< 1 Wafalme 6 >
1 Katika mwaka wa 480 baada ya Waisraeli kutoka nchi ya Misri, katika mwaka wa nne wa utawala wa Solomoni katika Israeli, katika mwezi wa Zivu, ambao ndio mwezi wa pili, alianza kujenga Hekalu la Bwana.
Innis erga Israaʼeloonni Gibxi keessaa baʼanii waggaa dhibba afurii fi saddeettammaffaatti, erga Solomoon Israaʼel irratti mootii taʼee immoo waggaa afuraffaa keessa jiʼa Ziif jechuunis jiʼa lammaffaa keessa mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaruu jalqabe.
2 Hekalu hilo Mfalme Solomoni alilojenga kwa ajili ya Bwana lilikuwa na urefu wa dhiraa sitini, upana wa dhiraa ishirini na kimo cha dhiraa thelathini kwenda juu.
Manni qulqullummaa kan Solomoon mootichi Waaqayyoof ijaare sun dhundhuma jaatama lafa irra dheerata ture; dhundhuma digdama balʼatee dhundhuma soddoma ol dheerata ture.
3 Baraza ya mbele ya Hekalu ilienea dhiraa ishirini kulingana na upana wa Hekalu na kujitokeza dhiraa kumi mbele ya Hekalu.
Gardaafoon fuula galma mana qulqullummaa sana dura jiru akkuma mana qulqullummaa sanaa dhundhuma digdama lafa irra dheeratee fuula manichaa duraan dhundhuma kudhan achi baʼa ture.
4 Akatengeneza madirisha membamba yenye vidirisha vidogo vya juu katika Hekalu.
Innis akka manichi ifa argatuuf foddaawwan faayeffaman itti tolche.
5 Akafanyiza vyumba vya pembeni kulizunguka Hekalu lote vikishikamana na kuta za Hekalu na za Patakatifu pa Patakatifu.
Naannoo keenyan mana guddichaatii fi naannoo keenyan iddoo qulqulluu manicha keessaattis bifa itti baasee kutaalee ni tolche.
6 Ghorofa ya chini kabisa ilikuwa na upana wa dhiraa tano, ya kati ilikuwa dhiraa sita na ya tatu ilikuwa dhiraa saba. Kuzunguka ukuta wa nje wa Hekalu akapunguza ukuta pande zote ili boriti zisishikane kwenye kuta za Hekalu.
Kutaan manichaa kan jalaa dhundhuma shan, kan gidduu dhundhuma jaʼa, sadaffaan immoo dhundhuma torba balʼata ture. Innis akka wanni tokko iyyuu keenyan mana qulqullummaa keessa hin suuqamneef alaan manichatti naannessee ittisa hojjete.
7 Katika kujenga Hekalu, yalitumika tu mawe yaliyochongwa huko machimboni, wala hakuna nyundo, patasi au chombo kingine chochote cha chuma kilichosikika sauti yake katika eneo la ujenzi wa Hekalu wakati lilipokuwa likijengwa.
Yeroo mana qulqullummaa sana ijaaranitti dhagaa boolla itti dhagaa cabsanitti soofame qofatti fayyadaman; yeroo manni qulqullummaa sun ijaaramaa turetti iyyi burruusaa, kan qottootii fi kan miʼa sibiilaa kamii iyyuu achitti hin dhagaʼamne.
8 Ingilio la ghorofa ya chini kabisa lilikuwa upande wa kusini wa Hekalu, ngazi ilielekea ghorofa ya kati na kutokea hapo ilielekea hadi ghorofa ya tatu.
Balballi kutaa manichaa kan jalaa karaa kibba mana qulqullummaatiin ture; gulantaan tokkos gara kutaa manichaa gidduutii fi gara kutaa manichaa sadaffaatti ol baasa.
9 Basi Solomoni akajenga Hekalu na kulikamilisha, akiliweka paa za boriti na mbao za mierezi.
Inni akkasiin mana qulqullummaa sana ijaaree saanqaa birbirsaatii fi dareeraadhaan gubbaa isaa duuchee fixe.
10 Mfalme Solomoni akajenga vyumba vya pembeni kuzunguka Hekalu lote. Kimo cha kila kimoja kilikuwa dhiraa tano. Navyo vilikuwa vimeunganishwa na Hekalu kwa boriti za mierezi.
Innis kutaalee alaa sana naannoo mana qulqullummaatti marsee ijaare. Ol dheerinni tokkoo tokkoo isaaniis dhundhuma shan shan ture. Isaanis muka birbirsaatiin mana qulqullummaatti qabsiifaman.
11 Neno la Bwana likamjia Solomoni kusema:
Dubbiin Waaqayyoos akkana jedhee gara Solomoon dhufe:
12 “Kwa habari ya Hekalu hili unalojenga, kama ukifuata amri zangu, ukatunza masharti yangu na kushika maagizo yangu yote na kuyatii, kwa kupitia wewe nitatimiza ahadi niliyomwahidi Daudi baba yako.
