< 1 Crónicas 7 >
1 Y de los hijos de Isacar: Tola y Fua, Jasub y Simron, cuatro.
Ilmaan Yisaakor: Toolaa, Phuwaa, Yaashuubii fi Shimroon; walumatti nama afur turan.
2 Y los hijos de Tola: Uzi, Refaias, Jeriel, Jahmai, Jibsam y Semuel, jefes de sus familias; eran hombres de guerra; en el registro de sus generaciones su número en el tiempo de David era veintidós mil seiscientos.
Ilmaan Toolaa: Uzii, Refaayaa, Yiriiʼeel, Yaahimaayi, Yibsaamii fi Shemuuʼeel; isaan kunneen hangafoota maatii isaanii ti. Bara mootummaa Daawit keessa ilmaan Toolaa warri hidda dhaloota isaaniitiin akka loltoota jajjabootti galmeeffaman nama 22,600 turan.
3 Y los hijos de Uzi; Izrahias; y los hijos de Izrahias: Micael, Obadias, Joel e Isias, cinco; Todos ellos jefes.
Ilma Uzii: Yizrahiyaa. Ilmaan Yizrahiyaa: Miikaaʼel, Obaadiyaa, Yooʼeelii fi Yishiyaa. Shanan isaanii iyyuu hangafoota turan.
4 Las varias generaciones de sus familias, había hombres de guerra, treinta y seis mil de ellos, porque tenían una gran cantidad de esposas e hijos.
Isaanis waan niitotaa fi ijoollee hedduu qabaataniif akka hidda dhaloota maatii isaaniitti namoota lolaaf qophaaʼan 36,000 qabu ture.
5 Y se registraron entre todas las familias de Isacar, grandes hombres de guerra, ochenta y siete mil.
Firoonni loltoota jajjaboo turan kanneen balbalawwan Yisaakorii keessaa dhalatan warri akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffaman walumatti nama 87,000:
6 Los hijos de Benjamín: Bela, Bequer y Jediael, tres.
Ilmaan Beniyaam sadan: Belaa, Bekerii fi Yediiʼeel.
7 Y los hijos de Bela: Ezbon, Uzi, Uziel Jerimot e Iri, cinco; los jefes de sus familias, grandes hombres de guerra; había veintidós mil treinta y cuatro de ellos registrados por sus familias.
Ilmaan Belaa: Esboon, Uzii, Uziiʼeel, Yeriimootii fi Iirii walumatti shan turan; hangafoonni mana abbootii isaaniis gootota jajjaboo turan; galmeen hidda dhaloota isaanii namoota 22,034 argisiisa.
8 Y los hijos de Bequer: Zemira, Joas, Eliezer, Elioenai, Omri, Jerimot, Abias, Anatot y Alanes. Todos estos fueron los hijos de Bequer.
Ilmaan Beker: Zemiiraa, Yooʼaash, Eliiʼezer, Eliiyooʼeenayi, Omrii, Yereemooti, Abiyaa, Anaatootii fi Alaameti. Isaan kunneen hundi ilmaan Beker turan.
9 Y fueron registrados por sus generaciones, jefes de sus familias, grandes hombres de guerra, veinte mil doscientos.
Hangafoota mana abbootii isaanii kanneen akka dhaloota isaaniitti hidda dhaloota isaaniitiin lakkaaʼaman gootota jajjaboo 20,200 turan.
10 Y los hijos de Jediael: Bilhan; y los hijos de Bilhan: Jeus, Benjamin, Aod, Quenaana, Zetan y Tarsis y Ahisahar.
Ilmi Yediiʼeel: Bilihaan. Ilmaan Bilhaanii: Yeʼuushi, Beniyaam, Eehuud, Keniʼaanaa, Zeetaan, Tarshiishii fi Ahiishahar.
11 Todos estos fueron hijos de Jediael, junto a los jefes de sus familias, diecisiete mil, doscientos hombres de guerra, capaces de salir con el ejército para la guerra.
Ilmaan Yediiʼeel kunneen hundi hangafoota maatiiwwanii turan. Isaanis namoota waraana dhaquuf qophaaʼan 17,200 qaban ture.
