< 2 Samweli 16 >
1 Daudi alipokuwa amekwenda umbali mfupi kupita kilele cha mlima, akamkuta huko Siba, msimamizi wa shughuli za Mefiboshethi, akingojea kumlaki Daudi. Alikuwa na punda wawili wakiwa wametandikwa na kupakiwa mikate mia mbili, maandazi mia ya zabibu kavu, maandazi mia ya tini na kiriba cha divai.
Daawit fiixee gaarichaa darbee xinnoo erga deemee booddee Ziibaan tajaajilaan Mefiibooshet harroota lamatti buddeena dhibba lama, bixxillee ija wayinii dhibba tokko, bixxillee ija harbuu dhibba tokkoo fi daadhii wayinii qalqalloo tokko feʼee isa simachuuf itti dhufe.
2 Mfalme Daudi akamuuliza Siba, “Kwa nini umeleta vitu hivi?” Siba akamjibu, “Punda ni kwa ajili ya watu wa nyumba ya mfalme kupanda, mikate na matunda ni kwa ajili ya watu kula, nayo divai ni kwa kuwaburudisha watakaochoka jangwani.”
Mootichis, “Kana hunda maaliif fidde?” jedhee Siibaa gaafate. Ziibaan immoo, “Harroota akka maatiin mootichaa Yaabbataniif, buddeenaa fi bixxillee ija wayinii akka namoonni nyaataniif, daadhii wayinii immoo akka warri gammoojjii keessatti dadhaban ittiin bayyanataniif” jedhee deebise.
3 Kisha mfalme akauliza, “Yuko wapi mwana wa bwana wako?” Siba akamwambia, “Anakawia Yerusalemu, kwa sababu anafikiri, ‘Leo nyumba ya Israeli itanirudishia utawala wa baba yangu.’”
Mootichis, “Ilmi ilma gooftaa keetii eessa jira?” jedhee gaafate. Ziibaan immoo deebisee, “Inni waan, ‘Manni Israaʼel harʼa mootummaa akaakayyuu kootii naa deebisa’ jedhee yaaduuf Yerusaalem keessa jiraata” jedhe.
4 Ndipo mfalme akamwambia Siba, “Yote yaliyokuwa mali ya Mefiboshethi sasa ni mali yako.” Siba akasema, “Nasujudu kwa unyenyekevu. Naomba nipate kibali mbele yako, bwana wangu mfalme.”
Mootichis Ziibaadhaan, “Wanni kan Mefiibooshet taʼe hundinuu amma kan kee ti” jedhe. Ziibaanis, “Ani akkan fuula gooftaa kootii, fuula mootichaa duratti surraa argadhuuf ofi qabeen si kadhadha” jedhe.
5 Mfalme Daudi alipokuwa anakaribia Bahurimu, mtu mmoja kutoka ukoo huo huo kama jamaa ya Sauli, akatoka humo, ambaye jina lake ni Shimei mwana wa Gera; akawa analaani alipokuwa akitoka.
Akkuma Daawit mootichi Bahuuriim gaʼeen namichi balbala maatii Saaʼol tokko itti dhufe. Maqaan isaas Shimeʼii ilma Geeraa ti; namichi kunis Daawitin abaaraa gad baʼe.
6 Akamtupia Daudi na maafisa wote wa mfalme mawe, ingawa vikosi vyote na walinzi maalum walikuwa kulia na kushoto mwa Daudi.
Innis utuma qondaaltonnii fi waardiyyoonni Daawit hundinuu mirgaa fi bitaan Daawitin marsanii jiranuu hunda isaaniitti dhagaa darbachaa ture.
7 Shimei alivyokuwa akilaani, akasema, “Toka hapa, toka hapa, wewe mtu wa damu, wewe mtu mbaya kabisa!
Shimeʼiinis akkana jedhee isa abaaraa ture; “Asii baʼi; asii baʼi; ati nama dhiigaa ti; namicha hamaa nana!
8 Bwana amekulipiza kwa ajili ya damu yote uliyomwaga ya watu wa nyumba ya Sauli, ambaye nafasi yake umeimiliki wewe. Bwana amekabidhi ufalme mkononi mwa mwanao Absalomu. Maangamizi yamekupata kwa sababu wewe ni mtu wa damu!”
Waaqayyo dhiiga mana Saaʼol kan ati iddoo isaa buutee moote sanaa hundaaf gatii kee siif kenneera. Waaqayyo mootummaa kee sirraa fuudhee ilma kee Abesaaloomiif kenneera. Ati sababii nama dhiigaa taateef ni badda!”
9 Ndipo Abishai mwana wa Seruya akamwambia mfalme, “Kwa nini huyu mbwa mfu amlaani bwana wangu mfalme? Niruhusu nivuke nikatilie mbali kichwa chake.”
Abiishaayi ilmi Zeruuyaa mootichaan, “Sareen duʼaan kun maaliif gooftaa koo mooticha abaara? Ani dhaqeen mataa isaa irraa kuta” jedhe.
10 Lakini mfalme akamwambia, “Mna nini nami, enyi wana wa Seruya? Ikiwa analaani kwa sababu Bwana amemwambia, ‘Mlaani Daudi,’ nani awezaye kuuliza, ‘Kwa nini unafanya hivi?’”
Mootichi garuu akkana jedhe; “Yaa ilmaan Zeruuyaa, anii fi isin maal wal irraa qabna? Yoo inni sababii Waaqayyo, ‘Ati Daawitin abaari’ isaan jedheef na abaare eenyutu, ‘Ati maaliif waan kana goota?’ jedhee isa gaafachuu dandaʼa?”
