< Jeremías 13 >

1 Jehová me dijo así: Vé, y cómprate un cinto de lino, y ceñirle has sobre tus lomos, y no le meterás en agua.
Waaqayyo akkana naan jedhe: “Dhaqiitii sabbata quncee talbaa irraa hojjetame bitadhuu mudhii keetti hidhadhu; garuu bishaan hin tuqsiisin.”
2 Y compré el cinto conforme a la palabra de Jehová, y púselo sobre mis lomos.
Kanaafuu ani akkuma Waaqayyo na ajajetti sabbata bitadhee mudhii kootti nan hidhadhe.
3 Y fue palabra de Jehová a mí segunda vez, diciendo;
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee yeroo lammaffaa gara koo dhufe:
4 Toma el cinto que compraste, que está sobre tus lomos, y levántate, y vé al Éufrates, y escóndele allá en una caverna de una peña.
“Sabbata bitattee mudhiitti hidhatte sana fuudhiitii gara Laga Efraaxiis dhaqi; sabbata sanas baqaqaa kattaa keessa dhoksi.”
5 Y fui, y le escondí en Éufrates, como Jehová me mandó.
Kanaafuu ani akkuma Waaqayyo na ajajetti dhaqee sabbata sana Laga Efraaxiis bira nan dhokse.
6 Y fue, que a cabo de muchos días me dijo Jehová: Levántate, y vé al Éufrates, y toma de allí el cinto que te mandé que escondieses allá.
Bultii hedduu booddee Waaqayyo, “Amma gara Efraaxiis dhaqiitii sabbata ani akka ati achitti dhoksitu si ajaje sana fudhadhu” naan jedhe.
7 Y fui al Éufrates, y cavé, y tomé el cinto del lugar donde lo había escondido; y he aquí que el cinto se había podrido: para ninguna cosa era bueno.
Kanaafuu ani gara Efraaxiis dhaqee sabbata sana iddoon itti dhoksee ture sanaa qotee baasee nan fudhadhe; sabbanni sun garuu yeroo sanatti ciccitee guutumaan guutuutti horoomaa baʼee ture.
8 Y fue palabra de Jehová a mí, diciendo:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
9 Así dijo Jehová: Así haré podrir la soberbia de Judá, y la mucha soberbia de Jerusalem;
“Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani haaluma wal fakkaatuun of tuulummaa Yihuudaatii fi of tuulummaa Yerusaalem guddaa sana nan balleessa.
10 A este pueblo malo, que no quieren oír mis palabras, que caminan por las imaginaciones de su corazón, y se fueron en pos de dioses ajenos para servirles, y para encorvarse a ellos; y será como este cinto, que para ninguna cosa es bueno.
Sabni hamaan dubbii koo dhagaʼuu didee mata jabina garaa isaa duukaa buʼee waaqota biraa tajaajiluu fi waaqeffachuuf isaan faana buʼe kun akkuma sabbata kanaa ni taʼa; guutumaan guutuuttis horoomaa baʼa.
11 Porque como el cinto se junta a los lomos del hombre, así hice juntar a mí toda la casa de Israel, y toda la casa de Judá, dijo Jehová, para que me fuesen por pueblo, y por fama, y por alabanza, y por honra; y no oyeron.
Akkuma sabbanni tokko mudhii namaatti hidhamu sana anis akka isaan saba, maqaa, galataa fi ulfina naa taʼaniif guutummaa mana Israaʼelii fi guutummaa mana Yihuudaa ofitti maxxanseen ture. Isaan garuu na hin dhaggeeffanne’ jedha Waaqayyo.
12 Decirles has pues esta palabra: Así dijo Jehová, Dios de Israel: Todo odre se henchirá de vino. Y ellos te dirán: ¿No sabemos que todo odre se henchirá de vino?
“Ati akkana isaaniin jedhi: ‘Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: qalqalloon daadhii wayinii hundi daadhii wayiniitiin guutamuu qaba.’ Yoo isaan, ‘Nu akka qalqalloon daadhii wayinii hundi daadhii wayiniitiin guutamuu qabu hin beeknuu?’ siin jedhan,
13 Y decirles has: Así dijo Jehová: He aquí que yo hincho de embriaguez todos los moradores de esta tierra, y los reyes que están sentados por David sobre su trono, y los sacerdotes, y los profetas, y todos los moradores de Jerusalem;
ati akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani namoota biyya kana keessa jiraatan hunda, mootota teessoo Daawit irra taaʼan, luboota, raajotaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hunda machiidhaan nan guuta.
14 Y quebrantarlos he el uno con el otro, los padres con los hijos juntamente, dice Jehová: no perdonaré ni habré piedad, ni misericordia para no destruirlos.
Ani tokkoo tokkoo isaanii walittin buusa; abbootii fi ilmaanis akkasuma walitti nan buusa, jedha Waaqayyo. Ani isaan nan balleessa malee isaaniif hin naʼu yookaan isaaniif hin araaramu yookaan garaa hin laafuuf.’”
