< 2 Samweli 2 >
1 Ikawa baada ya mambo haya, Daudi akamuuliza Bwana, “Je, nipande kwenda katika mojawapo ya miji ya Yuda?” Bwana akasema, “Panda.” Daudi akauliza, “Je, niende wapi?” Bwana akajibu, “Nenda Hebroni.”
Kana booddee Daawit, “Magaalaawwan Yihuudaa keessaa gara isa tokkootti ol baʼuu?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Waaqayyos, “Baʼi” jedheen. Daawit immoo, “Gara isa kamiittin ol baʼa?” jedhee gaafate. Waaqayyos, “Gara Kebroonitti” jedhee deebiseef.
2 Basi Daudi akakwea kwenda huko pamoja na wake zake wawili, Ahinoamu wa Yezreeli na Abigaili, mjane wa Nabali wa Karmeli.
Kanaafuu Daawit niitota isaa lamaan jechuunis Ahiinooʼam Yizriʼeelittii sanaa fi Abiigayiil kan Naabaal namichi Qarmeloos sun irraa duʼe wajjin ol baʼe.
3 Pia Daudi akawachukua watu waliokuwa pamoja naye, kila mmoja na jamaa yake, nao wakaishi huko Hebroni na miji yake.
Daawit namoota isa wajjin turan tokkoo tokkoo isaanii maatii isaanii wajjin fudhate; isaanis magaalaawwan Kebroon keessa qubatan.
4 Ndipo watu wa Yuda wakaja Hebroni, huko wakamtia Daudi mafuta awe mfalme juu ya nyumba ya Yuda. Daudi alipoambiwa kuwa ni watu wa Yabeshi-Gileadi waliomzika Sauli,
Ergasiis namoonni Yihuudaa gara Kebroon dhufanii mana Yihuudaa irratti Daawitin mootii godhanii diban. Yeroo akka namoonni Yaabeesh Giliʼaad Saaʼolin awwaalan Daawititti himametti,
5 akatuma wajumbe kwa watu wa Yabeshi-Gileadi kuwaambia, “Bwana awabariki kwa kuonyesha wema huu kwa kumzika Sauli bwana wenu.
inni akkana jedhee gara namoota Yaabeesh Giliʼaaditti ergamoota erge; “Sababii isin isa awwaaluudhaan Saaʼol gooftaa keessaniif arjummaa akkasii gootaniif Waaqayyo isin haa eebbisu.
6 Sasa Bwana na awaonyeshe wema na uaminifu, nami pia nitawaonyesha wema ule ule kwa kuwa mmefanya jambo hili.
Ammas Waaqayyo jaalala isaa kan hin geeddaramnee fi amanamummaa isaa isiniif haa kennu; ani waan isin akkas gootaniif akkasuma waan gaarii isiniif nan godha.
7 Sasa basi, kuweni hodari na mashujaa, kwa maana bwana wenu Sauli amekufa, nayo nyumba ya Yuda imenitia mafuta niwe mfalme juu yao.”
Egaa amma jabaadhaa; cimaa; Saaʼol gooftaan keessan duʼeeraatii; namoonni Yihuudaa immoo mootii godhatanii of irratti na dibaniiru.”
8 Wakati huo Abneri mwana wa Neri, jemadari wa jeshi la Sauli, alikuwa amemchukua Ish-Boshethi mwana wa Sauli na kumleta hadi Mahanaimu.
Yeroo sanatti Abneer ilmi Neer ajajaan waraanaa Saaʼol Iish-Booshet ilma Saaʼol fuudhee gara Mahanayiimitti dabarse.
9 Akamweka awe mfalme juu ya nchi ya Gileadi, Waasheri, Yezreeli, Efraimu, Benyamini na Israeli yote.
Innis Giliʼaad, Ashuur, Yizriʼeel, Efreemii fi Beniyaam, akkasumas guutummaa Israaʼel irratti isa moosise.
10 Ish-Boshethi mwana wa Sauli alikuwa na umri wa miaka arobaini alipoanza kutawala Israeli, naye akatawala miaka miwili. Hata hivyo, nyumba ya Yuda ikamfuata Daudi.
Iish-Booshet ilmi Saaʼol yeroo Israaʼel irratti mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtama ture; innis waggaa lama moʼe. Taʼus manni Yihuudaa Daawit duukaa buʼe.
11 Muda ambao Daudi alikuwa mfalme juu ya nyumba ya Yuda huko Hebroni ilikuwa miaka saba na miezi sita.
Daawitis Kebroonitti mana Yihuudaa irratti waggaa torbaa fi jiʼa jaʼa mootii taʼe.
