< 1 Samweli 30 >
1 Daudi na watu wake wakafika Siklagi siku ya tatu. Basi Waamaleki walikuwa wamevamia Negebu na Siklagi. Wakawa wameshambulia mji wa Siklagi na kuuteketeza kwa moto,
Daawitii fi namoonni isaa guyyaa sadaffaatti Xiiqlaag gaʼan. Yeroo sanattis Amaaleqoonni Negeebii fi Siiqlaagin weeraranii turan. Isaanis Xiiqlaagin dhaʼanii ibiddaan guban;
2 nao wakawa wamewachukua mateka wanawake pamoja na wote waliokuwamo humo, vijana na wazee. Hawakuua yeyote, bali waliwachukua wakaenda zao.
dubartootaa fi warra achi keessa turan hunda, dargaggeeyyii fi jaarsolii boojiʼan. Hunda isaanii fudhatanii deeman malee nama tokko illee hin ajjeefne.
3 Daudi na watu wake walipofika Siklagi, wakakuta mji umeangamizwa kwa moto na wake zao pamoja na wana wao na binti zao wamechukuliwa mateka.
Yommuu Daawitii fi namoonni isaa Siiqlaag dhufanitti magaalattiin ibiddaan gubamtee niitonni isaanii, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii hundinuu boojiʼamanii turan.
4 Hivyo Daudi na watu wake wakapiga yowe mpaka wakaishiwa na nguvu za kulia.
Kana irratti Daawitii fi namoonni isa wajjin turan hamma booʼuu dadhabanitti iyyanii booʼan.
5 Wake wawili wa Daudi walikuwa wametekwa: yaani Ahinoamu wa Yezreeli, na Abigaili, mjane wa Nabali wa Karmeli.
Niitonni Daawit lamaanuu jechuunis Ahiinooʼam Yizriʼeelittiinii fi Abiigayiil niitiin Naabaal namichi Qarmeloos sun irraa duʼe qabamanii turan.
6 Daudi alihuzunika sana kwa sababu watu walikuwa wakisemezana juu ya kumpiga kwa mawe. Kila mmoja alikuwa na uchungu rohoni kwa sababu ya wanawe na binti zake. Lakini Daudi akajitia nguvu katika Bwana, Mungu wake.
Daawit waan namoonni dhagaadhaan isa tumuuf mariʼachaa turaniif akka malee yaaddaʼe; tokkoon tokkoon namaa sababii ilmaanii fi intallan isaatiif garaan isaa gubatee ture. Daawit garuu Waaqayyo Waaqa isaatiin jabina argate.
7 Kisha Daudi akamwambia kuhani Abiathari mwana wa Ahimeleki, “Niletee kisibau.” Abiathari akamletea,
Daawitis Abiyaataar lubicha ilma Ahiimelekiin, “Dirata sana naa fidi” jedhe. Abiyaataaris ni fideef;
8 naye Daudi akamuuliza Bwana, “Je, nifuatie kundi hili la wavamizi? Je, nitawapata?” Bwana akajibu, “Wafuatie. Hakika utawapata na utafanikiwa kuwaokoa.”
Daawitis, “Ani garee weerartootaa kana duukaa buʼuu? Ani isaan qaqqabuu nan dandaʼaa?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Innis deebisee, “Isaan duukaa buʼaa; ni qaqqabdaatii; boojuu illee dhugumaan irraa buufatta” jedheen.
9 Daudi pamoja na watu wake 600 wakafika kwenye Bonde la Besori, mahali ambapo wengine waliachwa nyuma,
Daawitii fi namoonni isa wajjin turan dhibbi jaʼan gara Laga Besoor dhufan; gartokkeen isaaniis achitti hafan.
10 kwa kuwa watu 200 walikuwa wamechoka sana kuweza kuvuka hilo bonde. Lakini Daudi pamoja na watu 400 wakaendelea kufuatia.
Namoonni dhibba lama waan akka malee dadhabaniif laga Besoor ceʼuu hin dandeenye. Daawitii fi namoonni dhibba afur garuu ittuma fufanii duukaa buʼan.
