< 1 Timotheo 5 >

1 Usimkemee mzee kwa ukali bali umshawishi kama vile angekuwa ni baba yako. Uwatendee vijana kama vile ndugu zako;
Nama dulloome tokko akka waan inni abbaa kee taʼeetti gorsi malee hin ifatin. Dargaggootas akka obbolootaatti ilaali;
2 nao wanawake wazee uwatendee kama mama zako, na wanawake vijana kama dada zako, katika usafi wote.
dubartoota dullooman akka haadhotiitti, dubartoota shamarran akka obboleettotaatti qulqullummaa guutuun ilaali.
3 Waheshimu wanawake wajane ambao ni wajane kweli kweli.
Haadhota hiyyeessaa kanneen dhugumaan rakkattoota taʼan kabaji.
4 Kama mjane ana watoto ama wajukuu, hawa inawapasa awali ya yote wajifunze kutimiza wajibu wao wa kumcha Mungu katika matendo kwa kuwatunza wale wa jamaa zao wenyewe, na hivyo wawarudishie wema waliowatendea wazazi wao, kwa kuwa hivi ndivyo impendezavyo Mungu.
Garuu haati hiyyeessaa tokko yoo ijoollee yookaan akkoowwan qabaatte ijoolleen kunneen maatii isaanii gargaaruu fi warra isaaniitiif gatii deebisuudhaan amantii isaanii hojiin mulʼisuuf duraan dursanii barachuu qabu; kun Waaqa gammachiisaatii.
5 Mwanamke ambaye ni mjane kweli kweli, yaani, yeye aliyebaki peke yake huweka tumaini lake kwa Mungu naye hudumu katika maombi usiku na mchana akimwomba Mungu ili amsaidie.
Haati hiyyeessaa kan dhugumaan rakkattuu taatee kophaa ishee hafte abdii ishee Waaqa irra kaaʼattee halkanii guyyaa kadhannaa fi gargaarsa Waaqaa gaafachuu itti fufti.
6 Lakini mjane aishiye kwa anasa amekufa, ingawa anaishi.
Haati hiyyeessaa kan jireenya gammachuutti of gattu garuu utuma jirtuu iyyuu duuteerti.
7 Wape watu maagizo haya pia, ili asiwepo yeyote wa kulaumiwa.
Akka namni tokko iyyuu mudaa hin qabaanneef ajaja kana kenni.
8 Kama mtu hawatunzi wale wa jamaa yake, hasa wale wa nyumbani mwake mwenyewe, ameikana imani, tena ni mbaya kuliko yeye asiyeamini.
Namni firoota isaa keessumattuu miseensota maatii isaa warra isatti aannan hin gargaarre kam iyyuu amantii ganeera; inni nama hin amanne caalaattis hamaa dha.
9 Mjane yeyote asiwekwe kwenye orodha ya wajane isipokuwa awe ametimiza umri wa miaka sitini, na ambaye alikuwa mke wa mume mmoja,
Haati hiyyeessaa tokko yoo umuriin ishee waggaa jaatamaa ol taʼee akkasumas niitii dhirsa tokkichaa turte taate malee maqaan ishee galmee haadhota hiyyeessaa irratti hin galmeeffamin;
10 awe ameshuhudiwa kwa matendo yake mema, aliyewalea watoto wake vizuri, aliye mkarimu, aliyewanawisha watakatifu miguu, aliyewasaidia wenye shida na aliyejitolea kwa ajili ya matendo mema ya kila namna.
akkasumas isheen hojii gaarii hojjechuudhaan jechuunis ijoollee guddisuudhaan, keessummaa simachuudhaan, miilla qulqullootaa dhiquudhaan, warra rakkatan gargaaruudhaan, karaa hundumaanis hojii gaarii hojjechuu keessatti of kennuudhaan kan beekamte taʼuu qabdi.
11 Lakini kwa habari za wajane vijana usiwaweke kwenye orodha hiyo, maana tamaa zao za kimaumbile zikizidi kule kujitoa kwao kwa Kristo, watataka kuolewa tena.
Haadhota hiyyeessaa kanneen shamarran taʼan garuu hin galmeessin. Isaan yommuu hawwiin foonii Kiristoos irraa gargar isaan baasutti deebiʼanii heerumuu barbaaduutii.
12 Nao kwa njia hiyo watajiletea hukumu kwa kukiuka ahadi yao ya kwanza.
Kanaanis isaan waan kakuu isaanii kan jalqabaa cabsaniif murtii ofitti fidu.
