< 1 Wafalme 4 >
1 Basi Mfalme Solomoni akatawala Israeli yote.
Solomoon Mootichis akkasiin Israaʼel hunda bulche.
2 Hawa ndio waliokuwa maafisa wake wakuu: Kuhani: Azaria mwana wa Sadoki;
Jarri kunneenis qondaaltota isaa ol aantota turan: Azaariyaa ilmi Zaadoq luba ture;
3 Elihorefu na Ahiya, wana wa Shisha: waandishi; Yehoshafati mwana wa Ahiludi: karani;
Eliihoorefii fi Ahiiyaan, ilmaan Shiishaaʼaa barreessitoota turan; Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud galmeessaa ture;
4 Benaya mwana wa Yehoyada: jemadari mkuu wa jeshi; Sadoki na Abiathari: makuhani;
Benaayaa ilmi Yehooyaadaa ajajaa loltootaa ol aanaa ture; Zaadoqii fi Abiyaataar immoo luboota turan;
5 Azaria mwana wa Nathani: kiongozi wa maafisa wa wilaya; Zabudi mwana wa Nathani: kuhani na mshauri binafsi wa mfalme;
Azaariyaa ilmi Naataan itti gaafatamaa bulchitoota aanaalee biyyaa ture; Zaabuud ilmi Naataan lubaa fi gorsituu mootichaa kan dhuunfaa ture;
6 Ahishari: msimamizi wa jumba la kifalme; Adoniramu mwana wa Abda: msimamizi wa kazi za kulazimisha.
Ahiishaar, itti gaafatamaa masaraa mootummaa ture; Adooniiraam ilmi Abdaa itti gaafatamaa warra hojii humnaa hojjetanii ture.
7 Pia Solomoni alikuwa na watawala kumi na wawili wa wilaya katika Israeli yote, walioleta mahitaji kwa mfalme na kwa watu wa nyumbani kwa mfalme. Kila mmoja alitoa chakula kwa mwezi mmoja katika mwaka.
Solomoonis Israaʼel hunda irratti bulchitoota aanaalee kudha lama kanneen mootichaa fi warra mana mootichaa jiraataniif nyaata dhiʼeessan qaba ture. Tokkoon tokkoon isaaniis waggaa keessatti jiʼa tokko tokko nyaata dhiʼeessu ture.
8 Majina yao ni haya: Ben-Huri: katika nchi ya vilima ya Efraimu;
Maqaan isaaniis kanaa dha: Ben-Huur, biyya gaaraa Efreemitti;
9 Ben-Dekeri: katika Makasi, Shaalbimu, Beth-Shemeshi na Elon-Bethhanani;
Ben-Deqeer Maqaazitti, Shaʼalbiimitti, Beet Shemeshittii fi Eeloon Beet Haanaanitti;
10 Ben-Hesedi: katika Arubothi (Soko na nchi yote ya Heferi zilikuwa zake);
Ben-Heseed Aruboot keessaa, Sookootii fi biyyi Heefer guutuun kan isaa ture;
11 Ben-Abinadabu: katika Nafoth-Dori (alimwoa Tafathi binti Solomoni);
Ben-Abiinaadaab, Naafoot Dooritti Xaafati intala Solomoon fuudhee ture;
12 Baana mwana wa Ahiludi: katika Taanaki na Megido, na katika Beth-Shani yote karibu na Sarethani chini ya Yezreeli, kuanzia Beth-Shani hadi Abel-Mehola kupita hadi Yokmeamu;
Baʼanaan ilma Ahiiluud, biyya Taʼanaakii fi Megidootti akkasumas Beet Sheʼaan Zaaretaanitti aanee Yizriʼeel gad jiru guutuutti, Beet Sheʼaanii jalqabee hamma Yoqemiʼaam ishee Abeel Mehoolaa gamatti;
13 Ben-Geberi: katika Ramoth-Gileadi (makao ya Yairi mwana wa Manase katika Gileadi ilikuwa miji yake, pamoja na wilaya ya Argobu katika Bashani na miji yake mikubwa sitini yenye kuzungukwa na kuta zenye makomeo ya shaba);
Ben-Geeber Raamoot Giliʼaad keessatti qubatawwan Yaaʼiir ilma Minaasee kanneen Giliʼaad keessaa, akkasumas biyyi Argobbi kan Baashaan keessatti argamuu fi magaalaawwan gurguddaan dallaan itti ijaaramee danqaraawwan balbalaa kanneen naasii irraa hojjetaman qaban jaatamni kan isaa turan.
