< 1 Nyakati 6 >

1 Wana wa Lawi walikuwa: Gershoni, Kohathi na Merari.
Ilmaan Lewwii: Geershoon, Qohaatii fi Meraar.
2 Wana wa Kohathi walikuwa: Amramu, Ishari, Hebroni na Uzieli.
Ilmaan Qohaati: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel.
3 Amramu alikuwa na wana: Aroni, Mose, na Miriamu. Aroni alikuwa na wana: Nadabu, Abihu, Eleazari na Ithamari.
Ijoolleen Amraam: Aroon, Musee fi Miiriyaam. Ilmaan Aroon: Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar.
4 Eleazari akamzaa Finehasi, Finehasi akamzaa Abishua,
Eleʼaazaar abbaa Fiinehaas; Fiinehaas immoo abbaa Abiishuuwaa ti;
5 Abishua akamzaa Buki, Buki akamzaa Uzi,
Abiishuuwaan abbaa Buukii ti; Bukiin immoo abbaa Uzii ti;
6 Uzi akamzaa Zerahia, Zerahia akamzaa Merayothi,
Uzii abbaa Zeraayaa ti; Zaraaʼiyaan abbaa Meraayootii ti;
7 Merayothi akamzaa Amaria, Amaria akamzaa Ahitubu,
Meraayoot abbaa Amariyaa ti; Amariyaan abbaa Ahiixuubii ti;
8 Ahitubu akamzaa Sadoki, Sadoki akamzaa Ahimaasi,
Ahiixuub abbaa Zaadoqii ti; Zaadoq abbaa Ahiimaʼazii ti;
9 Ahimaasi akamzaa Azaria, Azaria akamzaa Yohanani,
Ahiimaʼaz abbaa Azaariyaa ti; Azaariyaa abbaa Yoohaanaanii ti;
10 Yohanani akamzaa Azaria (ndiye alifanya kazi ya ukuhani katika Hekalu alilojenga Mfalme Solomoni huko Yerusalemu),
Yoohaanaan abbaa Azaariyaa ti; inni luba taʼee mana qulqullummaa kan Solomoon Yerusaalemitti ijaare keessa tajaajilaa ture.
11 Azaria akamzaa Amaria, Amaria akamzaa Ahitubu,
Azaariyaa abbaa Amariyaa ti; Amariyaan abbaa Ahiixuubii ti;
12 Ahitubu akamzaa Sadoki, Sadoki akamzaa Shalumu,
Ahiixuub abbaa Zaadoqii ti; Zaadoq abbaa Shaluumii ti;
13 Shalumu akamzaa Hilkia, Hilkia akamzaa Azaria,
Shaluum abbaa Hilqiyaa ti; Hilqiyaa abbaa Azaariyaa ti;
14 Azaria akamzaa Seraya, Seraya akamzaa Yehosadaki.
Azaariyaa abbaa Seraayaa ti; Seraayaan abbaa Yehoozaadaaqii ti.
15 Yehosadaki alihamishwa wakati Bwana aliwapeleka uhamishoni watu wa Yuda na Yerusalemu kwa mkono wa Mfalme Nebukadneza.
Yeroo Waaqayyo akka sabni Yihuudaatii fi Yerusaalem Nebukadnezariin boojiʼamu godhetti Yehoozaadaaqis boojiʼamee fudhatame.
16 Wana wa Lawi walikuwa: Gershoni, Kohathi na Merari.
Ilmaan Lewwii: Geershoom, Qohaatii fi Meraarii.
17 Haya ndiyo majina ya wana wa Gershoni: Libni na Shimei.
Maqaan Ilmaan Geershoom kanaa dha: Loobeenii fi Shimeʼii.
18 Wana wa Kohathi walikuwa: Amramu, Ishari, Hebroni na Uzieli.
Ilmaan Qohaati: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel.
