< 1 Wafalme 8 >
1 Kisha Mfalme Solomoni akawaita mbele zake huko Yerusalemu wazee wa Israeli, viongozi wote wa makabila na wakuu wa jamaa za Waisraeli, ili walilete Sanduku la Agano la Bwana kutoka Sayuni, Mji wa Daudi.
Ergasii Solomoon Mootichi Xiyoon Magaalaa Daawit irraa taabota kakuu Waaqayyoo ol fichisiisuudhaaf jedhee maanguddoota Israaʼel, abbootii gosootaa hundaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel Yerusaalemitti fuula ofii isaa duratti walitti waame.
2 Wanaume wote wa Israeli wakakusanyika kwa Mfalme Solomoni wakati wa sikukuu ya mwezi wa Ethanimu, ndio mwezi wa saba.
Israaʼeloonni hundinuus jiʼa Eetaaniim, jiʼa torbaffaa keessa yeroo ayyaanaatti Solomoon Mooticha biratti walitti qabaman.
3 Wazee wote wa Israeli walipofika, makuhani wakajitwika Sanduku la Agano,
Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi achi gaʼanitti luboonni taaboticha ol fuudhan;
4 nao wakalipandisha Sanduku la Bwana, na Hema la Kukutania pamoja na vyombo vyote vitakatifu vilivyokuwa ndani yake. Makuhani na Walawi wakavibeba,
isaanis taabota Waaqayyoo sana, dunkaana wal gaʼiitii fi miʼoota qulqulleeffaman dunkaanicha keessa turan hunda ni fidan. Luboonnii fi Lewwonnis baatanii ol isaan fidan;
5 naye Mfalme Solomoni na kusanyiko lote la Israeli waliokusanyika kumzunguka walikuwa mbele ya hilo Sanduku, nao wakatoa dhabihu nyingi za kondoo na ngʼombe ambao idadi yao haikuwezekana kuandikwa au kuhesabiwa.
Solomoon Mootichii fi waldaan Israaʼel kan isa biratti walitti qabaman guutuun hoolotaa fi loon akka malee baayʼatanii galmeessuu fi lakkaaʼuun hin dandaʼamne aarsaa dhiʼeessaa isa wajjin fuula taabotaa dura turan.
6 Makuhani wakalileta Sanduku la Agano la Bwana hadi mahali pake ndani ya sehemu takatifu ndani ya Hekalu, yaani Patakatifu pa Patakatifu, na kuliweka chini ya mabawa ya makerubi.
Luboonnis ergasii taabota kakuu Waaqayyoo sana iddoo isaa gara kutaa qulqullicha mana qulqullummaa keessaa jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanatti ol galchanii qoochoo kiirubeelii jala kaaʼan.
7 Makerubi yalitandaza mabawa yao juu ya mahali pa Sanduku la Agano na kutia kivuli Sanduku pamoja na mipiko yake ya kubebea.
Kiirubeeliinis iddoo taabotichaa irratti qoochoowwan isaanii babalʼisanii taabotichaa fi danqaraawwan ittiin taabota baatan gaaddiseessan.
8 Mipiko hiyo ilikuwa mirefu sana kiasi kwamba ncha zake zilionekana kutoka Mahali Patakatifu mbele ya Patakatifu pa Patakatifu, lakini sio nje ya Mahali Patakatifu. Hiyo mipiko ipo hata leo.
Danqaraawwan kunneen waan akka malee dhedheerataniif fiixeen isaanii Iddoo Qulqulluu fuula iddoo qulqulluu gara keessaa jiru sanaa duraa ni mulʼatu ture; garuu Iddoo Qulqulluu sanaa alatti hin mulʼatan ture; danqaraawwan kunneen hamma harʼaatti illee achuma jiru.
9 Ndani ya Sanduku hapakuwepo kitu kingine chochote isipokuwa zile mbao mbili za mawe ambazo Mose alikuwa ameziweka ndani yake huko Horebu, mahali ambapo Bwana alifanya Agano na Waisraeli baada ya kutoka Misri.
Taabota sana keessa gabateewwan dhagaa kanneen Museen Kooreebitti iddoo Waaqayyo erga Israaʼeloonni Gibxii baʼanii booddee itti isaan wajjin kakuu seene sanatti isa keessa kaaʼe lamaan malee wanni tokko iyyuu hin turre.
