< 1 Nyakati 7 >
1 Wana wa Isakari walikuwa: Tola, Pua, Yashubu na Shimroni; wote ni wanne.
Ilmaan Yisaakor: Toolaa, Phuwaa, Yaashuubii fi Shimroon; walumatti nama afur turan.
2 Wana wa Tola walikuwa: Uzi, Refaya, Yerieli, Yahmai, Ibsamu na Shemueli waliokuwa viongozi wa jamaa zao. Wakati wa utawala wa Mfalme Daudi, wazao wa Tola walioorodheshwa kama wapiganaji katika ukoo wao walikuwa watu 22,600.
Ilmaan Toolaa: Uzii, Refaayaa, Yiriiʼeel, Yaahimaayi, Yibsaamii fi Shemuuʼeel; isaan kunneen hangafoota maatii isaanii ti. Bara mootummaa Daawit keessa ilmaan Toolaa warri hidda dhaloota isaaniitiin akka loltoota jajjabootti galmeeffaman nama 22,600 turan.
3 Mwana wa Uzi alikuwa: Izrahia. Wana wa Izrahia walikuwa: Mikaeli, Obadia, Yoeli na Ishia. Wote hawa watano walikuwa wakuu wao.
Ilma Uzii: Yizrahiyaa. Ilmaan Yizrahiyaa: Miikaaʼel, Obaadiyaa, Yooʼeelii fi Yishiyaa. Shanan isaanii iyyuu hangafoota turan.
4 Kulingana na ukoo wa jamaa zao, walikuwa na watu hodari wa vita wapatao 36,000, kwa sababu walikuwa na wanawake na watoto wengi.
Isaanis waan niitotaa fi ijoollee hedduu qabaataniif akka hidda dhaloota maatii isaaniitti namoota lolaaf qophaaʼan 36,000 qabu ture.
5 Jamaa ya watu waliokuwa wapiganaji hodari kutoka koo zote za Isakari, kama ilivyoorodheshwa katika ukoo wao, jumla yao walikuwa 87,000.
Firoonni loltoota jajjaboo turan kanneen balbalawwan Yisaakorii keessaa dhalatan warri akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffaman walumatti nama 87,000:
6 Wana watatu wa Benyamini walikuwa: Bela, Bekeri na Yediaeli.
Ilmaan Beniyaam sadan: Belaa, Bekerii fi Yediiʼeel.
7 Wana wa Bela walikuwa: Esboni, Uzi, Uzieli, Yeremothi na Iri; walikuwa viongozi wa jamaa zao; wote ni watano. Watu wapiganaji walioorodheshwa katika ukoo wao walikuwa 22,034.
Ilmaan Belaa: Esboon, Uzii, Uziiʼeel, Yeriimootii fi Iirii walumatti shan turan; hangafoonni mana abbootii isaaniis gootota jajjaboo turan; galmeen hidda dhaloota isaanii namoota 22,034 argisiisa.
8 Wana wa Bekeri walikuwa: Zemira, Yoashi, Eliezeri, Elioenai, Omri, Yeremothi, Abiya, Anathothi na Alemethi. Hawa wote walikuwa wana wa Bekeri.
Ilmaan Beker: Zemiiraa, Yooʼaash, Eliiʼezer, Eliiyooʼeenayi, Omrii, Yereemooti, Abiyaa, Anaatootii fi Alaameti. Isaan kunneen hundi ilmaan Beker turan.
9 Orodha ya ukoo wao iliyoandikwa viongozi wa jamaa zao walikuwa wapiganaji 20,200.
Hangafoota mana abbootii isaanii kanneen akka dhaloota isaaniitti hidda dhaloota isaaniitiin lakkaaʼaman gootota jajjaboo 20,200 turan.
10 Mwana wa Yediaeli alikuwa: Bilhani. Wana wa Bilhani walikuwa: Yeushi, Benyamini, Ehudi, Kenaana, Zethani, Tarshishi na Ahishahari.
Ilmi Yediiʼeel: Bilihaan. Ilmaan Bilhaanii: Yeʼuushi, Beniyaam, Eehuud, Keniʼaanaa, Zeetaan, Tarshiishii fi Ahiishahar.
11 Hawa wana wote wa Yediaeli walikuwa viongozi wa jamaa zao. Kulikuwako wanaume wapiganaji 17,200 waliokuwa tayari kwenda vitani.
Ilmaan Yediiʼeel kunneen hundi hangafoota maatiiwwanii turan. Isaanis namoota waraana dhaquuf qophaaʼan 17,200 qaban ture.