12 Sufam y Hufam, los hijos de Hir, Husim, hijo de Aher.
Gosti Shufiimiitii fi Hufiim ilmaan Iiri turan; Hushiim immoo ilma Aheerii ti.
13 Los hijos de Neftalí: Jahzeel, Guni, Jezer y Salum, los hijos de Bilha.
Ilmaan Niftaalemii: Yahiziiʼeel, Guunii, Yeexerii fi Shaluum; isaan kunneen sanyii Bilihaa ti.
14 Los hijos de Manasés por su concubina, la mujer siria: ella dio a luz a Asriel y Maquir, el padre de Galaad;
Ilmaan Minaasee: Asriiʼeel kan saajjatoon isaa isheen Arraamii dhufte sun deesseef. Isheenis Maakiir abbaa Giliʼaad deesse.
15 Y Maquir tomó esposa, que se llamaba Maaca, mujer de la familia de Hufam y Sufam. Él nombre de su segundo hijo era Zelofehad que sólo tuvo hijas.
Maakiir immoo gosoota Hufiimiitii fi Shufiim keessaa niitii fuudhe. Maqaan obboleettii isaas Maʼakaa ture. Sanyiin isaa kan biraa immoo Salphaʼaad jedhama; Zelofehaad intallan qofa qaba ture.
16 Y Maaca, la mujer de Galaad, dio a luz un hijo a quien ella le dio el nombre de Peres; y su hermano se llamaba Seres; y sus hijos fueron Ulam y Requem.
Maʼakaan niitiin Maakiirii ilma deessee maqaa isaa Phereesh jettee moggaafte. Obboleessi isaa Sheresh jedhama; ilmaan isaa immoo Uulaamii fi Reqem jedhaman.
17 Y el hijo de Ulam: Bedán. Estos fueron los hijos de Galaad, el hijo de Maquir, hijo de Manasés.
Ilmi Uulaam: Bedaan. Isaan kunneen ilmaan Giliʼaadii ilma Maakiirii, ilma Minaasee sanaa ti.
18 Y su hermana era la madre de Isod, Abiezer y Mahala.
Hamolekeeti obboleettiin isaa Iisihood, Abiiʼezerii fi Mahilaa deesse.
19 Y los hijos de Semida fueron Ahian, Siquem, Likhi y Aniam.
Ilmaan Shemiidaa immoo: Ahiiyaan, Sheekem, Likihii fi Aniyaam turan.
20 Y los hijos de Efraín: Sutela y Bered su hijo, y Tahat su hijo, y Elada su hijo, y Tahat su hijo,
Ilmaan Efreem: Shuutelaa, ilma isaa Bereed, ilma isaa Tahaat, ilma isaa Eleʼaadaa, ilma isaa Tahaat,
21 Y su hijo Zabad, y su hijo Sutela, y Ezer y Elad, a quienes los hombres de Gat, que habían estado viviendo en la tierra desde su nacimiento, los mataron, porque bajaron para llevarse su ganado.
ilma isaa Zaabaadii, ilma isaa Shuutelaa. Eezerii fi Eliʼaad yeroo loon warra Gaati kanneen achi jiraatan sanaa boojiʼuuf gad buʼanitti harka jaraatiin ni ajjeefaman.
22 Y durante mucho tiempo Efraín su padre lloró por ellos y sus hermanos vinieron a darle consuelo.
Efreem abbaan isaanii guyyaa hedduu booʼeef; firoonni isaas isa jajjabeessuu dhufan.
23 Después de eso, se unió con su esposa, y ella quedó embarazada y dio a luz a un hijo, a quien su padre le dio el nombre de Beria, porque había problemas en su familia.
Sana booddees dhaqee niitii isaa wajjin ciise; isheenis ulfooftee ilma deesse. Innis sababii maatii isaa keessa rakkinni tureef Beriiyaa jedhee maqaa baaseef.
24 Y su hija era Seera, la constructora de Beth-horon de arriba y de abajo Uzen-seera.
Intalli isaa immoo Sheeraa jedhamti; namni magaalaawwan Beet Horoonii kan gad aanuu fi kan ol aanu, akkasumas magaalaa Uzeen Sheeraa hundeesse ishee dha.
