< 2 Wafalme 12 >
1 Katika mwaka wa saba wa utawala wa Yehu, Yoashi alianza kutawala, naye akatawala huko Yerusalemu miaka arobaini. Jina la mama yake aliitwa Sibia, kutoka Beer-Sheba.
Bara mootummaa Yehuu keessa waggaa torbaffaatti Yooʼaash mootii taʼe; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa afurtama bulche. Maqaan haadha isaa Saabiyaa ture; isheenis nama Bersheebaa turte.
2 Yoashi akafanya yaliyo mema machoni pa Bwana miaka yote ambayo Yehoyada kuhani alikuwa akimwelekeza.
Yooʼaashis bara Yehooyaadaan lubichi isa gorsaa ture hunda waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjechaa ture.
3 Hata hivyo mahali pa juu pa kuabudia hapakuondolewa. Watu waliendelea kutoa kafara na kufukiza uvumba huko.
Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan.
4 Yoashi akawaambia makuhani, “Kusanyeni fedha zote ambazo zitaletwa kama sadaka takatifu kwenye Hekalu la Bwana, yaani fedha zilizokusanywa kama kodi, fedha zilizopokelewa kutokana na nadhiri za watu binafsi, na fedha zilizoletwa kwa hiari hekaluni.
Yooʼaashis lubootaan akkana jedhe; “Maallaqa kennaa qulqulluu godhamee mana qulqullummaa Waaqayyootti fidame hunda jechuunis maallaqa yeroo uummanni lakkaaʼametti walitti qabame, maallaqa wareega namootaa irraa walitti qabamee fi maallaqa namoonni fedhiidhaan mana qulqullummaatti fidan walitti qabaa.
5 Kila kuhani na apokee fedha kutoka kwa mmoja wa watunza hazina, nazo zitumike kukarabati uharibifu wowote unaoonekana katika Hekalu.”
Tokkoon tokkoon lubaa qabduu horii irraa maallaqa haa fuudhu; maallaqni kunis waan mana qulqullummaa keessaa caccabe kam iyyuu deebisanii haaromsuudhaaf hojii irra haa oolu.”
6 Lakini ikawa kufikia mwaka wa ishirini na tatu wa utawala wake Mfalme Yoashi, makuhani walikuwa bado hawajalikarabati Hekalu.
Garuu bara Yooʼaash Mootichaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti luboonni sun amma illee mana qulqullummaa sana hin haaromsine ture.
7 Kwa hiyo Mfalme Yoashi akamwita Yehoyada kuhani na makuhani wengine, akawauliza, “Kwa nini hamtengenezi uharibifu uliofanyika hekaluni? Msichukue fedha zaidi kutoka kwa watunza hazina wenu kwa ajili ya matumizi yenu, lakini kuanzia sasa ni lazima fedha yote itumike kwa ajili ya kukarabati Hekalu.”
Kanaafuu Yooʼaash mootichi Yehooyaadaa lubichaa fi luboota kaan walitti waamee, “Isin maaliif kutaa mana qulqullummaa kan diigamaa jiru sana deebiftanii hin haaromsine? Isin siʼachi maallaqa namoota irraa guurtan of harka hin tursinaa; garuu akka manni qulqullummaa ittiin haaromfamuuf dabarsaa kennaa.”
8 Makuhani wakakubali kuwa hawatakusanya tena fedha kutoka kwa watu na kwamba hawatakarabati Hekalu wenyewe.
Luboonni sunis akka lammata maallaqa waldaa irraa walitti hin qabnee fi akka mana qulqullummaa sana illee ofii isaaniitiin hin haaromsine walii galan.
9 Yehoyada kuhani akachukua kisanduku na akatoboa tundu kwenye kifuniko chake. Akakiweka kando ya madhabahu upande wa kulia unapoingia hekaluni mwa Bwana. Makuhani waliolinda ingilio wakaweka ndani ya kisanduku fedha zote ambazo zililetwa katika Hekalu la Bwana.
Yehooyaadaan lubichi sanduuqa tokko fuudhee qadaada isaa ure. Sanduuqa sanas karra namni ittiin mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuun karaa mirgaatiin iddoo aarsaa bira kaaʼe. Luboonni balbala sana eeganis maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootiif fidamu hunda sanduuqa sana keessa buusu ture.
10 Kila mara walipoona kuwa kuna kiasi kikubwa cha fedha ndani ya kisanduku, mwandishi wa mfalme na kuhani mkuu walikuja, wakazihesabu fedha hizo zilizoletwa katika Hekalu la Bwana, na kuziweka katika mifuko.
Yommuu sanduuqni sun guututtis barreessaan mootiitii fi lubni ol aanaan dhufanii maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootti galfame sana lakkaaʼanii korojootti naqan.
