< 1 Wafalme 14 >

1 Wakati ule Abiya mwana wa Yeroboamu akaugua,
Yeroo sana Abiyaan ilmi Yerobiʼaam dhukkubsannaan
2 naye Yeroboamu akamwambia mke wake, “Nenda ukajibadilishe, ili watu wasijue kwamba wewe ni mke wa Yeroboamu. Kisha uende Shilo. Nabii Ahiya yuko huko, yule aliyeniambia kuwa nitakuwa mfalme juu ya watu hawa.
Yerobiʼaam niitii ofii isaatiin akkana jedhe; “Ati niitii Yerobiʼaam taʼuun kee akka hin beekneef eenyummaa kee dhoksiitii kaʼii Shiiloo dhaqi. Ahiiyaan raajichi akka ani saba kana irratti mootii taʼu natti hime sun achi jiraatii.
3 Chukua mikate kumi, maandazi kadhaa na gudulia la asali na umwendee. Atakuambia kitakachotokea kwa kijana.”
Buddeena kudhan, maxinoo muraasaa fi damma okkotee tokko harkatti qabadhuu gara isaa dhaqi. Inni waan gurbaan kun taʼu sitti hima.”
4 Basi mke wa Yeroboamu akafanya kama alivyosema mumewe, akaenda kwenye nyumba ya Ahiya huko Shilo. Wakati huu Ahiya alikuwa kipofu naye alishindwa kuona kwa sababu ya umri wake.
Kanaafuu niitiin Yerobiʼaam waan inni jedheen sana gootee gara mana Ahiiyaa Shiiloo dhaqxe. Yeroo sana Ahiiyaan homaa hin argu ture; inni waan dulloomeef agartuun isaa dadhabee tureetii.
5 Lakini Bwana alikuwa amemwambia Ahiya, “Mke wa Yeroboamu anakuja kukuuliza kuhusu mwanawe, kwa kuwa ni mgonjwa, nawe utamjibu hivi na hivi. Atakapowasili, atajifanya kuwa ni mtu mwingine.”
Waaqayyo garuu Ahiiyaadhaan akkana jedhe; “Niitiin Yerobiʼaam sababii ilmi ishee dhibameef waaʼee isaa si gaafachuuf dhufuutti jirti; ati akkanaa fi akkana jedhii deebisiif. Isheen yommuu dhuftu nama biraa of fakkeessitee dhufti.”
6 Hivyo Ahiya aliposikia kishindo cha hatua zake mlangoni, akasema, “Karibu ndani, mke wa Yeroboamu. Kwa nini kujibadilisha? Nimetumwa kwako nikiwa na habari mbaya.
Ahiiyaan sagalee faana ishee dhageenyaan balbala irratti akkana jedheen; “Yaa niitii Yerobiʼaam ol seeni. Dubartii biraa of fakkeessuu yaaluun kee kun maaliif? Ani ergaa hamaa sitti himuuf ergameera.
7 Nenda, ukamwambie Yeroboamu kwamba hivi ndivyo asemavyo Bwana, Mungu wa Israeli: ‘Nilikuinua miongoni mwa watu na kukufanya kiongozi juu ya watu wangu Israeli.
Dhaqiitii Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha jedhiitii Yerobiʼaamitti himi: ‘Ani saba keessaa si kaafadheen bulchaa saba koo Israaʼel si godhe.
8 Nikararua ufalme kutoka kwa nyumba ya Daudi na kukupa wewe, lakini hukuwa kama mtumishi wangu Daudi, ambaye aliyashika maagizo yangu na kunifuata kwa moyo wake wote, akifanya tu lile lililokuwa sawa machoni pangu.
Ani mana Daawit irraa mootummaa tarsaaseen siif kenne; ati garuu akka garbicha koo Daawit kan ajajawwan koo eegee garaa isaa guutuun na duukaa buʼee waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe qofa hojjete sanaa hin taane.
9 Umefanya maovu mengi kuliko wote waliokutangulia. Umejitengenezea miungu mingine, sanamu za chuma, umenighadhibisha na kunitupa nyuma yako.
Ati warra siin dura jiraatan hunda caalaa waan hamaa hojjetteerta. Ati ofii keetiif waaqota biraa fakkiiwwan baqfamanii hojjetaman tolfattee dheekkamsaaf na kakaafte; dugda kee duubattis na gatte.
10 “‘Kwa sababu ya hili, nitaleta maafa juu ya nyumba ya Yeroboamu. Nitakatilia mbali kutoka kwa Yeroboamu kila mzaliwa wa mwisho wa kiume katika Israeli, mtumwa au mtu huru. Nitachoma nyumba ya Yeroboamu mpaka iteketee yote kama mtu achomaye kinyesi.