13 Zaidi ya hayo, wajane kama hao huwa na tabia ya uvivu wakizurura nyumba kwa nyumba, wala hawawi wavivu tu, bali pia huwa wasengenyaji, wajiingizao katika mambo yasiyowahusu na kusema mambo yasiyowapasa kusema.
Kana malees manaa gara manaatti labanii dhibaaʼummaa baratu. Dhibaaʼummaa qofa utuu hin taʼin waan dubbachuun isaaniif hin malle dubbachuudhaan nama hamatu; dhimma namaa keessas galu.
14 Hivyo nawashauri wajane vijana waolewe, wazae watoto na wasimamie nyumba zao, wasije wakampa adui nafasi ya kutushutumu.
Kanaafuu haadhonni hiyyeessaa kanneen ijoollummaa qaban akka carraa maqaa nu balleessuu diinaaf hin kennineef ani akka isaan heeruman, akka ijoollee daʼanii fi akka mana isaanii bulfatan nan gorsa.
15 Kwa maana kwa kweli wajane wengine wamepotoka ili kumfuata Shetani.
Namoonni tokko tokko Seexana duukaa buʼuuf jedhanii duraanuu karaa irraa goraniiru.
16 Lakini kama mwanamke yeyote aaminiye ana wajane katika jamaa yake, inampasa awasaidie wala si kuwaacha wakililemea kanisa, ili kanisa liweze kuwasaidia wale ambao ni wajane kweli kweli.
Dubartiin amantu kam iyyuu yoo haadhota hiyyeessaa maatii ishee keessaa qabaatte, akka waldaan kiristaanaa haadhota hiyyeessaa kanneen dhugumaan rakkattoota taʼan gargaartuuf isheen isaan haa gargaartuu malee akka waldaa kiristaanaatti baʼaa taʼan hin godhin.
17 Wazee wa kanisa wanaoongoza shughuli za kanisa vizuri wanastahili heshima mara mbili, hasa wale ambao kazi yao ni kuhubiri na kufundisha.
Jaarsoliin sirriitti waldaa kiristaanaa bulchan keessumattuu warri hojiin isaanii lallabuu fi barsiisuu taʼe ulfina dachaa argachuu qabu.
18 Kwa maana Maandiko husema, “Usimfunge maksai kinywa apurapo nafaka,” tena, “Mfanyakazi anastahili mshahara wake.”
Katabbiin Qulqulluun, “Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin;” akkasumas, “Hojjetaaf mindaa isaa argachuun ni mala” jedhaatii.
19 Usiendekeze mashtaka dhidi ya mzee isipokuwa yawe yameletwa na mashahidi wawili au watatu.
Yoo dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffame malee himata jaarsa tokko mormuun dhiʼeeffamu kam iyyuu hin fudhatin.
20 Wale wanaodumu katika dhambi uwakemee hadharani, ili wengine wapate kuogopa.
Akka warri kaan sodaataniif namoota cubbuu hojjetan fuula namoota hundaa duratti itti dheekkami.
21 Ninakuagiza mbele za Mungu na mbele za Kristo Yesu na mbele za malaika wateule, shika maagizo haya pasipo ubaguzi wala upendeleo.
Ani akka ati waan tokko iyyuu loogiidhaan hin goonee fi akka wal caalchisuu malee ajajawwan kanneen eegduuf fuula Waaqaatii fi fuula Kiristoos Yesuus duratti, fuula ergamoota filatamanii durattis sin gorsa.
22 Usiwe na haraka kumwekea mtu mikono wala usishiriki dhambi za watu wengine. Jilinde nafsi yako uwe safi.
Eenyu irra iyyuu harka kaaʼuuf hin ariifatin; cubbuu nama biraa keessatti hin hirmaatin. Qulqullummaadhaanis of eeggadhu.
23 Acha kunywa maji peke yake, tumia divai kidogo kwa sababu ya tumbo lako na maumivu yako ya mara kwa mara.
Sababii garaa keetiitii fi dhukkuba ammumaa amma sitti kaʼu sanaatiif daadhii wayinii xinnoo ishee dhugi malee bishaan qofa hin dhugin.
24 Dhambi za watu wengine ni dhahiri nazo zinawatangulia kwenda hukumuni; na dhambi za watu wengine zinawafuata nyuma yao.
Cubbuun namoota tokko tokkoo duraan dursee ifatti mulʼata; isaan dura darbees lafa murtii gaʼa; cubbuun warra kaanii garuu duuba irratti beekama.
25 Vivyo hivyo, matendo mema yako dhahiri, na hata yale ambayo si mema hayawezi kufichika.
Hojiin gaariinis akkasuma ifatti mulʼata; kan ifatti hin mulʼannes dhokfamee hafuu hin dandaʼu.

< 1 Timotheo 5 >