14 Ahinadabu mwana wa Ido: katika Mahanaimu;
Ahiinaadaab ilma Iddoo, Mahanayiim keessatti;
15 Ahimaasi: katika Naftali (alikuwa amemwoa Basemathi binti Solomoni);
Ahiimaʼaz, Niftaalemitti; innis Baasmati intala Solomoon fuudhee ture;
16 Baana mwana wa Hushai: katika Asheri na katika Bealothi;
Baʼanaan ilmi Huushaayi, Aasheerii fi Baʼaalooti keessatti;
17 Yehoshafati mwana wa Parua: katika Isakari;
Yehooshaafaax ilmi Faaruuwaa, Yisaakor keessatti;
18 Shimei mwana wa Ela: katika Benyamini;
Shimeʼiin ilmi Eelaa, Beniyaam keessatti,
19 Geberi mwana wa Uri: katika Gileadi (nchi ya Sihoni mfalme wa Waamori na nchi ya Ogu mfalme wa Bashani). Naye alikuwa ndiye mtawala pekee katika eneo hilo.
Geber ilmi Uuri biyya Giliʼaad jechuunis biyya Sihoon mooticha Amoorotaatii fi biyya Oogi mooticha Baashaan keessatti; isa qofatu biyya sana bulchaa ture.
20 Watu wa Yuda na Israeli walikuwa wengi kama mchanga wa pwani; walikula, wakanywa na kufurahi.
Namoonni Yihuudaatii fi Israaʼel akkuma cirracha qarqara galaanaa baayʼee turan; isaanis nyaatanii dhuganii gammadan.
21 Mfalme Solomoni akatawala katika falme zote kuanzia Mto Frati hadi nchi ya Wafilisti, hadi kwenye mpaka wa Misri. Nchi hizi zilileta ushuru na zilikuwa chini ya Solomoni, siku zote za maisha yake.
Solomoonis mootummoota Laga Efraaxiisii hamma biyya Filisxeemotaatti, hamma daarii Gibxitti jiran hunda bulchaa ture. Biyyoonni kunneenis gibira isaaf fidanii bara jireenya isaa guutuu Solomooniif bulan.
22 Mahitaji ya Solomoni ya kila siku yalikuwa kori thelathini za unga laini, kori sitini za unga wa kawaida.
Nyaanni guyyuma guyyaatti Solomooniif galu daakuu qulqulluu Koorii soddoma, midhaan koorii jaatama,
23 Ngʼombe kumi wa zizini, ngʼombe ishirini wa malisho, kondoo na mbuzi mia moja, pamoja na ayala, paa, kulungu na kuku wazuri sana.
sangoota coccoomoo kudhan, loon kaloo dheedan digdama, hoolotaa fi reʼoota dhibba tokko, akkasumas borofa, kuruphee, gadamsaa fi indaanqoo dha.
24 Kwa kuwa Solomoni alitawala falme zote magharibi ya mto, kuanzia Tifsa hadi Gaza, naye akawa na amani pande zote.
Inni mootummoota Laga Efraaxiisiin gama dhiʼa biiftuu jiran hunda, Tifsaadhaa hamma Gaazaatti bulchaa tureetii; karaa hundaanis nagaa qaba ture.