19 Wana wa Merari walikuwa: Mahli na Mushi. Zifuatazo ni koo za Walawi zilizoorodheshwa kufuatana na baba zao:
Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. Isaan kunneen Lewwota balbala balbala abbootii isaaniitiin lakkaaʼamanii dha:
20 Wazao wa Gershoni: Gershoni akamzaa Libni, Libni akamzaa Yahathi, Yahathi akamzaa Zima,
Balbala Geershoom keessaa: Ilma isaa Loobeen, ilma isaa Yahaati, ilma isaa Zimaati,
21 Zima akamzaa Yoa, Yoa akamzaa Ido, Ido akamzaa Zera, Zera akamzaa Yeatherai.
ilma isaa Yooʼaa, ilma isaa Iddoo, ilma isaa Zeraa fi ilma isaa Yeʼaateraayi.
22 Wazao wa Kohathi: Kohathi akamzaa Aminadabu, Aminadabu akamzaa Kora, Kora akamzaa Asiri,
Ilmaan Qohaati: Ilma isaa Amiinaadaab, ilma isaa Qooraahi, ilma isaa Asiir,
23 Asiri akamzaa Elikana, Elikana akamzaa Ebiasafu, Ebiasafu akamzaa Asiri,
ilma isaa Elqaanaa, ilma isaa Ebiyaasaaf, ilma isaa Asiir,
24 Asiri akamzaa Tahathi, Tahathi akamzaa Urieli, Urieli akamzaa Uzia, Uzia akamzaa Shauli.
ilma isaa Tahaat, ilma isaa Uuriiʼeel, ilma isaa Uziyaa fi ilma isaa Shaawul.
25 Wazao wa Elikana walikuwa: Amasai na Ahimothi,
Ilmaan Elqaanaa: Amaasaayi, Ahiimooti,
26 Ahimothi akamzaa Elikana, Elikana akamzaa Sofai, Sofai akamzaa Nahathi,
ilma isaa Elqaanaa, ilma isaa Zoofayi, ilma isaa Naahat,
27 Nahathi akamzaa Eliabu, Eliabu akamzaa Yerohamu, Yerohamu akamzaa Elikana, Elikana akamzaa Samweli.
ilma isaa Eliiyaab, ilma isaa Yeroohaam, ilma isaa Elqaanaa fi ilma isaa Saamuʼeel.
28 Wana wa Samweli walikuwa: Yoeli mzaliwa wake wa kwanza, na Abiya mwanawe wa pili.
Ilmaan Saamuʼeel: Ilma isaa Yooʼeel hangaftichaa fi ilma isaa lammaffaa Abiyaa.
29 Wafuatao ndio wazao wa Merari: Merari akamzaa Mahli, Mahli akamzaa Libni, Libni akamzaa Shimei, Shimei akamzaa Uza,
Ilmaan Meraarii: Mahilii, ilma isaa Loobeen, ilma isaa Shimeʼii, ilma isaa Uzaa,
30 Uza akamzaa Shimea, Shimea akamzaa Hagia, Hagia akamzaa Asaya.
ilma isaa Shimeʼaa, ilma isaa Hagiyaa fi ilma isaa Asaayaa.
31 Hawa ndio watu ambao Daudi aliwaweka kuwa viongozi wa uimbaji katika nyumba ya Bwana, baada ya Sanduku la Agano kuletwa ili kukaa huko.
Namoonni erga taabonni dhufee achi boqotee booddee Daawit akka isaan faarfannaadhaan mana Waaqayyoo keessa tajaajilaniif muude kanneenii dha.
32 Walihudumu kwa kuimba mbele ya Maskani, Hema la Kukutania, mpaka hapo Mfalme Solomoni alipojenga Hekalu la Bwana huko Yerusalemu. Walitimiza wajibu wao kulingana na taratibu walizokuwa wamewekewa.
Isaanis hamma Solomoon Yerusaalem keessatti mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaretti dunkaana qulqulluu, dunkaana wal gaʼii duratti faarfannaadhaan tajaajilaa turan. Isaanis akkuma seera isaaniif kenname sanaatti hojii isaanii hojjechaa turan.
