< Salmos 17 >

1 Oración de David. Oye, oh SEÑOR, justicia; está atento a mi clamor; escucha mi oración hecha sin labios de engaño.
Kadhannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, iyyata ani murtii qajeelaaf iyyadhu dhagaʼi; booʼicha koos dhaggeeffadhu. Kadhannaa koo kan afaan nama hin gowwoomsine keessaa baʼuufis gurra kenni.
2 De delante de tu rostro salga mi juicio; vean tus ojos la rectitud.
Murtiin koo si biraa haa dhufu; iji kees waan qajeelaa haa argu.
3 Tú has probado mi corazón, me has visitado de noche; me has refinado, y nada inicuo hallaste; lo que pensé, no pasó mi boca.
Ati yoo garaa koo qorte, halkaniinis yoo na ilaalte, yoo na sakattaates, homaa narratti hin argattu; ani akka afaan koo cubbuu hin hojjenneef kutadheeraatii.
4 Para las obras humanas, por la palabra de tus labios yo observé los caminos del violento.
Waaʼee hojii namootaa immoo ani dubbii afaan keetiitiin karaa gooltotaa irraa of eeggadheera.
5 Sustenta mis pasos en tus caminos, para que mis pies no resbalen.
Tarkaanfiin koo karaa kee irratti cimeera; miilli koos hin mucucaanne.
6 Yo te he invocado, por cuanto tú me oyes, oh Dios: Inclina a mí tu oído, escucha mi palabra.
Yaa Waaqi, waan ati deebii naa kennituuf ani sin waammadha; gurra kee gara kootti qabiitii kadhannaa koo dhagaʼi.
7 Haz maravillosas tus misericordias, salvador de los que en ti confían, de los que se levantan contra tu diestra.
Yaa isa warra diinota isaanii jalaa sitti baqatan harka kee mirgaatiin oolchitu, ati jaalala kee isa hin geeddaramne sana haala dinqisiisaadhaan argisiisi.
8 Guárdame como lo negro de la niña del ojo, escóndeme con la sombra de tus alas.
Akka agartuu ija keetiitti na eegi; gaaddidduu qoochoo keetiitiinis na dhoksi;
9 De delante de los malos que me oprimieron, de mis enemigos que me cercan por la vida.
hamoota na dhiphisan jalaa, diinota na ajjeesuuf na marsan jalaa na baasi.
10 Cerrados están con su grosura; con su boca hablan soberbiamente.
Isaan garaa isaanii kan namaa hin naane sana ni guduunfu; afaan isaaniis of tuulummaadhaan dubbata.
11 Nuestros pasos nos han cercado ahora; puestos tienen sus ojos para echarnos por tierra.
Isaan faana na dhaʼu; ammas na marsaniiru; lafaan na dhaʼuudhaafis ija babaasu.
12 Parecen al león que desea hacer presa, y al leoncillo que está escondido.
Isaan akka leenca waa kukkutachuu kajeeluu ti; akka leenca guddaa riphee waa gaaduu ti.
13 Levántate, oh SEÑOR; prevén su encuentro, póstrale; libra mi alma del malo con tu espada;
Yaa Waaqayyo kaʼi; itti baʼiitii isaan kuffisi; goraadee keetiinis hamoota jalaa na baasi.
14 de los hombres con tu mano, oh SEÑOR, de los hombres de mundo, cuya parte es en esta vida, y cuyo vientre está lleno de tu despensa: sacian a sus hijos, y dejan el resto a su familia.
Yaa Waaqayyo, namoota akkanaa jalaa, namoota addunyaa kanaa warra qoodni isaanii jireenyuma ammaa taʼe jalaa harka keetiin na baraari. Garaan isaanii waan ati isaaniif kuufte haa quufu; ijoolleen isaaniis akka malee haa quufan; isaanis waan isaan irraa hafe daaʼimman isaaniitiif haa kaaʼan.
15 Yo en justicia veré tu rostro; seré saciado cuando despertaré a tu semejanza.
Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee nan arga; yommuun dammaquttis ani ulfina kee arguudhaan nan quufa.

< Salmos 17 >