< 1 Samweli 3 >
1 Kijana Samweli alihudumu mbele za Bwana chini ya Eli. Katika siku zile neno la Mungu lilikuwa adimu, hapakuwepo na maono mengi.
Saamuʼeel mucichi fuula Eelii duratti Waaqayyoon tajaajilaa ture. Bara sana keessa dubbiin Waaqayyoo yeroo tokko tokko malee hin dhufu ture; mulʼanni baayʼeenis hin jiru ture.
2 Usiku mmoja Eli, ambaye macho yake yalikuwa yamefifia sana kiasi kwamba aliona kwa shida sana, alikuwa amelala mahali pake pa kawaida.
Eeliin inni iji isaa arguu dadhabe sun halkan tokko idduma isaa kan durii rafaa ture.
3 Taa ya Mungu bado ilikuwa haijazimika, na Samweli alikuwa amelala Hekaluni mwa Bwana, ambapo Sanduku la Mungu lilikuwako.
Saamuʼeelis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa iddoo taabonni Waaqaa ture sana ture; ibsaan Waaqaa amma illee hin dhaamne ture.
4 Kisha Bwana akamwita Samweli. Samweli akajibu, “Mimi hapa.”
Waaqayyos Saamuʼeelin ni waame. Saamuʼeelis, “Ani asin jira” jedhee deebise.
5 Naye akakimbia kwa Eli na kumwambia, “Mimi hapa, kwa kuwa umeniita.” Lakini Eli akasema, “Sikukuita; rudi ukalale.” Hivyo akaenda kulala.
Fiigees gara Eelii dhaqee, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedheen. Eeliin garuu, “Ani si hin waamne; deebiʼii ciisi” jedheen; innis deebiʼee ciise.
6 Bwana akaita tena, “Samweli!” Naye Samweli akaamka, kwenda kwa Eli na kusema, “Mimi hapa, kwa kuwa umeniita.” Eli akasema, “Mwanangu, sikukuita, rudi ukalale.”
Ammas Waaqayyo, “Saamuʼeel!” jedhee waame; Saamuʼeelis kaʼee Eelii bira dhaqee, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedhe. Eeliinis, “Yaa ilma koo ani si hin waamne; dhaqii ciisi” jedheen.
7 Wakati huu Samweli alikuwa bado hajamjua Bwana. Neno la Bwana lilikuwa bado halijafunuliwa kwake.
Yeroo sana Saamuʼeel Waaqayyoon hin beeku ture; dubbiin Waaqayyos isaaf hin ibsamne ture.
8 Bwana akamwita Samweli mara ya tatu, naye Samweli akaamka kwenda kwa Eli na kusema, “Mimi hapa, kwa kuwa umeniita.” Ndipo Eli akatambua kuwa Bwana alikuwa akimwita kijana.
Waaqayyo yeroo sadaffaadhaaf Saamuʼeelin ni waame; Saamuʼeelis kaʼee gara Eelii dhaqe, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedhe. Eliin yeroo kana akka Waaqayyo mucicha waamaa ture hubate.
9 Hivyo Eli akamwambia Samweli, “Nenda ukalale, na kama akikuita, sema, ‘Nena Bwana, kwa kuwa mtumishi wako anasikiliza.’” Hivyo Samweli akaenda na kulala mahali pake.
Kanaafuu Eeliin Saamuʼeeliin, “Dhaqii ciisi; yoo inni si waame, ‘Garbichi kee dhagaʼaa jiraatii yaa Waaqayyo dubbadhu’ jedhi” jedheen. Kanaafuu Saamuʼeel dhaqee iddoo ofii isaa ciise.
10 Bwana akaja akasimama hapo, akiita kama mara zile nyingine, “Samweli! Samweli!” Kisha Samweli akasema, “Nena Bwana, kwa kuwa mtumishi wako anasikiliza.”
Waaqayyos dhufee achi dhaabatee akkuma duraan waametti, “Saamuʼeel! Saamuʼeel!” jedhee waame. Saamuʼeelis, “Garbichi kee dhagaʼaa jiraatii dubbadhu” jedhe.