33 Wafuatao ni watu waliohudumu pamoja na wana wao: Kutoka ukoo wa Kohathi walikuwa: Hemani, mpiga kinanda, alikuwa mwana wa Yoeli, mwana wa Samweli,
Maqaan namoota ilmaan isaanii wajjin tajaajilanii kanneenii dha: Ilmaan Qohaatotaa keessaa: Heemaan Faarfataa, ilma Yooʼeel, ilma Saamuʼeel,
34 mwana wa Elikana, mwana wa Yerohamu, mwana wa Elieli, mwana wa Toa,
ilma Elqaanaa, ilma Yeroohaam, ilma Eliiʼeel, ilma Tooʼaa,
35 mwana wa Sufu, mwana wa Elikana, mwana wa Mahathi, mwana wa Amasai,
ilma Zuufi, ilma Elqaanaa, ilma Mahat, ilma Amaasaayi,
36 mwana wa Elikana, mwana wa Yoeli, mwana wa Azaria, mwana wa Sefania,
ilma Elqaanaa, ilma Yooʼeel, ilma Azaariyaa, ilma Sefaaniyaa,
37 mwana wa Tahathi, mwana wa Asiri, mwana wa Ebiasafu, mwana wa Kora,
ilma Tahaat, ilma Asiir, ilma Ebiyaasaaf, ilma Qooraahi,
38 mwana wa Ishari, mwana wa Kohathi, mwana wa Lawi, mwana wa Israeli;
ilma Yizihaar, ilma Qohaati, ilma Lewwii, ilma Israaʼel;
39 na msaidizi wa Hemani alikuwa Asafu, aliyesimama mkono wa kuume: Asafu mwana wa Berekia, mwana wa Shimea,
akkasumas Asaaf obboleessi Heemaan karaa mirgaatiin dhaabata ture: Asaaf ilma Berekiyaa, ilma Shimeʼaa,
40 mwana wa Mikaeli, mwana wa Baaseya, mwana wa Malkiya,
ilma Miikaaʼel, ilma Baʼaseeyaa, ilma Malkiyaa,
41 mwana wa Ethni, mwana wa Zera, mwana wa Adaya,
ilma Etnii, ilma Zeraa, ilma Adaayaa,
42 mwana wa Ethani, mwana wa Zima, mwana wa Shimei,
ilma Eetaan, ilma Zimaa, ilma Shimeʼii,
43 mwana wa Yahathi, mwana wa Gershoni, mwana wa Lawi.
ilma Yahaati, ilma Geershoom, ilma Lewwii;
44 Na kutoka kwa walioshirikiana nao, Wamerari, mkono wake wa kushoto: Ethani mwana wa Kishi, mwana wa Abdi, mwana wa Maluki,
karaa bitaa isaatiin immoo warri isaan wajjin turan gosa Meraarii keessaa: Eetaan ilma Qiisaa, ilma Abdii, ilma Maluuk,
45 mwana wa Hashabia, mwana wa Amazia, mwana wa Hilkia,
ilma Hashabiyaa, ilma Amasiyaa, ilma Hilqiyaa,
46 mwana wa Amsi, mwana wa Bani, mwana wa Shemeri,
ilma Amzii, ilma Baanii, ilma Shemeer,
47 mwana wa Mahli, mwana wa Mushi, mwana wa Merari, mwana wa Lawi.
ilma Mahilii, ilma Muusii, ilma Meraarii, ilma Lewwii.
48 Ndugu zao wengine Walawi walipewa huduma nyingine za kuhudumia hema takatifu, nyumba ya Mungu.
Obboloonni isaanii Lewwonni akka hojii dunkaana qulqulluu mana Waaqaa hunda hojjetaniif ramadamanii turan.
49 Lakini Aroni na uzao wake ndio waliokuwa na wajibu wa kutoa sadaka katika madhabahu ya sadaka ya kuteketezwa na kwenye madhabahu ya kufukizia uvumba pamoja na yote yaliyofanyika pa Patakatifu, wakifanya upatanisho kwa ajili ya Israeli, sawasawa na yale yote aliyoagiza Mose mtumishi wa Mungu.
Aroonii fi ilmaan isaa garuu akkuma waan Museen garbichi Waaqaa sun ajajee ture hundaatti hojii Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatiif, sababii Israaʼeliitiifis araara buusuudhaaf iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuutii fi iddoo aarsaa ixaanaa irratti aarsaawwan dhiʼeessaa turan.
