< 1 Nyakati 4 >

1 Wana wa Yuda walikuwa: Peresi, Hesroni, Karmi, Huri na Shobali.
Ilmaan Yihuudaa: Faares, Hezroon, Karmii, Huurii fi Sobaal.
2 Reaya mwana wa Shobali akamzaa Yahathi, Yahathi akawazaa Ahumai na Lahadi. Hizi ndizo zilizokuwa koo za Wasorathi.
Reʼaayaan ilmi Sobaal abbaa Yahaatiiti; Yahaati immoo abbaa Ahuumaayii fi Laahadii ti. Isaan kunneen balbalawwan Zoraatotaa ti.
3 Hawa ndio waliokuwa wana wa Etamu: Yezreeli, Ishma na Idbashi. Dada yao aliitwa Haselelponi.
Ilmaan Eexaam kanneenii dha: Yizriʼeel, Yishmaa fi Yidbaashi. Obboleettiin isaanii immoo Hazelelphoonii jedhamti.
4 Penueli akamzaa Gedori, naye Ezeri akamzaa Husha. Hawa walikuwa wazao wa Huri, mzaliwa wa kwanza wa Efrathi, na baba yake Bethlehemu.
Phenuuʼeel abbaa Gedoor; Eezer immoo abbaa Huushaam. Isaan kunneen sanyii Huuri ilma Efraataa hangaftichaatii fi abbaa Beetlihem sanaa ti.
5 Ashuri baba yake Tekoa alikuwa na wake wawili, Hela na Naara.
Ashihuur abbaan Teqooʼaa niitota lama kanneen Heelaa fi Naʼaraa jedhaman qaba ture.
6 Hawa walikuwa wazao wa Naara: Ahuzamu, Heferi, Temeni na Haahashtari.
Naʼaraan ilmaan Ahuzaam, Heefer, Teemenii fi Haaʼahashitaar jedhaman deesseef. Ilmaan Naʼaraa isaan kanneen turan.
7 Wana wa Hela walikuwa: Serethi, Sohari, Ethnani,
Ilmaan Heelaa: Zeret, Zooharii fi Etnaan;
8 na Kosi ambaye aliwazaa Anubi, Sobeba na jamaa zote za Aharheli mwana wa Harumu.
Qoosi abbaa Anuub, abbaa Hazobeebaa fi abbaa balbalawwan Ahariheel ilma Haaruumiti.
9 Yabesi aliheshimiwa kuliko ndugu zake. Mama yake alimwita Yabesi, akisema, “Nilimzaa kwa huzuni.”
Yaabeex nama obboloota isaa caalaa ulfina qabu ture; haatii isaa, “Ani dhiphinaanan isa daʼe” jettee Yaabeex jettee isa moggaafte.
10 Yabesi akamlilia Mungu wa Israeli akisema, “Ee Mungu, laiti ungenibariki kweli kweli na kuipanua mipaka yangu! Mkono wako na uwe pamoja nami, uniepushe na uovu ili nisidhurike!” Naye Mungu akamjalia hayo aliyoyaomba.
Yaabeex immoo akkana jedhee Waaqa Israaʼelitti iyyate; “Ati na eebbisi; biyya koos naaf balʼisi! Akka ani hin miidhamnee fi akka ani dhiphina jalaa baʼuuf harki kee na wajjin haa jiraatu.” Waaqnis waan inni kadhate sana ni kenneef.
11 Kelubu, nduguye Shuha, akamzaa Mehiri, naye Mehiri akamzaa Eshtoni.
Kiluub obboleessi Shuhaa abbaa Mihiirii ti; Mehiir immoo abbaa Eshitooniti.
12 Eshtoni akawazaa Beth-Rafa, Pasea na Tehina. Tehina alikuwa baba wa Iri-Nahashi. Hawa ndio waliokuwa wazao wa Reka.
Eshitoonis abbaa Beet Raafaan, abbaa Faasehaa fi Tehiinaa ti; Tahiinaan immoo abbaa Iir Naahaashii ti. Isaan kunneen namoota Reekaa ti.
13 Wana wa Kenazi walikuwa: Othnieli na Seraya. Wana wa Othnieli walikuwa: Hathathi na Meonathai.
Ilmaan Qenaz: Otniiʼeelii fi Seraayaa. Ilmaan Otniiʼeel: Hataatii fi Maʼoonotaayi.
14 Meonathai akamzaa Ofra. Seraya akamzaa Yoabu, baba wa Ge-Harashimu. Liliitwa hivyo kwa sababu watu walioishi humo walikuwa mafundi.
Meʼoonotaayi abbaa Ofraa ti. Seraayaan abbaa Yooʼaabii ti; Yooʼaab immoo abbaa Gee Haraashiimii ti. Maqaan kun sababii isaan ogummaa hojii harkaa qabaniif kennameef.
15 Kalebu mwana wa Yefune alikuwa na wana watatu: Iru, Ela na Naamu. Naye mwana wa Ela alikuwa: Kenazi.
Ilmaan Kaaleb ilma Yefunee: Iiruu, Eelaa fi Naʼaam. Ilmi Eelaa: Qenaz.