10 Makuhani walipoondoka katika Mahali Patakatifu, wingu likajaza Hekalu la Bwana.
Akkuma luboonni Iddoo Qulqulluu sana keessaa baʼaniin duumessi mana qulqullummaa Waaqayyoo guute.
11 Nao makuhani hawakuweza kufanya huduma yao kwa sababu ya lile wingu, kwa kuwa utukufu wa Bwana ulijaza Hekalu lake.
Luboonnis sababii duumessa sanaatiif hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye; ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa isaa guutee tureetii.
12 Ndipo Solomoni akasema, “Bwana alisema kwamba ataishi katika giza nene;
Ergasii Solomoon akkana jedhe; “Waaqayyo akka duumessa dukkanaaʼaa keessa jiraatu dubbateera;
13 naam, hakika nimekujengea Hekalu zuri sana, mahali pako pa kuishi milele.”
ani dhugumaan mana qulqullummaa guddaa, iddoo ati bara baraan jiraattu siif ijaareera.”
14 Kusanyiko lote la Israeli lilipokuwa limesimama hapo, mfalme akageuka na kuwabariki.
Utuma waldaan Israaʼel guutuun achi dhaabatuu mootichi of irra garagalee isaan eebbise.
15 Kisha akasema: “Ahimidiwe Bwana, Mungu wa Israeli, ambaye kwa mkono wake mwenyewe ametimiza lile alilomwahidi Daudi baba yangu kwa kinywa chake mwenyewe. Kwa kuwa alisema,
Akkanas jedhe: “Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni waan afaan ofii isaatiin abbaa koo Daawitiif waadaa gale sana harkuma ofii isaatiin guute sun haa eebbifamu. Innis akkana jedhee tureetii;
16 ‘Tangu siku niliyowatoa watu wangu Israeli kutoka Misri, sikuchagua mji katika kabila lolote la Israeli ili Hekalu lijengwe humo ili Jina langu lipate kuwamo humo, bali nimemchagua Daudi kuwatawala watu wangu Israeli.’
‘Ani gaafan saba koo Israaʼelin Gibxii baasee jalqabee akka Maqaan koo achi jiraatuuf jedhee mana qulqullummaa itti ijaarsifachuuf gosoota Israaʼel kam iyyuu keessatti magaalaa tokko illee hin filanne; garuu akka inni saba koo Israaʼelin bulchuuf Daawitin filadheera.’
17 “Ilikuwa moyoni mwa Daudi baba yangu kujenga Hekalu kwa ajili ya Jina la Bwana, Mungu wa Israeli.
“Daawit abbaan koo Maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaaruuf garaa isaatii yaada qaba ture.
18 Lakini Bwana akamwambia Daudi baba yangu, ‘Kwa sababu ilikuwa moyoni mwako kujenga Hekalu kwa ajili ya Jina langu, ulifanya vyema kuwa na jambo hili moyoni mwako.
Waaqayyo garuu abbaa koo Daawitiin akkana jedhe; ‘Waan mana qulqullummaa Maqaa kootiif ijaaruun yaada kee keessa jiruuf, ati yaada kana garaadhaa qabaachuun kee gaarii dha.
19 Hata hivyo, sio wewe utakayenijengea hekalu, bali mwanao, ambaye ni nyama yako na damu yako mwenyewe, yeye ndiye atakayejenga Hekalu kwa ajili ya Jina langu.’
Taʼus namni mana qulqullummaa naaf ijaaru siʼi miti; garuu ilma kee isuma foon keetii fi dhiiga kee taʼetu ijaara; namni mana qulqullummaa Maqaa kootiif ijaaru isa.’
20 “Bwana ametimiza ahadi aliyoiweka: Nimeingia mahali pa Daudi baba yangu na sasa ninakikalia kiti cha ufalme cha Israeli, kama vile Bwana alivyoahidi, nami nimejenga Hekalu kwa ajili ya Jina la Bwana, Mungu wa Israeli.
“Waaqayyo waadaa gale sana eegeera; akkuma Waaqayyo waadaa gale sana ani amma iddoo abbaa koo Daawit buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeen jira; Maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliifis mana qulqullummaa ijaareera.
21 Nimetenga nafasi humo kwa ajili ya Sanduku la Agano, ambamo ndani yake kuna lile Agano la Bwana alilofanya na baba zetu wakati alipowatoa Misri.”
