< 2 Nyakati 26 >

1 Kisha watu wote wa Yuda wakamtwaa Uzia, aliyekuwa na umri wa miaka kumi na sita, nao wakamfanya mfalme mahali pa Amazia baba yake.
Ergasii namoonni Yihuudaa hundi Uziyaan nama waggaa kudha jaʼa sana fuudhanii iddoo abbaa isaa iddoo Amasiyaa buusanii mootii ni godhan.
2 Ndiye alijenga upya Elathi kuirudisha kwa Yuda baada ya Amazia kulala pamoja na baba zake.
Erga Amasiyaa abbootii isaa wajjin boqotee booddee namni Eelootin deebisee ijaaree gara Yihuudaatti deebisee Uziyaan ture.
3 Uzia alikuwa na umri wa miaka kumi na sita alipoanza kutawala, naye akatawala huko Yerusalemu kwa miaka hamsini na miwili. Mama yake aliitwa Yekolia wa Yerusalemu.
Uziyaan yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha jaʼa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii lama ni bulche; maqaan haadha isaa Yekooliyaa ture; isheenis nama Yerusaalem turte.
4 Akatenda yaliyo mema machoni pa Bwana, kama Amazia baba yake alivyofanya.
Innis akkuma abbaa isaa Amasiyaa sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete.
5 Akamtafuta Mungu katika siku za Zekaria, aliyemwelekeza kumcha Mungu. Wakati wote alipomtafuta Bwana, Mungu alimfanikisha.
Inni bara Zakkaariyaas isa akka inni Waaqa sodaatu isa barsiise sanaa keessa Waaqa barbaade. Yeroo inni Waaqayyoon barbaade hundas Waaqni isa ni milkoomse.
6 Alipigana vita dhidi ya Wafilisti na kubomoa kuta za Gathi, Yabne na Ashdodi. Kisha akajenga upya miji karibu na Ashdodi na mahali pengine katikati ya Wafilisti.
Innis Filisxeemotatti duulee dallaawwan Gaati, kan Yabinee fi kan Ashdood ni diige. Ergasii Ashdood birattii fi bulchiinsota Filisxeemotaa kaan keessatti magaalaawwan deebisee ni ijaare.
7 Mungu akamsaidia dhidi ya Wafilisti na dhidi ya Waarabu walioishi Gur-Baali na dhidi ya Wameuni.
Yeroo inni Filisxiyaatti, Araboota Guur Baʼaalittii fi Meʼuunootatti kaʼetti Waaqni isa gargaare.
8 Waamoni wakamletea Uzia ushuru, umaarufu wake ukaenea hadi kwenye mpaka wa Misri, kwa sababu alikuwa amekuwa na nguvu sana.
Warri Amoonis Uziyaaniif gibira ni fidan; sababii inni baayʼee jabaateef gurri isaa hamma daangaa Gibxitti beekame.
9 Uzia akajenga minara huko Yerusalemu katika Lango la Pembeni, katika Lango la Bondeni na katika pembe, mahali kuta zikutanapo, kisha akaijengea ngome.
Uziyaanis Yerusaalem keessatti Karra Golee irratti, Karra sululaa irrattii fi golee dallaa irratti gamoowwan eegumsaa ni ijaare.
10 Akajenga pia minara jangwani na kuchimba visima vingi vya maji, kwa sababu alikuwa na mifugo mingi chini ya vilimani na kwenye nchi tambarare. Alikuwa na watu wanaofanya kazi katika mashamba yake na kwenye mashamba yake ya mizabibu huko vilimani na katika ardhi zenye rutuba, kwa kuwa aliupenda udongo.
Akkasumas inni sababii gaarran jalaa fi dirree irraa horii akka malee baayʼee qabuuf gammoojjii keessatti gamoowwan eegumsaa ijaaree boolla bishaanii hedduus ni qote; inni waan hojii qotiisaa jaallatuuf qottoota gaarranii fi lafa gabbataa qotanii wayiniis dhaaban qaba ture.
11 Zaidi ya hayo, Uzia alikuwa na jeshi lililofunzwa vizuri, lililokuwa tayari kwenda vitani kwa vikosi kufuatana na idadi yao kama walivyokusanywa na Yeieli mwandishi na Maaseya msimamizi chini ya maelekezo ya Hanania, mmojawapo wa maafisa wa mfalme.
Kana malees Uziyaan hoomaa waraanaa kan akka gaarii leenjifamee waraanaaf qophaaʼe qaba ture; hoomaan waraanaa kunis dura buʼummaa Hanaaniyaa isa qondaaltota mootichaa keessaa tokko taʼe sanaan akkuma baayʼina isaaniitti garee gareedhaan Yeʼiiʼeel barreessaa sanaa fi Maʼaseyaa ajajjichaan gurmeeffame.
12 Idadi yote ya viongozi wa jamaa waliowaongoza hawa wapiganaji walikuwa 2,600.
Baayʼinni hooggantota maatii kanneen loltoota irratti muudamanii walumatti 2,600 ture.
13 Chini ya uongozi wao kulikuwa na jeshi la askari 307,500 watu waliofundishwa kwa ajili ya vita, jeshi lenye nguvu la kumsaidia mfalme dhidi ya adui zake.
Ajaja isaanii jalattis hoomaa waraanaa kan namoota lolaaf leenjifaman 307,500 of keessaa qabu tokkotu ture; hoomaan kunis humna guddaa kan yeroo mootichi diinota isaatti duulutti isa gargaaruu dha.
