< Esdras 7 >

1 Después de estas cosas, cuando Artajerjes era rey de Persia, Esdras, hijo de Seraías, hijo de Azarías, hijo de Hilcías,
Wantoota kanneen booddee bara Arxeksis mooticha Faares keessa Izraan ilmi Seraayaa, ilmi Azaariyaa ilmi Hilqiyaa,
2 El hijo de Salum, el hijo de Sadoc, el hijo de Ahitob.
ilmi Shaluum, ilmi Zaadoq, ilmi Ahiixuub,
3 El hijo de Amarías, el hijo de Azarías, el hijo de Meraiot,
ilmi Amariyaa, ilmi Azaariyaa, ilmi Meraayoot,
4 El hijo de Seraías, el hijo de Uzi, el hijo de Buqui,
ilmi Zeraayaa, ilmi Uzii, ilmi Bukii,
5 El hijo de Abisúa, el hijo de Finees, el hijo de Eleazar, el hijo de Aarón, el principal sacerdote.
ilmi Abiishuuwaa, ilmi Fiinehaas, ilmi Eleʼaazaar, ilmi Aroon lubicha ol aanaa
6 Este Esdras subió de Babilonia; y era un escriba, experto en la ley de Moisés que el Señor, el Dios de Israel, había dado; y el rey, movido por el Señor su Dios, le dio todo lo que pidió.
Izraan kun Baabilonii dhufe. Innis barsiisaa Seera Musee kan Waaqayyo Waaqni Israaʼel kenne sana sirriitti beekuu dha. Sababii harki Waaqayyo Waaqa isaa isa irra tureef mootichi waan inni kadhate hunda ni kenneef.
7 Y subieron algunos de los hijos de Israel, con algunos de los sacerdotes y los levitas y los cantores y los encargados de las puertas y los sirvientes del templo, a Jerusalén, en el séptimo año del rey Artajerjes.
Akkasumas waggaa torbaffaa bara Arxeksis Mootichaa keessa Israaʼeloonni tokko tokko jechuunis luboonni, Lewwonni, faarfattoonni, eegdonni karraa fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa gara Yerusaalemitti ol baʼan.
8 Y vino a Jerusalén en el quinto mes, en el séptimo año del gobierno del rey.
Izraanis waggaa torbaffaa bara mootii sanaa keessa jiʼa shanaffaatti Yerusaalem gaʼe.
9 Comenzando su viaje desde Babilonia el primer día del primer mes, llegó a Jerusalén el primer día del quinto mes, con la ayuda de su Dios.
Innis bultii tokkoffaa jiʼa jalqabaatti karaa isaa Baabilonii jalqabee bultii tokkoffaa jiʼa shanaffaatti Yerusaalem gaʼe; harki Waaqa isaa tolaan sun isa irra tureetii.
10 Porque Esdras se había preocupado de aprender la ley del Señor y de hacerlo, y de enseñar sus reglas y decisiones en Israel.
Izraan Seera Waaqayyoo quʼachuu fi eeguudhaaf akkasumas labsii fi ajaja seerichaa Israaʼel keessatti barsiisuudhaaf of kennee tureetii.
11 Ahora, esta es una copia de la carta que el rey Artajerjes le dio a Esdras, sacerdote y escriba, quien escribió las palabras de las órdenes del Señor y sus reglas para Israel:
Kun garagalcha xalayaa Arxeksis Mootichi Izraa lubichaa fi barsiisaa, namicha waaʼee ajajaa fi labsiiwwan Waaqayyo Israaʼeliif kenne sanaa baratetti ergee ti:
12 Artajerjes, rey de los reyes, a Esdras el sacerdote, escriba de la ley del Dios del cielo, toda paz;
Arxeksis mootii moototaa irraa; Gara Izraa lubicha, barsiisaa Seera Waaqa samiitti: Nagaan siif haa taʼu.
13 Y ahora es mi orden que todos los del pueblo de Israel, y sus sacerdotes y levitas en mi reino, que están listos y desean ir a Jerusalén, vayan con ustedes.
Ani amma akka namni Israaʼel kan mootummaa koo keessa jiraatu kam iyyuu luboonnii fi Lewwonni illee abbaan si wajjin Yerusaalem dhaquu barbaadu dhaquu dandaʼu labseera.
14 Porque eres enviado por el rey y sus siete reyes consejeros, para conocer a Judá y a Jerusalén, como lo ordena la ley de tu Dios que está en tu mano;
Ati akka akkuma Seera Waaqa keetii kan harka kee jiru sanaatti waaʼee Yihuudaa fi Yerusaalem qorattuuf mootichaa fi gorsitoota isaa torbaan ergamteerta.
15 Y para llevar con usted la plata y el oro ofrecidos libremente por el rey y sus sabios al Dios de Israel, cuyo Templo está en Jerusalén,
Kana irrattis meetii fi warqee mootichii fi gorsitoonni isaa Waaqa Israaʼel kan Yerusaalem keessa jiraatuuf toluma kennan sana fuudhii deemi;
16 Así como toda la plata y el oro que obtienes de la tierra de Babilonia, junto con la ofrenda del pueblo y de los sacerdotes, entregados gratuitamente para la casa de su Dios, que está en Jerusalén:
waan kanas meetii fi warqee kutaa biyya Baabiloniitii walitti qabde hundaa fi kennaa sabnii fi luboonni mana qulqullummaa Waaqa isaanii kan Yerusaalem keessaaf fedhiidhaan kennan wajjin fuudhii dhaqi.
