< 2 Samweli 5 >
1 Makabila yote ya Israeli yakamjia Daudi huko Hebroni na kumwambia, “Sisi tu nyama yako na damu yako hasa.
Gosoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit bira dhufanii akkana jedhan; “Nu foonii fi dhiiga kee ti.
2 Zamani, wakati Sauli alikuwa mfalme juu yetu, wewe ndiwe uliyeiongoza Israeli vitani. Naye Bwana alikuambia, ‘Wewe utawachunga watu wangu Israeli, na utakuwa mtawala wao.’”
Duraan yeroo Saaʼol mootii keenya turetti, namni duula loltoota Israaʼel hoogganu siʼi ture. Waaqayyos, ‘Situ saba koo Israaʼelin tiksa; bulchaa isaaniis ni taata’ siin jedhee ture.”
3 Wazee wote wa Israeli wakamwendea Mfalme Daudi huko Hebroni, mfalme akafanya mapatano nao huko Hebroni mbele za Bwana, nao wakamtia Daudi mafuta kuwa mfalme wa Israeli.
Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit mooticha bira dhufanitti mootichi Kebroonitti fuula Waaqayyoo duratti isaan wajjin kakuu gale; isaanis Daawitin dibanii Israaʼel irratti mootii isa godhan.
4 Daudi alikuwa na miaka thelathini alipoanza kutawala, naye akatawala Israeli miaka arobaini.
Daawit yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddoma ture; innis waggaa afurtama bulche.
5 Huko Hebroni alitawala Yuda kwa miaka saba na miezi sita, na katika Yerusalemu alitawala Israeli yote na Yuda kwa miaka thelathini na mitatu.
Kebroon keessatti waggaa torbaa fi jiʼa jaʼa Yihuudaa irratti mootii ture; Yerusaalem keessatti immoo waggaa soddomii sadii guutummaa Israaʼelii fi Yihuudaa irratti mootii taʼe.
6 Mfalme na watu wake wakaenda Yerusalemu kuwashambulia Wayebusi walioishi humo. Wayebusi wakamwambia Daudi, “Wewe hutaingia humu, kwani hata vipofu na viwete wanaweza kukufukuza.” Walidhani, “Daudi hawezi kuingia humu.”
Mootichii fi namoonni isaa Yebuusota achi jiraatan loluuf gara Yerusaalemitti ni qajeelan. Yebuusonnis Daawitiin, “Ati as hin seentu; jaamaa fi naafni iyyuu of irraa si deebisu” jedhan. Isaan, “Daawit as seenuu hin dandaʼu” jedhanii yaadan.
7 Hata hivyo, Daudi akaiteka ngome ya Sayuni, Mji wa Daudi.
Taʼus Daawit daʼannoo Xiyoon Magaalaa Daawit ni qabate.
8 Siku ile, Daudi akasema, “Yeyote ambaye atawashinda Wayebusi, atatumia huo mfereji kuwafikia hao ‘viwete na vipofu’ ambao ni adui za Daudi.” Ndiyo sababu wanasema, “‘Vipofu na viwete’ hawataingia kwenye jumba la ufalme.”
Daawitis gaafas, “Namni Yebuusota dhaʼuuf baʼu kam iyyuu, ‘naafotaa fi jaamota’ lubbuu Daawitiin jibbaman bira gaʼuuf karaa boʼoo bishaaniitiin darbuu qaba” jedhe. Sababiin isaan, “‘Jaamonnii fi naafonni’ masaraa mootii hin seenan” jedhaniif kanuma.
9 Ndipo Daudi akafanya makao ndani ya ngome na kuiita Mji wa Daudi. Akajenga eneo linalozunguka kuanzia Milo kuelekea ndani.
Daawitis iddoo jireenya isaa daʼannoo sana godhatee Magaalaa Daawit jedhee moggaase. Inni Miiloodhaa jalqabee naannoo ishee marsee ijaare.
10 Daudi akazidi kuwa na nguvu zaidi na zaidi, kwa sababu Bwana Mungu Mwenye Nguvu Zote alikuwa pamoja naye.
Innis sababii Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu isa wajjin tureef yeruma yeroon jabaachaa dhufe.
11 Basi Hiramu mfalme wa Tiro akawatuma wajumbe kwa Daudi, wakiwa na magogo ya mierezi, maseremala na waashi, nao wakajenga jumba la kifalme kwa ajili ya Daudi.
Yeroo kanatti Hiiraam mootiin Xiiroos ergamoota wajjin muka birbirsaa, namoota muka soofanii fi warra dhagaa soofan gara Daawit erge; isaanis Daawitiif masaraa ijaaran.
12 Naye Daudi akafahamu kuwa Bwana amemwimarisha kuwa mfalme juu ya Israeli na ameinua ufalme wake kwa ajili ya Israeli, watu wake.