11 Wakamkuta Mmisri katika shamba fulani, nao wakamleta kwa Daudi. Wakampa huyo Mmisri maji ya kunywa na chakula;
Isaanis namicha Gibxi tokko dirree irratti arganii Daawititti fidanii bishaan inni dhuguu fi waan inni nyaatu kennaniif.
12 kipande cha andazi la tini na andazi la zabibu zilizokaushwa. Akala naye akapata nguvu, kwa kuwa hakuwa amekula chakula chochote wala kunywa maji kwa siku tatu usiku na mchana.
Akkasumas bixxillee harbuu cabaa tokkoo fi bixxillee ija wayinii lama kennaniif. Innis nyaatee lubbuun itti deebite; inni guyyaa sadii fi halkan sadii homaa hin nyaanne, bishaanis hin dhugne tureetii.
13 Daudi akamuuliza, “Wewe ni wa nani, na umetoka wapi?” Akajibu, “Mimi ni Mmisri, mtumwa wa Mwamaleki. Bwana wangu alinitelekeza nilipougua siku tatu zilizopita.
Daawitis, “Ati kan eenyuu ti? Eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Namichis akkana jedhe; “Ani nama biyya Gibxi; garbicha Amaaleqicha tokkoo ti. Gooftaan koo guyyaa sadiin dura ani fayyaa dhabnaan na gatee deeme.
14 Tulivamia Negebu ya Wakerethi, na nchi ya Yuda, na Negebu ya Kalebu. Nasi tulichoma moto Siklagi.”
Nus Negeeb kan Kereetotaa, kutaa Yihuudaatii fi Negeeb Kaaleb weerarree Siiqlaagin ibiddaan gubne.”
15 Daudi akamuuliza, “Je, unaweza kuniongoza kufikia kundi hili la uvamizi?” Akajibu, “Niapie mbele ya Mungu kwamba hutaniua wala kunikabidhi mikononi mwa bwana wangu, nami nitakupeleka hadi waliko.”
Daawitis, “Iddoo gareen weerartuu kanaa jirutti na geessuu ni dandeessaa?” jedheen. Innis deebisee, “Akka na hin ajjeefne yookaan akka dabarsitee gooftaa kootti na hin kennine fuula Waaqaa duratti naa kakadhu; anis iddoo isaan jiranitti sin geessaa” jedhe.
16 Akamwongoza Daudi mpaka mahali walipokuwa, nao walikuwa wametawanyika eneo lote, wakila, wakinywa na wakifanya karamu kwa sababu ya nyara nyingi walizochukua kutoka nchi ya Wafilisti na kutoka Yuda.
Yommuu namichi sun iddoo isaan jiranitti Daawitin geessetti, Amaaleqoonni sababii boojuu guddaa biyya Filisxeemii fi Yihuudaatii fudhatan sanaatiif baadiyyaa keessa faffacaʼanii nyaachaa, dhugaa, sirbaas turan.
17 Daudi akapigana nao kuanzia machweo ya jua hadi kesho yake jioni, na hakuna yeyote miongoni mwao aliyetoroka, isipokuwa vijana wanaume 400 waliopanda ngamia na kutoroka.
Daawitis galgala sanaa jalqabee hamma galgala guyyaa itti aanuutti isaan waraane; dargaggeeyyii dhibba afur kanneen gaalawwan yaabbatanii baqatan malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin miliqne.
18 Daudi akarudisha kila kitu Waamaleki walikuwa wamechukua, pamoja na wake zake wawili.
Daawit waan Amaaleqoonni boojiʼan hunda harkaa buufate; niitota isaa lamaanis ni deebifate.
19 Hakuna chochote kilichopotea: kijana au mzee, mvulana au msichana, nyara au kitu kingine chochote walichokuwa wamechukua. Daudi akarudisha kila kitu.
Wanni tokko iyyuu hin hirʼanne; jechuunis dargaggeessi yookaan jaarsi, dhiirri yookaan durbi, wanni saamame yookaan wanni isaan fudhatan tokko iyyuu hin hirʼanne. Daawit waan hunda harkaa buufatee fide.
20 Akachukua makundi yote ya kondoo, mbuzi na ngʼombe, nao watu wake wakawaswaga wanyama hao mbele ya wanyama wengine wa kufugwa, wakisema, “Hizi ni nyara za Daudi.”