11 Wakiisha kuthibitisha kiasi cha hizo fedha, waliwapa watu walioteuliwa kusimamia kazi katika Hekalu. Kwa fedha hizo, wakawalipa wale watu waliofanya kazi katika Hekalu la Bwana: yaani, maseremala na wajenzi,
Erga baayʼinni maallaqa sanaa beekamee booddee isaan warra hojii mana qulqullummaa sana toʼachuuf filatamanitti kennan. Jarris namoota hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo irratti bobbaʼan jechuunis warra muka soofanii fi warra mana ijaaraniif,
12 waashi na wakata mawe. Walinunua mbao na mawe ya kuchongwa kwa ajili ya ukarabati wa Hekalu la Bwana, na kulipia gharama nyingine zote za kulitengeneza.
warra dhagaadhaan ijaaranii fi warra dhagaa cabsaniif kaffalan. Akkasumas mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuudhaaf jedhanii mukaa fi dhagaa soofame bitanii baasii ittiin mana qulqullummaa haaromsan hunda baasan.
13 Fedha zilizoletwa kwenye Hekalu hazikutumiwa kutengenezea masinia ya fedha, mikasi ya kusawazishia tambi, mabakuli ya kunyunyizia, tarumbeta wala vyombo vingine vyovyote vya dhahabu au fedha kwa ajili ya Hekalu la Bwana;
Maallaqni mana qulqullummaatti fidame sun miʼa meetii irraa hojjetame kan akka caabii, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitii ittiin waa faffacaasan, malakata yookaan miʼa warqee yookaan meetii irraa mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjetaman biraa kamiin iyyuu tolchuuf hojii irra hin oolle;
14 zililipwa kwa wafanyakazi, ambao walizitumia kwa kukarabati Hekalu.
maallaqni sunis namoota mana qulqullummaa sana haaromsaniif baafame.
15 Wao hawakudai kupewa hesabu ya fedha kutoka kwa wale waliowapa ili kuwalipa wafanyakazi, kwa sababu walifanya kwa uaminifu wote.
Isaan sababii jarri amanamummaa guutuudhaan waan kana hojjetaniif namoota akka isaan warra mana qulqullummaa haaromsaniif kaffalaniif maallaqni itti kenname sana irraa herrega toʼachuu hin barbaanne.
16 Fedha zilizopatikana kutokana na sadaka za hatia na sadaka za dhambi hazikuletwa katika Hekalu la Bwana; zilikuwa mali ya makuhani.
Maallaqni aarsaa yakkaatii fi aarsaa cubbuutiif galfame tokko iyyuu mana qulqullummaa Waaqayyootti hin fidamne; kun qooda lubootaatii.
17 Wakati huu Hazaeli mfalme wa Aramu akapanda kuishambulia Gathi, akaiteka. Kisha akageuka ili kuishambulia Yerusalemu.
Yeruma kana keessa Hazaaʼeel mootiin Sooriyaa Gaatitti ol baʼee lolee ishee qabate. Ergasii immoo Yerusaaleminis loluuf itti gara gale.
18 Lakini Yoashi mfalme wa Yuda akavichukua vyombo vyote vitakatifu vilivyowekwa wakfu na baba zake, yaani Yehoshafati, Yehoramu na Ahazia, wafalme wa Yuda, zawadi ambazo yeye mwenyewe alikuwa ameziweka wakfu pamoja na dhahabu yote iliyokutwa katika hazina za Hekalu la Bwana na katika jumba la kifalme, akazipeleka kwa Hazaeli mfalme wa Aramu, ambaye hatimaye aliondoka Yerusalemu.
Yooʼaash mootichi Yihuudaa garuu miʼoota abbootiin isaa mootonni Yihuudaa Yehooshaafaax, Yehooraamii fi Ahaaziyaan Waaqaaf addaan baasanii fi kan inni mataan isaa Waaqaaf addaan baase, warqee kuusaa qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa hunda walitti qabee Hazaaʼeel mooticha Sooriyaatiif kenne; Hazaaʼeelis ergasii Yerusaalemii baʼee deeme.
19 Kwa matukio mengine ya utawala wa Yoashi na yote aliyoyafanya, je, hayakuandikwa katika kitabu cha kumbukumbu za wafalme wa Yuda?
Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundinuu kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
20 Maafisa wake wakafanya shauri baya dhidi yake, nao wakamuulia Yoashi huko Beth-Milo, kwenye barabara iteremkayo kuelekea Sila.
Qondaaltonni isaa isatti malatanii karaa Siilaatti gad buʼu irratti Beet Miilootti isa ajjeesan.
21 Maafisa waliomuua walikuwa Yozabadi mwana wa Shimeathi, na Yehozabadi mwana wa Shomeri. Akafa na akazikwa pamoja na baba zake katika Mji wa Daudi. Naye Amazia mwanawe akawa mfalme baada yake.
Qondaaltonni isa ajjeesanis Yozaakaar ilma Shimeʼaatii fi Yehoozaabaad ilma Shoomeer turan. Innis duʼee abbootii isaa biratti Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Amasiyaa ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.