< 2 Nyakati 33 >

1 Manase alikuwa na umri wa miaka kumi na miwili alipoanza kutawala, naye akatawala huko Yerusalemu miaka hamsini na mitano.
Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche.
2 Akafanya maovu machoni pa Bwana, akafuata desturi za machukizo za mataifa ambayo Bwana aliyafukuza mbele ya Waisraeli.
Innis waan jibbisiisaa saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
3 Akajenga upya mahali pa juu pa kuabudia miungu ambapo Hezekia baba yake, alikuwa amepabomoa, pia akasimamisha madhabahu za Mabaali na nguzo za Maashera. Akalisujudia jeshi lote la angani na kuliabudu.
Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas barbadeessee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaawwan Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan samii hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates.
4 Akajenga madhabahu katika Hekalu la Bwana ambamo Bwana alikuwa amesema, “Jina langu litadumu Yerusalemu milele.”
Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Waaqayyo, “Maqaan koo bara baraan Yerusaalem keessa ni jiraata” jedhee waaʼee isaa dubbate sana keessatti iddoowwan aarsaa tolche.
5 Katika nyua zote mbili za Hekalu la Bwana akajenga madhabahu kwa ajili ya jeshi lote la angani.
Oobdiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo lamaanuu keessattis raayyaawwan samii hundaaf iddoowwan aarsaa ni tolche.
6 Akawatoa wanawe kuwa kafara kwa kuwapitisha katika moto katika Bonde la Ben-Hinomu, akafanya ulozi, uaguzi na uchawi, akataka ushauri kwa wenye pepo wa utambuzi na wenye kuwasiliana na mizimu. Akafanya maovu mengi machoni pa Bwana, akaichochea hasira yake.
Sulula Ben Hinoomittis ilmaan isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolchaa fi falfala hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula Waaqayyoo duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase.
7 Akachukua ile sanamu aliyoichonga na kuiweka katika Hekalu la Mungu ambalo Mungu alikuwa amemwambia Daudi na mwanawe Solomoni, “Katika Hekalu hili na katika Yerusalemu niliouchagua kutoka kabila zote za Israeli, nitaliweka Jina langu milele.
Innis fakkii Waaqa tolfamaa kan hojjetee ture sana geessee mana qulqullummaa Waaqaa kan Waaqni akkana jedhee waaʼee isaa Daawitii fi ilma isaa Solomoonitti dubbatee ture sana keessa kaaʼe; “Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba.
8 Sitaifanya tena miguu ya Waisraeli iondoke tena katika nchi niliyowapa baba zenu, ikiwa watakuwa waangalifu kufanya kila kitu nilichowaamuru kuhusu sheria zote, maagizo na amri zilizotolewa kwa mkono wa Mose.”
Yoo isaan waan ani waaʼee seera, labsii fi qajeelcha karaa Museetiin kenname sanaa isaan ajaje hunda hojjetanii ani siʼachi akka miilli Israaʼelootaa biyya ani abbootii keessaniif kenne keessaa baʼu hin godhu.”
9 Lakini Manase akawaongoza Yuda na watu wa Yerusalemu katika upotovu, kiasi kwamba walifanya maovu mengi kuliko mataifa ambayo Bwana aliwaangamiza mbele ya Waisraeli.
Minaaseen Yihuudaa fi namoota Yerusaalem karaa irraa jalʼise; kanaafuu isaan saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa balleesse sana caalaa hammina hojjetan.
10 Bwana akasema na Manase pamoja na watu wake, lakini hawakumjali.
Waaqayyos Minaasee fi saba isaatti dubbateera; isaan garuu dhagaʼuu hin feene.
11 Hivyo Bwana akaleta juu yao majemadari wa jeshi la mfalme wa Ashuru, ambao walimchukua Manase kwenda kifungoni, wakaweka ndoana katika pua yake, wakamfunga kwa pingu za shaba na kumpeleka Babeli.
Kanaafuu Waaqayyo ajajjoota loltoota mootii Asoor isaanitti kaase; isaanis Minaasee qabanii hokkoo funyaanitti kaʼaanii foncaadhaan hidhanii Baabilonitti isa geessan.
12 Katika dhiki yake akamsihi Bwana Mungu wake na kujinyenyekeza sana mbele za Mungu wa baba zake.
Innis lubbamee Waaqayyo Waaqa isaa barbaadee fuula Waaqa abbootii isaa duratti akka malee gad of qabe.
13 Naye alipomwomba, Bwana akaguswa na kule kusihi kwake na akasikiliza kilio chake, kwa hiyo akamrudisha Yerusalemu na kwenye ufalme wake. Ndipo Manase akatambua kwamba Bwana ndiye Mungu.
Waaqayyos yeroo inni isa kadhatetti naʼeefii waammata isaa dhagaʼeef; deebisees gara Yerusaalem mootummaa isaatti isa fide. Minaaseenis ergasii akka Waaqayyo Waaqa taʼe ni beeke.
