< 1 Nyakati 14 >
1 Basi Hiramu mfalme wa Tiro akawatuma wajumbe kwa Daudi, wakiwa na magogo ya mierezi, waashi na maseremala ili kumjengea jumba la kifalme.
Yeroo kanatti Huuraam mootiin Xiiroos akka isaan Daawitiif masaraa mootummaa ijaaraniif ergamoota wajjin muka birbirsaa, warra dhagaa soofanii fi warra ogummaa hojii mukaa qaban gara Daawititti erge.
2 Naye Daudi akatambua kwamba Bwana amemwimarisha kuwa mfalme juu ya Israeli na kwamba ufalme wake umetukuzwa kwa ajili ya Israeli, watu wake.
Daawitis akka Waaqayyo saba Israaʼel irratti mootii godhee jabeessee isa dhaabee fi akka mootummaan isaas sababii saba Israaʼeliif akka malee guddate ni beeke.
3 Huko Yerusalemu Daudi akaoa wake wengine zaidi na akawa baba wa wana na mabinti wengi.
Daawitis Yerusaalem keessatti niitota dabalee fuudhee ilmaanii fi intallan dabalataa dhalche.
4 Haya ndiyo majina ya watoto waliozaliwa kwake huko: Shamua, Shobabu, Nathani, Solomoni,
Maqaan ijoollee isaa kanneen achitti isaaf dhalataniis: Shamuuʼaa, Shobaab, Naataan, Solomoon,
5 Ibihari, Elishua, Elpeleti,
Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi,
Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa,
7 Elishama, Beeliada na Elifeleti.
Eliishaamaa, Beeliyaadaa fi Eliiphelexi jedhamu.
8 Wafilisti waliposikia kuwa Daudi ametiwa mafuta kuwa mfalme wa Israeli yote, wakapanda na jeshi lao lote kwenda kumsaka, lakini Daudi akapata habari hizo, naye akatoka ili kwenda kukabiliana nao.
Filisxeemonni yommuu akka Daawit dibamee guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼe dhagaʼanitti humna guutuudhaan isa barbaacha ol baʼan; Daawit garuu waan kana dhagaʼee isaanitti baʼe.
9 Basi Wafilisti walikuwa wameingia na kushambulia Bonde la Warefai,
Yeroo kanatti Filisxeemonni dhufanii Sulula Refaayim weeraran;
10 Hivyo Daudi akamuuliza Mungu: “Je, niende kuwashambulia hao Wafilisti? Je, utawatia mikononi mwangu?” Bwana akamjibu, “Nenda, nitawatia mikononi mwako.”
kanaafuu Daawit, “Ani baʼee Filisxeemota dhaʼuu? Ati dabarsitee harka kootti isaan kennitaa?” jedhee Waaqa ni gaafate. Waaqayyos, “Baʼi; ani dhugumaan Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii” jedhee deebiseef.
11 Hivyo Daudi pamoja na watu wake wakakwea mpaka Baal-Perasimu, akawashinda huko. Akasema, “Kama maji yafurikavyo, Mungu amewafurikia adui zangu kwa kutumia mkono wangu.” Kwa hiyo mahali pale pakaitwa Baal-Perasimu.
Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa gara Baʼaal Pheraaziim ol baʼan; achittis isaan moʼate. Innis, “Akkuma bishaan mana isaa cabsee yaaʼu sana Waaqni harka kootiin diinota koo cabsee baʼeera” jedhe. Kanaafuu iddoon sun Baʼaal Pheraaziim jedhamee waamame.
12 Wafilisti walikuwa wameacha miungu yao huko, Daudi akaamuru iteketezwe kwa moto.
Filisxeemonni waaqota isaanii tolfamoo achitti ni dhiisan; Daawit immoo akka waaqonni sun ibiddaan gubaman ni ajaje.
13 Kwa mara nyingine Wafilisti wakavamia lile bonde;
Filisxeemonni amma illee deebiʼanii sulula sana weeraran;
14 hivyo Daudi akamuuliza Mungu tena, naye Mungu akamjibu, “Usiwapandie moja kwa moja, bali wazungukie na uwashambulie kutoka mbele ya hiyo miti ya miforosadi.
kanaafuu Daawit ammas Waaqa gaafate; Waaqnis akkana jedhee deebiseef; “Qajeelumatti itti ol hin baʼin; garuu isaan marsiitii muka qilxuu duratti isaan waraani.
15 Mara usikiapo sauti ya kwenda juu ya hiyo miti ya miforosadi, hapo ndipo utoke upigane vita, kwa sababu hiyo itaonyesha kwamba Mungu amekutangulia ili kupiga jeshi la Wafilisti.”
Akkuma fiixee muka qilxuu irraan sagalee duulaa dhageesseen loluuf baʼi; Waaqni loltoota Filisxeem dhaʼuudhaaf si dura baʼeera jechuudhaatii.”
16 Kwa hiyo Daudi akafanya kama alivyoagizwa na Mungu, wakalipiga jeshi la Wafilisti kuanzia Gibeoni hadi Gezeri.
Kanaafuu Daawit akkuma Waaqni isa ajaje sana ni godhe; isaanis Gibeʼoonii jalqabanii hamma Geeziritti loltoota Filisxeem ni dhaʼan.
17 Hivyo umaarufu wa Daudi ukaenea katika kila nchi, naye Bwana akayafanya mataifa yote kumwogopa Daudi.
Akkasiin maqaan Daawit biyya hunda keessatti beekame; Waaqayyos akka saboonni hundinuu isa sodaatan godhe.