11 Ndipo Daudi akamwambia Abishai na maafisa wake wote, “Mwanangu, yeye ambaye ametoka viunoni mwangu mwenyewe, anajaribu kuuondoa uhai wangu. Je, si zaidi sana kwa huyu Mbenyamini! Mwacheni, acha alaani, kwa maana Bwana amemwambia afanye hivyo.
Ergasii Daawit Abiishaayii fi qondaaltota isaa hundaan akkana jedhe; “Ilmi koo kan gudeeda kootii baʼe iyyuu lubbuu koo balleessuu barbaada. Yoos namichi gosa Beniyaam kun hammam kana caalaa hin goone ree! Isa dhiisaa; waan Waaqayyo isa ajajeef inni na haa abaaru.
12 Inawezekana kwamba Bwana ataona dhiki yangu na kunilipa mema kwa ajili ya laana ninayopokea leo.”
Tarii Waaqayyo dhiphina koo argee abaarsa ani harʼa abaaramaa jiru kana waan gaariitti naa geeddara taʼaa.”
13 Kwa hiyo Daudi na watu wake wakaendelea na safari yao barabarani, huku Shimei akiwa anatembea pembezoni mwa kilima sambamba na Daudi, huku akimlaani na kumtupia Daudi mawe na kumrushia mavumbi.
Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa karaa isaanii itti fufan; Shimeʼiin immoo isa abaaraa, dhagaa itti darbachaa, awwaaras itti bittinneessaa fuullee isaatiin gaara cina deemaa ture.
14 Mfalme na watu wote aliokuwa pamoja nao wakafika kwenye kituo chao wakiwa wamechoka. Mfalme akajiburudisha hapo.
Mootichii fi namoonni isa wajjin turan hundi dadhabbii guddaadhaan dhufanii achitti aara galfatan.
15 Wakati huo, Absalomu pamoja na watu wote wa Israeli wakafika Yerusalemu, naye Ahithofeli alikuwa pamoja naye.
Yeroo kanattis Abesaaloomii fi namoonni Israaʼel hundi gara Yerusaalem dhufan; Ahiitofelis isa wajjin ture.
16 Ndipo Hushai, Mwariki, rafiki wa Daudi, akamwendea Absalomu na kumwambia, “Mfalme aishi maisha marefu! Mfalme aishi maisha marefu!”
Huushaayi namichi gosa Arkii michuun Daawit sun Abesaaloom bira dhaqee, “Yaa mootii bara baraan jiraadhu! Yaa mootii bara baraan jiraadhu!” jedheen.
17 Absalomu akamuuliza Hushai, “Je, huu ndio upendo unaomwonyesha rafiki yako? Kwa nini hukufuatana na rafiki yako?”
Abesaaloomis, “Jaalalli ati michuu keetiif qabdu kanaa? Ati maaliif michuu kee wajjin hin deemne?” jedhee Huushaayin gaafate.
18 Hushai akamwambia Absalomu, “La hasha, yeye aliyechaguliwa na Bwana, aliyechaguliwa na watu hawa, atakayechaguliwa tena na watu wote wa Israeli, huyu ndiye nitakayekuwa wake, nami nitabakia pamoja naye.
Huushaayi immoo Abesaaloomiin akkana jedhe; “Lakki; ani kan nama Waaqayyo, sabni kunii fi namoonni Israaʼel hundi filatanii nan taʼa; isa wajjinis nan jiraadha.
19 Zaidi ya hayo, nimtumikie nani? Je, nisimtumikie mwana? Kama vile nilivyomtumikia baba yako, ndivyo nitakavyokutumikia wewe.”
Kanaa achi ani eenyun tajaajila? Ani Ilma tajaajiluu hin qabuu? Ani akkuman abbaa kee tajaajile sana siʼi illee nan tajaajila.”
20 Absalomu akamwambia Ahithofeli, “Tupe shauri lako. Tufanye nini?”
Abesaaloomis Ahiitofeliin, “Mee nu gorsi. Nu maal gochuu qabna?” jedhe.
21 Ahithofeli akamjibu, “Kutana kimwili na masuria wa baba yako aliowaacha kutunza jumba la kifalme. Ndipo Israeli yote itakaposikia kwamba umejifanya chukizo kwa baba yako, nayo mikono ya kila mmoja aliye pamoja nawe itatiwa nguvu.”
Ahiitofelis deebisee, “Ol seeniitii saajjatoowwan abbaa keetii kanneen inni akka isaan masaraa mootii eeganiif dhiisee biraa deeme wajjin ciisi. Ergasii Israaʼeloonni hundi akka ati abbaa kee jibbite dhagaʼanii, harki warra si wajjin jiran hundaas ni jabaataa” jedheen.
22 Kwa hiyo wakasimika hema kwa ajili ya Absalomu juu ya paa, naye akakutana kimwili na masuria wa baba yake mbele ya Israeli wote.
Kanaafuu bantii manaa irra Abesaaloomiif dunkaana dhaaban; innis Israaʼeloota hunda duratti saajjatoowwan abbaa isaa wajjin ciise.
23 Ilikuwa katika siku hizo shauri lililotolewa na Ahithofeli lilikuwa kama lile ambalo limeulizwa kwa Mungu. Ndivyo Daudi na Absalomu walivyoyaheshimu mashauri yote ya Ahithofeli.
Bara sanatti gorsi Ahiitofel kennaa ture akkuma waan namni tokko Waaqa gaafatuutti ilaalama ture. Akki itti Daawitis taʼu Abesaaloom gorsa Ahiitofel hunda dhagaʼaa turan kanaa dha.