50 Hawa ndio waliokuwa wazao wa Aroni: Aroni akamzaa Eleazari, Eleazari akamzaa Finehasi, Finehasi akamzaa Abishua,
Ilmaan Aroon kanneenii dha: Ilma isaa Eleʼaazaar, ilma isaa Fiinehaas, ilma isaa Abiishuuwaa,
51 Abishua akamzaa Buki, Buki akamzaa Uzi, Uzi akamzaa Zerahia,
ilma isaa Bukii, ilma isaa Uzii, ilma isaa Zeraayaa,
52 Zerahia akamzaa Merayothi, Merayothi akamzaa Amaria, Amaria akamzaa Ahitubu,
ilma isaa Meraayoot, ilma isaa Amariyaa, ilma isaa Ahiixuub,
53 Ahitubu akamzaa Sadoki, Sadoki akamzaa Ahimaasi.
ilma isaa Zaadoqii fi ilma isaa Ahiimaʼaz.
54 Zifuatazo ni sehemu walizopewa ziwe nchi yao kwa ajili ya makazi yao (walipewa wazao wa Aroni waliotoka katika ukoo wa Wakohathi, kwa sababu kura ya kwanza iliwaangukia):
Sababii ixaan jalqabaa isaaniif baʼeef iddoowwan kunneen Aroonii fi ilmaan isaa kanneen balbala Qohaati keessaa dhufaniif ni kennaman; iddoowwan qubata isaanii kanneen akka biyya isaanii taʼaniif isaaniif ramadamanii dha:
55 Walipewa Hebroni katika nchi ya Yuda pamoja na sehemu ya malisho inayouzunguka.
Kebroon isheen biyya Yihuudaa keessaatii fi lafti dheedaa kan naannoo isheetti argamtu isaaniif ni kennaman.
56 Lakini mashamba pamoja na vijiji vilivyouzunguka mji alipewa Kalebu mwana wa Yefune.
Lafti qotiisaatii fi gandoonni naannoo Kebrooniitti argaman garuu Kaaleb ilma Yefuneetiif ni kennaman.
57 Kwa hiyo wazao wa Aroni walipewa miji ifuatayo pamoja na eneo la malisho: Hebroni (mji wa makimbilio), Libna, Yatiri, Eshtemoa,
Ilmaan Arooniif immoo magaalaawwan itti baqatan Kebroon, Libnaa, Yatiir, Eshtimoʼaa,
58 Hileni, Debiri,
Hiileen, Debiir,
59 Ashani, Yuta na Beth-Shemeshi pamoja na maeneo yake ya malisho.
Ashaan, Yootaa fi Beet Shemeshitu lafa dheeda isaanii wajjin kenname.
60 Kutoka kabila la Benyamini walipewa Gibeoni, Geba, Alemethi na Anathothi, pamoja na maeneo yake ya malisho. Miji hii kumi na mitatu iligawanywa miongoni mwa koo za Wakohathi.
Qooda gosa Beniyaam keessaa immoo Gibeʼoon, Gebaa, Alemetii fi Anaatootittu lafa dheeda isaanii wajjin ni kennameef. Magaalaawwan balbalawwan Qohaatotaatiif kennaman kunneen walumaa galatti kudha sadii turan.
61 Wazao waliobaki wa Wakohathi walipewa miji kumi kutoka koo za nusu ya kabila la Manase.
Ilmaan Qohaati kanneen hafaniif immoo balbala walakkaa gosa Minaasee irraa magaalaawwan kudhanitu ixaadhaan kennameef.
62 Wazao wa Gershoni, ukoo kwa ukoo, walipewa miji kumi na mitatu kutoka kwa makabila ya Isakari, Asheri na Naftali kutoka sehemu ya kabila la Manase huko Bashani.
Ilmaan Geershoomiitiif immoo qooda Yisaakor irraa, qooda Aasheer irraa, qooda Niftaalemiitii fi qooda Minaasee kan Baashaanitti argamu irraa magaalaawwan kudha sadii akkuma gosa gosa isaaniitti kennaman.
63 Wazao wa Merari, ukoo kwa ukoo walipewa miji kumi na miwili kutoka makabila ya Reubeni, Gadi na Zabuloni.
Ilmaan Meraariitiif qooda gosa Ruubeen irraa, qooda gosa Gaadiitii fi qooda gosa Zebuuloon irraa magaalaawwan kudha lama akkuma balbala balbala isaaniitti ni kennaman.