Anis achi keessatti taabotaaf iddoo qopheesseera; taabota sana keessa immoo kakuu Waaqayyoo kan inni yeroo Gibxii isaan baasetti abbootii keenya wajjin gale sanatu jira.”
22 Kisha Solomoni akasimama mbele ya madhabahu ya Bwana machoni pa kusanyiko lote la Israeli, akakunjua mikono yake kuelekea mbinguni
Solomoon iddoo aarsaa Waaqayyoo duratti fuula guutummaa waldaa Israaʼel dura dhaabatee harka isaa gara samiitti ol balʼisee
23 na kusema: “Ee Bwana, Mungu wa Israeli, hakuna Mungu kama wewe juu mbinguni wala chini duniani, wewe unayetunza Agano lako la upendo na watumishi wanaodumu katika njia yako kwa moyo wote.
akkanas jedhe: “Yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, Waaqni akka keetii ol samii keessa yookaan gad lafa irra hin jiru; ati garboota kee warra garaa guutuudhaan karaa kee irra deemaniif kakuu fi jaalala kee kan hin geeddaramne sana ni eegda.
24 Umetimiza ahadi yako kwa mtumishi wako Daudi baba yangu, kwa kinywa chako uliahidi na kwa mkono wako umetimiza, kama ilivyo leo.
Ati waadaa garbicha kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegdeerta; ati afaanuma keetiin waadaa galtee akkuma harʼa taʼee jiru kana harka keetiin fiixaan baafteerta.
25 “Sasa Bwana, Mungu wa Israeli, mtimizie mtumishi wako Daudi baba yangu ahadi zako ulizomwahidi uliposema, ‘Kamwe hutakosa kuwa na mtu atakayeketi mbele zangu kwenye kiti cha ufalme cha Israeli, kama wanao wakiangalia yote wayafanyayo kuenenda mbele zangu kama vile ulivyofanya.’
“Ammas yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, ati waan garbicha kee abbaa koo Daawitiin, ‘Yoo ilmaan kee akkuma ati goote sana waan hojjetan hunda keessatti of eeggachaa, amanamummaan fuula koo dura deddeebiʼan, ati nama fuula koo dura teessoo Israaʼel irra taaʼu gonkumaa hin dhabdu’ jettee abdachiifte sana eegiif.
26 Sasa, Ee Mungu wa Israeli, acha neno lako lile ulilomwahidi mtumishi wako Daudi baba yangu litimie.
Kanaafuu amma yaa Waaqa Israaʼel dubbiin ati garbicha kee abbaa koo Daawitiif waadaa galte sun haa mirkanaaʼu.
27 “Lakini kweli, je, Mungu atafanya makao duniani? Mbingu, hata mbingu zilizo juu sana, haziwezi kukutosha wewe. Sembuse Hekalu hili nililojenga!
“Garuu dhugumaan Waaqni lafa irra ni jiraataa? Samiiwwan, samiiwwan samii olii iyyuu si baachuu hin dandaʼan. Yoos manni qulqullummaa kan ani ijaare kun hammam haa xinnaatu ree!
28 Hata hivyo sikiliza dua ya mtumishi wako na maombi yake kwa huruma, Ee Bwana Mungu wangu. Sikia kilio na dua ambayo mtumishi wako anaomba mbele zako siku hii ya leo.
Taʼus yaa Waaqayyo Waaqa ko, kadhannaa fi waammata garbichi kee araara barbaaduuf dhiʼeessuuf gurra kenni. Iyyaa fi kadhannaa garbichi kee harʼa fuula kee duratti dhiʼeessu illee dhagaʼi.
29 Macho yako na yafumbuke kuelekea Hekalu hili usiku na mchana, mahali hapa ambapo ulisema, ‘Jina langu litakuwako humo,’ ili kwamba upate kusikia maombi ambayo mtumishi wako ataomba kuelekea mahali hapa.
Akka ati kadhannaa garbichi kee fuula isaa garanatti deebifatee kadhatuuf iji kee halkanii fi guyyaa gara mana qulqullummaa kanaa, gara iddoo ati, ‘Maqaan koo achi jiraata’ jette kanaa haa ilaalu.