16 Wana wa Yahaleleli walikuwa: Zifu, Zifa, Tiria na Asareli.
Ilmaan Yehaleliʼeel: Ziifii, Ziifaa, Tiiriyaa fi Asareel.
17 Wana wa Ezra walikuwa: Yetheri, Meredi, Eferi na Yaloni. Mmojawapo wa wake zake Meredi aliwazaa: Miriamu, Shamai na Ishba aliyekuwa baba yake Eshtemoa.
Ilmaan Izraa: Yeteer, Mered, Eeferii fi Yaaloon. Niitota Mered keessaa isheen tokko Miiriyaam, Shamaayii fi Yishibaa abbaa Eshtimoʼaa sana deesse.
18 Meredi alikuwa na mke mwingine Myahudi ambaye aliwazaa: Yeredi baba wa Gedori, Heberi baba wa Soko na Yekuthieli baba wa Zanoa. Hawa walikuwa watoto wa Bithia binti Farao, ambaye Meredi alikuwa amemwoa.
Niitiin isaa dubartiin Yihuudaa sunis Yaared abbaa Gedoor, Hebeer abbaa Sookooniitii fi Yequutiiʼeel abbaa Zaanoʼaa deesse. Isaan kunneen ijoollee Bitiyaa intala Faraʼoon kan Mered fuudhe sanaa ti.
19 Wana wa mke wa Hodia aliyekuwa dada yake Nahamu walikuwa: baba yake Keila, Mgarmi na Eshtemoa, Mmaakathi.
Ilmaan niitiin Hoodiyaa obboleettiin Naham sun deesse: Abbaa Qeyiilaa namicha Garmii sanaatii fi Eshtimoʼaa namicha Maʼakaa ti.
20 Wana wa Shimoni walikuwa: Amnoni, Rina, Ben-Hanani na Tiloni. Wazao wa Ishi walikuwa: Zohethi na Ben-Zohethi.
Ilmaan Simiʼoon: Amnoon, Riinaa, Ben-Haanaanii fi Tiiloon. Ilmaan Yishiʼii: Zoheetii fi Ben-Zoheetii ti.
21 Wana wa Shela, mwana wa Yuda, walikuwa: Eri baba yake Leka, Laada baba yake Maresha na jamaa za wafumaji nguo za kitani safi waliokuwa wakiishi huko Beth-Ashbea,
Ilmaan Sheelaa ilma Yihuudaa: Eer abbaa Leekaa, Laʼadaa abbaa Maareeshaatii fi balbalawwan Beet Ashibeeʼaatti warra wayyaa quncee talbaa haphii hojjetanii.
22 Yokimu, watu walioishi Kozeba, Yoashi na Sarafi waliotawala huko Moabu na Yashubi-Lehemu. (Taarifa hizi ni za zamani sana.)
Yooqiim, namoota Koozeebaa, Yooʼaashii fi Saaraaf isa Moʼaabii fi Yaashubiileheem bulchu. Barreeffamni kunneenis kan bara durii ti.
23 Hawa walikuwa wafinyanzi walioishi Netaimu na Gedera; waliishi huko wakimtumikia mfalme.
Isaanis suphee dhooftuu Nexaayiimii fi Gedeeraa keessa jiraatan turan; jarri kun mootichaaf hojjechaa achi jiraatu ture.
24 Wazao wa Simeoni walikuwa: Nemueli, Yamini, Yaribu, Zera na Shauli.
Ilmaan Simiʼoon: Nemuuʼeel, Yaamiin, Yaariib, Zeraa fi Shaawul;
25 Mwana wa Shauli alikuwa Shalumu, Shalumu akamzaa Mibsamu, na Mibsamu akamzaa Mishma.
Shaluum ilma Saaʼuul ture; Mibsaam ilma Shaluumiti; Mishmaa immoo ilma Mabsaamiti.
26 Wazao wa Mishma walikuwa: Hamueli aliyemzaa Zakuri, Zakuri akamzaa Shimei.
Ilmaan Mishmaa: Ilma isaa Hamuuʼeel, ilma isaa Zakuurii fi ilma isaa Shimeʼii.
27 Shimei alikuwa na wana kumi na sita, na binti sita, lakini ndugu zake hawakuwa na watoto wengi, hivyo ukoo wao wote haukuwa na watu wengi kama ukoo wa Yuda.
Shimeʼiin ilmaan kudha jaʼaa fi intallan jaʼa qaba ture; obboloonni isaa garuu ijoollee hedduu hin qaban ture; sababii kanaaf balbalawwan isaanii hundinuu akka gosa Yihuudaa baayʼee hin turre.
