< Génesis 19 >

1 Y al caer la noche, los dos ángeles llegaron a Sodoma; y Lot estaba sentado en el camino a la ciudad; y cuando los vio, se levantó y vino delante de ellos, cayendo de bruces sobre la tierra.
Ergamoonni Waaqayyoo sun lamaan galgala sana Sodoom gaʼan; Looxis karra Sodoomii dura taaʼaa ture. Innis yeroo jara argetti, isaan simachuuf kaʼee isaanitti deeme; gad jedhees adda isaatiin lafatti gombifame.
2 Y él dijo: Mis amos, ven ahora a la casa de tu siervo, y descansen allí pasen la noche, y laven sus pies; y temprano en la mañana pueden continuar su camino. Y dijeron: No es así, pero tomaremos el resto de nuestra noche en la calle.
Innis, “Yaa gooftota ko, maaloo mana garbicha keessaniitti goraatii miilla dhiqadhaa bulaa; barii barraaqaan kaatanii karaa keessan itti fufuu dandeessu” jedhe. Isaan immoo, “Hin taʼu; nu waltajjii karaa irra bullaa” jedhaniin.
3 Pero él hizo su petición con mayor fuerza, por lo que fueron con él a su casa; y les preparó comida, e hizo pan sin levadura, del cual tomaron.
Inni garuu akka malee isaan dirqisiise; kanaafuu goranii mana isaa seenan; innis maxinoo tolchee nyaata qopheesseef; isaanis ni nyaatan.
4 Pero antes de acostarse, los hombres de la ciudad, todos los hombres de Sodoma, recorrieron la casa, jóvenes y viejos, de todas partes de la ciudad;
Utuu isaan hin rafin namoonni kutaalee magaalaa Sodoom hunda keessaa dhufan hundi dargaggoonnii fi jaarsoliin mana sana marsan.
5 Y clamando a Lot, dijeron: ¿Dónde están los hombres que vinieron a tu casa esta noche? Envíanoslos a nosotros, para que podamos tener nuestro placer con ellos.
Isaanis Looxin waamanii, “Namoonni galgala kana gara kee dhufan eessa jiru? Akka nu isaan wajjin ciifnuuf gad nuu yaasi” jedhan.
6 Y salió Lot a ellos en el portal, cerrando la puerta tras él.
Looxis jara sanatti gad baʼee balbala of duubaan cufe;
7 Y dijo: Hermanos míos, no hagan está maldad.
Akkanas jedhe; “Yaa obboloota ko, waan hamaa kana hin hojjetinaa!
8 Vean ahora, tengo dos hijas solteras; las enviaré a ti para que les hagan lo que les parezca mejor: no hagas nada a estos hombres, porque es por eso que han caído bajo la sombra de mi techo.
Kunoo ani intallan lama kanneen takkumaa dhiira wajjin hin ciisin qaba. Lamaanuu gad isinii nan baasa; isinis waan feetan isaan gochuu dandeessu. Namoota kanneen garuu waan isaan bantii mana koo jala jiraniif homaa isaan hin godhinaa.”
9 Y dijeron: Hazte a un lado! Este hombre, dijeron, vino aquí de un país extraño, ¿y ahora será nuestro juez? ahora te haremos peor que a ellos; y empujando violentamente a Lot, se acercaron para abrir la puerta.
Isaanis, “Badi asii!” jedhaniin. Ittuma fufaniis, “Namichi kun nama ormaa kan nu keessa jiraachuu dhufee dha; amma immoo abbaa murtii nutti taʼuu fedha! Nu waan hamaa jara irratti hojjennu caalaa sirratti hojjenna” jedhaniin. Isaanis Looxin humnaan dhiibanii balbala sana cabsuu gaʼan.
10 Pero los hombres extendieron sus manos y llevaron a Lot dentro de la casa, cerrando de nuevo la puerta.
Namoonni sunis hiixatanii Looxin harkisanii manatti ol deebisan; balbalichas ni cufan.
11 Pero los hombres que estaban afuera de la puerta se quedaron ciegos, todos ellos, pequeños y grandes, y se cansaron de buscar la puerta.
Ergasii immoo namoota balbala manaa dura turan sana akka isaan balbalicha hin argineef xinnaa fi guddaa isaanii dhaʼichaan ija jaamsan.
12 Entonces los hombres dijeron a Lot: ¿Hay otros de tu familia aquí? yernos o hijos o hijas, sacarlos a todos de este lugar;
Namoonni lamaan sun Looxiin akkana jedhan; “Ati nama biraa tokko illee jechuunis soddoota, ilmaan yookaan intallan yookaan nama kan kee taʼe tokko illee magaalaa kana keessaa qabdaa? Asi keessa isaan baafadhu;
13 Porque estamos a punto de enviar destrucción a este lugar, porque una gran protesta contra ellos ha llegado a los oídos del Señor; y el Señor nos ha enviado a poner fin a la ciudad.
nu iddoo kana balleessuuf deemnaatii. Sababii iyyi saba ishee irratti iyyame fuula Waaqayyoo duratti guddaa taʼeef, Waaqni akka nu ishee balleessinuuf nu ergeera.”
