< 2 Samweli 6 >

1 Tena Daudi akakusanya watu 30,000 wa Israeli waliochaguliwa.
Daawit ammas namoota Israaʼel keessaa filataman kuma soddoma walitti qabate.
2 Yeye na watu wake wote wakatoka Baala ya Yuda kulipandisha Sanduku la Mungu kutoka huko, linaloitwa kwa Jina, naam, jina la Bwana Mwenye Nguvu Zote, ambaye anaketi katika kiti cha enzi kati ya makerubi walioko juu ya hilo Sanduku.
Innii fi namoonni isa wajjin turan hundi taabota Waaqaa kan Maqaa, maqaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu kan taabota gubbaa, kiirubeelii teessoo irra jiran gidduu jiru sanaatiin waamamu sana achii fiduuf gara Baʼaalaa ishee Yihuudaa keessaa sanaa ni dhaqan.
3 Wakaweka hilo Sanduku la Mungu juu ya gari jipya la kukokotwa na kulileta kutoka nyumba ya Abinadabu, iliyokuwa juu ya kilima. Uza na Ahio, wana wa Abinadabu, walikuwa wakiongoza hilo gari jipya la kukokotwa
Isaanis taabota Waaqaa gaarii haaraa irra kaaʼanii mana Abiinaadaab kan gaara irra jiru sanaa baasanii fidan. Ilmaan Abiinaadaabii, Uzaa fi Ahiiyoon gaarii haaraa sana oofaa turan;
4 likiwa na Sanduku la Mungu juu yake, naye Ahio alikuwa anatembea akiwa mbele yake.
taabonni Waaqaas gaarii irra kaaʼamee Ahiiyoon dura dura deema ture.
5 Daudi na nyumba yote ya Israeli walikuwa wanacheza mbele za Bwana kwa nguvu zao zote, kwa nyimbo, vinubi, zeze, matari, kayamba na matoazi.
Daawitii fi Israaʼel hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaadhaan, masiinqoodhaan, baganaadhaan, dibbeedhaan, bilbilaan, Kililleedhaanis fuula Waaqayyoo duratti gammadanii shuubbisaa turan.
6 Walipofika kwenye uwanja wa kupuria nafaka wa Nakoni, Uza akanyoosha mkono na kulishika Sanduku la Mungu kwa sababu maksai walijikwaa.
Yommuu isaan oobdii Naakoon bira gaʼanitti waan sangoonni gufataniif Uzaan harka isaa hiixatee taabota Waaqaa qabe.
7 Hasira ya Bwana ikawaka dhidi ya Uza kwa sababu ya kitendo chake cha kukosa heshima, kwa hiyo Mungu akampiga akafia papo hapo kando ya Sanduku la Mungu.
Sababii hojii isaa kan ulfina hin qabneetiif dheekkamsi Waaqayyoo Uzaatti bobaʼe; kanaafuu Waaqni isa rukute; innis achumatti taabota Waaqaa biratti duʼe.
8 Ndipo Daudi akakasirika kwa sababu ghadhabu ya Bwana ilifurika dhidi ya Uza, hivyo hadi leo mahali hapo panaitwa Peres-Uza.
Daawitis sababii Waaqayyo akka malee Uzaatti dheekkameef ni aare; iddoon sun hamma harʼaatti Phereez Uzaa jedhamee waamama.
9 Daudi akamwogopa Bwana siku ile, akasema, “Ni jinsi gani Sanduku la Bwana litakavyoweza kunijia?”
Daawitis gaafa sana Waaqayyoon sodaatee, “Taabonni Waaqayyoo akkamitti gara koo dhufa?” jedhe.
10 Hakuwa radhi kulichukua Sanduku la Bwana kwake katika Mji wa Daudi. Badala yake akalipeleka kwenye nyumba ya Obed-Edomu, Mgiti.
Innis akka taabonni Waaqayyoo isa wajjin Magaalaa Daawit keessa jiraatuuf ofitti fudhachuu hin barbaanne. Qooda kanaa gara mana Oobeed Edoom namicha Gitii sanaatti geesse.
11 Sanduku la Bwana likabaki katika nyumba ya Obed-Edomu, Mgiti, kwa miezi mitatu, naye Bwana akambariki pamoja na nyumba yake yote.
Taabonni Waaqayyoos jiʼa sadii mana namicha Gitii kan Oobeed Edoom jedhamu sanaa ture; Waaqayyos isaa fi warra mana isaa jiraatan hunda ni eebbise.
12 Kisha Mfalme Daudi akaambiwa, “Bwana ameibariki nyumba ya Obed-Edomu pamoja na kila alicho nacho, kwa sababu ya Sanduku la Mungu.” Basi Daudi akateremka na kulipandisha Sanduku la Mungu kutoka nyumba ya Obed-Edomu hadi Mji wa Daudi kwa shangwe.