30 Usikie maombi ya mtumishi wako na ya watu wako Israeli wakati wanapoomba kuelekea mahali hapa. Sikia kutoka mbinguni, mahali pa makao yako na usikiapo, samehe.
Yommuu isaan gara iddoo kanaatti fuula deebifatanii kadhatanitti waammata garbicha keetii fi kan saba kee Israaʼel dhagaʼi. Samii keessaa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi; yommuu dhageessuttis dhiifama godhi.
31 “Mtu anapomkosea jirani yake na akatakiwa kuapa, akija na kuapa mbele ya madhabahu yako ndani ya Hekalu hili,
“Yoo namni tokko ollaa ofii isaatti daba hojjetee akka kakatu gaafatamee, innis dhufee mana qulqullummaa kana keessatti fuula iddoo aarsaa keetii duratti kakate,
32 basi, sikia kutoka mbinguni na ukatende. Hukumu kati ya watumishi wako, ukimhukumu yule mwenye hatia na kuleta juu ya kichwa chake yale aliyoyatenda. Umtangazie mwenye haki kwamba hana hatia, hivyo ukathibitishe kuwa haki kwake.
ati samii irraa dhagaʼiitii tarkaanfii fudhadhu. Nama yakka qabu, yakka isaa matuma isaatti deebistee gatii isaa kennuufiidhaan, nama qajeelaa immoo akkuma qajeelummaa isaatti isaaf falmuudhaan garboota kee gidduutti murtii kenni.
33 “Wakati watu wako Israeli watakapokuwa wameshindwa na adui kwa sababu ya dhambi walizofanya dhidi yako, watakapokugeukia na kulikiri jina lako, wakiomba na kufanya dua kwako katika Hekalu hili,
“Yoo sabni kee Israaʼel sababii cubbuu sitti hojjeteef diinaan moʼatamutti, yoo inni gara keetti deebiʼee maqaa keetiif ulfina kennee mana qulqullummaa kana keessatti kadhatee si waammatutti,
34 basi usikie kutoka mbinguni, ukasamehe dhambi ya watu wako Israeli na kuwarudisha katika nchi uliyowapa baba zao.
samii irraa dhagaʼiitii cubbuu saba kee Israaʼel dhiisiif; biyya abbootii isaaniitiif kennite sanattis deebisii isaan galchi.
35 “Wakati mbingu zitakapokuwa zimefungwa kusiwe na mvua kwa sababu watu wako wametenda dhambi dhidi yako, watakapoomba kuelekea mahali hapa na kulikiri jina lako nao wakageuka kutoka dhambi zao kwa sababu umewaadhibu,
“Yoo sababii sabni kee cubbuu sitti hojjeteef samiiwwan cufamanii bokkaan dhabame, yoo isaan sababii ati isaan adabdeef iddoo kanatti fuula deebifatanii maqaa kee ulfeessanii cubbuu isaanii irraa deebiʼan,
36 basi usikie kutoka mbinguni na usamehe dhambi ya watumishi wako, watu wako Israeli. Wafundishe njia sahihi ya kuishi na ukanyeshe mvua juu ya nchi uliyowapa watu wako kuwa urithi.
ati samii irraa dhagaʼiitii cubbuu garboota kee saba kee Israaʼel dhiisiif. Karaa qajeelaa isaan jiraachuu qaban isaan barsiisi; biyya dhaala gootee saba keetiif kennite irrattis bokkaa roobsi.
37 “Wakati njaa au tauni vikija juu ya nchi, au koga au kawa, nzige au panzi, au wakati adui atakapowazingira katika mji wao wowote, maafa ya namna yoyote au ugonjwa wowote unaoweza kuwajia,
“Yommuu beelli yookaan dhaʼichi yookaan waagiin yookaan awwaaroon yookaan hawwaannisni yookaan korophisni biyyatti dhufutti, yookaan yommuu magaalaawwan biyya isaanii kam iyyuu keessatti diinni isaan marsutti, yookaan yommuu balaan yookaan dhukkubni kam iyyuu dhufutti,
38 wakati dua au maombi yatakapofanywa na mmojawapo wa watu wako Israeli, kila mmoja akitambua taabu za moyo wake mwenyewe, naye akainyoosha mikono yake kuelekea Hekalu hili:
yoo sabni kee Israaʼel rakkina garaa ofii isaa beekee isaan keessaa eenyu iyyuu gara mana qulqullummaa kanaatti harka isaa balʼisee kadhannaa yookaan waammata dhiʼeesse,
39 basi usikie kutoka mbinguni, katika makao yako. Usamehe na utende, umpe kila mtu kulingana na matendo yake, kwa kuwa unaujua moyo wake (kwa kuwa ni wewe peke yako ujuaye mioyo ya watu wote),
ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Dhiifama godhiif; gargaaris. Si qofatu garaa namaa beekaatii, ati sababii garaa isaa beektuuf tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaa hundaatti waan isaaf malu kenni;
40 ili wakuogope kwa wakati wote watakaoishi katika nchi uliyowapa baba zetu.
