< 1 Nyakati 24 >

1 Hii ndiyo migawanyo ya wana wa Aroni: Aroni alikuwa na wana wanne: Nadabu, Abihu, Eleazari na Ithamari.
Ilmaan Aroon akka armaan gadiitti ramadaman: Ilmaan Aroon Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar turan.
2 Nadabu na Abihu walikufa kabla ya baba yao, nao hawakuwa na wana; kwa hiyo ndugu zao Eleazari na Ithamari wakahudumu kama makuhani.
Naadaabii fi Abiihuu garuu utuu ijoollee hin dhalchin abbaa isaanii dursanii duʼan; kanaafuu Eleʼaazaarii fi Iitaamaar luboota taʼanii tajaajilan.
3 Akisaidiwa na Sadoki mwana wa Eleazari na Ahimeleki mwana wa Ithamari, Daudi aliwapanga wazao wa Aroni katika migawanyo kufuatana na wajibu wa huduma zao.
Daawitis gargaarsa Zaadoq sanyii Eleʼaazaar sanaatii fi Ahiimelek sanyii Iitaamaariin akkuma tajaajila isaaniitti garee gareen isaan ramade.
4 Idadi kubwa ya viongozi walipatikana miongoni mwa wazao wa Eleazari, kuliko miongoni mwa wazao wa Ithamari, nao waligawanywa kwa uwiano: Viongozi kumi na sita kutoka jamaa ya wazao wa Eleazari na viongozi wanane kutoka jamaa ya wazao wa Ithamari.
Sanyiiwwan Iitaamaarii caalaa sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa hooggantoonni hedduun ni argaman; isaanis akkanatti ramadaman: sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa abbootii maatii kudha jaʼa, sanyiiwwan Iitaamaar keessaa immoo abbootii maatii saddeet.
5 Waliwagawanya bila upendeleo kwa kupiga kura, kwa kuwa kulikuwa na maafisa wa mahali patakatifu na maafisa wa Mungu miongoni mwa wazao wale wa Eleazari na wale wa Ithamari.
Isaan sababii sanyiiwwan Eleʼaazaarii fi sanyiiwwan Iitaamaar keessa qondaaltonni mana qulqullummaatii fi qondaaltonni Waaqaa turaniif loogii malee ixaadhaan isaan ramadan.
6 Mwandishi Shemaya mwana wa Nethaneli, Mlawi, aliorodhesha majina yao mbele ya Mfalme Daudi na maafisa: Kuhani Sadoki, Ahimeleki mwana wa Abiathari, na viongozi wa jamaa za makuhani na za Walawi: jamaa moja ikitoka upande wa Eleazari na nyingine upande wa Ithamari.
Shemaaʼiyaan ilmi Naatnaaʼel namicha gosa Lewwii barreessaan sun fuula mootichaatii fi qondaaltotaa duratti maqaa isaanii Zaadoq lubicha, Ahiimelek ilma Abiyaataar, abbootii maatiiwwan lubootaatii fi Lewwotaa, innis gosa Eleʼaazaar keessaa maatii tokko, gosa Iitaamaar keessaa immoo maatii tokko fuudhee barreesse.
7 Kura ya kwanza ilimwangukia Yehoyaribu, ya pili Yedaya,
Ixaan jalqabaa Yehooyaariibiif, lammaffaan Yedaaʼiyaaf,
8 ya tatu Harimu, ya nne Seorimu,
sadaffaan Haariimiif, afuraffaan Seʼooriimiif,
9 ya tano Malkiya, ya sita Miyamini,
shanaffaan Malkiyaaf, jaʼaffaan Miyaamiiniif,
10 ya saba Hakosi, ya nane Abiya,
torbaffaan Haqoosiif, saddeettaffaan Abiyaaf,
11 ya tisa Yeshua, ya kumi Shekania,
saglaffaan Yeeshuuʼaaf, kurnaffaan Shekaaniyaaf,
12 ya kumi na moja Eliashibu, ya kumi na mbili Yakimu,
kudhan tokkoffaan Eliyaashiibiif, kudha lammaffaan Yaaqiimiif,
13 ya kumi na tatu Hupa, ya kumi na nne Yeshebeabu,
kudha sadaffaan Huphaaf, kudha afuraffaan Yeshebeʼaabiif,
14 ya kumi na tano Bilga, ya kumi na sita Imeri,
kudhan shanaffaan Bilgaaf, kudha jaʼaffaan Imeeriif,
15 ya kumi na saba Heziri, ya kumi na nane Hapisesi,
kudha torbaffaan Heeziiriif, kudha saddeettaffaan Haphizeeziif,
16 ya kumi na tisa Pethahia, ya ishirini Yehezkeli,
kudha saglaffaan Phetaayaaf, digdammaffaan Hisqiʼeeliif,
17 ya ishirini na moja Yakini, ya ishirini na mbili Gamuli,
digdamii tokkoffaan Yaakiiniif, digdamii lammaffaan Gaamuuliif,
18 ya ishirini na tatu Delaya, ya ishirini na nne Maazia.
digdamii sadaffaan Delaayaaf, digdamii afuraffaan Maʼaaziyaaf baʼe.