“Waaʼee mana qulqullummaa ati ijaaraa jirtu kanaa, ati sirna koo duukaa buutee seera kootii fi ajaja koo hundas yoo eegde, ani waadaan abbaa kee Daawitiif gale sana karaa keetiin nan raawwadha.
13 Nami nitakaa miongoni mwa Waisraeli, nami sitawaacha watu wangu Israeli.”
Anis Israaʼeloota gidduu nan jiraadha; saba koo Israaʼelinis hin gatu.”
14 Basi Solomoni akajenga Hekalu na kulikamilisha.
Akkasiin Solomoon mana qulqullummaa sana ijaaree fixe.
15 Akazifunika kuta zake za ndani kwa mbao za mierezi, akizipigilia ukutani kuanzia sakafuni mwa Hekalu hadi kwenye dari na kufunika sakafu ya Hekalu kwa mbao za misunobari.
Innis hundee mana qulqullummaatii jalqabee hamma gubbaa isaatti mamaxxansuudhaan keenyan manichaa karaa keessaatiin saanqaa birbirsaatiin uffise; lafa manichaas saanqaa birbirsaatiin uffise.
16 Akagawa dhiraa ishirini sehemu ya nyuma ya Hekalu kwa mbao za mierezi kuanzia kwenye sakafu hadi darini ili kufanya sehemu takatifu ya ndani, yaani Patakatifu pa Patakatifu.
Karaa boroo mana qulqullummaatiinis iddoo qulqulluu kan keessaa jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe hojjechuuf hundee manichaatii jalqabee hamma gubbaa isaatti saanqaa birbirsaatiin kutaa dhundhuma digdama balʼatu tokko qoode.
17 Ukumbi mkubwa uliokuwa mbele ya chumba hiki ndio ulikuwa na urefu wa dhiraa arobaini.
Galmi guddichi fuula kutaa kanaa duraan jirus dhundhuma afurtama dheerata ture.
18 Hekalu ndani ilikuwa ya mierezi iliyonakshiwa mifano ya maboga na maua yaliyochanua. Kila kitu kilikuwa cha mwerezi, hakuna jiwe ambalo lilionekana.
Keessi mana qulqullummaa sanaas birbirsa fakkiin buqqeetii fi daraaraa irratti soofameen faayeffamee ture. Wanni hundinuu birbirsaan hojjetame; dhagaan tokko iyyuu hin mulʼatu ture.
19 Ndani ya Hekalu akatengeneza sehemu takatifu ya ndani, kwa ajili ya kuweka Sanduku la Agano la Bwana.
Inni taabota kakuu Waaqayyoo achi keessa kaaʼuuf jedhee mana qulqullummaa keessatti iddoo qulqulluu qopheesse.
20 Sehemu takatifu ya ndani ilikuwa na upana, urefu na kimo cha dhiraa ishirini ndani kwa ndani. Akaifunika ndani kwa dhahabu safi, pia akaifunika madhabahu ya mierezi vivyo hivyo.
Iddoon qulqulluun manicha keessaa sun dhundhuma digdama lafa irra dheeratee, dhundhuma digdama balʼatee dhundhuma digdama immoo ol dheerata ture. Innis keessa manichaa warqee qulqulluu itti uffise; iddoo aarsaa kan birbirsaa irraa hojjetame sana illee warqee qulqulluu itti uffise.
21 Solomoni akaifunika sehemu ya ndani ya Hekalu kwa dhahabu safi, naye akaitandaza mikufu ya dhahabu kutoka upande moja hadi ule mwingine mbele ya Patakatifu pa Patakatifu, ambako palifunikwa kwa dhahabu.
Solomoonis keessa mana qulqullummaa sanaa warqee qulqulluu itti uffisee fuula iddoo qulqulluu manicha keessaa kan warqeen itti uffifame sana duraan foncaa warqee diriirse.
22 Basi akafunika sehemu yote ya ndani kwa dhahabu. Pia akafunika madhabahu yale yaliyokuwa ndani ya Patakatifu pa Patakatifu kwa dhahabu.
Innis akkasiin keessa manichaa hunda warqee itti uffise. Iddoo aarsaa kan iddoo qulqulluu gara keessaa cina jiru sana illee warqee itti uffise.
23 Katika Patakatifu pa Patakatifu akatengeneza makerubi wawili kwa mzeituni, kila moja likiwa na dhiraa kumi kwenda juu.
Innis iddoo qulqulluu gara keessaa jiru sana keessatti kiirubeelii muka ejersaa irraa hojjetaman kanneen tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma kudhan kudhan ol dheeratan tolche.
24 Bawa moja la kerubi wa kwanza lilikuwa na urefu wa dhiraa tano na bawa jingine dhiraa tano, hivyo urefu kutoka ncha ya bawa moja hadi ncha ya bawa jingine ulikuwa dhiraa kumi.
Qoochoon kiirubeelii jalqabaa tokkichi dhundhuma shan dalga dheerata; qoochoon kaanis dhundhuma shan dalga dheerata; walumatti fiixee qoochoo tokkootii hamma fiixee qoochoo kaaniitti dhundhuma kudhan dalga dheerata ture.
