< 2 Samweli 10 >
1 Baada ya muda, mfalme wa Waamoni akafa, naye Hanuni mwanawe akaingia mahali pake.
Ergasiis mootiin Amoonotaa ni duʼe; ilmi isaa Haanuunis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2 Daudi akawaza, “Nitamtendea wema Hanuni mwana wa Nahashi, kama vile baba yake alivyonitendea mimi wema.” Hivyo Daudi akatuma wajumbe kuonyesha wema wake kwa Hanuni kuhusu baba yake. Watu wa Daudi walipofika katika nchi ya Waamoni,
Daawitis, “Akkuma abbaan isaa naa arjoome sana anis Haanuun ilma Naahaashiif nan arjooma” jedhee yaade. Kanaafuu Daawit gadda waaʼee abbaa isaatiif itti dhagaʼame isaa ibsuuf Haanuunitti ergamoota ni erge. Yommuu namoonni Daawit gara biyya Amoonotaa dhaqanitti,
3 wakuu wa Waamoni wakamwambia Hanuni bwana wao, “unadhani Daudi anamheshimu baba yako kwa kukutumia watu ili kuonyesha masikitiko? Je, Daudi hakuwatuma watu hawa kuchunguza na kuupeleleza mji ili kuupindua?”
qondaaltonni Amoonotaa Haanuun gooftaa isaaniitiin, “Ati sababii Daawit akka isaan dhaamsa gaddaa sitti himaniif namoota sitti ergeef inni waan abbaa keetiif ulfina kenne seetaa? Daawit akka isaan magaalattii qoratanii, basaasanii fi qabataniif gara kee isaan erge mitii?” jedhan.
4 Basi Hanuni akawakamata watu wa Daudi, akawanyoa kila mmoja ndevu zake nusu, akakata mavazi yao nyuma katikati kwenye matako, akawaacha waende zao.
Kanaafuu Haanuun namoota Daawit sana qaqqabee tokkoo tokkoo isaanii irraa hareeda gama tokkoo haadee wayyaa isaanii illee teessuma irratti cicciree of irraa isaan erge.
5 Daudi alipoambiwa jambo hili, akatuma wajumbe ili kwenda kuwalaki, kwa maana walikuwa wamevunjiwa heshima sana. Mfalme akasema, “Kaeni huko Yeriko mpaka ndevu zenu ziote ndipo mje.”
Daawit yommuu wanni kun isatti himametti sababii isaan akka malee qaanaʼaniif namoota sanatti ergamoota erge. Mootichis, “Isin hamma areedni keessan isinii guddatutti Yerikoo turaatii ergasii deebiʼaa kottaa” jedheen.
6 Waamoni walipotambua kuwa wamekuwa machukizo kwa Daudi, wakaajiri askari wa miguu 20,000 Waaramu kutoka Beth-Rehobu na Soba, pia mfalme wa Maaka pamoja na watu 1,000, na vilevile watu 12,000 kutoka Tobu.
Amoononni yommuu akka Daawit isaan xireeffate hubatanitti, Beet Rehoobii fi Suubaadhaa loltoota lafoo kan Sooriyaa kuma digdama, mootii Maʼakaa namoota kuma tokko wajjin akkasumas Xoob irraa namoota kuma kudha lama qaxaratan.
7 Daudi aliposikia jambo hili, akamtuma Yoabu na jeshi lote la wapiganaji.
Daawit yommuu waan kana dhagaʼetti Yooʼaabii fi guutummaa loltootaa ni erge.
8 Waamoni wakatoka wakajipanga wakiwa tayari kwa vita langoni la mji wao, wakati Waaramu wa Soba, wa Rehobu, watu wa Tobu na Maaka walikuwa peke yao kwenye eneo la wazi.
Amoononni immoo baʼanii karra magaalaa sanaa irratti waraanaaf hiriiran; namoonni Sooriyaa warri Suubaa fi Rehoob, akkasumas namoonni Xoobiitii fi Maʼakaa immoo kophaa isaanii dirree irra turan.
9 Yoabu akaona kuwa mbele yake na nyuma yake kumepangwa vita; kwa hiyo akachagua baadhi ya vikosi vilivyo bora sana katika Israeli akavipanga dhidi ya Waaramu.