Yeroo kanatti, “Waaqayyo sababii taabota Waaqaatiif jedhee warra mana Oobeed Edoom jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise” jedhanii Daawit Mootichatti himan. Kanaafuu Daawit gad buʼee taabota Waaqaa sana mana Abiidaaraatii gammachuudhaan gara Magaalaa Daawititti fide.
13 Wale waliokuwa wamebeba Sanduku la Bwana walipokuwa wametembea hatua sita, Daudi alitoa dhabihu fahali na ndama aliyenoneshwa.
Innis akkuma namoonni taabota Waaqayyoo baatan sun tarkaanfii jaʼa achi hiiqaniin sangaa tokkoo fi jabbii coomaa tokko aarsaa dhiʼeesse.
14 Daudi, akiwa amevaa kisibau cha kitani, alicheza mbele za Bwana kwa nguvu zake zote,
Daawitis Dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee qondaaltota isaa wajjin fuula Waaqayyoo duratti humna isaa guutuun shuubbisa ture;
15 wakati yeye na nyumba yote ya Israeli walipopandisha Sanduku la Bwana kwa shangwe na sauti za tarumbeta.
innii fi Israaʼel hundi “hoo” jechaa sagalee malakataatiin taabota Waaqayyoo fidan.
16 Ikawa Sanduku la Bwana lilipokuwa linaingia katika Mji wa Daudi, Mikali binti Sauli akachungulia dirishani. Naye alipomwona Mfalme Daudi akirukaruka na kucheza mbele za Bwana, akamdharau moyoni mwake.
Yeroo taabonni Waaqayyoo Magaalaa Daawit seenutti Miikaal intalli Saaʼol foddaa keessaan ilaalaa turte. Isheenis akka Daawit Mootichi fuula Waaqayyoo duratti utaalee shuubbisu yommuu argitetti garaa ishee keessatti isa tuffatte.
17 Wakaleta Sanduku la Bwana na kuliweka mahali pake ndani ya hema ambalo Daudi alikuwa amelisimamisha kwa ajili yake, naye Daudi akatoa sadaka za kuteketezwa na sadaka za amani mbele za Bwana.
Isaanis taabota Waaqayyoo fidanii dunkaana Daawit dhaabeef keessa ni kaaʼan; Daawitis aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeesse.
18 Baada ya kumaliza kutoa sadaka za kuteketezwa na sadaka za amani, Daudi akawabariki watu katika jina la Bwana Mwenye Nguvu Zote.
Innis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin namoota ni eebbise.
19 Kisha akatoa mkate, andazi la tende na andazi la zabibu kavu kwa kila mtu katika mkutano wote wa Waisraeli, wanaume kwa wanawake. Nao watu wote wakaenda nyumbani kwao.
Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama tuuta Israaʼelootaa guutuu keessa jiruutiif jechuunis dhiirotaafis dubartootaafis buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne. Namoonni hundinuus gara mana mana isaanii deeman.
20 Daudi aliporudi ili kuwabariki watu wa nyumbani mwake, Mikali binti Sauli akatoka nje kumlaki, akamwambia, “Tazama jinsi mfalme wa Israeli alivyojibainisha mwenyewe leo kwa kuvua mavazi yake machoni pa vijakazi wa watumishi wake, kama vile ambavyo mtu asiye na adabu angelifanya!”
Yommuu Daawit maatii ofii isaa eebbisuuf deebiʼettis Miikaal intalli Saaʼol isa simachuuf baatee, “Harʼa mootiin Israaʼel akka nama gatii hin qabne tokkootti fuula xomboreewwan hojjettoota isaa duratti qullaa argamuun isaa ulfina taʼeeti moo!” jette.
21 Daudi akamwambia Mikali, “Nilifanya hivyo mbele za Bwana ambaye alinichagua mimi badala ya baba yako au mwingine yeyote kutoka nyumba yake wakati aliponiweka niwe mtawala juu ya Israeli, watu wa Bwana. Kwa hiyo nitacheza mbele za Bwana.
Daawit immoo Miikaaliin akkana jedhe; “Ani fuula Waaqayyo isa abbaa keetii fi warra mana isaa jiran caalchisee na filatee saba Waaqayyoo, Israaʼel irratti na muude sanaaf fuula Waaqayyoo duratti nan shuubbisa.
22 Nitakuwa asiye na heshima zaidi kuliko sasa, nami nitajishusha machoni pangu mwenyewe. Lakini kwa hawa vijakazi uliosema habari zao nitaheshimiwa.”
Ani kana caalaa iyyuu ofin xinneessa; ija kee durattis of nan salphisa. Xomboreewwan ati jette kanneeniin garuu nan kabajama.”
23 Naye Mikali binti Sauli hakuwa na watoto mpaka siku ya kufa kwake.
Miikaal intalli Saaʼol utuu ijoollee hin argatin duute.

< 2 Samweli 6 >