yoo akkasii isaan bara biyya ati abbootii keenyaaf kennite keessa jiraatan hunda si sodaataniif.
41 “Kwa habari ya mgeni ambaye si miongoni mwa watu wako Israeli, lakini amekuja kutoka nchi ya mbali kwa sababu ya jina lako,
“Akkasumas nama ormaa kan saba kee Israaʼel hin taʼin kan maqaa keetiif jedhee,
42 kwa maana watu watasikia juu ya Jina lako kuu na juu ya mkono wako wenye nguvu na mkono wako ulionyooshwa, atakapokuja na kuomba kuelekea Hekalu hili,
sababii isaan waaʼee maqaa kee guddichaa, harka kee jabaa fi irree kee kan diriirfame sanaa dhagaʼaniif biyya fagootii dhufe, yoo inni dhufee fuula isaa gara mana qulqullummaa kanaatti deebifatee kadhate,
43 basi na usikie kutoka mbinguni, mahali pa makao yako, ukafanye lolote ambalo mgeni huyo anakuomba, ili mataifa yote ya dunia wapate kujua jina lako na wakuogope kama wafanyavyo watu wako Israeli nao wapate pia kujua kwamba nyumba hii niliyoijenga imeitwa kwa Jina lako.
ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Akka saboonni addunyaa hundinuu akkuma saba kee Israaʼel sana maqaa kee beekanii si sodaatanii fi akka isaan akka manni ani ijaare kun maqaa keetiin waamamu illee beekaniif jedhii waan namni ormaa sun si kadhatu hunda godhiif.
44 “Wakati watu wako watakapokwenda vitani dhidi ya adui zao, popote utakapowapeleka, wakati watakapoomba kwa Bwana kuelekea mji ambao umeuchagua, na Hekalu nililolijenga kwa ajili ya Jina lako,
“Yommuu sabni kee diinota isaa loluuf jedhee gara ati itti isa ergitu kam iyyuu duulutti, yoo inni gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare kanaatti fuula deebifatee Waaqayyoon kadhate,
45 basi usikie dua na maombi yao kutoka mbinguni, ukawatetee haki yao.
ati samii irraa kadhannaa isaatii fi waammata isaa dhagaʼiitii dhimma isaa isaaf raawwadhu.
46 “Watakapotenda dhambi dhidi yako, kwa kuwa hakuna mtu yeyote ambaye hatendi dhambi, nawe ukachukizwa nao na kuwakabidhi kwa adui, ambaye atawachukua utumwani katika nchi yake mwenyewe, mbali au karibu;
“Sababii namni cubbuu hin hojjenne tokko iyyuu hin jirreef, yommuu isaan cubbuu sitti hojjetanitti ati isaanitti aartee diina isaan boojiʼee biyya isaa kan fagoo yookaan dhiʼootti isaan geessutti dabarsitee isaan kennita;
47 na kama watabadilika mioyo yao katika nchi wanakoshikiliwa mateka, nao wakatubu na kukulilia katika nchi ya wale waliowashinda na kusema, ‘Tumetenda dhambi, tumefanya makosa, tumetenda uovu’;
yoo isaan biyya boojuudhaan itti geeffamanitti gaabbanii qalbii geeddaratanii, ‘Nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerra; waan hamaas hojjenneerra’ jedhanii biyya boojitoota isaanii keessatti si kadhatan,
48 kama wakikugeukia kwa moyo wao wote na nafsi zao katika nchi ya adui zao ambao waliwachukua mateka, wakakuomba kuelekea nchi uliyowapa baba zao, kuelekea mji uliouchagua na Hekalu nililolijenga kwa ajili ya Jina lako;
yoo isaan biyya diinota isaanii kanneen boojiʼanii isaan fudhatan sanaa keessatti garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan gara keetti deebiʼanii gara biyya ati abbootii isaaniitiif kenniteetti, gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare sanaatti fuula deebifatanii si kadhatan,
49 basi kutoka mbinguni, mahali pa makao yako, usikie dua yao na maombi yao na kuitetea haki yao.
ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii kadhannaa fi waammata isaanii dhagaʼiitii dhimma isaanii isaaniif raawwadhu.
50 Uwasamehe watu wako, waliotenda dhambi dhidi yako; uwasamehe makosa yote waliyoyatenda dhidi yako, ukawafanye wale waliowashinda kuwaonea huruma;
Saba kee kan cubbuu sitti hojjeteefis dhiifama godhi; yakka isaan sitti hojjetan hundas isaaniif dhiisiitii akka boojitoonni isaanii garaa isaaniif laafan godhi;
51 kwa maana ni watu wako na urithi wako, uliowatoa Misri, kutoka kwenye lile tanuru la kuyeyushia chuma.
isaan saba keetii fi dhaala kee kan ati Gibxii boolla ibiddaa kan sibiila itti baqsan keessaa baafteedhaatii.
52 “Macho yako na yafumbuke juu ya ombi la mtumishi wako na ombi la watu wako Israeli, nawe uwasikilize wakati wowote wanapokulilia.
“Iji kee waammata garbicha keetiitii fi waammata saba kee Israaʼel haa argu; atis yeroo isaan sitti iyyatan hunda isaan dhagaʼi.
53 Kwa maana uliwachagua wao kutoka mataifa yote ya ulimwengu kuwa urithi wako mwenyewe, kama ulivyotangaza kupitia mtumishi wako Mose wakati wewe, Ee Bwana Mwenyezi, ulipowatoa baba zetu kutoka Misri.”
Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati akkuma gaafa Gibxi keessaa abbootii keenya baafte sana karaa garbicha kee Museetiin dubbattetti, akka isaan dhaala kee taʼaniif jettee saboota addunyaa kanaa hunda keessaa isaan filatteetii.”
54 Wakati Solomoni alipomaliza dua hizi zote na maombi kwa Bwana, akainuka kutoka mbele ya madhabahu ya Bwana, mahali alipokuwa amepiga magoti, mikono yake ikawa imekunjuliwa kuelekea juu mbinguni.
Solomoonis kadhannaa fi waammata Waaqayyotti dhiʼeeffachaa ture sana hunda fixannaan fuula iddoo aarsaa Waaqayyoo duraa, iddoo itti harka isaa samiitti ol balʼifatee jilbeenfatee ture sanaa kaʼe.
55 Akasimama na kubariki kusanyiko lote la Israeli kwa sauti kubwa akisema:
Innis dhaabatee akkana jedhee sagalee guddaadhaan waldaa Israaʼel hunda eebbise:
56 “Ahimidiwe Bwana, aliyewapa pumziko watu wake Israeli kama vile alivyokuwa ameahidi. Hakuna hata neno moja lililopunguka kati ya ahadi zote nzuri alizozitoa kupitia mtumishi wake Mose.
“Waaqayyo akkuma abdachiisee ture sanatti saba isaa Israaʼeliif boqonnaa kenne sanaaf galanni haa taʼu. Abdii gaarii inni karaa garbicha isaa Museetiin kenne sana hunda keessaa jechi tokko iyyuu lafa hin buune.
57 Bwana Mungu wetu na awe pamoja nasi kama alivyokuwa na baba zetu, kamwe asituache wala kutukataa.
Waaqayyo Waaqni keenya akkuma abbootii keenya wajjin ture sana nu wajjin haa jiraatu; inni yoom iyyuu nu hin dhiisin yookaan nu hin gatin.
58 Yeye na aielekeze mioyo yetu kwake, ili tutembee katika njia zake zote na kuzishika amri na maagizo na masharti aliyowapa baba zetu.
Akka nu karaa isaa hunda irra deemnee ajajawwan, seerawwanii fi qajeelchawwan inni abbootii keenyaaf kennee ture sana eegnuuf inni garaa keenya gara ofii isaatti haa deebisu.