14 Y salió Lot, y dijo a sus yernos, que estaban casados con sus hijas: Vengan, salgamos de este lugar, porque el Señor está a punto de enviar destrucción sobre la ciudad. Pero sus yernos no lo tomaron en serio.
Kanaafuu Loox gad baʼee soddoota isaa warra intallan isaa fuudhuuf jiraniin, “Sababii Waaqayyo magaalaa kana balleessuuf kaʼeef, dafaatii asii baʼaa!” jedhe. Soddoonni isaa garuu waan inni qoosu seʼan.
15 Y cuando amaneció, los ángeles hicieron todo lo que pudieron para hacer ir a Lot, diciendo: Levántate pronto, toma a tu mujer y a tus dos hijas que están aquí, y vete, por temor a que vengas a la destrucción en el castigo de la ciudad.
Yeroo boruun diimatetti ergamoonni Waaqayyoo sun Looxin jarjarsanii, “Niitii keetii fi intallan kee lamaan as jiran fudhadhuutii dafii baʼi! Yoo kanaa achii yeroo magaalattiin adabamtutti atis ni baddaa” jedhaniin.
16 Mientras esperaba, los hombres tomaron de la mano a él, a su mujer y a sus hijas, porque el Señor tuvo misericordia de ellos y los puso fuera de la ciudad.
Inni garuu duubatti harkifate; waan Waaqayyo isaaniif garaa laafeef namoonni sun harka isaatii fi harka niitii isaa, intallan isaa lamaanis harka qabanii magaalattii keessaa isaan baasan.
17 Y cuando los pusieron, él dijo: Huyan por su vida, sin mirar atrás ni esperar en la tierra baja; ve rápidamente a la montaña o llegarás a la destrucción.
Akkuma gad isaan baasaniinis ergamoota sana keessaa inni tokko, “Lubbuu kee oolfachuuf baqadhu! Of duuba hin milʼatin! Dirree irra iddoo tokko illee hin dhaabatin! Tulluuwwanitti ol baqadhu; yoo kanaa achii ni baddaa!” jedhe.
18 Y Lot les dijo: No es así, oh mi Señor;
Loox garuu akkana isaaniin jedhe; “Yaa gooftota ko, maaloo akkas miti!
19 Ahora, tu siervo ha tenido la gracia en tus ojos y grande es tu misericordia para mantener mi vida lejos de la destrucción, pero no puedo llegar a la montaña antes de que el mal me alcance y la muerte;
Kunoo garbichi kee fuula kee duratti fudhatama argateera; ati lubbuu koo oolchitee gara laafina guddaa na argisiifteerta. Ani garuu gara tulluutti ol baqachuu hin dandaʼu; balaan kun na argata; anis nan duʼa.
20 Esta ciudad, ahora, está cerca, y es una pequeña: O, déjame ir allí (¿no es una pequeña?) para que mi vida esté a salvo.
Kunoo, magaalaan itti baqachuun dandaʼamu tokko as dhiʼoo jirti; isheen xinnoo dha. Ani gara isheetti nan baqadha; isheen baayʼee xinnoo dha mitii? Akkasitti lubbuun koo ni baraaramti.”
21 Y él dijo: Mira, te he dado tu petición en esto una cosa más: no enviaré destrucción sobre esta ciudad.
Ergamaan sunis akkana jedheen; “Kunoo, ani kadhaa kana siif nan dhagaʼa; magaalaa ati waaʼee ishee dubbattu kana ani hin balleessu.
22 Ve allí rápidamente, porque no puedo hacer nada hasta que hayas llegado ahí. Por esta razón, la ciudad fue nombrada Zoar.
Garuu sababii ani hamma ati achi geessutti homaa gochuu hin dandeenyeef dafii achitti baqadhu!” Wanni magaalaan sun Zoʼaar jedhamteefis kanuma.
23 El sol salió cuando Lot llegó a Zoar.
Yeroo Loox Zoʼaar gaʼetti aduun baatee turte.
24 Entonces él Señor envió fuego y humo ardiente desde los cielos sobre Sodoma y Gomorra.
Waaqayyo samiiwwan keessaa Waaqayyo biraa, dinyii bobaʼu Sodoomii fi Gomoraa irratti roobse.
25 Y envió destrucción sobre aquellas ciudades, con toda la tierra baja y toda la gente de esas ciudades y todas las cosas verdes en la tierra.