25 Kerubi wa pili alikuwa na urefu wa dhiraa kumi pia, hivyo makerubi hao wawili walifanana kwa vipimo na kwa umbo.
Sababii kiirubeeliin lachuu guddinaan wal qixxee taʼanii bifa tokko qabaataniif kiirubiin lammaffaanis dhundhuma kudhan dalga dheerata ture.
26 Kimo cha kila kerubi kilikuwa dhiraa kumi.
Ol dheerinni tokkoo tokkoo kiirubeeliis dhundhuma kudhan kudhan ture.
27 Aliwaweka makerubi hao ndani ya Patakatifu pa Patakatifu pa Hekalu, mabawa yake yakiwa yamekunjuliwa. Bawa la kerubi mmoja liligusa ukuta mmoja, wakati bawa la yule mwingine liligusa ukuta mwingine, nayo mabawa yao mengine yaligusana katikati ya chumba.
Solomoon kiirubeelii sana mana qulqullummaa keessa kutaa Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe keessa kaaʼe; qoochoon isaaniis babalʼifamee ture. Qoochoon kiirubeelii tokkoo keenyan manaa tokko tuqee qoochoon kiirubeelii kaanii immoo keenyan manaa kaan tuqe; qoochoon isaaniis dhufee walakkaa kutaa manichaatti wal tuqa ture.
28 Akafunika wale makerubi kwa dhahabu.
Inni kiirubeelii sanas warqee itti uffise.
29 Juu ya kuta zote zilizozunguka Hekalu, za vyumba vya ndani na vya nje, zilipambwa kwa nakshi zilizokatwa za makerubi, miti ya mitende na maua yaliyochanua.
Solomoonis keenyan mana qulqullummaa sanaa hunda irratti, keessaa fi duubaan itti naannessee fakkiiwwan kiirubeelii, mukkeen meexxiitii fi daraarawwanii miidhagse.
30 Pia alifunika sakafu zote za vyumba vya ndani na vya nje vya Hekalu kwa dhahabu.
Lafa kutaalee mana qulqullummaa sanaa lachuuttis keessaa fi alaan warqee uffise.
31 Kwa ingilio la Patakatifu pa Patakatifu akatengeneza milango ya mbao za mzeituni, zikiwa na miimo na vizingiti vyenye umbo la pembe tano.
Balbala iddoo qulqulluu kan gara keessaatiifis muka ejersaatiin cufaawwan tolche; cufaawwan sunis balʼina keenyaniitti harka shan keessaa harka tokko ture.
32 Juu ya milango miwili ya mbao za mzeituni alinakshi makerubi, miti ya mitende pamoja na maua yaliyochanua na kufunika makerubi na miti ya mitende kwa dhahabu iliyofuliwa.
Cufaa muka ejersaa sana lamaan irrattis fakkiiwwan kiirubeelii, kan muka meexxiitii fi daraarawwanii miidhagsee fakkiiwwan kiirubeelii fi kan muka meexxii sanatti warqee uffise.
33 Kwa njia iyo hiyo akatengeneza miimo yenye pande nne ya miti ya mizeituni, kwa ajili ya ingilio la ukumbi mkubwa.
Haaluma kanaanis michichila balbalaa kan muka ejersaa irraa hojjetamee roga afur qabu tokko balbala galma guddichaatiif tolche.
34 Kulikuwa na milango miwili iliyoweza kukunjuka iliyotengenezwa kwa mbao za msunobari na kila mmoja ulikuwa na bawaba ambazo zingeuwezesha kujikunja kila kipande juu ya kingine.
Akkasumas balbala muka birbirsaa lama kanneen tokkoon tokkoon isaanii saanqaa walitti deebiʼee cufamu lama lama qaban tolche.
35 Akanakshi makerubi, miti ya mitende na maua yaliyochanua juu yake na kufunika kwa dhahabu iliyonyooshwa vizuri juu ya michoro.
Achi irrattis kiirubeelii, mukkeen meexxiitii fi daraarawwan miidhagsee warqee tumame wal qixxeessee itti uffise.
36 Tena akajenga ua wa ndani safu tatu za mawe yaliyochongwa na safu moja ya boriti za mierezi zilizorembwa.
Innis dhagaa soofamaa toora sadii fi dareeraa birbirsaa, toora tokkoon oobdii manicha keessaa ijaare.
37 Msingi wa Hekalu la Bwana uliwekwa katika mwaka wa nne, katika mwezi wa Zivu, ndio mwezi wa tano.
Hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoos waggaa afuraffaatti jiʼa Ziif jedhamu keessa buufame.
38 Katika mwaka wa kumi na moja, mwezi wa Buli, ndio mwezi wa nane, Hekalu lilikamilika katika hatua zake zote kwa kufuatana na maelekezo yake Solomoni. Alilijenga kwa miaka saba.
Manni qulqullummaa sunis waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa Buul jechuunis jiʼa saddeettaffaa keessa akkuma karoorfametti guutumaan guutuutti hojjetamee dhume. Solomoonis mana sana ijaaree fixuuf waggaa torba itti fudhate.