28 Waliishi Beer-Sheba, Molada, Hasar-Shuali,
Isaanis Bersheebaa, Molaadaa, Hazar Shuuʼaal,
29 Bilha, Esemu, Toladi,
Bilihaa, Ezem, Toolaad,
30 Bethueli, Horma, Siklagi,
Betuuʼeel, Hormaa, Siiqlaag,
31 Beth-Markabothi, Hasar-Susimu, Beth-Biri na Shaaraimu. Hii ilikuwa miji yao mpaka wakati wa utawala wa Daudi.
Beet Markaabot, Hazar Susiim, Beet Biirii fi Shaʼarayiim keessa jiraatan. Magaalaawwan kunneen hamma bara mootummaa Daawitiitti magaalaawwan isaanii turan.
32 Vijiji vilivyoizunguka vilikuwa Etamu, Aini, Rimoni, Tokeni na Ashani; jumla miji mitano:
Akkasumas gandoota Eexaam, Ayin, Reemoon, Tookkenii fi Ashaan jechuunis magaalaa shananii fi
33 pamoja na vijiji vyote kuizunguka hii miji hadi huko Baali. Haya yalikuwa makao yao, nao waliweka kumbukumbu ya ukoo wao.
gandoota naannoo isaaniitti argaman hunda keessa hamma Baʼaaliitti jiraatu ture. Kunneen iddoo isaan jiraatanii dha. Isaanis galmee hidda dhaloota isaanii kaawwatanii jiran.
34 Meshobabu, Yamleki, Yosha mwana wa Amazia,
Meshoobaab, Yamleek, Yooshaa ilma Amasiyaa,
35 Yoeli, Yehu mwana wa Yoshibia, mwana wa Seraya, mwana wa Asieli.
Yooʼeel, Yehuu ilma Yooshibiyaa, ilma Seraayaa, ilma Asiiʼeel,
36 Pia Elioenai, Yaakoba, Yeshohaya, Asaya, Adieli, Yesimieli, Benaya,
akkasumas Eliiyooʼeenayi, Yaaʼiqoobaa, Yashoohayaa, Asaayaa, Aadiiʼeel, Yesiimiʼeel, Benaayaa,
37 Ziza mwana wa Shifi, mwana wa Aloni, mwana wa Yedaya, mwana wa Shimri, mwana wa Shemaya.
Ziizaa ilma Shiifii, ilma Aloon, ilma Yedaayaa, ilma Shimrii, ilma Shemaaʼiyaa.
38 Watu hawa walioorodheshwa hapa juu kwa majina walikuwa viongozi wa koo zao. Jamaa zao ziliongezeka sana,
Namoonni maqaan isaanii kanaa olitti himame kunneen hooggantoota balbala isaanii turan. Baayʼinni maatii isaaniis akka malee dabalaa dhufe;
39 wakaenea mpaka kwenye viunga vya Gedori kuelekea mashariki mwa bonde wakitafuta malisho kwa ajili ya mifugo yao.
isaanis bushaayee isaaniitiif lafa dheedaa barbaacha hamma moggaa Gedoor kan gama baʼa sululaa jiru sanaatti deeman.
40 Huko walipata malisho mengi mazuri, nayo nchi ilikuwa na nafasi kubwa, yenye amani na utulivu. Baadhi ya Wahamu waliishi huko zamani.
Isaanis naannoo sanatti lafa dheedaa gabbataa fi gaarii argatan; lafni sunis balʼaa, kan nagaa fi tasgabbii qabu ture. Bara durii gosoonni Haamii naannoo sana jiraachaa turan.
41 Watu walioorodheshwa majina walikuja katika nchi hiyo wakati wa Hezekia mfalme wa Yuda. Akawashambulia Wahamu katika makao yao pamoja na Wameuni ambao walikuwako huko nao wakawaangamiza kabisa, kama ilivyo dhahiri hadi leo. Kisha wakafanya makazi yao huko kwa sababu kulikuwa na malisho mazuri kwa ajili ya mifugo yao.
Namoonni maqaan isaanii dhaʼame kunneen bara Hisqiyaas mootii Yihuudaa ture keessa dhufan. Isaan akkuma hamma harʼaatti illee mulʼatu qubata Kaamotaatii fi Meʼuunoota achi jiraachaa turanii dhaʼanii guutumaan guutuutti isaan barbadeessan. Ergasiis sababii lafa dheedaa balʼaa bushaayee isaaniitiif argataniif lafa jaraa irra ni qubatan.
42 Watu wa kabila la wa Simeoni wapatao mia tano, wakiongozwa na Pelatia, Nearia, Refaya na Uzieli wana wa Ishi, wakavamia nchi ya vilima ya Seiri.
Simiʼoonota kanneen keessaa namoonni dhibba shan ilmaan Yishiʼii Phelaatiyaa, Naʼaariyaa, Refaayaa fi Uziiʼeel hoogganamanii biyya gaaraa Seeʼiir weeraran.
43 Wakawaua Waamaleki waliobaki, waliokuwa wamenusurika, nao wanaishi huko hadi leo.
Isaanis Amaaleqoota miliqanii hafan balleessanii hamma harʼaatti achuma jiraatan.

< 1 Nyakati 4 >