< 2 Samuel 8 >

1 Y después de esto, David atacó a los filisteos y los venció; y David tomó la autoridad de Meteg-ama la ciudad principal de las manos de los filisteos.
Ergasii Daawit Filisxeemota moʼatee of jala isaan galfate; magaalaa Meeteeg Amaa jedhamtus harka Filisxeemotaatii baasee fudhate.
2 Y venció a los moabitas, y los midió con una línea cuando estaban tendidos sobre la tierra; marcando dos líneas para la muerte y una línea completa para la vida. Entonces los moabitas se convirtieron en siervos de David y le dieron ofrendas.
Daawit Moʼaabotas ni moʼate. Lafa irra tarree ciibsees funyoon isaan safare. Kanneen tarree galan keessaas funyoo lama lama safaree ajjeese; kanneen funyoo tokko tokko safare immoo akka isaan jiraatan eeyyameef. Kanaafuu Moʼaabonni Daawit jalatti bulanii gibira fidaniif.
3 Y David venció a Hadadezer, hijo de Rehob, rey de Sobá, cuando fue a ver su poder junto al río.
Kana irrattis Daawit yeroo Laga Efraaxiis bira yaadannoo ofii deebisee dhaabbachuu dhaqetti mooticha Zoobaa, Hadaadezer ilma Rehoob moʼate.
4 Y le quitó David mil setecientos jinetes y veinte mil soldados de infantería; y David amputó los caballos, y solo dejó suficiente para cien carros de guerra.
Daawitis gaariiwwan waraanaa isaa kuma tokko, abbootii fardaa kuma torbaa fi loltoota lafoo kuma digdama isa irraa fudhate. Innis fardeen gaariiwwanii dhibba tokko qofa hambisee kanneen hafan hunda mogolee kukkute.
5 Y cuando los arameos de Damasco acudieron en ayuda de Hadad Ezer, rey de Sobá, David puso a espada veintidós mil de los arameos.
Yeroo warri Sooriyaa kanneen Damaasqoo jiraatan Hadaadezer mooticha Zoobaa gargaaruuf dhufanittis Daawit isaan keessaa nama kuma digdamii lama fixe.
6 Entonces David puso fuerzas armadas en Aram de Damasco; y los arameos se convirtieron en siervos de David y le dieron ofrendas. Y él Señor hizo vencer a David dondequiera que iba.
Ergasiis kutaa bulchiinsa Damaasqoo kan biyya Sooriyaa keessa qubata loltootaa dhaabbate. Warri Sooriyaas isa jalatti bulanii gibira fidaniif. Waaqayyos Daawitiif lafa inni dhaqe hundatti mooʼicha kenne.
7 Entonces David tomó sus coberturas de oro de los siervos de Hadad Ezer y los llevó a Jerusalén.
Daawitis gaachana warqee kan ajajjoonni loltoota Hadaadezer qabatan fudhatee gara Yerusaalem fide.
8 Y de Beta y Berotai, pueblos de Hadad Ezer, el rey David tomó gran cantidad de bronze.
Daawit Mootichi magaalaawwan Hadaadezer jechuunis Bexaatii fi Beerootaay keessaa sibiila naasii akka malee baayʼee fudhate.
9 Y cuando Toi, rey de Hamat, tuvo noticias de que David había vencido a todo el ejército de Hadad Ezer,
Tooʼiin mootiin Hamaati yommuu akka Daawit guutummaa loltoota Hadaadezer moʼate dhagaʼetti,
10 Envió a su hijo Hadoram a David, con palabras de paz y bendición, porque había vencido a Hadad Ezer en la lucha, porque Hadad Ezer había tenido guerras con Toi; Y Joram llevó consigo vasos de plata, oro y bronce.
akka inni sababii moʼannaa Daawit Mootichi Tooʼiin wal lolaa ture sun waraana keessatti Hadaadezer irratti argateetiif harka isa fuudhee dhaamsa gammachuu isaaf dabarsuuf ilma ofii isaa Yooraamin gara isaatti erge. Yooraamis kennaawwan meetii irraa, warqee fi naasii irraa hojjetaman fide.
11 El rey David dedicó también al Señor, junto con la plata y el oro que había tomado de las naciones que había vencido:
Daawit Mootichis akkuma meetii fi warqee saboota biraa kanneen of jala galfatu hunda irraa boojiʼee ture godhe sana miʼoota kanneen illee Waaqayyoof addaan baase.
12 Las naciones de Edom y Moab, los hijos de Amón, los filisteos, los amalecitas, los bienes que había tomado de Hadad Ezer, hijo de Rehob, rey de Sobá.
Warri inni of jala galfates Edoom, Moʼaab, Amoonota, Filisxeemotaa fi Amaaleq turan. Boojuu Hadaadezer ilma Rehoob mooticha Zoobaa irraa boojiʼes akkasuma addaan baase.
13 Y David obtuvo gran honor para sí mismo, cuando regresó, por la destrucción de Edom en el valle de Sal, al número de dieciocho mil hombres.
Daawitis erga Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota kuma kudha saddeet fixee deebiʼee booddee beekamaa taʼe.
14 Y puso fuerzas armadas en Edom; A lo largo de todo Edom, tenía fuerzas armadas estacionadas, y todos los edomitas se convirtieron en sirvientes de David. Y él Señor daba la victoria a David dondequiera que iba.
Innis guutummaa Edoom keessa qubata loltootaa dhaabbate; Edoomonni hundinuus Daawitiif ni garbooman. Waaqayyos lafa inni dhaqe hundatti Daawitiif moʼannaa ni kenne.
15 Y David fue rey sobre todo Israel, juzgando y dando las decisiones correctas para todo su pueblo.
Daawit guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼee saba isaa hundaaf murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hojjete.
16 Y Joab, hijo de Sarvia, era el jefe del ejército; y Josafat, el hijo de Ahilud, era el guardián de los registros;
Yooʼaab ilmi Zeruuyaa hoogganaa loltootaa ture; Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa ture.
17 Y Sadoc y Abiatar, hijo de Ahimelec, hijo de Ahitob, eran sacerdotes; y Seraías era el escriba;
Akkasumas Zaadoq ilmi Ahiixuubii fi Abiimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; Seraayaan immoo barreessaa ture.
18 Y Benaía, hijo de Joiada, estaba sobre los cereteos y los peleteos; Y los hijos de David fueron sacerdotes.
Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hoogganaa Kereetotaa fi Pheletotaa ture; ilmaan Daawit immoo luboota turan.

< 2 Samuel 8 >