14 Baadaye akajenga ukuta wa nje wa Mji wa Daudi, magharibi mwa chemchemi ya Gihoni katika bonde, hadi kufikia ingilio la Lango la Samaki na akakizunguka kilima cha Ofeli, pia akaufanya kuwa mrefu zaidi. Akawaweka majemadari katika miji yote ya Yuda iliyokuwa imejengewa ngome.
Ergasii dallaa Magaalaa Daawit isa alaa, karaa lixa burqaa Giihoon kan sulula keessaa gaara Oofeelitti naannessee hamma Karra Qurxummiitti ni haaromse; dallaa kanas akka malee ol dheeresse. Magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda keessas ajajjoota waraanaa ni qubachiise.
15 Akaondolea mbali miungu ya kigeni na kuondoa sanamu kutoka Hekalu la Bwana pamoja na madhabahu zote alizozijenga katika kile kilima kilichojengwa Hekalu na katika Yerusalemu, akazitupa nje ya mji.
Innis waaqota ormaa fi fakkiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessaa ni balleesse; akkasumas iddoowwan aarsaa kanneen inni gaarran mana qulqullummaa irraa fi Yerusaalem keessatti tolche hundas ni diige; magaalaa keessaas baasee ni gate.
16 Kisha akarudisha madhabahu ya Bwana na kutolea juu yake dhabihu za sadaka za amani pamoja na sadaka za shukrani, naye akawaamuru Yuda wamtumikie Bwana, Mungu wa Israeli.
Iddoo aarsaa Waaqayyoo deebisee dhaabee aarsaa nagaa fi aarsaa galataa irratti ni dhiʼeesse; akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel tajaajilaniif namoota Yihuudaa ni ajaje.
17 Lakini hata hivyo watu wakaendelea kutoa dhabihu mahali pa juu pa kuabudia miungu, lakini wakimtolea Bwana Mungu wao peke yake.
Taʼus sabni ittuma fufee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa keessatti aarsaa dhiʼeesse; garuu uummanni sun Waaqayyo Waaqa isaa qofaaf aarsaa dhiʼeessaa ture.
18 Matukio mengine ya utawala wa Manase, maombi yake kwa Mungu wake na maneno aliyoambiwa na waonaji walionena naye kwa jina la Bwana, Mungu wa Israeli, yameandikwa katika kitabu cha kumbukumbu za wafalme wa Israeli.
Wantoonni bara mootummaa Minaasee keessa hojjetaman kanneen biraa, kadhannaan inni Waaqa isaa kadhatee fi dubbii inni namoota waa arganii himan maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin isatti himan dabalatee seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera.
19 Maombi yake, pamoja na jinsi Mungu alivyoguswa na kusihi kwake, pia dhambi zake zote na kukosa kwake uaminifu pamoja na sehemu alizojenga mahali pa juu pa kuabudia miungu, kule kusimamisha nguzo za Ashera na sanamu kabla ya kujinyenyekeza kwake, yote yameandikwa katika kumbukumbu za waonaji.
Kadhannaan isaa fi akki Waaqni itti garaa laafeefii kadhannaa isaa dhagaʼeef, cubbuun inni hojjete hundii fi amanamummaa dhabuun isaa, akkasumas utuu gad of hin qabin dura iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaruun isaa, siidaawwan Aasheeraa fi waaqota tolfamoo dhaabuun isaa hundi galmeewwan namoota waa arganii himanii keessatti barreeffamaniiru.
20 Manase akalala pamoja na baba zake akazikwa katika jumba lake la kifalme. Naye Amoni mwanawe akawa mfalme baada yake.
Minaaseenis abbootii isaa wajjin boqotee masaraa mootummaa isaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aamoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
21 Amoni alikuwa na miaka ishirini na miwili, alipoanza kutawala, naye akatawala huko Yerusalemu kwa miaka miwili.
Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche.
22 Akatenda maovu machoni mwa Bwana, kama baba yake Manase alivyofanya. Amoni akaabudu na kutoa dhabihu kwa sanamu zote alizokuwa ametengeneza Manase.
Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Aamoon waaqota Minaaseen tolche waaqeffate; hunda isaaniitifis aarsaa dhiʼeesse.
23 Lakini tofauti na Manase baba yake, hakujinyenyekeza mbele za Bwana, badala yake Amoni aliongeza hatia zaidi na zaidi.
Inni garuu akka abbaa isaa Minaasee fuula Waaqayyoo duratti gad of hin qabne; Aamoon ittuma caalchisee yakka hojjete.
24 Watumishi wa Amoni wakafanya fitina juu yake, nao wakamuulia kwake nyumbani.
Qondaaltonni Amoon isatti mariʼatanii masaruma mootummaa isaa keessatti isa ajjeesan.
25 Kisha watu wa nchi wakawaua wale wote waliokuwa wamefanya hila dhidi ya Mfalme Amoni. Wakamfanya Yosia mwanawe kuwa mfalme mahali pake.
Kana irratti namoonni biyya sanaa warra Aamoon Mootichatti malatan hunda fixanii ilma isaa Yosiyaasin immoo iddoo isaa mootii godhatan.

< 2 Nyakati 33 >