Daawitis akka Waaqayyo saba Israaʼel irratti mootii godhee jabeessee isa dhaabee fi akka saba Israaʼeliif jedhee mootummaa isaa guddiseef ni beeke.
13 Baada ya Daudi kuondoka Hebroni, akajitwalia masuria zaidi na wake huko Yerusalemu, nao wana na binti wengi walizaliwa kwake.
Daawitis erga Kebroonii baʼee booddee saajjatoowwanii fi niitota biraa Yerusaalem keessatti fuudhe; ilmaanii fi intallan dabalataa dhalataniif.
14 Haya ndiyo majina ya watoto waliozaliwa kwake huko: Shamua, Shobabu, Nathani, Solomoni,
Maqaan ijoollee isaa kanneen achitti isaaf dhalataniis Shamuuʼaa, Shobaab, Naataan, Solomoon,
15 Ibihari, Elishua, Nefegi, Yafia,
Yibehaar, Eliishuuwaa, Nefeg, Yaafiiyaa,
16 Elishama, Eliada na Elifeleti.
Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi jedhamu.
17 Wafilisti waliposikia kuwa Daudi ametiwa mafuta kuwa mfalme wa Israeli, wakapanda na jeshi lao lote kwenda kumsaka, lakini Daudi akapata habari hizo, naye akateremka kwenye ngome.
Filisxeemonni yommuu akka Daawit dibamee Israaʼel irratti mootii taʼe dhagaʼanitti, humna guutuudhaan isa barbaacha ol baʼan; Daawit garuu waan kana dhagaʼee gara daʼannoo jabaatti gad buʼe.
18 Basi Wafilisti walikuwa wamekuja na kusambaa kwenye Bonde la Warefai,
Yeroo kanatti Filisxeemonni dhufanii Sulula Refaayim keessa faffacaʼan;
19 kwa hiyo Daudi akamuuliza Bwana, “Je, niende kuwashambulia Wafilisti? Je, utawatia mikononi mwangu?” Bwana akamjibu, “Nenda, kwa maana hakika nitawatia Wafilisti mikononi mwako.”
kanaafuu Daawit, “Ani baʼee Filisxeemota dhaʼuu? Ati dabarsitee harka kootti isaan kennitaa?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Waaqayyos, “Baʼi; ani dhugumaan Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii” jedhee deebiseef.
20 Ndipo Daudi akaenda mpaka Baal-Perasimu, na huko akawashinda Wafilisti. Akasema, “Kama mafuriko yafurikavyo, Bwana amewafurikia adui zangu mbele yangu.” Kwa hiyo mahali hapo pakaitwa Baal-Perasimu.
Kanaafuu Daawit gara Baʼaal Pheraaziim dhaqe; achittis isaan moʼate. Innis, “Akkuma bishaan mana isaa cabsee yaaʼu sana Waaqayyo fuula koo duratti diinota koo cabsee baʼeera” jedhe. Kanaafuu iddoon sun Baʼaal Pheraaziim jedhamee waamame.
21 Wafilisti wakaiacha miungu yao huko, naye Daudi na watu wake wakaichukua.
Filisxeemonni waaqota isaanii tolfamoo achitti dhiisanii baqatan; Daawitii fi namoonni isaa immoo isaan fuudhanii deeman.
22 Wafilisti walikwea kwa mara nyingine na kusambaa katika Bonde la Warefai.
Filisxeemonni amma illee dhufanii Sulula Refaayim keessa faffacaʼan;
23 Kwa hiyo Daudi akamuuliza Bwana, naye akamjibu, “Usipande moja kwa moja, bali wazungukie kwa nyuma na uwashambulie mbele ya miti ya miforosadi.
kanaafuu Daawit Waaqayyoon gaafate; Waaqayyos akkana jedheen; “Kallattiidhaan itti hin baʼin; garuu duubaan isaan marsiitii muka qilxuu duratti isaan waraani.
24 Mara utakaposikia sauti ya kutembea kutoka kwenye vilele vya miti ya miforosadi, nenda haraka, kwa sababu hiyo itamaanisha kuwa Bwana ametangulia mbele yako kupiga jeshi la Wafilisti.”
Akkuma fiixee muka qilxuu irraan sagalee duulaa dhageesseen dafiitii baʼi; Waaqayyo loltoota Filisxeem dhaʼuudhaaf si dura baʼeera jechuudhaatii.”
25 Basi Daudi akafanya kama Bwana alivyomwagiza, naye akawaangusha Wafilisti njia yote kuanzia Geba hadi Gezeri.
Kanaafuu Daawit akkuma Waaqayyo isa ajaje sana Gibeʼoon jalqabee hamma Geeziritti Filisxeemota dhaʼe.