“‘Sababii kanaaf ani amma mana Yerobiʼaam irratti badiisa nan fida. Ani mana Yerobiʼaamii dhiira hunda, garbicha yookaan birmaduu Israaʼel keessaa nan balleessa. Ani akkuma namni tokko kosii gubee barbadeessutti mana Yerobiʼaam gubeen barbadeessa.
11 Mbwa watawala wale walio wa nyumba ya Yeroboamu watakaofia ndani ya mji na ndege wa angani watajilisha kwa wale watakaofia mashambani. Bwana amesema!’
Nama maatii Yerobiʼaam taʼe kam iyyuu kan magaalaa keessatti duʼe sareetu nyaata; kan baadiyyaatti duʼe kam iyyuu immoo allaattii samiitu nyaata. Waaqayyo waan kana dubbateeraatii!’
12 “Kukuhusu wewe, rudi nyumbani. Wakati utakapotia mguu katika mji wako, kijana atakufa.
“Ati garuu mana keetti gali. Yeroo miilli kee magaalaa seenutti mucaan sun ni duʼa.
13 Israeli yote itamwombolezea na kumzika. Kwa sababu ni yeye pekee wa nyumba ya Yeroboamu atakayezikwa, kwa sababu ni yeye peke yake ndani ya nyumba ya Yeroboamu ambaye Bwana, Mungu wa Israeli, ameona kitu chema kwake.
Warri Israaʼel hundinuu booʼaniifii isa ni awwaalu. Waan Waaqayyo Waaqni Israaʼel mana Yerobiʼaam keessaa isa qofa irratti waan gaarii argeef, mana Yerobiʼaam keessaa namni awwaala argatu isa qofa taʼa.
14 “Bwana atajiinulia mwenyewe mfalme juu ya Israeli ambaye ataikatilia mbali jamaa ya Yeroboamu. Siku ndiyo hii! Nini? Naam, hata sasa hivi.
“Waaqayyo Israaʼel irratti mootii tokko ofii isaatiif ni kaafata; mootiin sunis maatii Yerobiʼaam kutee balleessa. Guyyaan isaas harʼa! Kunis ammuma taʼa.
15 Naye Bwana ataipiga Israeli, hata iwe kama unyasi unaosukwasukwa juu ya maji. Ataingʼoa Israeli kutoka nchi hii nzuri aliyowapa baba zao na kuwatawanya ngʼambo ya Mto Frati, kwa sababu wamemghadhibisha Bwana kwa kutengeneza nguzo za Ashera
Waaqayyo Israaʼelin dhaʼee akkuma shambaqqoo bishaan keessaatti ni raasa. Sababii isaan utubaawwan Aasheeraa dhadhaabanii Waaqayyoon dheekkamsiisaniif inni biyya abbootii isaaniitiif kenne gaarii sana keessaa Israaʼelin buqqisee Laga Efraaxiisiin gamatti isaan ni bittinneessa.
16 Naye atawaacha Israeli kwa ajili ya makosa ya Yeroboamu aliyoyatenda na kusababisha Israeli kuyatenda.”
Innis sababii cubbuu Yerobiʼaam hojjetee akka Israaʼelis hojjetu godhe sanaatiif saba Israaʼel ni gata.”
17 Kisha mke wa Yeroboamu akainuka, akaondoka kwenda Tirsa. Mara alipokanyaga kizingiti cha mlango, kijana akafa.
Niitiin Yerobiʼaam kaatee Tiirzaa dhaqxe. Akkuma isheen gulantaa balbalaa geesseen mucaan sun ni duʼe.
18 Wakamzika na Israeli yote ikamwombolezea, kama Bwana alivyokuwa amesema kupitia mtumishi wake, nabii Ahiya.
Jarris isa awwaalan; Israaʼel hundinuus akkuma Waaqayyo karaa garbicha isaa Ahiiyaa raajichaatiin dubbate sana ni booʼaniif.
19 Matukio mengine ya utawala wa Yeroboamu, vita vyake na jinsi alivyotawala, vimeandikwa katika kitabu cha kumbukumbu za wafalme wa Israeli.
Wanni Yerobiʼaam hojjete kan biraa, akki inni itti lolaa turee fi akki inni itti biyya bulchaa ture kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera.
20 Yeroboamu akawatawala kwa miaka ishirini na miwili, kisha akalala na baba zake. Naye Nadabu mwanawe akawa mfalme baada yake.