Innis bushaayee fi loon isaanii hunda fudhate; namoonni isaas, “Kun boojuu Daawit” jechaa fuula horii kaanii dura isaan oofan.
21 Kisha Daudi akafika kwa wale watu 200 waliokuwa wamechoka sana kumfuata na ambao waliachwa nyuma kwenye Bonde la Besori. Wakatoka kwenda kumlaki Daudi na wale watu aliokuwa nao. Daudi na watu wake walipowakaribia, akawasalimu.
Daawit gara namoota dhibba lamaan akka malee dadhabanii isa duukaa buʼuu hin dandaʼin kanneen Laga Besoor biratti duubatti hafan sanaa dhufe. Isaanis Daawitii fi namoota isaa simachuu gad buʼan. Daawitis yeroo namoota sanatti dhiʼaatetti nagaa isaan gaafate.
22 Lakini watu wote waovu na wakorofi miongoni mwa wafuasi wa Daudi wakasema, “Kwa sababu hawakwenda pamoja nasi, hatutagawana nao nyara tulizorudisha. Lakini, kila mtu aweza kuchukua mkewe na watoto wake na kuondoka.”
Garuu namoonni hamoonii fi warri rakkina uuman kanneen duukaa buutota Daawit wajjin turan hundi, “Waan isaan nu wajjin hin duuliniif nu boojuu deebifanne kana isaan wajjin hin qooddannu. Taʼus tokkoon tokkoon isaanii niitii fi ijoollee isaanii fudhatanii haa deeman” jedhan.
23 Daudi akajibu, “La hasha, ndugu zangu, kamwe hamwezi kufanya hivyo kwa kile ambacho Bwana ametupatia. Yeye ametulinda na kuweka mikononi mwetu majeshi yale yaliyokuja kupigana dhidi yetu.
Daawit immoo akkana jedhee deebise; “Lakkisaa, yaa obboloota ko, isin waan Waaqayyo nuuf kenne irratti waan akkanaa gochuu hin qabdan. Inni nu eegee waraana nutti dhufe illee dabarsee harka keenyatti kenneera.
24 Ni nani atasikiliza yale mnayosema? Fungu la mtu aliyekaa na vyombo litakuwa sawa na la yule aliyekwenda vitani. Wote watashiriki sawa.”
Eenyutu waan isin jettan kana dhagaʼa? Qoodni namicha miʼa eeguu, qooda namicha duula dhaqeetiin tokkuma. Isaan hundi haaluma tokkoon qooddatu.”
25 Daudi akafanya hili liwe amri na agizo kwa Israeli kutoka siku ile hata leo.
Daawitis gaafasii jalqabee hamma harʼaatti waan kana seeraa fi sirna godhee saba Israaʼeliif dhaabe.
26 Daudi alipofika Siklagi, akatuma baadhi ya nyara kwa wazee wa Yuda, waliokuwa rafiki zake, akasema, “Tazama, hapa kuna zawadi kwa ajili yenu kutoka nyara za adui za Bwana.”
Daawit yommuu Siiqlaag gaʼetti, “Kun kennaa boojuu diinota Waaqayyoo keessaa isinii kennamee dha” jedhee maanguddoota Yihuudaa kanneen michoota isaa turaniif boojuu sana irraa erge.
27 Akazituma kwa wale waliokuwa Betheli, Ramoth-Negebu na Yatiri;
Boojuu sanas warra Beetʼeelitti argamaniif, warra Raamoot Negeebii fi Yatiir turaniif,
28 kwa wale walioko Aroeri, Sifmothi, Eshtemoa
warra Aroʼeer, warra Siifmoot, Eshtimoʼaa,
29 na Rakali; kwa wale waliokuwa katika miji ya Wayerameeli na ya Wakeni;
warra Raakaal akkasumas warra magaalaa Yeramiʼeelotaatii fi magaalaa Qeenotaa keessa jiraataniif,
30 na kwa wale walioko Horma, Bori-Ashani, Athaki,
warra Hormaa, warra Boor Aashaan, warra Ataak,
31 na kwa wakazi wa Hebroni; na kwa wale waliokuwa mahali pengine pote ambako Daudi na watu wake walitembelea.
warra Kebroon akkasumas iddoowwan Daawitii fi namoonni isaa keessa nanaannaʼan hunda jiraataniif erge.