12 Washupimu na Wahupimu walikuwa wazao wa Iri. Wahushimu walikuwa wazao wa Aheri.
Gosti Shufiimiitii fi Hufiim ilmaan Iiri turan; Hushiim immoo ilma Aheerii ti.
13 Wana wa Naftali walikuwa: Yahzieli, Guni, Yeseri na Shalumu; hao walikuwa wazao wa Bilha.
Ilmaan Niftaalemii: Yahiziiʼeel, Guunii, Yeexerii fi Shaluum; isaan kunneen sanyii Bilihaa ti.
14 Wana wa Manase walikuwa: Asirieli alikuwa mzao wake kutokana na suria wake wa Kiaramu. Huyu suria akamzaa Makiri baba wa Gileadi.
Ilmaan Minaasee: Asriiʼeel kan saajjatoon isaa isheen Arraamii dhufte sun deesseef. Isheenis Maakiir abbaa Giliʼaad deesse.
15 Makiri akatwaa mke kutoka miongoni mwa Wahupimu na Washupimu. Jina la dada yake aliitwa Maaka. Mwana wa pili wa Makiri aliitwa Selofehadi, ambaye alikuwa na wasichana tu.
Maakiir immoo gosoota Hufiimiitii fi Shufiim keessaa niitii fuudhe. Maqaan obboleettii isaas Maʼakaa ture. Sanyiin isaa kan biraa immoo Salphaʼaad jedhama; Zelofehaad intallan qofa qaba ture.
16 Maaka mkewe Makiri akamzaa mwana aliyemwita Pereshi. Jina la nduguye lilikuwa Shereshi. Wana wa Pereshi walikuwa Ulamu na Rakemu.
Maʼakaan niitiin Maakiirii ilma deessee maqaa isaa Phereesh jettee moggaafte. Obboleessi isaa Sheresh jedhama; ilmaan isaa immoo Uulaamii fi Reqem jedhaman.
17 Mwana wa Ulamu alikuwa: Bedani. Hawa ndio waliokuwa wana wa Gileadi mwana wa Makiri, mwana wa Manase.
Ilmi Uulaam: Bedaan. Isaan kunneen ilmaan Giliʼaadii ilma Maakiirii, ilma Minaasee sanaa ti.
18 Dada yake aliyeitwa Hamolekethi aliwazaa Ish-Hodi, Abiezeri na Mahla.
Hamolekeeti obboleettiin isaa Iisihood, Abiiʼezerii fi Mahilaa deesse.
19 Wana wa Shemida walikuwa: Ahiani, Shekemu, Liki na Aniamu.
Ilmaan Shemiidaa immoo: Ahiiyaan, Sheekem, Likihii fi Aniyaam turan.
20 Wana wa Efraimu walikuwa: Shuthela, ambaye alimzaa Beredi, Beredi akamzaa Tahathi, Tahathi akazaa Eleada, Eleada akamzaa Tahathi,
Ilmaan Efreem: Shuutelaa, ilma isaa Bereed, ilma isaa Tahaat, ilma isaa Eleʼaadaa, ilma isaa Tahaat,
21 Tahathi akamzaa Zabadi, na Zabadi akamzaa Shuthela. Ezeri na Eleadi waliuawa na wenyeji wa Gathi walipokuwa wamekwenda huko kuwanyangʼanya mifugo yao.
ilma isaa Zaabaadii, ilma isaa Shuutelaa. Eezerii fi Eliʼaad yeroo loon warra Gaati kanneen achi jiraatan sanaa boojiʼuuf gad buʼanitti harka jaraatiin ni ajjeefaman.
22 Baba yao Efraimu akawaombolezea kwa siku nyingi, na jamaa zake wakaja kumfariji.
Efreem abbaan isaanii guyyaa hedduu booʼeef; firoonni isaas isa jajjabeessuu dhufan.
23 Kisha akakutana kimwili na mke wake tena, naye akachukua mimba, akamzalia mwana. Akamwita Beria, kwa sababu ya misiba iliyoipata nyumba yake.
Sana booddees dhaqee niitii isaa wajjin ciise; isheenis ulfooftee ilma deesse. Innis sababii maatii isaa keessa rakkinni tureef Beriiyaa jedhee maqaa baaseef.
24 Beria alikuwa na binti jina lake Sheera. Huyu ndiye aliijenga miji ya Beth-Horoni ya Juu na Beth-Horoni ya Chini, pamoja na Uzen-Sheera.
Intalli isaa immoo Sheeraa jedhamti; namni magaalaawwan Beet Horoonii kan gad aanuu fi kan ol aanu, akkasumas magaalaa Uzeen Sheeraa hundeesse ishee dha.