59 Nami maneno yangu haya, ambayo nimeyaomba mbele za Bwana, yawe karibu na Bwana Mungu wetu usiku na mchana, ili kwamba atetee shauri la mtumishi wake na la watu wake Israeli kulingana na hitaji lao la kila siku,
Akka Waaqayyo akkuma guyyaa guyyaan barbaachisaa taʼetti garbicha isaatii fi saba isaa Israaʼel hunda gargaaruuf kadhannaan koo kan ani fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessu kun halkanii fi guyyaa Waaqayyo Waaqa keenya bira haa gaʼu;
60 ili kwamba mataifa yote ya dunia wajue kwamba Bwana ndiye Mungu na kwamba hakuna mwingine.
kunis akka sabni lafa irra jiraatu hundi akka Waaqayyo Waaqa taʼee fi akka isa malee Waaqni biraa hin jirre beekuuf.
61 Lakini ni lazima mwiweke mioyo yenu kikamilifu kwa Bwana Mungu wetu, kuishi kwa maagizo yake na kutii amri zake, kama ilivyo wakati huu.”
Kanaafuu isin akkuma harʼaa kana seerawwan isaatiin buluu fi ajajawwan isaa eeguudhaaf guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa keenyaaf of kennuu qabdu.”
62 Kisha mfalme na Israeli wote pamoja naye wakatoa dhabihu mbele za Bwana.
Ergasii mootichii fi sabni Israaʼel kanneen isa wajjin turan hundi fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessan.
63 Solomoni akatoa dhabihu sadaka za amani kwa Bwana: ngʼombe 22,000, pamoja na kondoo na mbuzi 120,000. Hivyo ndivyo mfalme na Waisraeli wote walivyoweka wakfu Hekalu la Bwana.
Solomoonis aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeesse; aarsaan dhiʼeeffames loon kuma digdamii lama, hoolotaa fi reʼoota kuma dhibba tokkoo fi digdama ture. Akkasiin mootichii fi sabni Israaʼel hundi mana qulqullummaa Waaqayyoo eebbisan.
64 Siku iyo hiyo mfalme akaweka wakfu sehemu ya katikati ya ua uliokuwa mbele ya Hekalu la Bwana na hapo akatoa sadaka za kuteketezwa, sadaka za nafaka na mafuta ya sadaka za amani, kwa sababu madhabahu ya shaba iliyokuwa mbele za Bwana ilikuwa ndogo sana kuweza kubeba sadaka hizo za kuteketezwa, sadaka za nafaka na mafuta ya sadaka ya amani.
Mootichis guyyuma sana iddoo walakkaa oobdii fuula mana qulqullummaa Waaqayyoo dura jiru sanaa Waaqaaf addaan ni baasee aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi aarsaa nagaa achitti dhiʼeesse; kunis sababii iddoon aarsaa kan naasii irraa hojjetamee fuula Waaqayyoo dura jiru sun aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi cooma aarsaa nagaa baachuu hin dandeenyeef.
65 Hivyo Solomoni akaiadhimisha sikukuu kwa wakati ule, na Israeli wote pamoja naye. Walikuwa kusanyiko kubwa sana, watu kutoka Lebo-Hamathi hadi Kijito cha Misri. Wakaiadhimisha mbele za Bwana Mungu wetu kwa siku saba na siku saba zaidi, yaani, jumla siku kumi na nne.
Kanaafuu Solomoon yeroo sanatti Israaʼeloota isa wajjin turan hunda wajjin jechuunis waldaa guddicha Malkaa Leeboo Hamaatii jalqabee hamma laga Gibxitti walitti qabame wajjin ayyaana ayyaaneffate. Isaanis ayyaana kana bultii torbaa fi bultii biraa torba walumaa galatti bultii kudha afur fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti ayyaaneffatan.
66 Siku iliyofuata, aliwaruhusu watu waondoke. Wakambariki mfalme, kisha wakaenda nyumbani, wakiwa na mashangilio na furaha rohoni kwa ajili ya mambo yote mema ambayo Bwana ametenda kwa ajili ya Daudi mtumishi wake na watu wake Israeli.
Innis guyyaa itti aanutti namoota of irraa geggeesse. Isaanis waan gaarii Waaqayyo garbicha ofii isaa Daawitii fi saba ofii isaa Israaʼeliif hojjete hundaaf mooticha eebbisanii ililchaa garaa isaanii keessatti gammadaa mana isaaniitti galan.