12 Abneri mwana wa Neri, pamoja na watu wa Ish-Boshethi mwana wa Sauli, wakatoka Mahanaimu kwenda Gibeoni.
Abneer ilmi Neer namoota Iish-Booshet ilma Saaʼol sana wajjin Mahanayiimii kaʼanii gara Gibeʼoon dhaqan.
13 Yoabu mwana wa Seruya na watu wa Daudi wakatoka na kukutana nao kwenye bwawa la Gibeoni. Kikundi kimoja kiliketi upande mmoja wa bwawa, na kikundi kingine upande wa pili.
Yooʼaab ilmi Zeruuyaa fi namoonni Daawit isaan simachuuf baʼanii haroo Gibeʼoon biratti itti dhufan. Gareen tokko gama tokkoon, gareen kaan immoo gama kaaniin haroo sana bira tataaʼan.
14 Ndipo Abneri akamwambia Yoabu, “Tuwaweke baadhi ya vijana wasimame na wapigane ana kwa ana mbele yetu.” Yoabu akasema, “Sawa, na wafanye hivyo.”
Abneeris Yooʼaabiin, “Mee dargaggoonni kaʼanii fuula keenya duratti wal haa tuman” jedhe. Yooʼaabis, “Haa taʼu; wal haa tuman” jedhe.
15 Kwa hiyo vijana wakasimama, wakahesabiwa: watu wa Benyamini na wa Ish-Boshethi mwana wa Sauli kumi na wawili, na upande wa Daudi kumi na wawili.
Kanaafuu Beniyaam irraa namoonni kudha lama Iish-Booshet ilma Saaʼoliif, namoonni kudha lama immoo kaʼanii Daawitiif lakkaaʼaman.
16 Kisha kila mtu akakamatana na mpinzani wake kichwani na kuchomana kwa upanga, nao wakaanguka chini pamoja. Kwa hiyo mahali pale katika Gibeoni pakaitwa Helkath-Hasurimu.
Tokkoon tokkoon namaas mormituu isaa mataa qabee cinaacha isaatti goraadee diree wal qabatanii kukkufan. Kanaafuu iddoon sun Gibeʼoon keessatti lafa goraadee jedhamee waamame.
17 Siku hiyo vita vilikuwa vikali sana, naye Abneri na watu wa Israeli wakashindwa na watu wa Daudi.
Lolli gaafa sanaa akka malee jabaa ture; Abneerii fi namoonni Israaʼelis namoota Daawitiin moʼataman.
18 Wana watatu wa Seruya walikuwako huko: nao ni Yoabu, Abishai na Asaheli. Basi huyo Asaheli alikuwa na mbio kama paa.
Ilmaan Zeruuyaa sadan jechuunis Yooʼaab, Abiishaayii fi Asaaheel achi turan. Asaaheel akkuma kuruphee bosonaa fiigichatti nama jabaa ture.
19 Asaheli akamfukuza Abneri, pasipo kugeuka kulia wala kushoto wakati akimfuata.
Innis utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorin faana buʼee Abneerin ariʼe.
20 Abneri akaangalia nyuma na kumuuliza, “Ni wewe, Asaheli?” Akamjibu, “Ndiyo.”
Abneeris of irra garagalee, “Ati Asaaheelii?” jedhee gaafate. Innis, “Eeyyee anuma” jedhee deebise.
21 Ndipo Abneri akamwambia, “Geuka upande wa kulia au kushoto. Mchukue mmoja wa vijana wa kiume na umvue silaha zake.” Lakini Asaheli hakuacha kumfukuza.
Ergasiis Abneer, “Gara mirgaatti yookaan bitaatti garagaliitii dargaggeessa tokko qabii miʼa lolaa isaa irraa fudhadhu” jedheen. Asaaheel garuu isa ariʼuu hin dhiifne.
22 Abneri akamwonya tena Asaheli akimwambia, “Acha kunifukuza! Kwa nini nikuue? Je, nitawezaje kumtazama ndugu yako Yoabu usoni?”
Abneer ammas Asaaheelin, “Na hin ariʼin! Ani maaliifan si galaafadha? Ani akkamittin fuula koo ol fudhadhee obboleessa kee Yooʼaabin ilaala?” jedhe.