25 Beria akamzaa pia Refa, naye Refa akamzaa Reshefu, Reshefu akamzaa Tela, Tela akamzaa Tahani,
Refaa ilma isaa, Resheef ilma isaa, Teelaa ilma isaa, Taahan ilma isaa,
26 Tahani akamzaa Ladani, Ladani akamzaa Amihudi, Amihudi akamzaa Elishama,
Laʼadaan ilma isaa, Amiihuud ilma isaa, Eliishaamaa ilma isaa,
27 Elishama akamzaa Nuni, Nuni akamzaa Yoshua.
Nuuni ilma isaatii fi Iyyaasuu ilma isaa.
28 Nchi zao na makazi yao yalijumuisha Betheli na vijiji vilivyouzunguka, Naarani ilikuwa upande wa mashariki, Gezeri pamoja na vijiji vyake upande wa magharibi, pia Shekemu na vijiji vyake hadi kufikia Aya na vijiji vyake.
Biyyoonnii fi ardaan qubata isaaniis Beetʼeelii fi gandoota naannoo ishee, karaa baʼa biiftuutiin Naʼaraan, karaa lixa biiftuutiin immoo Geezirii fi gandoota ishee akkasumas Sheekemii fi gandoota ishee kanneen hamma Ayyaa fi gandoota isheetti jiran qabata ture.
29 Katika mipaka ya Manase walikuwepo Beth-Shani, Taanaki, Megido na Dori pamoja na vijiji vyake. Wana wa Yosefu mwana wa Israeli waliishi katika miji hii.
Daariiwwan Minaasee irra Beet Sheʼaan, Taʼanaak, Megidoo fi Dooritu gandoota isaanii wajjin ture. Sanyiiwwan Yoosef ilma Israaʼel sanaas magaalaawwan kanneen keessa jiraatan.
30 Wana wa Asheri walikuwa: Imna, Ishva, Ishvi na Beria. Dada yao alikuwa Sera.
Ilmaan Aasheer: Yimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Beriiyaa. Obboleettiin isaanii immoo Seraa jedhamti.
31 Wana wa Beria walikuwa: Heberi na Malkieli, aliyekuwa baba yake Birzaithi.
Ilmaan Beriiyaa: Hebeerii fi Malkiiʼeel abbaa Birzaawitii.
32 Heberi akawazaa Yafleti, Shomeri na Hothamu, na Shua dada yao.
Hebeer immoo abbaa Yaafleexii, Shomeerii, Hootaamiitii fi obboleettii isaanii Shuuʼaa ti.
33 Wana wa Yafleti walikuwa: Pasaki, Bimhali na Ashvathi. Hawa walikuwa wana wa Yafleti.
Ilmaan Yaafleex: Phaasaak, Biimihaalii fi Ashwaati. Isaan kunneen ilmaan Yaafleexii ti.
34 Wana wa Shemeri walikuwa: Ahi, Roga, Yehuba na Aramu.
Ilmaan Shemeer: Ahii, Rohigaa, Yehubaa fi Arraam.
35 Wana wa Helemu ndugu yake walikuwa: Sofa, Imna, Sheleshi na Amali.
Ilmaan obboleessa isaa Heelem: Zoofaa, Yimnaa, Sheleeshii fi Aamaal.
36 Wana wa Sofa walikuwa: Sua, Harneferi, Shuali, Beri, Imra,
Ilmaan Zoofaa: Suuwaa, Harnefer, Shuuʼaali, Beerii, Yimraa,
37 Bezeri, Hodu, Shama, Shilsha, Ithrani na Beera.
Bezer, Hoodi, Shamaa, Shilshaa, Yitraanii fi Biʼeeraa.
38 Wana wa Yetheri walikuwa: Yefune, Pispa na Ara.
Ilmaan Yeteer: Yefunee, Fiisiphaa fi Eraa.
39 Wana wa Ula walikuwa: Ara, Hanieli na Risia.
Ilmaan Ulaa: Aaraa, Haniiʼeelii fi Riiziyaa.
40 Hawa wote ndio waliokuwa wazao wa Asheri, viongozi wa jamaa zao, watu bora, mashujaa walio hodari na viongozi maarufu. Idadi ya watu waliokuwa tayari kwa vita, kama ilivyoorodheshwa katika ukoo wao, walikuwa 26,000.
Isaan kunneen hundi gosoota Aasheerii turan; isaanis hangafoota maatiiwwanii, namoota filatamoo, loltoota jajjaboo fi bulchitoota bebbeekamoo turan. Akka galmee hidda dhaloota isaanii keessatti galmeeffametti namoonni isaanii kanneen dandeettii waraanaa qaban 26,000 turan.