19 Huu ulikuwa ndio utaratibu wao uliokubalika wa kuhudumu walipoingia katika Hekalu la Bwana kulingana na masharti waliyoelekezwa na Aroni baba yao, kama Bwana, Mungu wa Israeli, alivyokuwa amemwamuru.
Kun seera isaan yeroo mana qulqullummaa Waaqayyoo seenanitti ittiin tajaajilanii dha; seera kanas abbaa isaanii Aroonitu akkuma Waaqayyo Waaqni Israaʼel isa ajajetti isaaniif kenne.
20 Kuhusu wazao wa Lawi waliobaki: Kutoka kwa wana wa Amramu: alikuwa Shubaeli; kutoka kwa wana wa Shubaeli: alikuwa Yedeya.
Ilmaan Lewwii warra hafan: Ilmaan Amraamii keessaa: Shuubaaʼeel; ilmaan Shuubaaʼeel keessaa: Yehideyaa.
21 Kwa wa Rehabia, kutoka kwa wanawe: Ishia alikuwa wa kwanza.
Ilmaan Rehaabiyaa keessaa: Yishiyaa hangafticha.
22 Kutoka kwa Waishari: alikuwa Shelomithi, kutoka kwa wana wa Shelomithi: alikuwa Yahathi.
Yizihaarota keessaa: Sheloomiit; ilmaan Sheloomiit keessaa immoo: Yahaati.
23 Wana wa Hebroni: Yeria alikuwa mkuu, Amaria wa pili, Yahazieli wa tatu, na Yekameamu wa nne.
Ilmaan Kebroon: Inni jalqabaa Yeriyaa, lammaffaan Amariyaa, sadaffaan Yahiziiʼeel, afuraffaan Yeqameʼaam.
24 Mwana wa Uzieli: alikuwa Mika; kutoka kwa wana wa Mika: alikuwa Shamiri.
Ilma Uziiʼeel: Miikaa. Ilmaan Miikaa keessaa: Shaamiir.
25 Ndugu yake Mika: alikuwa Ishia; na kutoka kwa wana wa Ishia: alikuwa Zekaria.
Obboleessa Miikaa: Yishiyaa; Ilmaan Yishiyaa keessaa: Zakkaariyaas.
26 Wana wa Merari: walikuwa Mahli na Mushi. Mwana wa Yaazia: alikuwa Beno.
Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. Ilma Yaʼaziyaa: Banoo.
27 Wana wa Merari: kutoka kwa Yaazia: ni Beno, Shohamu, Zakuri na Ibri.
Ilmaan Meraarii: Yaʼaziyaa irraa: Banoo, Shohaam, Zakuurii fi Ibrii.
28 Kutoka kwa Mahli: alikuwa Eleazari, ambaye hakuwa na wana.
Mahilii irra: Eleʼaazaar; namichi kun ilmaan hin qabu ture.
29 Kutoka kwa Kishi: mwana wa Kishi: alikuwa Yerameeli.
Qiish irraa: Yeramiʼeel ilma Qiish.
30 Nao wana wa Mushi: walikuwa Mahli, Ederi na Yeremothi. Hawa walikuwa Walawi kulingana na jamaa zao.
Ilmaan Muusii: Mahelii, Eederii fi Yeriimooti. Isaan kunneen akkuma mana abbootii isaaniitti ilmaan Lewwotaa ti.
31 Pia walipiga kura kama vile ndugu zao wazao wa Aroni walivyofanya, mbele ya Mfalme Daudi, Sadoki, Ahimeleki na mbele ya viongozi wa jamaa ya makuhani na ya Walawi. Jamaa za ndugu wakubwa zilitendewa sawasawa na zile za ndugu wadogo.
Isaanis akkuma obboloota isaanii ilmaan Aroon sana fuula Daawit Mootichaa duratti, fuula Zaadoq, Ahiimelek, fuula hangafoota maatii lubootaatii fi Lewwotaa duratti ixaa buufatan. Maatii obboleessa hangaftichaatiifis akkuma maatii obboleessa quxisuutti ixaan buʼe.

< 1 Nyakati 24 >