17 Con este dinero, compren los bueyes, ovejas y corderos, con sus ofrendas de cereales y sus ofrendas de bebidas, para ser ofrecidos en el altar del templo de su Dios, que está en Jerusalén.
Maallaqa kanaanis jiboota, korbeeyyii hoolaa fi xobbaallaa hoolaa, kennaa midhaanii fi dhibaayyuu isaanii wajjin bitaatii iddoo aarsaa mana qulqullummaa Waaqa keessanii kan Yerusaalem sana irratti dhiʼeessaa.
18 Y todo lo que les parezca bien a ti y a tus hermanos hacer con el resto de la plata y el oro, eso es conforme a la voluntad de su Dios.
Ergasii atii fi obboloonni kee Yihuudoonni meetii fi warqee hafe akkuma fedhii Waaqa keessaniitti waanuma gaarii isinitti fakkaate irra oolchaa.
19 Y las vasijas que te han sido dadas para los usos del templo de tu Dios, debes entregarlas al Dios de Jerusalén.
Miʼa waaqeffannaa mana qulqullummaa Waaqa keetii keessaaf imaanaa sitti kenname hunda Waaqa Yerusaalem duratti dhiʼeessi.
20 Y lo que sea necesario para la casa de tu Dios, y que tengas que dar, tómalo del almacén del rey.
Waan mana qulqullummaa Waaqa keetiif barbaadamu kan kennuu feetu hunda mankuusa mootii keessaa fuudhii kenni.
21 Y yo, también, el rey Artajerjes, ahora doy órdenes a todos los guardianes del dinero del rey al oeste del río, para que todo lo que él sacerdote Esdras necesite, el escriba de la ley del Dios del cielo, se lo den, debe ser hecho prestamente,
Egaa ani Arxeksis Mootichi akka qabdoonni maallaqaa kanneen Gama Laga Efraaxiis jiran waan Izraan lubichi, barsiisaan Seera Waaqa samii kun isin gaafatu hunda arjummaadhaan isaaf kennan ajajeera;
22 Hasta cien talentos de plata, cien medidas de grano, cien medidas de vino y cien medidas de aceite y sal sin medida.
kunis hamma meetii taalaantii dhibba tokko, qamadii qoroosii dhibba tokko, daadhii wayinii baadoosii dhibba tokko, zayitii ejersaa baadoosii dhibba tokkoo fi soogidda hamma hin qabne haa taʼu.
23 Lo que sea ordenado por el Dios del cielo, hágase rápidamente por la casa del Dios del cielo; para que no haya ira contra el reino del rey y sus hijos.
Wanni Waaqni samii ajaje kam iyyuu mana qulqullummaa Waaqa samiitiif of eeggannaadhaan haa godhamu. Maaliif dheekkamsi mootichaa fi ilmaan mootichaatti dhufa?
24 Además, le dejamos en claro que será ilegal poner impuestos o pagos en bienes o pagos forzosos a cualquiera de los sacerdotes o levitas, los cantores, los porteros, los sirvientes del templo o Cualquier siervo de esta casa de Dios.
Amma illee isin akka luboota, Lewwota, faarfattoota, eegdota karraa, tajaajiltoota mana qulqullummaa yookaan hojjettoota mana Waaqaa kana keessa hojjetan kamitti iyyuu gibira, qaraxaa fi ashuuraa murteessuuf aangoo hin qabne beekaa.
25 Y tú, Esdras, por la sabiduría de tu Dios que está en ti, debes poner a los gobernantes y jueces para que tengan autoridad sobre todas las personas a oeste del río que tienen conocimiento de las leyes de tu Dios; y tú debes dar enseñanza a quien no tiene conocimiento de ellos.
Egaa Izraa, ati akkuma ogummaa Waaqa keetii kan harka kee jiru sanaatti akka isaan warra Gama Laga Efraaxiis jiraatan bulchaniif abbootii seeraa fi abbootii murtii kanneen hundi isaanii seera Waaqa keetii beekan muudi. Nama seera Waaqaa hin beekne kam iyyuus barsiisi.
26 Y si alguien no cumple la ley de tu Dios y la ley del rey, tenga cuidado de que se le aplique un castigo, ya sea por muerte o destierro de su país o quitándole sus bienes o poniéndolo en prisión.
Namni seera Waaqa keetiitiif yookaan seera mootichaatiif hin ajajamne kam iyyuu dhugumaan ajjeechaadhaan, biyya keessaa ariʼamuudhaan, qabeenyi isaa irraa dhaalamuudhaan yookaan hidhaadhaan adabamuu qaba.
27 Alabado sea el Señor, el Dios de nuestros padres, que ha puesto tal cosa en el corazón del rey, para reparar el templo del Señor que está en Jerusalén;
Waaqayyo Waaqni abbootii keenyaa kan akka inni karaa kanaan mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessa jiruuf ulfina kennuuf garaa mootichaa keessa yaada kana kaaʼe sun haa galateeffamu;
28 Y me ha dado misericordia ante el rey y su gobierno y ante todos los grandes capitanes del rey. Y fui fortalecido por la mano del Señor mi Dios que estaba sobre mí, y reuní a los principales hombres de Israel para que subieran conmigo.
Waaqa fuula mootichaa, fuula gorsitoota mootichaa fi fuula qondaaltota mootichaa ciccimoo hundaa duratti gaarummaa ofii isaa na argisiiseef galanni haa gaʼu. Sababii harki Waaqayyo Waaqa koo anarra tureef ani jajjabaadheen akka isaan na wajjin deemaniif Israaʼel keessaa namoota bebeekamoo walitti nan qabadhe.

< Esdras 7 >