25 Refa era su hijo, y Resef; su hijo fue Telah, y su hijo fue Tahan;
Refaa ilma isaa, Resheef ilma isaa, Teelaa ilma isaa, Taahan ilma isaa,
26 Laadan era su hijo, Amiud, su hijo, Elisama su hijo,
Laʼadaan ilma isaa, Amiihuud ilma isaa, Eliishaamaa ilma isaa,
27 Nun su hijo, Josué su hijo.
Nuuni ilma isaatii fi Iyyaasuu ilma isaa.
28 Su herencia y sus lugares de residencia eran Betel y sus aldeas correspondientes, Naaran al este, Gezer al oeste, con sus aldeas correspondientes, así como Siquem, y sus aldeas correspondientes como hasta Ayah; y sus aldeas correspondientes;
Biyyoonnii fi ardaan qubata isaaniis Beetʼeelii fi gandoota naannoo ishee, karaa baʼa biiftuutiin Naʼaraan, karaa lixa biiftuutiin immoo Geezirii fi gandoota ishee akkasumas Sheekemii fi gandoota ishee kanneen hamma Ayyaa fi gandoota isheetti jiran qabata ture.
29 Y por los límites de los hijos de Manasés, Bet-seán y sus aldeas correspondientes, Taanac, Megiddo y Dor, con sus aldeas correspondientes. En estos vivían los hijos de José, el hijo de Israel.
Daariiwwan Minaasee irra Beet Sheʼaan, Taʼanaak, Megidoo fi Dooritu gandoota isaanii wajjin ture. Sanyiiwwan Yoosef ilma Israaʼel sanaas magaalaawwan kanneen keessa jiraatan.
30 Los hijos de Aser: Imna, Isua, Isui, Beria y Sera, su hermana.
Ilmaan Aasheer: Yimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Beriiyaa. Obboleettiin isaanii immoo Seraa jedhamti.
31 Y los hijos de Beria: Heber y Malquiel, que fue el padre de Birzavit.
Ilmaan Beriiyaa: Hebeerii fi Malkiiʼeel abbaa Birzaawitii.
32 Y Heber fue el padre de Jaflet, Semer, Hotham y Sua, su hermana.
Hebeer immoo abbaa Yaafleexii, Shomeerii, Hootaamiitii fi obboleettii isaanii Shuuʼaa ti.
33 Y los hijos de Jaflet: Pasac, Bimhal y Asvat.
Ilmaan Yaafleex: Phaasaak, Biimihaalii fi Ashwaati. Isaan kunneen ilmaan Yaafleexii ti.
34 Y los hijos de Semer: su hermano, Ahi y Rohga, Jehuba y Aram.
Ilmaan Shemeer: Ahii, Rohigaa, Yehubaa fi Arraam.
35 Y los hijos de Hotham, su hermano: Zofa, Imna, Seles y Amal.
Ilmaan obboleessa isaa Heelem: Zoofaa, Yimnaa, Sheleeshii fi Aamaal.
36 Los hijos de Zofa: Sua y Hernefer y Sual y Beri y Imra.
Ilmaan Zoofaa: Suuwaa, Harnefer, Shuuʼaali, Beerii, Yimraa,
37 Beser y Hod y Sama y Silsa e Itran y Beera.
Bezer, Hoodi, Shamaa, Shilshaa, Yitraanii fi Biʼeeraa.
38 Y los hijos de Jeter: Jefone, Pispa y Ara.
Ilmaan Yeteer: Yefunee, Fiisiphaa fi Eraa.
39 Y los hijos de Ula: Ara, Haniel y Rezia.
Ilmaan Ulaa: Aaraa, Haniiʼeelii fi Riiziyaa.
40 Todos estos eran hijos de Aser, jefes de sus familias, especialmente escogidos, fuertes, valientes hombres de guerra, jefes de los gobernantes. Fueron registrados en el ejército para la guerra, en número veintiséis mil hombres.
Isaan kunneen hundi gosoota Aasheerii turan; isaanis hangafoota maatiiwwanii, namoota filatamoo, loltoota jajjaboo fi bulchitoota bebbeekamoo turan. Akka galmee hidda dhaloota isaanii keessatti galmeeffametti namoonni isaanii kanneen dandeettii waraanaa qaban 26,000 turan.