14 Uzia akalipatia jeshi lote ngao, mikuki, chapeo, dirii, pinde na mawe ya kombeo.
Uziyaan loltoota hundaaf gaachana, eeboo, gonfoo sibiilaa, qomee sibiilaa, xiyyaa fi furrisa dhagaa kenne.
15 Huko Yerusalemu watu wenye utaalamu mkubwa wakatengeneza mitambo iliyotumika katika minara na kwenye pembe za ulinzi ili kurusha mishale na kuvurumisha mawe makubwa. Sifa zake zikaenea mbali sana kwa sababu alisaidiwa mno mpaka akawa na nguvu sana.
Innis Yerusaalem keessatti meeshaawwan namoota ogeeyyiidhaan hojjetaman kanneen gamoowwan eegumsaatii fi goleewwan ittisaa gubbaatti xiyya darbachuu fi dhagaa furuursuuf fayyadan ijaare. Innis hamma jabaatutti waan gargaarsa argateef maqaan isaa fagootti illee balʼinaan ni beekame.
16 Lakini baada ya Uzia kuwa na nguvu sana, majivuno yake yakamsababishia kuanguka. Alikosa uaminifu kwa Bwana Mungu wake, naye akaingia hekaluni mwa Bwana ili afukize uvumba kwenye madhabahu ya kufukizia uvumba.
Garuu Uziyaan erga jabaatee booddee, of tuulummaan isaa kufaatii isatti fide. Innis iddoo aarsaa ixaanaatti ixaana aarsuuf mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuudhaan amanamummaa Waaqayyo Waaqa isaatiif qabu irraa duubatti ni deebiʼe.
17 Azaria kuhani akiwa pamoja na makuhani wengine themanini wa Bwana wenye ujasiri wakamfuata huko ndani.
Azaariyaa lubichis luboota Waaqayyoo warra waa hin sodaanne kan biraa saddeettama wajjin isa duukaa ni seene.
18 Wakamkabili na kumwambia, “Siyo sawa kwako, Uzia, kumfukizia Bwana uvumba. Hiyo ni kazi ya makuhani, wazao wa Aroni, ambao wamewekwa wakfu ili kufukiza uvumba. Ondoka mahali patakatifu, kwa kuwa umekosa uaminifu nawe hutaheshimiwa na Bwana.”
Isaanis Uziyaan mootichaan mormanii, “Yaa Uziyaan Waaqayyoof ixaana aarsuun luboota sanyii Aroon warra ixaana aarsuuf filataman sanaaf malee siif hin malu. Ati sababii amanamaa hin taʼiniif Waaqayyo Waaqa biraa ulfina hin argattuutii iddoo qulqulluu kanaa baʼi” jedhaniin.
19 Uzia, ambaye alikuwa na chetezo mkononi mwake tayari kufukiza uvumba, akakasirika. Alipokuwa anawaghadhibikia makuhani mbele ya madhabahu ya kufukizia uvumba katika Hekalu la Bwana, ukoma ukamtokea penye kipaji chake cha uso.
Uziyaanis utuu ixaana aarsuuf girgiraa harkatti qabatee qophaaʼee jiruu ni aare. Innis utuma mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti iddoo aarsaa ixaana duratti lubootatti aaraa jiruu ijuma isaanii duratti lamxiin adda isaatti ni baʼe.
20 Azaria kuhani mkuu pamoja na makuhani wengine wote walipomtazama wakaona kwamba alikuwa na ukoma penye kipaji chake cha uso wakaharakisha kumtoa nje. Naam, hata yeye mwenyewe alikuwa anatamani kuondoka kwa sababu Bwana alikuwa amempiga.
Azaariyaa lubichi hangafnii fi luboonni biraa hundinuu yeroo isa ilaalanitti akka lamxiin adda isaa irra jiru ni argan; kanaafuu isaan dafanii gad isa baasan. Sababii dheekkamsi Waaqayyoo isa dhaʼeef dhugumaan inni iyyuu baʼuuf ariifatee ture.
21 Mfalme Uzia alikuwa na ukoma mpaka siku ya kufa kwake. Akatengwa katika nyumba ya pekee akiwa mwenye ukoma, naye akawa ametengwa kutoka Hekalu la Bwana. Yothamu mwanawe akawa msimamizi wa jumba la mfalme, pia akawaongoza watu wa nchi.
Uziyaan mootichi hamma gaafa duʼuutti lamxaaʼee ture. Innis waan lamxaaʼee tureef mana qulqullummaa Waaqayyoo irraa citee mana kophaa keessa ni jiraate. Ilmi isaa Yootaam ilmi isaa itti gaafatama masaraa mootummaa fudhatee saba biyyattii bulche.
22 Matukio mengine ya utawala wa Uzia, kuanzia mwanzo mpaka mwisho, yameandikwa na nabii Isaya mwana wa Amozi.
Wantoonni bara mootummaa Uziyaan keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman biraan Isaayyaas raajicha ilma Amoosiin galmeeffamaniiru.
23 Uzia akalala pamoja na baba zake, naye akazikwa karibu nao katika shamba la kuzikia lililokuwa mali ya wafalme, kwa kuwa watu walisema, “Alikuwa na ukoma.” Yothamu mwanawe akawa mfalme baada yake.
Uziyaanis abbootii isaa wajjin boqotee sababii namoonni, “Inni lamxii qaba” jedhaniif inni lafa awwaala moototaa keessatti isaanuma biratti ni awwaalame. Ilmi isaa Yootaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

< 2 Nyakati 26 >