23 Lakini Asaheli alikataa kuacha kumfuatia, kwa hiyo Abneri akamchoma Asaheli tumboni kwa ncha butu ya mkuki wake, mkuki ukamtoboa ukatokea mgongoni mwake. Akaanguka na kufa papo hapo. Ikawa kila mtu alisimama alipofika mahali pale Asaheli alipoanguka na kufa.
Asaaheel garuu isa ariʼuu hin dhiifne; kanaafuu Abneer qara eeboo isaatiin garaa isaa waraane; eeboon sunis keessa fullaʼee dugda isaatiin baʼe. Asaaheelis achitti kufee yommuu suma duʼe. Namni hundis iddoo Asaaheel itti kufee duʼe sana gaʼee dhaabata ture.
24 Lakini Yoabu na Abishai walimfuata Abneri, na jua lilipokuwa linatua, wakafika kwenye kilima cha Ama, karibu na Gia kwenye njia ya kuelekea kwenye nyika ya Gibeoni.
Yooʼaabii fi Abiishaayi garuu Abneerin ariʼan; isaanis yeroo aduun dhiʼetti gaara Amaa kan karaa gammoojjii Gibeʼoonitti geessu irra Giiyaatti garagalee argamu sana gaʼan.
25 Ndipo watu wa kabila la Benyamini wakakusanyika tena nyuma ya Abneri. Wakaunda kikosi na kujiimarisha juu ya kilima.
Namoonni Beniyaamis Abneer biratti walitti qabaman. Isaanis gareedhaan walgurmeessanii gaara Amaa gubbaatti hiriiran.
26 Abneri akamwita Yoabu, akamwambia, “Je, ni lazima upanga uendelee kuangamiza milele? Hutambui kwamba jambo hili litaishia katika uchungu? Utaacha kuwaagiza watu wako waache kuwafuatilia ndugu zao hata lini?”
Abneeris iyyee Yooʼaabin waamee, “Goraadeen kun bara baraan waa galaafachuu qabaa? Akka dhumni waan kanaa hadhaaʼaa taʼe ati wallaalteetii? Ati hamma yoomiitti akka namoonni kee obboloota isaanii ariʼuu dhiisan itti hin himtu?” jedhe.
27 Yoabu akajibu, “Hakika kama aishivyo Mungu, kama hukusema, hawa watu wangeendelea kuwafuatia ndugu zao mpaka asubuhi.”
Yooʼaab immoo deebisee, “Dhugaa Waaqa jiraataa, utuu ati waan kana jechuu baattee silaa namoonni hamma lafti bariʼutti obboloota isaanii ariʼuu irraa hin deebiʼan ture” jedhe.
28 Basi Yoabu akapiga tarumbeta, nao watu wote wakasimama, hawakuwafuata Israeli tena, wala hawakuwapiga tena.
Kanaafuu Yooʼaab malakata afuufe; namoonni hundis Israaʼeloota ariʼuu dhiisan; lammatas waraanni isaan gidduutti hin kaane.
29 Usiku ule wote Abneri na watu wake wakatembea kupitia Araba. Wakavuka Mto Yordani, wakaendelea wakipitia nchi yote ya Bithroni wakafika Mahanaimu.
Abneerii fi namoonni isaa halkan sana guutuu Arabbaa keessa yaaʼanii darban. Isaanis Laga Yordaanos ceʼanii guutummaa Biitroon keessa darbanii gara Mahanayiim dhufan.
30 Basi Yoabu akarudi kutoka kumfuatia Abneri, na kuwakusanya watu wake wote. Pamoja na Asaheli, watu kumi na tisa wa Daudi walikuwa wamepotea.
Ergasiis Yooʼaab Abneerin ariʼuu dhiisee namoota isaa hunda walitti qabe. Yeroo sanattis akka namoota Daawit keessaa Asaaheelin malee namoonni kudha sagal badan beekame.
31 Lakini watu wa Daudi walikuwa wamewaua watu wa kabila la Benyamini 360 waliokuwa pamoja na Abneri.
Namoonni Daawit garuu namoota Beniyaam keessaa warra Abneer wajjin turan dhibba sadii fi jaatama ajjeesan.
32 Wakamchukua Asaheli, wakamzika katika kaburi la baba yake huko Bethlehemu. Kisha Yoabu na watu wake wakatembea usiku kucha na kufika huko Hebroni wakati wa mapambazuko.
Isaanis reeffa Asaaheel fudhatanii Beetlihemitti iddoo awwaala abbaa isaatti awwaalan. Yooʼaabii fi namoonni isaa halkan guutuu deemaa bulanii barii obboroo Kebroon gaʼan.