Innis waggaa digdamii lama bulchee ergasii abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Naadaab mootii taʼee iddoo isaa buʼe.
21 Rehoboamu mwana wa Solomoni alikuwa mfalme wa Yuda. Alikuwa na umri wa miaka arobaini na moja alipoanza kutawala, naye akatawala miaka kumi na saba huko Yerusalemu, mji ambao Bwana alikuwa ameuchagua kutoka makabila yote ya Israeli ili apate kuliweka humo Jina lake. Mama yake aliitwa Naama, ambaye alikuwa Mwamoni.
Rehooboʼaam ilmi Solomoon biyya Yihuudaa keessatti mootii ture. Yeroo inni mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtamii tokko ture; innis waggaa kudha torba Yerusaalem magaalaa Waaqayyo Maqaa ofii isaa achi kaaʼachuuf jedhee gosoota Israaʼel hunda keessaa filate sana keessatti mootii taʼee bulche. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte.
22 Yuda wakatenda maovu machoni pa Bwana. Kwa dhambi walizotenda wakachochea hasira yake yenye wivu zaidi kuliko baba zao walivyofanya.
Yihuudaan fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjete. Isaanis cubbuu hojjetaniin hamma abbootiin isaanii hojjetan sana caalaa dheekkamsa isaa kakaasan.
23 Pia wakajijengea mahali pa juu pa kuabudia miungu, mawe ya kuabudiwa na nguzo za Ashera juu ya kila kilima kilichoinuka na kila mti uliotanda.
Akkasumas iddoo ol kaʼaa hunda irrattii fi mukkeen babalʼaa hunda jalatti iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa, soodduuwwan dhagaatii fi siidaawwan Aasheeraa ofii isaaniitiif tolfatan.
24 Walikuwepo hata wanaume mahanithi wa mahali pa ibada za sanamu katika nchi; watu wakajiingiza katika kutenda machukizo ya mataifa ambayo Bwana aliyafukuza mbele ya Waisraeli.
Manni sagadaa dhiirota sagaagalaniis biyya sana keessa ture; namoonni sun gochawwan jibbisiisoo kan saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hunda keessatti hirmaatan.
25 Katika mwaka wa tano wa utawala wa Mfalme Rehoboamu, Shishaki mfalme wa Misri akashambulia Yerusalemu.
Waggaa shanaffaa Rehooboʼaam mootii taʼetti Shiishaaq mootiin Gibxi Yerusaalemin waraane.
26 Akachukua hazina za Hekalu la Bwana na hazina za jumba la kifalme. Akachukua kila kitu, pamoja na zile ngao zote za dhahabu ambazo Solomoni alikuwa amezitengeneza.
Innis qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi qabeenya masaraa mootummaa guurratee deeme. Gaachanawwan warqee kanneen Solomoon hojjete dabalatee waan hunda guurratee gale.
27 Kwa hiyo Mfalme Rehoboamu akatengeneza ngao za shaba badala ya zile za dhahabu na kuzikabidhi kwa majemadari wa ulinzi wa zamu kwenye ingilio la jumba la mfalme.
Kanaafuu Rehooboʼaam mootichi iddoo isaanii buusuuf jedhee gaachana naasii hojjetee ajajjuuwwan eegdota dabaree eegumsa balbala masaraa mootummaatti kenne.
28 Kila wakati mfalme alipokwenda katika Hekalu la Bwana, walinzi walizichukua hizo ngao, na baadaye walizirudisha kwenye chumba cha ulinzi.
Yeroo mootichi gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqu hunda eegdonni sun gaachana sana baatanii ergasii immoo kutaa eegdotaatti deebisu ture.
29 Kwa matukio mengine ya utawala wa Rehoboamu na yote aliyoyafanya, je, hayakuandikwa katika kitabu cha kumbukumbu za wafalme wa Yuda?
Wantoonni Rehooboʼaam bara mootummaa keessa taʼanii fi wanni inni hojjete hundinuu kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
30 Kulikuwa na vita vinavyoendelea kati ya Rehoboamu na Yeroboamu.
Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraana gargari hin cinnetu ture.
31 Naye Rehoboamu akalala na baba zake, na akazikwa pamoja nao katika Mji wa Daudi. Mama yake aliitwa Naama, ambaye alikuwa Mwamoni. Naye Abiya mwanawe akawa mfalme baada yake.
Rehooboʼaamis abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti isaan biratti awwaalame. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte. Ilmi isaa Abiyaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

< 1 Wafalme 14 >