64 Kwa hiyo Waisraeli waliwapa Walawi miji hii pamoja na maeneo yake ya malisho.
Akkasiin Israaʼeloonni magaalaawwan kanneen lafa dheeda isaanii wajjin Lewwotaaf ni kennan.
65 Kutoka makabila ya Yuda, Simeoni na Benyamini walipewa miji iliyotajwa hapo juu.
Gosa Yihuudaa irraa, gosa Simiʼooniitii fi gosa Beniyaam irraa magaalaawwan maqaan isaanii armaan olitti dhaʼame sana ixaadhaan ni kennaniif.
66 Baadhi ya koo za Wakohathi walipewa kama nchi yao miji kutoka kabila la Efraimu.
Maatiiwwan Qohaati tokko tokkos qooda gosa Efreem keessaa magaalaawwan jireenyaa argatanii turan.
67 Katika nchi ya vilima ya Efraimu walipewa Shekemu (mji wa makimbilio) na Gezeri,
Biyya gaaraa Efreem keessatti magaalaawwan itti baqatan Sheekem, Geezir,
68 Yokmeamu, Beth-Horoni,
Yoqemiʼaam, Beet Horoon,
69 Aiyaloni na Gath-Rimoni, pamoja na maeneo yake ya malisho.
Ayaaloonii fi Gat Rimoon lafa dheeda isaanii wajjin kennaniif.
70 Kutoka nusu ya kabila la Manase, Waisraeli waliwapa koo za Wakohathi waliobaki miji ya Aneri na Bileamu pamoja na maeneo yake ya malisho.
Akkasumas Israaʼeloonni walakkaa qooda gosa Minaasee irraa Aanerii fi Bileʼaam lafa dheeda isaanii wajjin balbalawwan Qohaati kanneen hafaniif ni kennan.
71 Wagershoni walipokea miji ifuatayo pamoja na maeneo yake ya malisho: Katika nusu ya kabila la Manase: walipewa Golani katika Bashani na pia Ashtarothi.
Ilmaan Geershoom immoo: Balbala walakkaa gosa Minaasee irraa Goolaan ishee Baashaan keessaa sanaa fi Ashtaaroti lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan;
72 Kutoka kabila la Isakari walipokea Kedeshi, Daberathi,
gosa Yisaakor irraa Qaadesh, Daaberaati,
73 Ramothi na Anemu, pamoja na maeneo yake ya malisho.
Raamootii fi Aanem lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan;
74 Kutoka kabila la Asheri walipokea Mashali, Abdoni,
gosa Aasheer irraa Maashaal, Abdoon,
75 Hukoki na Rehobu, pamoja na maeneo yake ya malisho.
Huuqooqii fi Rehoob lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan;
76 Kutoka kabila la Naftali walipokea Kedeshi katika Galilaya, Hamoni na Kiriathaimu pamoja na maeneo yake ya malisho.
gosa Niftaalem irraa immoo Qaadesh ishee Galiilaatti argamtu, Hamoonii fi Kiriyaataayimin lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan.
77 Wamerari (Walawi waliobakia) walipokea miji ifuatayo: kutoka kabila la Zabuloni walipokea Yokneamu, Karta, Rimoni na Tabori pamoja na maeneo yake ya malisho.
Namoonni gosa Meraarii jechuunis warri Lewwotaa kanneen hafan qooda kanaa gadii argatan: Gosa Zebuuloon irraa Yooqniʼaam, Qartaa, Rimoonii fi Taaboorin lafa dheeda isaanii wajjin argatan;
78 Kutoka kabila la Reubeni, ngʼambo ya Yordani mashariki mwa Yeriko walipokea Bezeri ulioko jangwani, Yahasa,
gosa Ruubeen kan baʼa Yerikootti Yordaanosiin gama jiru irraa Bezer ishee gammoojjii keessatti argamtu, Yaahizaa,
79 Kedemothi na Mefaathi pamoja na maeneo yake ya malisho.
Qidemootii fi Meefiʼaati lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan.
80 Na kutoka kabila la Gadi walipokea Ramothi huko Gileadi, Mahanaimu,
Gosa Gaad irraa Raamooti ishee Giliʼaad keessaa, Mahanayiim,
81 Heshboni na Yazeri, pamoja na maeneo yake ya malisho.
Heshboonii fi Yaʼizeer lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan.

< 1 Nyakati 6 >