Yooʼaabis akka fuula isaa duraa fi dugda isaa duubaan waraanni jiru ni arge; kanaafuu loltoota Israaʼel keessaa namoota bebeekamoo filatee adda loltoonni Sooriyaa jiranitti bobbaase.
10 Akawaweka waliobaki chini ya uongozi wa Abishai nduguye na kuwapanga dhidi ya Waamoni.
Namoota hafan immoo ajaja obboleessa isaa Abiishaayi jalatti hiriirsee Amoonotatti isaan duulchise.
11 Yoabu akasema, “Kama Waaramu watanizidi nguvu, basi itawabidi mje kunisaidia. Lakini kama Waamoni watawazidi nguvu, basi nitakuja kuwasaidia.
Yooʼaabis akkana jedhe; “Yoo warri Sooriyaa natti jabaatan ati dhuftee na gargaarta; yoo Amoononni sitti jabaatan immoo ani dhufee sin gargaara.
12 Uwe hodari na tupigane kwa ujasiri kwa ajili ya watu wetu na miji ya Mungu wetu. Bwana atafanya lile lililo jema machoni pake.”
Jabaadhu; saba keenyaa fi magaalaawwan Waaqa keenyaatiif garaa kutannaadhaan haa lollu. Waaqayyos waan fuula isaa duratti gaarii taʼe ni godha.”
13 Basi Yoabu na vikosi vyake wakasonga mbele kupigana na Waaramu, nao Waaramu wakakimbia mbele yake.
Ergasii Yooʼaabii fi loltoonni isa wajjin turan warra Sooriyaa waraanuuf fuul duratti ni qajeelan; jarris fuula isaa duraa baqatan.
14 Waamoni walipoona Waaramu wanakimbia, nao wakakimbia mbele ya Abishai na kuingia ndani ya mji. Basi Yoabu akarudi kutoka kupigana na Waamoni na kufika Yerusalemu.
Amoononni yommuu akka namoonni Sooriyaa baqatan arganitti isaanis Abiishaayi duraa baqatanii magaalaa seenan. Akkasiin Yooʼaab Amoonota waraanuu dhiisee Yerusaalemitti deebiʼe.
15 Baada ya Waaramu kuona wameshindwa na Israeli, wakajikusanya tena.
Namoonni Sooriyaa yommuu akka Israaʼeloonni isaan moʼatan arganitti lammata walitti qabaman.
16 Hadadezeri akaagiza Waaramu walioletwa kutoka ngʼambo ya Mto Frati, wakaenda Helamu pamoja na Shobaki jemadari wa jeshi la Hadadezeri akiwaongoza.
Hadaadezeris ergamoota ergee namoota Sooriyaa kanneen Laga Efraaxiisiitiin gamaa fichisiise; isaanis hoogganummaa ajajaa waraana Hadaadezer kan Shoobak jedhamuun gara Heelaam deeman.
17 Daudi alipoambiwa haya, akawakusanya Israeli wote, wakavuka Mto Yordani, wakaenda Helamu. Waaramu wakapanga vikosi vyao vya askari kukabiliana na kupigana dhidi ya Daudi.
Daawitis yommuu wanni kun isatti himametti, Israaʼeloota hunda walitti qabatee Yordaanos ceʼee Heelaam dhaqe. Warri Sooriyaas waraanaaf Daawititti hiriiranii isa lolan.
18 Lakini Waaramu wakakimbia mbele ya Israeli, naye Daudi akawaua waendesha magari mia saba na askari wao wa miguu 40,000. Vilevile alimpiga Shobaki jemadari wa jeshi lao, naye akafa huko.
Isaan garuu Israaʼeloota duraa baqatan; Daawitis namoota gaarii waraanaa oofan dhibba torbaa fi loltoota lafoo kuma afurtama fixe. Ajajaa loltoota isaanii Shoobak illee madeesse; innis achumatti duʼe.
19 Wafalme wote waliokuwa wanamtumikia Hadadezeri walipoona kuwa wameshindwa na Israeli, wakafanya amani na Waisraeli na wakawa chini yao. Hivyo Waaramu wakaogopa kuwasaidia Waamoni tena.
Mootonni Hadaadezerin tajaajilaa turan hundi yommuu akka Israaʼelootaan moʼataman arganitti, Israaʼeloota wajjin nagaa uumanii isa jalatti bulan. Kanaafuu namoonni Sooriyaa ergasii Amoonota gargaaruu sodaatan.