< Salmos 111 >

1 Daré gracias a Yavé con todo [mi] corazón En la compañía de los rectos y en la congregación.
Haalleluuyaa. Ani waldaa tolootaatii fi wal gaʼii keessatti, garaa koo guutuudhaan Waaqayyoon nan galateeffadha.
2 Grandes son las obras de Yavé, Estudiadas por todos los que se deleitan en ellas.
Hojiin Waaqayyoo guddaa dha; warri itti gammadan hundinuus irra deddeebiʼanii yaadan.
3 Espléndida y majestuosa es su obra, Y su justicia permanece para siempre.
Hojiin isaa surra qabeessaa fi kabajamaa dha; qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.
4 Hizo memorables sus maravillas. Clemente y misericordioso es Yavé.
Inni akka dinqiin isaa yaadatamu godheera; Waaqayyo arjaa fi gara laafessa.
5 Dio alimento a los que le temen. Para siempre se acordará de su Pacto.
Inni warra isa sodaataniif nyaata kenna; kakuu isaas bara baraan ni yaadata.
6 El poder de sus obras manifestó a su pueblo Al darle la heredad de las naciones.
Lafa saboota kaanii isaaniif kennuudhaan humna hojii isaa saba isaatti mulʼiseera.
7 Las obras de sus manos son verdad y justicia. Todos sus Preceptos son firmes.
Hojiin harka isaa amanamaa fi qajeelaa dha; ajajni isaa hundinuus amanamaa dha.
8 Afirmados eternamente y para siempre, Hechos con verdad y rectitud.
Isaanis bara baraa hamma bara baraatti jabaatanii dhaabatu; amanamummaa fi qajeelummaadhaanis hojjetamu.
9 Envió redención a su pueblo. Estableció su Pacto para siempre. Santo y asombroso es su Nombre.
Inni saba isaatiif furii ergeera; kakuu isaas bara baraan ajajeera; maqaan isaa qulqulluu fi sodaachisaa dha.
10 El principio de la sabiduría es el temor a Yavé. Buen entendimiento tienen todos los que lo practican. Su alabanza permanece para siempre.
Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu. Galanni isaa bara baraan jiraata.

< Salmos 111 >