25 Wakati wa maisha ya Solomoni Yuda na Israeli, kuanzia Dani mpaka Beer-Sheba, wakaishi salama kila mtu chini ya mzabibu wake na chini ya mtini wake.
Bara Solomoon keessa Yihuudaa fi Israaʼel Daanii jalqabanii hamma Bersheebaatti nagaan jiraatan; tokkoon tokkoon namaas muka wayiniitii fi muka harbuu ofii isaa jala boqote.
26 Solomoni alikuwa na mabanda 4,000 ya magari ya vita, na farasi 12,000.
Solomoonis gola fardeen gaarii harkisan keessa bulan kuma afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture.
27 Maafisa wa eneo hilo, kila mmoja katika mwezi wake, walileta mahitaji kwa ajili ya Mfalme Solomoni na wote waliokula mezani mwa mfalme. Walihakikisha kuwa hakuna chochote kilichopungua.
Bulchitoonni aanaalee sunis yeroo jiʼi isaanii gaʼutti tokkoon tokkoon isaanii mootichaa fi warra maaddii Solomoon mootichaa irraa nyaatan hundaaf nyaata dhiʼeessu ture. Akka wanni tokko iyyuu hin hanqanneefis ni toʼatu turan.
28 Pia walileta sehemu walizopangiwa za shayiri na majani kwa ajili ya farasi wavutao magari na farasi wengine mahali palipostahili.
Akkasumas fardeen gaarii harkisanii fi fardeen kaaniif iddoo barbaadameefitti garbuu fi cidii dhiʼeessu turan.
29 Mungu akampa Solomoni hekima na akili kubwa, pia ufahamu mpana usiopimika kama mchanga ulioko pwani ya bahari.
Waaqnis ogummaa fi hubannaa guddaa akkasumas garaa balʼaa akka cirracha qarqara galaanaa Solomooniif kenne.
30 Hekima ya Solomoni ilikuwa kubwa kuliko hekima ya watu wote wa Mashariki na kubwa kuliko hekima yote ya Misri.
Ogummaan Solomoon ogummaa namoota baʼa biiftuu jiraatanii hunda caala; ogummaa Gibxi hundas ni caala.
31 Alikuwa na hekima kuliko kila mwandishi, akiwemo Ethani Mwezrahi: kuliko Hemani, Kalkoli na Darda, wana wa Maholi. Umaarufu wake ukaenea kwa mataifa yote yaliyomzunguka.
Inni nama kam iyyuu caalaa ogeessa; Eetaan namicha gosa Izraahi sana caalaa, Heemaan, Kalqoolii fi Dardaa ilmaan Maahool caalaa ogeessa. Maqaan isaas saboota naannoo sana jiraatan hunda biratti beekame.
32 Akanena mithali 3,000 na nyimbo zake zilikuwa 1,005.
Inni fakkeenya kuma sadii dubbate; baayʼinni faarfannaa isaas kuma tokkoo fi shan ture.
33 Akaelezea maisha ya mimea kuanzia mwerezi wa Lebanoni hadi hisopo iotayo ukutani. Pia akafundisha kuhusu wanyama na ndege, wanyama wenye damu baridi, wakiwemo samaki.
Inni birbirsa Libaanoon jalqabee hamma hiisophii dallaa irratti guddatuutti jireenya biqiltuuwwanii ibse. Waaʼee bineensotaatii fi waaʼee simbirroo, waaʼee uumamawwan lafa irra looʼaniitii fi waaʼee qurxummii illee dubbateera.
34 Watu wa mataifa yote wakaja kusikiliza hekima ya Solomoni, waliotumwa na wafalme wote wa ulimwengu, waliokuwa wamesikia juu ya hekima yake.
Namoonni biyyoota hundaa ogummaa Solomoon dhagaʼuuf mootota addunyaa kanneen waaʼee ogummaa isaa dhagaʼan hunda biraa dhufaa turan.