< 2 Wafalme 22 >
1 Yosia alikuwa na miaka minane alipoanza kutawala, naye akatawala huko Yerusalemu miaka thelathini na mmoja. Mama yake aliitwa Yedida binti Adaya, kutoka Boskathi.
Yosiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa saddeetii ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa soddomii tokko bulche. Maqaan haadha isaa Yediidaa dha; isheenis intala Adaayaa nama biyya Boozqaatii ti.
2 Akafanya yaliyo mema machoni pa Bwana na kuenenda katika njia zote za Daudi baba yake. Hakugeuka upande wa kuume wala wa kushoto.
Inni fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete; utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorinis karaa abbaa isaa Daawit irra deeme.
3 Katika mwaka wa kumi na nane wa utawala wake, Mfalme Yosia akamtuma mwandishi Shafani mwana wa Azalia, mwana wa Meshulamu, kwenda katika Hekalu la Bwana. Akasema:
Yosiyaas mootichi bara mootummaa isaa keessa waggaa kudha saddeettaffaatti akkana jedhee Shaafaan ilma Azaliyaa ilma Meshulaam barreessaa sana gara mana qulqullummaa Waaqayyootti erge:
4 “Panda uende kwa Hilkia, kuhani mkuu, umwambie ahesabu zile fedha ambazo zimeletwa katika Hekalu la Bwana, ambazo mabawabu wamekusanya kutoka kwa watu.
“Gara Hilqiyaa lubicha ol aanaatti ol baʼiitii akka inni maallaqa gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidame kan warri balbala eegan namoota irraa walitti qaban sana lakkaaʼu godhi.
5 Waambie waikabidhi kwa watu walioteuliwa kusimamia kazi ya Hekalu. Waamuru watu hawa wawalipe wafanyakazi ambao wanakarabati Hekalu la Bwana:
Maallaqni kunis namoota akka hojii mana qulqullummaa toʼataniif muudamanitti imaanaa haa kennamu. Namoonni kunneen immoo warra mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsaniif jechuunis,
6 wale maseremala, wajenzi na waashi. Waambie pia wanunue mbao na mawe yaliyochongwa ili kukarabati Hekalu.
warra muka soofaniif, warra mana ijaaranii fi warra dhagaa soofaniif haa kaffalan. Akkasumas mana qulqullummaa haaromsuuf mukaa fi dhagaa soofame ittiin haa bitan.
7 Lakini hawahitajiki kutoa hesabu ya fedha walizokabidhiwa, kwa sababu wanafanya kwa uaminifu.”
Isaan garuu sababii amanamummaadhaan hojjetaniif, maallaqa imaanaa isaanitti kenname sana toʼachuun hin barbaachisu.”
8 Hilkia kuhani mkuu akamwambia Shafani mwandishi, “Nimekipata Kitabu cha Sheria ndani ya Hekalu la Bwana.” Akampa Shafani, ambaye alikisoma.
Hilqiyaa lubichi ol aanaan sunis, Shaafaan barreessaa sanaan, “Ani mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Kitaaba Seeraa argeen jira” jedhe. Kitaabichas Shaafaanitti kenne; Shaafaan immoo kitaaba sana ni dubbise.
9 Kisha Shafani mwandishi akamwendea mfalme na kumpa taarifa akisema: “Maafisa wako wametoa ile fedha ambayo ilikuwa ndani ya Hekalu la Bwana na imekabidhiwa mikononi mwa wasimamizi wa marekebisho ya Hekalu.”
Ergasiis Shaafaan gara mootichaa dhaqee, “Qondaaltonni kee maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ture baasanii hojjettootaa fi namoota hojii mana qulqullummaa toʼatanitti imaanaa kennaniiru” jedhee hime.
10 Ndipo Shafani mwandishi akampasha mfalme habari kwamba: “Hilkia kuhani amenipa kitabu hiki.” Naye Shafani akakisoma kile kitabu mbele ya mfalme.
Shaafaan barreessaan sun, “Hilqiyaa lubichi kitaaba tokko natti kenneera” jedhee mootichatti hime. Shaafaanis fuula mootichaa duratti kitaaba sana dubbise.
11 Mfalme aliposikia maneno ya kile Kitabu cha Sheria, akararua mavazi yake.
Mootichis dubbii Kitaaba Seeraa sana dhageenyaan uffata isaa ni tarsaase.
