< 2 Nyakati 12 >
1 Baada ya nafasi ya Rehoboamu kuimarika na kuwa na nguvu, yeye na Israeli yote waliiacha sheria ya Bwana Mungu.
Rehooboʼaam erga mootii taʼee mootummaa isaa cimsatee booddee innii fi Israaʼeloonni isa wajjin jiraatan hundi seera Waaqayyoo eeguu didan.
2 Kwa sababu hawakuwa waaminifu kwa Bwana, Shishaki mfalme wa Misri akashambulia Yerusalemu katika mwaka wa tano wa utawala wa Mfalme Rehoboamu.
Sababii isaan Waaqayyoof amanamuu didaniif waggaa shanaffaa Rehooboʼaam mootii taʼetti Shiishaaq mootiin Gibxi Yerusaalemin waraane.
3 Akiwa na magari ya vita 1,200 na wapanda farasi 60,000 na idadi isiyohesabika ya majeshi ya Walibia, Wasukii na Wakushi yaliyokuja pamoja naye kutoka Misri.
Innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba lama, abbootii fardaa kuma jaatamaa fi loltoota Liibiyaa, kan Sukkiimiitii fi kan Itoophiyaa warra baayʼinni isaanii hin beekamne kanneen isa wajjin Gibxii dhufan fudhatee,
4 Akateka miji ya Yuda yenye ngome akaendelea mpaka Yerusalemu.
magaalaawwan Yihuudaa kanneen jajjabeeffamanii ijaaraman qabatee hamma Yerusaalemiitti ni dhufe.
5 Ndipo nabii Shemaya akaja kwa Rehoboamu na kwa viongozi wa Yuda waliokuwa wamekusanyika huko Yerusalemu kwa ajili ya hofu ya Shishaki naye akawaambia, “Hivi ndivyo asemavyo Bwana, ‘Ninyi mmeniacha mimi, kwa hiyo, mimi nami sasa ninawaacha ninyi mkononi mwa Shishaki.’”
Ergasii Shemaaʼiyaan raajichi gara Rehooboʼaamii fi bulchitoota Yihuudaa kanneen Shiishaaq sodaatanii Yerusaalem keessatti walitti qabamanii dhufee, “Waaqayyo akkana jedha; ‘Isin na dhiiftan; anis harka Shiishaaqitti isin kenneera’” jedhe.
6 Viongozi wa Israeli na mfalme wakajinyenyekeza na kusema, “Bwana Mungu ni mwenye haki.”
Bulchitoonni Israaʼelii fi Rehooboʼaam mootichi gad of deebisanii, “Waaqayyo qajeelaa dha” jedhan.
7 Bwana Mungu alipoona kwamba wamejinyenyekeza, neno hili la Bwana likamjia Shemaya: “Maadamu wamejinyenyekeza, sitawaangamiza bali hivi karibuni nitawapatia wokovu. Ghadhabu yangu haitamwagwa juu ya Yerusalemu kwa kupitia Shishaki.
Yommuu Waaqayyo akka isaan gad of deebisan argetti, dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Shemaaʼiyaa dhufe; “Waan isaan gad of deebisaniif, ani dafeen isaan fura malee isaan hin balleessu. Dheekkamsi koos karaa Shiishaaqiin Yerusaalemitti hin dhangalaasu.
8 Hata hivyo, watamtumikia Shishaki ili wapate kujifunza tofauti kati ya kunitumikia mimi na kuwatumikia wafalme wa nchi nyingine.”
Taʼus isaan akka garaa garummaa ana tajaajiluu fi mootota biyya biraa tajaajiluu gidduu jiru beekaniif isaaf ni garboomu.”
9 Shishaki mfalme wa Misri alipoishambulia Yerusalemu, alichukua hazina za Hekalu la Bwana na hazina za jumba la kifalme. Akachukua kila kitu, pamoja na zile ngao za dhahabu ambazo Solomoni alikuwa amezitengeneza.
Shiishaaq mootiin Gibxi yeroo Yerusaalem qabatetti qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi qabeenya masaraa mootummaa guurratee deeme. Gaachanawwan warqee kanneen Solomoon hojjete dabalatee waan guurratee gale.
10 Kwa hiyo Mfalme Rehoboamu akatengeneza ngao za shaba badala ya zile za dhahabu na kuzikabidhi kwa majemadari wa ulinzi wa zamu kwenye ingilio la jumba la mfalme.
Kanaafuu Rehooboʼaam mootichi iddoo isaanii buusuuf jedhee gaachana naasii hojjetee ajajjuuwwan eegdota dabaree eegumsa balbala masaraa mootummaatti kenne.
11 Kila wakati mfalme alipokwenda katika Hekalu la Bwana walinzi walikwenda pamoja naye wakiwa wamebeba hizo ngao na baadaye walizirudisha kwenye chumba cha ulinzi.
Yeroo mootichi gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqu hunda eegdonni sun gaachana sana baachaa isa wajjin deemanii ergasii immoo kutaa eegdotaatti deebisu ture.
12 Kwa sababu Rehoboamu alijinyenyekeza, hasira ya Bwana ikageukia mbali naye, hakuangamizwa kabisa. Kukawa na hali nzuri katika Yuda.
Sababii Rehooboʼaam gad of deebiseef dheekkamsi Waaqayyoo isa irraa ni deebiʼe; kanaafuu inni guutummaatti hin balleeffamne; dhugumaan Yihuudaa keessa haala gaariitu ture.
13 Mfalme Rehoboamu akajiweka imara katika Yerusalemu na akaendelea kuwa mfalme. Alikuwa na umri wa miaka arobaini na mmoja alipoanza kutawala, naye akatawala huko Yerusalemu miaka kumi na saba, mji ambao Bwana alikuwa ameuchagua miongoni mwa makabila yote ya Israeli ili aliweke Jina lake humo. Mama yake aliitwa Naama, alikuwa Mwamoni.
Rehooboʼaam mootichis Yerusaalem keessatti of cimsee mootii taʼee ni jiraate. Yeroo inni mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtamii tokko ture. Innis waggaa kudha torba Yerusaalem magaalaa Waaqayyo Maqaa ofii isaa achi kaaʼachuuf jedhee gosoota Israaʼel hunda keessaa filate sana keessatti mootii taʼee bulche. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte.
14 Rehoboamu akatenda maovu kwa sababu hakuuelekeza moyo wake katika kumtafuta Bwana Mungu.
Inni sababii Waaqayyoon barbaaduuf garaa isaa hin qopheessiniif waan hamaa hojjete.
15 Kwa habari ya matukio katika utawala wa Rehoboamu, tangu mwanzo mpaka mwisho, je, hayakuandikwa katika kumbukumbu za nabii Shemaya na mwonaji Ido zinazohusiana na vizazi? Kulikuwako na vita mara kwa mara kati ya Rehoboamu na Yeroboamu.
Wantoonni bara mootummaa Rehooboʼaam keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman galmee seenaa kan Shemaaʼiyaa raajichaa fi seenaa dhalootaa kan Iddoon namichi ilaalaan sun barreesse keessatti barreeffamaniiru mitii? Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraana gargari hin cinnetu ture.
16 Rehoboamu akalala na baba zake, akazikwa katika Mji wa Daudi. Naye Abiya mwanawe akawa mfalme baada yake.
Rehooboʼaam abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Abiyaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.