15 Escuchád, y oíd: No os elevéis, porque Jehová habló.
Dhagaʼaa; qalbeeffadhaas; of hin tuulinaa; Waaqayyo dubbateeraatii.
16 Dad gloria a Jehová Dios vuestro, antes que haga venir tinieblas, y antes que vuestros pies tropiecen en montes de oscuridad, y esperéis luz, y os la torne sombra de muerte y tinieblas.
Utuu inni dukkana hin fidin, utuu miilli keessan tulluu dukkanaaʼaa jiru irratti hin gufatin Waaqayyo Waaqa keessaniif ulfina kennaa. Isin ifa abdattu; inni garuu ifa sana dimimmisatti deebisee dukkana duudaatti geeddara.
17 Y si no oyereis esto, en secreto llorará mi alma a causa de la soberbia; y derramando derramará lágrimas, y mis ojos se resolverán en lágrimas; porque el rebaño de Jehová fue cautivo.
Yoo isin dhagaʼuu baattan garuu, sababii of tuulummaa keessaniitiif lubbuun koo dhoksaatti ni boossi; sababii bushaayeen Waaqayyoo boojuun fuudhamaniif iji koo akka malee boossee imimmaan ishee keessaa ni rooba.
18 Di al rey y a la reina: Humilláos, asentáos; porque la corona de vuestra gloria descendió de vuestras cabezas.
Mootichaa fi haadha mootichaatiin, “Teessoo keessan irraa buʼaa; gonfoon keessan ulfina qabeessi sun mataa keessan irraa ni buʼaatii” jedhi.
19 Las ciudades del mediodía fueron cerradas, y no hubo quien las abriese: toda Judá fue traspasada, toda ella fue traspasada.
Magaalaawwan Negeeb ni cufamu; namni isaan banu tokko iyyuu hin jiru. Yihuudaan hundi ni boojiʼamti; guutumaan guutuuttis biyyaa fudhatamti.
20 Alzád vuestros ojos, y ved los que vienen de la parte del aquilón: ¿Dónde está el rebaño que te fue dado, el ganado de tu hermosura?
Ija keessan ol fudhadhaatii warra gama kaabaatii dhufaa jiran ilaalaa. Bushaayeen imaanaa sitti kennaman, hoolonni ati ittiin boonte sun eessa jiru?
21 ¿Qué dirás cuando te visitará? porque tú los enseñaste a ser príncipes y cabeza sobre ti. ¿No te tomarán dolores, como a mujer que pare?
Yommuu Waaqayyo warra ati akka isaan michoota siif taʼaniif leenjifte sana sirratti muudutti ati maal jetta? Akkuma dubartii ciniinsifattu tokkoo dhiphinni si hin qabuu?
22 Cuando dijeres en tu corazón; ¿Por qué me ha sobrevenido esto? Por la multitud de tu maldad fueron descubiertas tus faldas, fueron descubiertos tus calcañares.
Yoo ati, “Wanni kun maaliif natti dhufe?” jettee of gaafatte wanni wandaboon kee sirraa mulqamee dhagni kee salphifameef sababii cubbuu kee baayʼee sanaatiif.
23 ¿Mudará el negro su pellejo, y el tigre sus manchas? vosotros también podréis bien hacer, enseñados a mal hacer.
Namni Itoophiyaa tokko bifa isaa yookaan qeerransi buburrina isaa geeddaruu ni dandaʼaa? Isin warri hammina hojjechuu barattanis waan gaarii hojjechuu hin dandeessan.
24 Por tanto yo los esparciré, como tamo que pasa al viento del desierto.
“Akkuma bubbeen gammoojjii habaqii bittinneessu sana anis isin nan bittinneessa.
25 Esta será tu suerte, la porción de tus medidas por mí, dijo Jehová: que te olvidaste de mí, y esperaste en mentira.
Sababii ati na irraanfattee waaqota sobaa amanatteef, kun ixaa kee, qooda ani siif safaree dha” jedha Waaqayyo.
26 Y yo también descubrí tus faldas delante de tu cara, y tu vergüenza se manifestó.
“Akka qaaniin kee mulʼatuuf ani wandaboo kee fuula keetti ol nan soqola.
27 Tus adulterios, y tus relinchos, la maldad de tu fornicación sobre los collados: en el mismo campo ví tus abominaciones. ¡Ay de ti, Jerusalem! ¿No serás limpia al fin? ¿hasta cuándo pues?
Ejjummaa fi himimsuun kee, sagaagalummaan kee kan qaanii hin qabne sunis ni mulʼata! Ani hojii kee jibbisiisaa sana gaarran irraa fi bakkee keessatti argeera. Yaa Yerusaalem, siif wayyoo! Ati hamma yoomiitti xurooftee hafta?”

< Jeremías 13 >