Innis akkasiin magaalaawwan kanneenii fi dirreewwan sana guutuu, warra magaalaawwan sana keessa jiraatan hundaa fi biqiltuu biyya sanaa balleesse.
26 Pero la esposa de Lot, mirando hacia atrás, se convirtió en una columna de sal.
Niitiin Looxi garuu of duuba ilaaltee utubaa soogiddaa taatee hafte.
27 Y Abraham se levantó temprano en la mañana y fue al lugar donde había estado hablando con el Señor:
Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee iddoo duraan fuula Waaqayyoo dura dhaabachaa ture sanatti deebiʼe.
28 Y mirando en dirección a Sodoma y Gomorra y la tierra baja, vio el humo de la tierra subir como el humo de un horno.
Innis gara magaalaawwan Sodoomii fi Gomoraa, gara lafa dirree sanaa hundaas ilaalee aara akka aara boolla ibiddaa keessaa baʼuu tokko isaa biyya sana keessaa ol kaʼu arge.
29 Y aconteció que cuando Dios envió destrucción sobre las ciudades de la llanura, cumplió su palabra a Abraham, y envió lejos a Lot cuando puso fin a las ciudades donde vivía.
Waaqni yeroo magaalaawwan dirree sanaa balleessetti Abrahaamin yaadate; kanaafuu yommuu magaalaawwan Loox keessa jiraachaa ture balleessetti Looxin balaa sana keessaa baase.
30 Entonces Lot subió de Zoar al monte, y vivía allí con sus dos hijas, por temor a que no viviera en Zoar; y él y sus hijas se ganaron la vida en una cueva de la peña.
Loox waan Zoʼaar keessa jiraachuu sodaateef intallan isaa lamaan wajjin Zoʼaarii baʼee gaarran irra qubate. Innis intallan isaa lamaan wajjin holqa tokko keessa jiraate.
31 Y la hija mayor dijo a su hermana: Nuestro padre es viejo, y no hay hombre que sea nuestro esposo en la forma natural:
Gaaf tokko intalli isaa isheen hangafti ishee quxisuudhaan akkana jette; “Abbaan keenya dulloomeera; akka bartee lafa hunda irra jiruutti dhiirri nu wajjin ciisu tokko iyyuu naannoo kan hin jiru.
32 Ven, démosle mucho vino a nuestro padre, y nos iremos a su cama, para que tengamos descendencia de nuestro padre,
Kottu mee abbaa keenya daadhii wayinii obaasnee isa wajjin ciifnaa; akkasiin sanyiin abbaa keenyaa lafa irratti akka hafu goona.”
33 Y esa noche hicieron que su padre bebiera mucho vino; y la hija mayor se metió en su cama; y él no sabía cuándo ella entró o cuándo se fue.
Isaanis halkan sana abbaa isaanii daadhii wayinii obaasan; intalli isheen hangafti ol seentee isa wajjin ciifte. Inni yeroo isheen ciiste yookaan yeroo isheen kaate hin beekne.
34 Y el día después, la hija mayor dijo a la menor: Anoche estaba con mi padre; hagamos que tome mucho vino esta noche otra vez, y ve a él, para que podamos tener descendencia de nuestro padre.
Guyyaa itti aanutti intalli hangafti ishee quxisuudhaan akkana jette; “Kunoo ani eda abbaa koo wajjin ciiseera. Kottu edanas daadhii wayinii isa obaasnaa; atis ol seenii isa wajjin ciisi; akkasitti sanyiin abbaa keenyaa akka hafu goona.”
35 Y esa noche otra vez hicieron que su padre tomara mucho vino; y la hija menor se metió en su cama; y él no sabía cuándo ella entró o cuándo se fue.
Isaan halkan sanas abbaa isaanii daadhii wayinii obaasan; intalli quxisuun dhaqxee isa wajjin ciiste. Inni ammas yeroo isheen ciiste yookaan yeroo isheen kaate hin beekne.
36 Y así las dos hijas de Lot fueron embarazadas por su padre.
Akkasiin intallan Loox lamaanuu abbaa isaaniitiif ulfaaʼan.
37 Y la hija mayor tuvo un hijo, y le dio el nombre de Moab: es el padre de los moabitas hasta hoy.
Intalli isheen hangafti ilma deessee maqaa isaa Moʼaab jettee moggaafte. Inni abbaa Moʼaabota harʼaa ti.
38 Y el menor tuvo un hijo, y le dio el nombre de Ben-ammi; de él vienen los hijos de Ammón hasta hoy.
Intalli isheen quxisuunis ilma deessee maqaa isaa Ben-Amii jettee moggaafte; inni immoo abbaa Amoonota harʼaa ti.

< Génesis 19 >