11 Naye Bwana akamwambia Samweli: “Tazama, nipo karibu kufanya kitu katika Israeli ambacho kitafanya masikio ya kila mmoja atakayesikia yawashe.
Waaqayyos Saamuʼeeliin akkana jedhe: “Kunoo ani waan gurra namaatti hin tolle tokko Israaʼelitti fiduufin jira.
12 Wakati huo nitatimiza dhidi ya Eli kila kitu nilichonena dhidi ya jamaa yake, kuanzia mwanzo mpaka mwisho.
Gaafas ani waanan maatii Eelii irratti dubbadhe hundumaa jalqabaa hamma dhumaatti Eeliitti nan fida.
13 Kwa kuwa nilimwambia kwamba ningehukumu jamaa yake milele kwa sababu ya dhambi aliyoijua, wanawe kumkufuru Mungu, naye akashindwa kuwazuia.
Sababii waaʼee cubbuu inni iyyuu beeku tokkootiif ani maatii isaa akkan adabu isatti himeeraatii. Ilmaan isaa waan jibbisiisaa hojjetan; inni garuu isaan hin dhowwine.
14 Kwa hiyo, nikaapa kuhusu nyumba ya Eli, ‘Hatia ya nyumba ya Eli kamwe haitaweza kufidiwa kwa dhabihu au sadaka.’”
Kanaaf ani, ‘Cubbuun mana Eelii aarsaadhaan yookaan qalmaan hin haqamu’ jedhee kakadheera.”
15 Samweli akalala mpaka asubuhi, kisha akafungua milango ya nyumba ya Bwana. Aliogopa kumwambia Eli yale maono,
Saamuʼeel hamma bariʼutti ni rafe; ergasii balbala mana Waaqayyoo bane. Innis mulʼata sana Eeliitti himuu sodaatee ture.
16 lakini Eli akamwita na kumwambia, “Samweli mwanangu.” Samweli akamjibu, “Mimi hapa.”
Eeliin garuu ofitti isa waamee, “Saamuʼeel, yaa ilma koo” jedhe. Saamuʼeelis deebisee, “Ani asin jira” jedheen.
17 Eli akamuuliza, “Ni nini alichokuambia? Usinifiche. Bwana na ashughulike nawe, tena kwa ukali, kama utanificha chochote alichokuambia.”
Eeliinis, “Inni maal jedhee sitti dubbate? Na hin dhoksin; yoo ati waan inni sitti hime tokko illee na dhoksite Waaqni waan hamaa sitti haa fidu; sittis haa cimsu” isaan jedhe.
18 Kwa hiyo Samweli akamwambia kila kitu, bila kumficha chochote. Ndipo Eli akasema, “Yeye ni Bwana; na afanye lile lililo jema machoni pake!”
Kanaaf Saamuʼeel waan tokko illee utuu hin dhoksin waan hundumaa isatti hime. Eeliinis, “Inni Waaqayyoo dha; waan isatti tole haa godhu” jedhe.
19 Bwana alikuwa pamoja na Samweli alipokuwa akikua, na hakuacha hata moja ya maneno yake lianguke chini.
Saamuʼeel guddachaa deeme; Waaqayyos isa wajjin ture; dubbii isaa keessaas tokko iyyuu lafa hin buʼu ture.
20 Nao Israeli wote kuanzia Dani hadi Beer-Sheba wakatambua kuwa Samweli amethibitishwa kuwa nabii wa Bwana.
Israaʼeloonni Daanii hamma Bersheebaatti argaman hundi akka Saamuʼeel raajii Waaqayyoo taʼee fudhatame beekan.
21 Bwana akaendelea kutokea huko Shilo, na huko kujidhihirisha kwa Samweli kwa njia ya neno lake.
Waaqayyo ammas Shiilootti mulʼate; inni karaa dubbii isaatiin Saamuʼeelitti of mulʼiseeraatii.