12 Akatoa maagizo haya kwa Hilkia kuhani, Ahikamu mwana wa Shafani, Akbori mwana wa Mikaya, Shafani mwandishi, na Asaya mtumishi wa mfalme:
Innis ajaja kana Hilqiyaa lubichatti, Ahiiqaam ilma Shaafaanitti, Akboor ilma Miikaayaatti, Shaafaan barreessichaa fi Asaayaa tajaajilaa mootichaatti ni kenne;
13 “Nendeni mkamuulize Bwana kwa ajili yangu, na kwa ajili ya watu na Yuda wote kuhusu yale yaliyoandikwa ndani ya kitabu hiki ambacho kimepatikana. Hasira ya Bwana ni kubwa inayowaka dhidi yetu kwa sababu baba zetu hawakuyatii maneno ya kitabu hiki. Hawajatenda kulingana na yale yote yaliyoandikwa humo kutuhusu sisi.”
“Dhaqaatii waaʼee waan kitaaba argame kana keessatti barreeffamee anaaf, sabaa fi Yihuudaa hundaaf Waaqayyoon gaafadhaa. Sababii warri nuun duraa dubbii kitaabaa kanaatiif hin ajajaminiif dheekkamsi Waaqayyoo guddaan nutti bobaʼeera; isaan akka waan waaʼee keenya barreeffame sana hundaatti hin jiraanneetii.”
14 Hilkia kuhani, Ahikamu, Akbori, Shafani na Asaya wakaenda kuongea na nabii mke Hulda, ambaye alikuwa mke wa Shalumu mwana wa Tikwa, mwana wa Harhasi mtunzaji wa chumba cha mavazi. Hulda aliishi Yerusalemu katika Mtaa wa Pili.
Hilqiyaa lubichi, Ahiiqaam, Akboor, Shaafaanii fi Asaayaan Huldaanaa raajittii gaafachuu dhaqan. Huldaanaan kun niitii Shaluum ilma Tiqwaa, ilma Harhaas kan eegduu uffataa ture sanaa ti. Isheenis Yerusaalem keessa Aanaa Lammaffaa keessa jiraatti turte.
15 Akawaambia, “Hivi ndivyo asemavyo Bwana, Mungu wa Israeli: Mwambieni yule mtu aliyewatuma ninyi kwangu,
Isheenis akkana isaaniin jette; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Namicha natti isin erge sanatti akkana jedhaa himaa.
16 ‘Hivi ndivyo asemavyo Bwana: Nitaleta maafa juu ya mahali hapa na watu wake, kulingana na kila kitu kilichoandikwa katika kitabu hicho mfalme wa Yuda alichosoma.
‘Waaqayyo akkana jedha: Ani akkuma waan kitaaba mootichi Yihuudaa dubbise sana keessatti barreeffame hundaatti iddoo kanaa fi saba isaatti badiisa nan fida.
17 Kwa sababu wameniacha mimi na kufukiza uvumba kwa miungu mingine, na kunighadhibisha kwa sanamu zote zilizotengenezwa kwa mikono yao, hasira yangu itawaka dhidi ya mahali hapa, wala haitatulizwa.’
Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waaqota tolfamoo harki isaanii tolche hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniif, dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni bobaʼa; hin dhaamus.’
18 Mwambieni mfalme wa Yuda, ambaye amewatuma kumuuliza Bwana, ‘Hivi ndivyo asemavyo Bwana, Mungu wa Israeli, kuhusu maneno uliyoyasikia:
Mootii Yihuudaa kan akka isin Waaqayyoon gaafattaniif isin erge sanatti akkana jedhaatii himaa; ‘Waaʼee dubbii ati dhageesse sanaa, Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha;
19 Kwa kuwa moyo wako ulikuwa msikivu na ulijinyenyekeza mbele za Bwana uliposikia kile nilichosema dhidi ya mahali hapa na watu wake, kwamba wangelaaniwa na kuachwa ukiwa, basi kwa sababu uliyararua mavazi yako na kulia mbele zangu, nimekusikia, asema Bwana.
“Sababii ati yeroo waan ani waaʼee iddoo kanaatii fi waaʼee saba isaa akka isaan abaaramanii barbadeeffaman waan hamaa dubbadhe dhageessetti garaan kee tuqamee fuula Waaqayyoo duratti gad of qabdeef, sababii uffata kee tarsaaftee fuula koo duratti boosseef, ani si dhagaʼeera” jedha Waaqayyo.
20 Kwa hiyo nitakukusanya kwa baba zako, nawe utazikwa kwa amani. Macho yako hayataona maafa yote nitakayoleta juu ya mahali hapa.’” Basi wakapeleka jibu lake kwa mfalme.
Kanaafuu ani abbootii kee biratti walittin si qaba; atis nagumaan awwaalamta. Waan hamaa ani iddoo kana irratti fiduuf jiru hunda iji kee hin argu.’” Isaanis deebii ishee fudhatanii gara mootichaatti deebiʼan.