree ciibsees funyoon isaan safare. Kanneen tarree galan keessaas funyoo lama lama safaree ajjeese; kanneen funyoo tokko tokko safare immoo akka isaan jiraatan eeyyameef. Kanaafuu Moʼaabonni Daawit jalatti bulanii gibira fidaniif.
3 Zaidi ya hayo, Daudi akapigana na Hadadezeri mwana wa Rehobu, mfalme wa Soba, alipokwenda kurudisha tena utawala wake kwenye eneo la Mto Frati.
Kana irrattis Daawit yeroo Laga Efraaxiis bira yaadannoo ofii deebisee dhaabbachuu dhaqetti mooticha Zoobaa, Hadaadezer ilma Rehoob moʼate.
4 Daudi akateka magari yake ya vita 1,000, askari wapanda farasi 7,000 na askari 20,000 watembeao kwa miguu. Daudi akawakata wale farasi wote wakokotao magari mishipa ya miguu, isipokuwa farasi 100 hakuwakata.
Daawitis gaariiwwan waraanaa isaa kuma tokko, abbootii fardaa kuma torbaa fi loltoota lafoo kuma digdama isa irraa fudhate. Innis fardeen gaariiwwanii dhibba tokko qofa hambisee kanneen hafan hunda mogolee kukkute.
5 Waaramu wa Dameski walipokuja kumsaidia Hadadezeri mfalme wa Soba, Daudi akawashambulia na kuwaua 22,000 miongoni mwao.
Yeroo warri Sooriyaa kanneen Damaasqoo jiraatan Hadaadezer mooticha Zoobaa gargaaruuf dhufanittis Daawit isaan keessaa nama kuma digdamii lama fixe.
6 Daudi akaweka askari walinzi katika ufalme wa Waaramu huko Dameski, nao Waaramu wakawa watumwa wake na kumlipa ushuru. Bwana akampa Daudi ushindi kote alipokwenda.
Ergasiis kutaa bulchiinsa Damaasqoo kan biyya Sooriyaa keessa qubata loltootaa dhaabbate. Warri Sooriyaas isa jalatti bulanii gibira fidaniif. Waaqayyos Daawitiif lafa inni dhaqe hundatti mooʼicha kenne.
7 Daudi akazitwaa ngao za dhahabu zilizokuwa za maafisa wa Hadadezeri na kuzileta Yerusalemu.
Daawitis gaachana warqee kan ajajjoonni loltoota Hadaadezer qabatan fudhatee gara Yerusaalem fide.
8 Kutoka miji ya Beta na Berothai, iliyokuwa miji ya Hadadezeri, Mfalme Daudi akatwaa shaba nyingi sana.
Daawit Mootichi magaalaawwan Hadaadezer jechuunis Bexaatii fi Beerootaay keessaa sibiila naasii akka malee baayʼee fudhate.
9 Tou, mfalme wa Hamathi, aliposikia kwamba Daudi amelishinda jeshi lote la Hadadezeri,
Tooʼiin mootiin Hamaati yommuu akka Daawit guutummaa loltoota Hadaadezer moʼate dhagaʼetti,
10 akamtuma mwanawe Yoramu kwa Mfalme Daudi kumsalimu na kumpongeza kwa ushindi wake katika vita dhidi ya Hadadezeri, kwa kuwa Hadadezeri alikuwa amepigana vita na Tou. Yoramu akamletea Daudi vyombo vya fedha, dhahabu na shaba.
akka inni sababii moʼannaa Daawit Mootichi Tooʼiin wal lolaa ture sun waraana keessatti Hadaadezer irratti argateetiif harka isa fuudhee dhaamsa gammachuu isaaf dabarsuuf ilma ofii isaa Yooraamin gara isaatti erge. Yooraamis kennaawwan meetii irraa, warqee fi naasii irraa hojjetaman fide.
11 Mfalme Daudi akaviweka vifaa hivi wakfu kwa Bwana, kama vile alivyokuwa amefanya kwa fedha na dhahabu kutoka kwa mataifa yote aliyokuwa ameyashinda:
Daawit Mootichis akkuma meetii fi warqee saboota biraa kanneen of jala galfatu hunda irraa boojiʼee ture godhe sana miʼoota kanneen illee Waaqayyoof addaan baase.
12 yaani Edomu, Moabu, Waamoni, Wafilisti na Waamaleki. Pia akaweka wakfu nyara alizoteka kutoka kwa Hadadezeri mwana wa Rehobu, mfalme wa Soba.
Warri inni of jala galfates Edoom, Moʼaab, Amoonota, Filisxeemotaa fi Amaaleq turan. Boojuu Hadaadezer ilma Rehoob mooticha Zoobaa irraa boojiʼes akkasuma addaan baase.
13 Naye Daudi akapata sifa baada ya kurudi kutoka kuwaua Waedomu 18,000 katika Bonde la Chumvi.
Daawitis erga Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota kuma kudha saddeet fixee deebiʼee booddee beekamaa taʼe.
14 Akaweka kambi za askari walinzi katika Edomu yote, nao Waedomu wakawa chini ya Daudi. Bwana alimpatia Daudi ushindi kila alipokwenda.
Innis guutummaa Edoom keessa qubata loltootaa dhaabbate; Edoomonni hundinuus Daawitiif ni garbooman. Waaqayyos lafa inni dhaqe hundatti Daawitiif moʼannaa ni kenne.
15 Daudi akatawala Israeli yote, akitenda lililo haki na sawa kwa watu wake wote.
Daawit guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼee saba isaa hundaaf murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hojjete.
16 Yoabu mwana wa Seruya alikuwa jemadari wa jeshi; Yehoshafati mwana wa Ahiludi alikuwa mweka kumbukumbu;
Yooʼaab ilmi Zeruuyaa hoogganaa loltootaa ture; Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa ture.
17 Sadoki mwana wa Ahitubu na Ahimeleki mwana wa Abiathari walikuwa makuhani; Seraya alikuwa mwandishi;
Akkasumas Zaadoq ilmi Ahiixuubii fi Abiimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; Seraayaan immoo barreessaa ture.
18 Benaya mwana wa Yehoyada alikuwa msimamizi wa Wakerethi na Wapelethi; nao wana wa Daudi walikuwa washauri wa mfalme.
Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hoogganaa Kereetotaa fi Pheletotaa ture; ilmaan Daawit immoo luboota turan.

< 2 Samweli 8 >